Sahaabonni Rasuulaa (SAW) godaansa jalqabaa irraa yommuu gara
Makkaa deebi’an, Qureeshonni isaan irratti jabaatte. Qureeshota
irraa rakkinni cimaan isaan qunname. Ergasii Ergamaan Rabbii
(SAW) si’a lammataatiif gara Habashaa akka godaanaan isaaniif
hayyame.
Ibn Isihaaqi fi kanneen biroo akka gabaasanitti si’a lammataaf kan
godaanee dhiira 82 yookiin 83 (yoo Ammaar ibn Yaasir keessa
jiraate). Akkasumas, dubartoonni 18 godaananii jiru. Isaan keessaa
11 miseensa Qureeshotaa irraayyi. 7 immoo miseensa gosa biraa
irraayyi. Ijoolleen isaaniis isaan waliin godaananii turan.
Akkasumas, Habashaa keessatti kan dahan ni jiru.
2.1-Muhaajirota (Godaantota) Deebisuuf Carraaqqi
Qureeshonni Najaashi Biratti Godhan
Muslimoonni Najaashi biratti nagaha ta’anii fi iddoo jireenyaa
argatanii Rabbiin qofa gabbaraa jiraachu Qureeshonni yommu
argitu, wal jidduutti shira baasu jalqabde. Muslimoota gara Makkaa
deebisuuf gara Najaashi jiila (garee) ergan. Jiilli kuni shira
Qureeshota hojii irra oolchuuf haa deemu malee gara hin beekneen
Islaamaa fi Muslimoota fayyadee jira. Shirri isaanii kuni haasofti
mootii Habashaa fi Ja’afar jidduutti akka gaggeefamuuf sababa 240
Haadha manaa Nabiyyii (SAW) tan taate Ummu Salamat bint Abi
Umayyah bin Mughiirah akkana jetti: Yommuu lafa Habashaa
qubannu, ollaa hundarra gaari ta’etti olloomne. Amanti keenya
irratti nagaha arganne. Rabbii olta’aa ni gabbarre. Hin rakkifamnu,
wanta jibbinu hin dhageenyu. Yommuu haalli kuni Qureeshota
gahu, wal jidduutti shira baasan. Waa’ee keenya ilaalchisee gara
Najaashi namoota ciccimoo lama ni ergan. Meeshaalee Makkaa
keessaa kan ija isaa butu Najaashiif akka kennaatti kennuuf
karoorsan. Wanti hundarra gaarii fi ajaa’ibaa isaan makkaan irraa
isatti fidu danda’an gogaa duugameedha (leather). Isaanis gogaa
baay’ee isaaf walitti qaban. Akkasumas, patraayiki 1 Najaashi
hundaafu tokkoon tokkoon kennaa akka kennan karoora baasan.
Ergasii karoora kana hojii irra oolchuf Qureeshonni Abdullah ibn
Abii Rabii’ah ibn Al-Mughiirah Al-Makhzuumiy fi Amr ibn Al’aas
ibn Al-Waa’il As-sahmii ergan. Isaanis (hoggantoonni Qureeshota)
ajaja kana isaan lamaanif kennan: Isaan (sahaabota) ilaalchisee
Najaashitti dubbachuun dura patraayiki hundaaf kennaa kennaaf.
Ergasii Najaashif kennaa isaa kennaaf. San booda osoo isaanitti
(sahaabotatti) hin dubbatin akka isiniif dabarsee kennu gaafadhaa.”
Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al’aas Makkaan gadi furanii gara
Najaashi deeman. Nuti isa (Najaashi) biratti iddoo jireenyaa gaarii
fi ollaa gaarii keessa taane jirra. Najaashi haasofsiisuun dura
patraayiki keessaa homtu hin hafne kennaa isaa yoo kennaanif
malee. Ergasii patraayiki hundaan akkana jedhan: “Dhugumatti,
dargaggoonni gowwoota ta’an amanti ummata isaanii gadi furanii
fi amanti keessanitti hin seenne biyya mootii keessanii dhufuutti
qajeelan. Amanti haarawa nutis ta’e isin hin beekne fidan.
Manguddoonni ummata isaanii akka isaanitti deebisnuuf gara
mootitti nu erganii jiru. Waa’ee isaanii ilaalchisee mootii yoo
dubbisne, akka dabarsee nuuf kennuu fi isaan hin dubbisne isatti
akeekaa. Dhugumatti, ummanni isaanii waa’ee isaanii ilaalchisee
sirritti kan arganii fi beekaniidha.” Patraayikonnis tole jedhan.

1 Patraayikin amanta Kiristaana keessatti qeysi sadarkaa ol’aanaa qabuudha. 241
Ergasii deemanii kennaa isaanii Najaashitti dhiyeessan. Innis isaan
irraa ni fuudhe. Itti aansanii isa dubbisan, ni jedhan, “Yaa mootii!
Nu keessaa dargaagonnii gowwoota ta’an gara biyya keetitti
qajeelan. Amanti ummata isaanii ni dhiisan, amanti kee keessas hin
seenne. Amanti haarawa nutis ta’e ati hin beekne fidan. Abbootii fi
abbeerota isaanii irraa manguddoonni ummata isaanii akka isaanitti
deebistuuf gara keetti nu erganii jiru. Isaan waa’ee isaanii ilaalchise
sirritti argu, wanta isaan isaanirratti akka hanqinnaatti ilaalan sirritti
beeku.”
Najaashin dubbii isaanii (sahaabota) dhagayuu caalaa wanti
Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al’aas biratti jibbamaa ta’e hin
jiru. Patraayikonni naannawa isaa jiran ni jedhan: Yaa mootii, isaan
dhugaa dubbatanii jiru. Ummanni isaanii waa’ee isaanii ilaalchisee
sirritti argu. Wanta isaan isaanirratti akka hanqinnaatti ilaalan
hunda caalaa beeku. Kanaafu, gara biyyaa fi ummata isaanii akka
deebisaniif isaaniif dabarsi kenni.”
Najaashin ni dallane, ergasii ni jedhe: Rabbiin kakadhe, gonkumaa
hin ta’u. Isaaniif dabarsee hin kennu. Namoota natti olloomanii
biyya kiyya keessa qubatanii fi nama biraa caalaa ana filatan irraa
shira hin sodaadhu. Xiqqaate xiqqaatu hanga isaan waamee wanta
namoonni lamaan kunniin waa’ee isaanii ilaalchise jedhan
gaafadhutti hin kennu. Akkuma isaan jedhan yoo ta’an, isaan
lamaanif dabarsee kenna, gara ummata isaanittis nan deebisa.
Garuu kanaan ala yoo ta’an, isaan lamaan irraa nan eega. Hanga
isaan naan olloomu turanitti ollaa gaarii isaaniif ta’a. (Ahmad 5/290
gabaase, lakk.22498)
2.2-Haasawa Ja’afarii Fi Najaashi Jidduutti
Adeemsifame
Ergasii najaashin gara sahaabota Nabiyyitti (SAW) ergee akka
dhufan ajaje. Yommuu ergamaan najaashi isaanitti dhufu,
sahaabonni bakka tokkotti walitti qabamuun, “Namticha (Najaashi) 242
yoo itti dhuftan maal jettuun?” waliin jedhan. Ni jedhan, “Wanti
ta’e haa ta’u, Rabbiin kakanne! wanta Nabiyyiin keenya (SAW) nu
barsiisee fi ajaje jenna.” Najaashin qeeysota isaa waame. Isaanis
galmee isaanii ni diriirsan. Yommuu Muslimoonni dhufan
Najaashin akkana jechuun isaan gaafachuu jalqabe, “Amantiin isin
ummata keessan irraa ittiin adda baataniin maaliidhaa? Amanti
kiyya keessa hin seenne, ummattota addunyaa keessaas amanti
nama tokko keessa hin seenne.”
Ummu Salamat itti fufuun ni jetti, “Namni isa dubbise Ja’afar ibn
Abi Xaalib (radiyallahu anhu) ture. Ja’afaris ni jedheen, “Yaa
mootii! Nuti ummata jaahiliyyaa (wallaalummaa) turre. Siidaa
gabbarra, baktii nyaanna, wanta fokkuu ni hojjanna, hariiroo
firummaa ni kunna, nu keessaa namni jabaan nama dadhabaa
nyaata. Hanga Rabbiin Ergamaa sanyii, dhugummaa, aamaanaa fi
kabaja isaa beeknu nutti ergutti nuti haala kana irra turre. Dhagaa fi
muka, nu fi abbootin keenya gabbaraa turan dhiisuun Rabbiin akka
tokkichoomsinuu fi gabbarru gara Rabbii nu waame. Dhugaa
dubbachuu, amaanaa deebisuu, rahiimummaa (hariiroo firummaa)
sufuu, ollummaa tolchuu, wantoota dhoowwamanii fi dhiiga jiigsu
irraa akka of qusannu nu ajaje. Wantoota fokkuu, dubbii sobaa,
qabeenya yatimaa nyaachu fi dubartii qulqulluu zinaan maqaa
xureessu irraa nu dhoowwe. Osoo homaa Isatti hin qindeessin
Rabbii Tokkicha akka gabbarru nu ajaje. Salaata, zakaa fi soomattis
nu ajaje.”
Dhimmoota Islaamummaa biroo isaaf lakkaa’e. Ja’afar itti fufuun
ni jedhe, “Isa dhugoomsinee isatti amanne. Wanta dhufeen irratti
isa hordofne. Rabbii Tokkicha ni gabbarre, homaa Isatti hin
qindeessinu. Wanta inni haraama nurratti godhe nutis haraama
goone, wanta inni halaala nuuf godhe halaala goone. Ummanni
keenyas nurratti daangaa darbuun nu rakkisan, Rabbiin gabbaruu
irraa gara dhagaa fi muka gabbaruutti akka deebinuuf amanti
keenya keessatti nu qoran. Yommuu isaan nu hacuucanii fi 243
miidhan, nuu fi amanti keenya jidduu seenan, gara biyya keetti
baane. Nama biraa caalaa si filanne. Ollummaa kee barbaanne. Yaa
mootii, nuti si biratti akka hin miidhamne ni abdanne.”
Najaashinis Ja’afarin ni jedhe, “Wanta inni(Nabiyyin) Rabbiin irraa
fide keessaa waa si bira jiraa?” Ja’afaris ni jedhe, “eeyyeen.”
Najaashinis isaan ni jedhe, “Naaf dubbisi.”
Ja’afaris, Kaaf-Ha-Yaa-aayn-Saad jedhee jalqabuun suuratu
Mariyam irratti qara’e (dubbise). Rabbiin kakadhe! Hanga areenni
isaa imimaanin jiidhutti Najaashin ni booye. Qeeysonnis wanta
isaan irratti qara’e yommuu dhagahan hanga galmeen isaanii
jiidhutti ni booyan. Ergasii Najaashin ni jedhe, “Dhugumatti, kuni
fi wanti Muusaan ittiin dhufe, madda tokko irraa kan bahaniidha.
[Gara ergamtoota Qureeshotaa lamaanitti garagaluun akkana
jedheen]: Deemaa, ani gonkumaa isaan dabarsee isiniif hin kennu.
Shiras isaan irraa hin sodaadhu.”
2.3-Hariiroo Muslimootaa fi Najaashi jidduu jiru
balleessuf yaali biraa
Ummu Salamat itti fufuun ni jetti, yommuu Abdullah ibn Rabii’ah
fi Amr ibn Al-Aas Najaashi biraa bahan, Amr ibn Al-Aas ni jedhe:
Wallaahi boru eeybi (hanqinna) isaanii isa beeksiisa, ergasii
jireenya isaanii hunde irraa buqqisa. Garuu Abdullah ibn Rabii’ah
ni jedhe, “Kana hin hojjatin. Osoo nu faallessaniyyuu haqa
firummaa ni qabu.” Amris ni jedhe, “Wallaahi, ‘Isaan Iisaan ibn
Mariyam gabricha akka ta’e dubbatu’ jechuun isatti beeksisa.”
Ergasii bariisifatee gara Najaashi deemun, “Yaa mootii! Iisaa ibn
Mariyam ilaalchisee dubbii guddaa dubbatu. Gara isaanitti ergiiti
wanta isaan jedhan gaafadhu.” Jedhe. Najaashinis waa’ee kanaa
isaan gaafachuf ergamaa itti erge. Ummu Salamat ni jetti: Wanti
akkanaa duraan nu hin qunnamne. Gareen Muslimoota walitti
dhufuun, “Waa’ee Iisaa ilaalchisee yoo isin gaafate maal jettu?”
waliin jedhan. Ni jedhan, “Wanti fedhe haa uumamu, Rabbiin 244
kakanne! Isa ilaalchise wanta Rabbiin jedhee fi Nabiyyiin keenya
ittiin dhufe jenna.” Yommuu isatti seenan, Najaashin isaaniin ni
jedhe, “Iisaa ilma Mariyam ilaalchisee maal jettuu?” Ja’afar ibn
Abi Xaalibis ni jedheen, “Isa ilaalchise wanta Nabiyyiin keenya
ittiin dhufe jenna: Inni gabricha Rabbiitii fi ergamaa Isaati. Ruuhi
Rabbiin uumee fi jecha gara Mariyamitti darbeedha. (Jechi tuni,
“ta’i” tan jettuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota
hundaa irratti danda’aa waan ta’eef wanta tokko hojjachu yoo
fedhe, “Ta’i” jedhan. Wanti sunis yoosu ta’ee argama. Iisaanis
(nageenyi isarratti haa jiraatu) “Ta’i” jedhamuun garaa haadha isaa
keessatti kan argameedha (uumameedha).)
Ergasii Najaashin harka isaa lafarratti rukutee ulee ol fuudhe. Itti
aanse ni jedhe: wanta ati jettee caalaa Iisaan ilmi Mariyam hanga
fageenya ulee tanaayyu hin deemu. (kana jechuun waa’ee Iisaa
ilaalchise wanti ati jettee dhugaadha. Dhugaa kanarraa fagaate
Iisaan gooftaa ykn ilma gooftaa ta’uu hin danda’u.) Yommuu
Najaashin kana jedhu patraayikonni dallansuun dubbatan. Ergasii
ni jedhe, “Osoo dallantanillee [Wanti ani dubbadhee dhugaadha].
[Ergasii gara Muslimoota garagaluun ni jedhe], Deemaa, isin biyya
kiyya keessatti nagaha taatanii jirtu. Namni isin arrabse, ni qabama.
Isin keessaa nama tokko miidhun warqii hanga gaaraa qabaachuu
hin jaalladhu. [Ergasii gara patraayikotaa garagaluun ni jedhe]
kennaa isaanii isaaniif deebisaa. Haajaa itti hin qabnu. Rabbiin
kakadhe! Yommuu Rabbiin mootummaa kiyya naaf deebise,
mattaa narraa hin fudhanne. Ani immoo mattaa ni fudhadhaa?”
Ummu Salamat ni jetti: Abdullah ibn Rabii’ah fi Amr ibn Al-Aas
wanti fidan isaan irratti deebifamee salphatanii isa biraa bahan.
Nutis Najaashi biratti iddoo jireenyaa fi ollaa gaarii keessa jiraanne.
(Musnad Ahmad 1/202-203)
2.4-Islaamawu Najaashi
Najaashin Islaamawee fi Nabiyummaa Nabiyyi (SAW) dhugoomse
jira. Garuu ummanni isaa sobaa fi jallinna irratti gadi jabaachu fi 245
amanti jallataa irratti goguu isaanii yommuu beeku iimaana
(amanuu) isaa isaan irraa dhokse. Abu Hureyraan akka gabaasetti,
guyyaa Najaashin du’ee Ergamaan Rabbii (SAW) du’a isaa ni
beeksisan. Iddoo itti salaatamutti isaan baasun hiriira isaan
qabsiisee Takbiiraa afur isarratti godhe.”1
Jaabiris akka gabaasetti,
yommuu Najaashin du’u Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan,
“Har’a namtichi gaariin du’ee jira. Kanaafu olka’aatii obboleessa
keessan As-hamah irratti salaataa.” 2 Rabbiin Najaashi irraa haa
jaallattu. (Maqaan dhuunfaa najaashi “As-hamah”dha. Najaashin
maqaa wali galaa mootota Habashaa yeroo saniitif kennamuudha.
Akkuma “Abbaa Gadaa” jennu. Abbaan Gadaa maqaa wali galaa
namoota Oromoo hoggananiif kennamuudha.)
Barnoota Asirraa Fudhatamu
➦Diinonni Islaamaa Islaamaa fi Muslimootatti duuluf qabeenya
baay’ee dhangalaasu. Kennaa Qureeshonni Najaashif dhiyeessan
irraa ni hubanna.
➦ Biyya ofii keessatti amanti ofii gaggeessu yoo dadhaban bakka
biraa deemun amanti ofii gaggeessu. Godaansa sahaabota irraa
kana ni baranna. Jireenya keessatti wanti namni dursa kennuufi
qabu, amanti isaati. Bakka kana yoo deeme ykn jiraadhe “Amanti
kiyya Islaama haala sirrii fi nagahaan gaggeessu danda’aa?” jedhe
of gaafachu qaba.
➦Bareedinna Islaamaa- Ja’afar dukkanna kufrii fi shirkii duraan
keessa turanii fi ifa Islaamaa keessa jiran yommuu tarreessu ni
hubanna. Islaamni umamtootaaf gabra ta’uu irraa gara Uumaaf
(Khaaliqaaf) gabra ta’uutti nama waama. Wantoota fokkuu irraa
gara amalootaa fi hojii babbareedotti nama affeera. Kuni hundi
bilisummaadha.
➦Gatii dhugaa dubbachuun qabu- tarii namni jireenya ofiitiif
sodaate ykn faayda argachuuf jedhee soba dubbata. Sahaabonni

1 Sahiih Al-Bukhaari- 1333
2 Sahiih Al-Bukhaari- 3888 kunniin waa’ee Nabii Iisaa yommuu gaafataman, homaa osoo hin
sodaatin, dhugaa dubbachuu irratti wali galan. Kuni kan agarsiisu,
namni yoo jiraates haqarratti yoo du’es haqarratti ta’uu akka
qabuudha. Sobni balaa jalaa nama hin baasu. Keessumayyu waa’ee
hundee amanti ilaalchise sobuun yakka guddaa adabbii cimaatti
nama geessudha. Namoonni kunniin haqa waan dubbataniif
jireenya isaanii guutuu tasgabbii fi kabajaan jiraatan. Kanaafu, kan
nama baasu soba osoo hin ta’in dhugaadha (haqa).
➦Waliin mari’achuu fi hoggannaa sirrii filachuu- seenaa kana
keessatti waliin mari’achuu sahaabotaa fi nama aaqila dubbii sirritti
beeku akka filatan ni agarra.
➦Dubbii namootaaf maluu dubbachuu- Ja’afar ibn Abi Xaalib
namni inni dubbisaa jiruu Kiristaanota ta’uu yommuu beeku, gara
Islaamatti isaan waamuf Suuratu Mariyam filate. Suuran tuni
waa’ee Mariyamii fi Nabii Iisaa (aleyh salaam) dubbatti. Kanaafu,
inni carraa kanatti fayyadame.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top