SEENAA SAHAABAA kurnan jannataan gammachiifaman

SEENSA


Dandeettiin kan Rabbii Dachii fi Samii erga uumee, ilmaa
namaati fi waa cufa samiif ardii gidduu jiru kan uumeeti.
Galanni isaaf haa gahu. Nabii Muhammadillee  Rabbii
abbaa dandeettii ta’een, Rahmataafi qajeellumaa ta’ee, gara
ilma namaatti islaamummaan ergame. Nabi Muhammadille
nagahaaa fi Rahmanni itti haa dhaqqabu. Erga Nabi
Muhammad  ergaman irraa eegalee. Namoonni Rabbiin
sababa godhee, faana Nabii Muhammad  hordafuun
dandii islaamaa, qulqulleessaa turan hedduudha.
keessumattu warrootni Nabi Muhammad  osoo hin du’in
dhaqqabanii itti amanan lakkoofsa dhabeessa. Isaan kunis
sahaabota jedhamu. Rabbiin Sahaabota fakkeenyummaa
Nabii barsiisee, erga Nabii Muhammad  booda
Dalagaawwan miidhagoo hojjachuun, karaa qajeellumaa
irra nama masakuun isaanii, beektota amantoota islaamaa
biratti shakkii hin qabu. kun Immoo islaamummaa har’a
geette tanaaf wantoota Rabbiin sababa godhe keessa isa
guddaadha. Kanaaf immoo seenaa sahaabotaa baruun cufa
ilma namaatif, bu’aa guddaa waan qabu keessa tokko dha.
Seenaa sahaabotaa baruun Ilmaan muslimaatif maal fayyada?

Gaafi bifa kanaan ka’uuf deebiin isaa hedduudha, keessaa
immoo akka kiyyatti,.” Hunda dura seenama sahaabotaa
baruudha. Yoma seenaa sahaabaa tokkoo qalbisanii baran
gahaadha. nama waa qalbisuuf dhamsattuu jira. dhaamsi
kun immoo faayidaa seenaa sahaabotaa beekuun qabu
isaan akeeka.” Inni biraa immoo; – Seenaa sahaabotaa
beekuun sodaa Rabbii fi jaalala Nabi Muhammad
 onnee
keessatti namaaf dabala. Akkasuma jaalala sahaabotaallee.
“Jaalalli Nabii Muhammad
 fi Sahaabotaa ilma namaatif
maal fayyada?.” ka jedhu gaafin dhihaatuttuu mala.
Kanaaf immoo deebii ka ta’u Hadiisa Nabii Muhammad  caala deebin quubsaa kennamu waan jiru natti hin
fakkaatu. Akka Nabi Muhammad
 jedhetti. “Guyyaa
qiyaama; Namni nama jaalatu waliin tahaa dha.” jedhan.
kun jechuun immoo, Nabi Muhammad
 fi Sahaabota
jaalachuun maal akka ta’ee fi barbaachisummaan isaa ifa
galaadha. Walumaa galatti seenaa sahaabotaa beekuun,
bu’aaleen inni qabu, Galaana keessa akka cirracha
guuruuti. Waan tarreeffamee hin dhuumneedha. Rabbiinis
(SW) seenaa keessa akka gorsi jiru nu dubate.
Anis kanuma sababeeffadhee seenaa Sahaabota muraasaa
afan arabiffaatin baradhe beeku kana, gara afaan oromootti
deebisuuf wanti na kakaase keessa tokko, dirqama
amantiin islaamaa, ilmaan muslimaa irra keetteedha.
Inni biraa immoo biyya teenya biyya dursa amantii
islaamatif balbala bante taatee osoo jirtu, akkasuma biyya

badhaafamtu hayyoota amantii islaamaa osoo taatee jirtu,
seenaan sahaabotaa, kan afaan oromootin barreeffame
ummataaf dhihaate, hamma ammaatti jiraachuu dhabuu
isaati. Halli kun immoo warroota afaan oromoo beekan
bu’aa dhabeeyyi seenaa kana (bu’aalee seenaa sahaabotaa
irraa argamu) waan taasisu keessa tokkoo dha. Kanaaf
barruun kitaaba *seenaa sahaabota kurnana warra jannata*
tun hamma tokko qaawwa doofummaa ummata isslaama
dubbistootaa fi dhageettota afaan oromoo hin cufti jedheen
yaada. Seenaa sahaabotaa kurnan warra jannataa kana
barreesse xumuruuf, bu’aa bahii ogbarruu keessa imalaa
ture. Hamma dandeetti rabbi naaf kenne cufa xuruurradhee,
kitaabota seenaa *sahaabota kurnan warra jannataa* kan
afaan arabiffaatin barraahan hedduu garagalchee seenalee
isaanii, kan yoo beekan bu’aa qaba jedhee yaade, walitti
kuusee, dandeetti fi qarqaarsa Rabbiitti irkadhee haala
kanaan qopheesse jira.
Kana jechuun koo immoo kitaabni tun guutuu dha jechuu
miti. Waa guutu ka danda’u, dandeetti Rabbii waa cufa
guutuu uumeeti. Kanaaf hir’inna argitan hundaaf ana of￾kolchaa.
Ka dubbistan cufarraa akka beekkumsa fi bu’aa haammattan,
Rabbiin beekkumsa uumee, isin faana haa jiraatu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top