Qabatama biyya keenyaatti yeroo as deebinu, dhugaa jiru
dubbatanii rakkoo jiruuf furmaata barbaaduun dirqama
ta’a. Dhugaa jiru haguuganii bira darbuun gonkuma nu
fayyaduu hin danda’u. Wanti ani warraaqsa biyya
keenyaa irraa yeroo baay’ee hubadhe gareen tokko ogga
eenyummaa wahii irratti hundaa’ee ijaarame
eenyummaa hafe hunda mormuu fedha. Eenyummaan
biyya keenya keessatti bakka guddaa qabu sadii ta’ee
natti mullata. Isaanis lammummaa (biyyooma),
sabboonummaa (saba dursuu) fi amantiidha. Gareen
maqaa biyyaatiin ijaaraman baay’een yeroon dubbii
isaanii dhaggeeffadhu maqaa sabaafi amantii dhaga’uu
hin fedhan. Namni isaan biratti eenyummaa isaa kan
sabaafi amantii mullifate akka dhiphina qabutti ilaalama.
Yeroo baay’ee ijaarsa haala kanaatiin kan socho’aa turan
warra Amaaraati. Dhaabbanni siyaasaa isaanii kan yeroo
ammaa jiranis yaaduma kana labsu. Warri
sabboonummaan wal ijaaran immoo maqaa biyyaafi
amantii dhaga’uu hin fedhan. Biyya isaanii himachuu
kan hin feenellee ni jiru. Haalli kun bara dheeraadhaaf
Oromoota keessa ture. Warri amantiin wal ijaaranis
akkasuma waa’ee biyyoomaafi sabboonummaa dhaga’uu
hin fedhan. Dhugaan jiru garuu kanaa miti. Gareen
sabboonummaa ogga ijaaramu garaa garummaa amantii
jiru hubatee amantii walii waliif kabajee waliin deemuun
dirqama ta’a. Warri amantiin wal ijaares garaa
7
garummaa sabaa jiru hubatee osoo sabboonummaa hin
mormin wal kabajanii waliin jiraachuun dirqama
isaaniiti. Ani garee amantiitti seenuudhaan
sabboonummaan narraa haqamuu hin danda’u;
sabboonummaatti seenuudhaafis amantii kee dhiisi naan
jedhamuu hin qabu. Mirgi kiyya hunda keessattuu ifaan
ifatti mullatee naaf kabajamuu qaba. Biyyoomnis
akkasuma ta’a.
Oromummaafi Islaamummaa yoo ilaalles kana irraa
addaa miti. Amantiis ta’ee sabni eenyummaa namaati.
Kanaafuu namni Oromoo tokko yoo amantii Islaamaa
qabate Muslima; Oromoodhas. Oromoon akkuma
beekamu amantii gurguddaa sadii hordofa. Isaanis
Islaama, Kiristaanaafi waaqeffataadha. Oromoon
Muslima ta’e saba isaatiin boonuu qaba; amantii
isaatiinis boonuu qaba. Kiristaannis akkasuma saba
isaatiin boonaa amantii isaatiinis boonuu qaba.
Waaqeffataanis sabboonummaa isaa eeggatee amantii
geggeeffachuu danda’a. Eenyummaa tokko
mul’ifachuudhaaf eenyummaan kee inni kaan
dhokachuun sirraa hin eegamu. Ani yeroon
Oromummaa mullifadhu Muslimummaa kiyya
dhoksuun ykn yeroon Muslima ta’uu kiyyaan boonu
sabboonummaa dhiisuun gonkuma narraa hin eegamu.
Saboonni biroofi warri amantii biroos akkasuma. Yaanni
bilisummaafi wal qixxummaa lammiis kanuma deeggara.
Yeroo garii yaada kana hubachuu dhabuun ummata
baay’ee keessatti ni mullata. Muslimoonni gariin
sabboonummaa hundaawuu akka sabaan of tuuluutti
fudhachuudhaan kanneen mormuuf yaalan ni jiru. Haalli
kun hordoftoota amantii biraa keessattis ni argama.
Sabboontota keessaahis warri amantii akka Islaamaa ykn
Kiristaanaa fudhachuun sabboonummaadhaan wal
faallessaatti yaadaniifi barreessanillee ni jiru. Dhuguma
sabboonummaan yoo sadarkaa of tuuluufi saba biraa
tuffachuutti jijjiirameef amantii kam keessattuu
jibbamaadha. Sabboonummaan inni osoo saba biraa hin
miidhiniifi hin tuffatin bilisummaa ofiitiif, dachii ofii
misoomsuufi aadaa ofii guddisuuf qabsaa’amu garuu
amantii kam keessattuu waan dhorgamu natti hin
fakkaatu. Akkasuma sabboonaan Oromoo tokko amantii
dhugaa isatti fakkaate qabachuun mirga isaati. Yoo inni
amantii dogoggoraa qabate kan isa gaafatu Rabbi malee
namaa miti. Kun sabboonummaa isaa irratti dhiibbaa
homaatuu hin uumu. Yaanni namoota garii kan
kitaabolee garii keessattillee mullatan akka waan
eenyummaan kun lamaan wal faallessuu sabboonaa
Oromoo ta’uuf waaqeffataa ta’uun ykn amantii ofii
dhokfatanii sabboonummaa qofa labsuu akka ulaagaa
gochuuf kanneen yaalantu jiru. Yaanni kun gonkumaa
sirrii miti; bilisummaa argachuuf qabsaa’aarruunis
guutummaan guutuutti wal faallessa. Sabni Oromoo
bilisoomuu jechuun mirga amantii filate hordofuu dhabuu natti hin fakkaatu. Inni kun hacuuccaa mootii
Salamoonawaa kan maqaas ta’ee amantii natu siif filata
jedhaa tureen darbeera. Amma maqaa
sabboonummaatiin gonkumaa deebi’uu hin danda’u.
Ummanni Oromoo bilisummaa isaatiif yeroo qabsaa’u
bilisummaa siyaasaa, dinagdee, aadaafi amantii isaa
hundaa argachuuf socho’a malee garii argate kaan gadi
lakkisuufii miti.
Anis yaada dogoggoraa uumame kana ibsuudhaafin
kitaaba Oromummaafi Islaamummaa jedhu kana
qopheessuutti ka’e.


