Jaarraa 6ffaa yommuu jennu Nabii Muhammad (SAW) dhalachuu
fi ergamuun dura akka lakkofsa Awrooppaatti baroota 500 keessa.
Yeroo kanatti mootummoonni bebbeekamoon gurgudoon addunyaa
lama. Isaanis: Impaayara Roomaa fi Impaayara Pershiyaa (Iraan).
Impaayara jechuun mootummaa lafa bal’aa qabatee fi biyyoota
baay’ee too’ateedha.
1.1-IMPAAYARA ROOMAA
Impaayarri Roomaa impaayara bahaa “impaayara Bezantaayin”
jedhamun kan beekkamuudha. Biyyoota akka Giriik, Balkaan,
Eeshiyaa, Sooriyaa, Filisxeem, Ijibt fi Kaaba Afrikaa guutuu
bulchaa turan. Magaalan guddittiin isaanii Konistantipol (Istanbul 18
yeroo ammaa) turte. Impaayarri Roomaa kuni mootummaa
zaalimaa (cunqursaa guddaa raawwatu)fi ummata bulchuu
garmalee kan hacuucu ture. Akkuma beekkamu yoo humni alaa
biyya tokko qabatu, jiraattota biyya sanii too’annaa jala oolchuuf
tooftaaleen badaan inni hin fayyadamne hin jiru. Mootummoonni
abbaa irree kunniin ummata bulchaniif mararfannaa wayiituu hin
agarsiisaniif. Ummanni Sooriyaa liqaa isaanii kafaluuf hanga
ijoollee isaanii gurguruu gahanitti rakkoon diinagde impaayara
Roomaa jalatti garmalee itti cime.
Ijibtiis cunqursaa amantii fi siyaasa jalatti kufuun hanga
Bezantayinoonni (Romaanonni) akka hoolaa elmamtu godhan
gahanitti haalli jireenyaa itti cime. Kana jechuun wanta ummanni
Ijibti qabu irraa fudhatu ykn isaanitti ni fayyadamu, garuu mirga
isaanii ni sarbu.
Gama biraatiin hawaasni Roomaa wal faalleessuu fi jeequmsa
guddaan kan guuttameedha. Kitaaba “Qaroomina Darbee fi
Ammaa” jedhu keessatti jechi kuni dhufee jira:
“Jireenya hawaasumma Bezantaayin keessatti jeequmsaa fi wal
faalleessuu guddaatu ture. Amantiin sammuu isaanii keessatti hidda
qabatee jira, moloksummaan kan babal’ateedha. Biyyattii keessatti
namni aadaan (tara saw) qorannoo amantii keessatti garmalee kan
gadi lixuu fi falmii Bezantayiinin kan of ko’oomsu ta’e. Gama
biraatiin ummanni wanta faaydaa hin qabnee, taphaa, bashannanuu
fi badii keessatti taruun kan haguuggamaniidha…” (Civilisation,
Past and Present, fuula 261-262, By T.Walter Wallbank and
Alastair M.Taylor, 1954) 1
1.2 IMPAAYERA PERSHIYAA (IRAAN)
Impaayerri Pershiyaa impaayara Bezantaayin caalaa guddaa fi
humna cimaa qabaa ture. Amantiin kijibaa akka Zorostrayinismi fi
Misraayism lafa Pershiyaa keessatti kan babal’ataniidha. Amantiii
1 Madda olii- fuula 70 Misraayismi (maaniyya) jaarraa 3ffaa keessa nama Maanii
jedhamutu hundeesse. Ergasii jalqaba jaarraa 5ffaa amantiin
Mazdakiyyah wanta badaa hunda hayyamu mul’ate. Kanarraa kan
ka’e, fincilli qotee bultootaa ni babal’ate, saamtonni mana
dureeyyii seenuun ni saamu. Dubartoota ni qabu ykn ni hidhu,
qabeenyaa fi manneen ni too’atu. Lafti, qonnii fi manneen akka
waan duraan homtuu keessa hin jiraanne ta’an. Sababni isaas, qotee
bultoonni waan irraa dheessaniif lafa kana kan qotu hin jiru.
Mootonni isaanii dhaalaan bulchu. Ilmaan Aadami ol bakka guddaa
kanneen of kaa’anii fi garmalee mufsidoota (balleessaa kan
babal’isan) turan. Sababni isaas, sanyii gooftaa isaanii akka ta’anitti
of ilaalu. Wanti Pershiyaa keessatti oomishame hundi qabeenya
moototaa ta’a. Ergasii haala hin yaadamneen qisaasessuu daangaa
darbe qisaasessu. Qotee bultoonni baay’een takka gibira humnaa
olii sodaachuun takka immoo loltummatti seenuu irraa sodaachuun
lafa isaanii gatanii iddoolee waaqefannaatti baqatan. Lolli
impaayara Pershiyaa fi Roomaa jidduutti yoo baname
mootummaan pershiyaa kuni ummata isaa kaayyoo ofii gahuuf itti
fayyadama. Lola ykn waraana kanarraa ummanni homaa hin
fayyadamu. Kan fayyadamu mootii qofa.

