1-Dhugumatti haqummaan gatii daangaa hin qabneedha, wanta
muraasa irratti kan daangeeffamuu miti. Rasuulli (SAW) ergamuun
dura hundee haqummaa keessatti hirmaachuu isaa akka kabaja
guddaatti ilaale. Namni fedhe haqummaa bakkaan haa gahuu,
gochi kuni mataan isaa faarfamuu kan qabuudha.
2-Gamtoominni Fuduul dukkana jaahiliyyah keessatti akka bakka
gammoojjii bishaanii fi biqiltoota of keessaa qabuuti. Kuni kan
agarsiisu badiin hawaasa ykn sirna kam keessattuu yoo babal’ate, 78
hawaasni kuni amala gaarii wanta jedhamu guutumaan guututti of
keessaa hin qabu jechuu miti. Makka keessa hawaasa wallaalaa
badiin baay’een kan akka sanama gabbaruu, sagaggalummaa, dhala
nyaachuu, zulmii fi kkf babal’atanii kan turaniidha. Garuu kana
waliinuu namoonni sammuu fi amala gaarii qaban ni jiru turan.
Hojii badaa armaan olii ni jibbu. Haqaaf ni dhaabbatu. Kana keessa
bakka namoonni Islaamummatti hin bulletti barnoota guddaatu
warroota Islaamatti waaman (daa’iwwaniif) jira. Badiin hawaasa
haguugee jira jechuun cal’isuu hin qaban.
3- Haala kamiiniyyuu haa ta’uu zulmiin (miidhaan) wanta
fudhatama hin qabneedha, osoo namoota muraasa irratti
raawwatameyyu. Islaamni zulmii itti duula. Bifa, amantii, biyyaa fi
saala isaa osoo hin ilaalin nama miidhame cinaa ni dhaabbata.
Namni miidhame Muslima ta’ee hin taanee, nama gaarii ta’e hin
taanee, dureessa ta’e hiyyeessa ta’e kan miidhame yoo ta’e,
Islaamni nama miidhame kana cinaa dhaabbachuun haqummaaf
falma. Qur’aana keessatti Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) akkana
jedhe:
“Yaa warra amantan! Osoo lubbuma keessan yookiin abbaa
haadha keessanii fi firoottan keessan irratti ta’eeyyuu Rabbiif
ragaa baatota ta’uun haqummaan kan gadi dhaabbatu ta’aa.
Yoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’anis Rabbitu irra isaanitti
aana. Haqa irraa dabuuf fedhii lubbuu keessanii hin
hordofinaa. Yoo [ragaa keessan] dabsitan yookiin [ragaa bahuu
irraa] garagaltan, dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan
keessaa beekaa ta’eera.” Suuratu Al-Nisaa’a 4:135 79
Aayah tana akka nuuf fassaru (ibsu) ibn Kasiiriif mee haa dhiisnu:
Rabbiin olta’e gabroota Isaa haqummaan akka dhaabbatan ajaja.
Haqa irraa bitaa fi mirga goruu hin qaban. Nama isaan komatu
sodaachu hin qaban. Akkasumas, wanta tokko Rabbiif jedhanii
hojjachuu irraa homtu akka isaan hin garagalchine. Rabbiif jedhanii
wal-gargaaru fi wal deeggaruu qabu. Jechi Isaa, “Rabbiif ragaa
baatota ta’uun” jedhu, jecha suurah biraa keessatti akkana
jedhuun wal fakkaata, “Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa”
(Suuratu Xalaaq 65:2) Kana jechuun ragaa bahuun Fuula Rabbii
barbaaduf ta’uu qaba. (Na argaaf ykn dhaadannaaf osoo hin ta’in
Rabbiif jedhanii ragaa bahuun garmalee barbaachisaadha.) Sababni
isaas, Rabbiif jedhanii yoo ragaa bahan, ragaan kuni sirrii fi kan
haqaa ta’a; micciiruu, jijjirraa fi dhoksuu irraa ni bilisooma.
Kanaafi akkana jedhe, “Osoo lubbuma keessan…irratti
ta’eyyuu” kana jechuun yommuu dhimma wayii gaafatamte ragaa
dhugaa bahi, haqa dubbadhu osoo miidhan sirritti kan deebi’u
ta’eyyuu. Dhugumatti, Rabbiin nama Isaaf ajajame, dhimma
isarratti dhiphatu hunda keessaa karaa itti bahu godhaaf.
“yookiin abbaa haadha keessanii fi firoottan keessan irratti
ta’eeyyu” kana jechuun ragaa bahuun haadha abbaa keeti fi firoota
kee irratti osoo ta’eyyuu, ragaa bahuu keessatti isaan akka addaatti
hin ilaalin. Kana irra, osoo miidhaan isaan irratti deebi’eyyu
haqaan ragaa bahi. Sababni isaas, haqni namoota hunda irratti
abbaa murtiiti. Nama hunda caalaa durfama.
“Yoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’aniis Rabbiitu irra isaanitti
aana.” Kana jechuun nama dureessa ta’eef durummaa isaatiif isa
caalchisuun [ragaa sobaa hin bahinaa], ammas nama hiyyeessa
ta’ees hiyyummaa isaatiif garaa laafuun [isaaf ragaa sobaa hin
bahinaa]. Sababni isaas, Rabbiin hiyyeessaa fi dureessa kan
eeguudha. Si caalaa Rabbiitu isaanitti aana. Wanta gaarii isaaniif
ta’u Inni hunda caalaa ni beeka. 80
“Haqa irraa dabuuf fedhii lubbuu keessanii hin hordofinaa.”
Kana jechuun dhimma keessan keessatti fedhiin lubbuu,
sabboonummaanii fi jibbi namootaaf qabdan haqummaa irraa akka
dabdanii fi haqa dhiistan akka isin hin taasisne. Kana irra, haala
kam keessattu haqummaa qabaadhaa. Akkuma Rabbiin jedhe:
“Jibbi namootaa haqummaan dalaguu irraa isin hin dhoowwin.
Haqa hojjadhaa, isaatu sodaa Rabbiitti irra dhiyoodhaa.
Rabbiiniis sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin
hojjattan hunda beekaadha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:8) (Jibbi
namootaaf qabdan haqaan dalaguu irraa akka isin hin dhoowwine.
Akkuma nama jaalattaniif haqummaan dhaabbattan, nama
jibbitaniifis haqummaan dhaabbadhaa. Diina keessanuu osoo ta’e
haqa malee isa hin miidhinaa.)
Akka fakkeenyaatti, Ergamaan Rabbii (SAW) Abdullah ibn Rawah
gara yahuudota Kheybar jiranitti erguun gibira akka sassaabu
ajajan. Yahuudonnis akka Abdullaan isaaniif laafu mattaa
(maallaqa haqa itti dabsan(gubboo)) isaaf kennuu barbaadan. Garuu
inni akkana jedheen, “Dhugumatti namoota hunda caalaa na biratti
jaallatamaa kan ta’e biraa dhufe. Isin immoo jaldeessaa fi booyyee
caalaa na biratti jibbamoodha. Jaalalli ani isaaf (nabiyyiif) qabu,
akkasumaas, jibbi ani isiniif qabu, isin keessatti haqaan dalagu irraa
na hin dhoowwu. Isaanis ni jedhan: Samiwwanii fi dachiin
[haqummaa] kanaan dhaabbatan.1
“Yoo [ragaa keessan] dabsitan” jechuun ragaa micciiruu fi
jijjirruudha. Kuni arrabaan ragaa haqa irraa dabsuu, gara hundaan
wanta sirrii barbaadame irraa dubbii micciiruu fi osoo beekanii
kijibuu of keessatti qabata. “Yookiin [ragaa bahuu irraa]
garagaltan” jechuun dhoksuu fi ragaa bahuu dhiisuu.
1 Tafsiiru ibn Kasiir 3/237-338, Daaru Ibn Al-Jawzi, Also English Translation
Tafsir Ibn Kathir, Tafsiru Suuratu An-Nisa, https://quran.com/5/8 81
Nama ragaa micciire(dabsee) fi jijjiiree yookiin ragaa bahuu
dhiisee fi dhokse, Rabbiin akeekachiisa cimaa akeekachiisa.
“dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaa
ta’eera.” Kana jechuun wanta hojjattan hunda takka takkaan kan
beekuudha. Wanti Isarraa dhokatu tokkolleen hin jiru. Kana keessa
nama ragaa dabsu ykn dhiisuuf akeekachiisa cimaatu jira. Nama
sobaan murteessu ykn kijibaan ragaa bahuuf immoo kana caalaa
akeekachisa guddaatu jira. Sababni isaas, sobaan murteessuun ykn
ragaa bahuun yakka irra guddaa ta’eedha. Kan jalqabaa haqa
dhiise, kuni immoo haqa dhiisee sobaan hojjate. 1
(Namni osoo
beeku ragaa dhoksu haqa dhiisee jira, namni sobaan ragaa bahu ykn
sobaan murteessu immoo sobaan hojjate jira.)
4-Gara seenaa gamtoomina fuduulitti yommuu deebinu, barnoonni
biraa asirraa baratamu, kheeyrii hojjachuu, haqummaa gadi
dhaabuu fi zulmii buqqisuuf waligaltee uumuun wanta
hayyamameedha. Garuu yommuu Muslimoonni kana hojjatan
Islaamaa fi Muslimootaaf wanta hundarra gaarii ta’e ilaaluu qabu.
Zulmii buqqisna jedhanii wanta zulmii san caalu yoo fidan, hojiin
akkana hin ta’u. Hanga danda’ameen karaa salphaan zulmii san
buqqisuuf yaaluu qabu. Ta’uu baannaan hanga haalli mijaawu
eeguu qabu.
5-Barnoonni biraa asirraa baratamu, Muslimni ummata isaa
keessatti lakkoofsa qofa osoo hin ta’in dhiibbaa gaarii (positive
influence) uumuuf carraaquu qaba. Nabiyyiin ergamuun dura
hawaasa keessatti amala gaarii isaatiin kan beekkamu ture.
Kanarraa kan ka’e, “Al-Amiin (Amanamaa)” jechuun moggaasan.
1 Tafsiiru Sa’di-227, Daaru salaam

