Aadaafi Duudhaalee Oromoo

Oromoon bishaan gaafannaan aannan buusee namaaf kenna.
Oromoon dhadhaa baqsee nyaatatti naqee siif dhiheessee
“carraa keessanii akkuma ta’etti nyaadhaagaa” jedha. Sabni
wahii immoo barbaree ittoo godhee siif dhiheesse “nyaadhu
waan manatti oomishamee ni mi’aaha” jedha.1
Aadaa jechuun waan ummanni bara dheeraa
hojjachuudhaan ittiin wal bareefi aadeffateedha. Aadaan
yeroo baay’ee dhalootaa dhalootatti darbaa deema.
Dhaloonni haaraan abbootii irraa dhaalanii isaanis
ilmaaniif dabarsu. Haala kanaan gochichi aadeffatama.
Sabni kamuu saba jadhamee kan waamamu yoo afaan,
seenaa, aadaafi duudhaa akkasumaas falaasama mataa
isaa qabaateedha. Afaan, seenaafi aadaan saba tokkoo
calaqqisiiftuu eenyumaa saba saniiti. Akkuma saba
kamiituu sabni Oromoo aadaa ittiin beekamu boonsaafi
bareedaa qaba. Bal’ina lafaafi baay’ina ummata isaa

1 Jechi kun lamaan waanin ofii kiyyaa argeefi dhaga’eedha. Yaanni
kun naannoo Oromiyaa baay’eetti hojiirra oolee argama; garuu
hundaa miti.

irratti hundaa’ee sabni Oromoo aadaafi duudhaa bal’aa
himamee hin dhumne, garba waraabamee hin hir’anne
qaba.
Akkuma beekamu sabni kamuu aadaalee gaggaarii bu’aa
buusaniifi aadaalee miidhaa geessisan of keessaa qaba.
Aadaan saba kamiituu kana irraa qulqulluu hin ta’u. Isa
kana mata duree aadaafi Islaama jedhu jalatti, yoo
Rabbiin fedhe, adda baafnee dubbanna. Bakka kanatti
garuu aadaalee gaariifi nama boonsan kan ummanni
Oromoo jaarraa hedduu ittiin beekaman irraa kanneen
muraasa gabaabinaan haasofna.
Ummanni Oromoo nyaata, dhugaatii, uffannaa,
fuudhaafi heeruma (cidha), du’aafi awwaalcha, hawaasa
waliin jireenya keessatti, tapha, ayyaana, lola, sirbaafi kkf
hunda keessattuu aadaa of danda’e qaba. Aadaan isaa
kun baay’een isaa waan nama boonsuudha. Aadaan
Oromoo baay’een isaa sirna gadaatiin hogganama. Sirni
gadaa sirna bulmaataa yoo ta’u, kan dimokraasii
ammayyaa irra haalaan miidhagaadha. Waggaa
saddeetitti abbaan gadaa jijjiirama. Gadaan sunis nama
ga’umsa qabuufi biyya hogganuu danda’utu filatama.
Aadaan Oromoo wal fakkeenyaafi garaa garummaa isaa
irratti hundaa’ee bakka baay’eetti qoodama.1 Isaanis:

1 Yaada kana ilma Sheekh Bakrii Saphaloo irraan fuudhe. Aadaa
Oromoo baay’ee kan ofii kiyyaa keessa jiraadhen barreesse. Aadaa Arjummaafi gootummaa
– Aadaa wal gargaarsaa (waliif birmannaa).
– Aadaa nyaataa.
– Aadaa uffataa.
– Aadaa fuudhaa fi heerumaa.
– Aadaa wallee fi weedduu (Sirbaa)
– Aadaa meeshaa fi kkf
Isaan kana keessaa arjummaa, gootummaafi aadaa wal
gargaarsa Oromoo irratti hanga ta’e dubbanna.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top