Ummanni Oromoo nuti keessa jiraannee guddanne
aadaan, duudhaan, safuufi kabajni inni qabu waan
baay’ee nama boonsuudha. Ummata arjummaafi
gootummaa keessatti daangaa tareedha.
Jechoonni ani jalqaba matadurechaatti barreesse
arjummaa ummata Oromoo sirriitti ibsa. Jechi kun
Oromiyaa keessa bakkan dhaqe baay’eetti na mudateera.
Namni tokko yoo karaa deemaa dheebotee mana
namaatti goree bishaan gaafate bishaan qofa isaaf
kennuun Oromoota biratti qaaniidha. Yeroo baay’ee
aannaniifi nyaata isaaf dhiheessu. Naannoo aannan hin
jirretti qaawwaa dhugi jedhanii buna dhaabanii nyaataa
waliin dhiheessuuf. Akka himni lammaffaa ibsutti
ummanni Oromoo yoo dhiiga isaa namaaf arjoomellee
ittiin hin dhaaddatu. Inumaa ‘waan isiniin malu guutuu
hin dandeenyee akkuma ta’etti nyaadhaa’ jedha. Namni
saba biraa wahii qe’ee Oromoo dhaqnaan isa
keessummeessanii nyaata qopheessanii dhadhaa baqsanii
itti naqanii dhiheessaniifii ‘carraa keessaniigaa akkuma
ta’etti nyaadhaa’ jedhaniin. Namichis dinqisiifatee ‘sila
nyaanni kanaa olii maaltu namaaf dhiheeffama?’ jedhe.
Aadaan saba garii biyya keenya keessa jiranii immoo
barbaree bulbulanii nyaatatti naqanii sitti dhiheessanii
‘nyaadhu waan manni oomishee ni mi’aaha’ siin jedhu.
Aadachis waanuma qaban namaaf gumaachuu nu
agarsiisa. Isaafis hiika gaarii kennuun ni danda’ama.
Garuu yeroo gocha ummata kana lamaanii waliin
madaaltu ummata biyya tokko keessa waliin jiraatan hin
fakkaatan.
Ummanni Oromoo gootummaanis fakkii hin qabu.
Kanaafuu meeshaa lolaa boodatti hafaa kan akka
waraanaafi guraadeetiin meeshaa lolaa ammayyaa
Habashoonni Awrooppaa irraa kadhatan dura dhaabataa
turan. Sodaatanii bara kamuu callisanii harka hin
kennine. Garuu gootumman Oromoo beekumsaan
hogganama. Yoo lolli inni itti seenu bu’aa hin qabuu
hubate hayyootaan mari’atee nageenya filachuun ni
mala. Kun immoo beekumsa malee sodaa miti. Kun
aadaa gootummaafi arjummaa ummatichaa
ilaallatuudha.



