• Yaa obboleessa koo yaa obboleettii tiyya
  • Addunyaa tana irratti eega Rabbiitti aanenamni siif dhimmu namni siif nahu namni gatii siif kaffalu yoo jiraate Haadha fii Abbaa keeti isaan qabenya madaallin hin madaalle kennaa Rabbiin siif kenneedha
  • isaan kabajuun filannoo miti Durqama lsaanitti tola ooluun hojii qofa miti furtuu jannataati

1 Haadha Burqaa Rahmataa

  • Haati ishiin tan ji’a Sagal garaatti si baatteedha Dhiiga ishii hirribni hin qabu Yeroo dhukkubbattee Dhibeen kee kan ishiitii Yeroo addicted imimmaan kee kan ishiiti Rabbiin (s w) ciniinsuu san hundaaf aarsaa ishiin kaffalte hundaaf jannata miila ishii jala godhe har’a yoo ishiin dulloomte yoo humna dhabde uff hin jedhiniin Akka daa’imaatti ishii kunuunsi

2. Abbaa Utubaa Jireenyaa

  • Abban isa lafee isaa caccabsee dafee dhama’ee aduu fi qorra dandamatee si guddisuu irratti arreedudha Akka atii gadi hin jennetti ofii isaatii gadi jedhee kan si ol qabu abbaadha Abbaan gaaddisa Abbaan wabiidha jaalalli isaa dhokataadha garuu aarsaan isaa ifaadha fuula isaa keessa yoo ilaaltu dadhabbii waggoota dheeraa argita kan inni siif jedhee dabarse

3 Gara laafina fii kabaja

  • Qur’aana keessatti rabbiin S W gabbarrii isaa itti aansee haadha fi abbaatti tola ooluu Ajaje
  • kanaafu Sagalee kee gadi qabi yeroo isaan dubbistu sagalee kee ol hin kaasiniin ija kee laaffisi ija laalalaa fi rahmataatiin isaan ilaali Du’aa’ii godhiif yaa Rabbii akka isaan xiqqaanya kootti na guddisan atiis rahmata godhiif jedhii kadhadhuuf Hadhaa fii Abbaa Kee Jabeyfadhuu NAGATTII NAAF JIRAADHA

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top