Misraayismi (maaniyya) jaarraa 3ffaa keessa nama Maanii
jedhamutu hundeesse. Ergasii jalqaba jaarraa 5ffaa amantiin
Mazdakiyyah wanta badaa hunda hayyamu mul’ate. Kanarraa kan
ka’e, fincilli qotee bultootaa ni babal’ate, saamtonni mana
dureeyyii seenuun ni saamu. Dubartoota ni qabu ykn ni hidhu,
qabeenyaa fi manneen ni too’atu. Lafti, qonnii fi manneen akka
waan duraan homtuu keessa hin jiraanne ta’an. Sababni isaas, qotee
bultoonni waan irraa dheessaniif lafa kana kan qotu hin jiru.
Mootonni isaanii dhaalaan bulchu. Ilmaan Aadami ol bakka guddaa
kanneen of kaa’anii fi garmalee mufsidoota (balleessaa kan
babal’isan) turan. Sababni isaas, sanyii gooftaa isaanii akka ta’anitti
of ilaalu. Wanti Pershiyaa keessatti oomishame hundi qabeenya
moototaa ta’a. Ergasii haala hin yaadamneen qisaasessuu daangaa
darbe qisaasessu. Qotee bultoonni baay’een takka gibira humnaa
olii sodaachuun takka immoo loltummatti seenuu irraa sodaachuun
lafa isaanii gatanii iddoolee waaqefannaatti baqatan. Lolli
impaayara Pershiyaa fi Roomaa jidduutti yoo baname
mootummaan pershiyaa kuni ummata isaa kaayyoo ofii gahuuf itti
fayyadama. Lola ykn waraana kanarraa ummanni homaa hin
fayyadamu. Kan fayyadamu mootii qofa.
2-HAALA UMMATA HINDII, AWROOPPAA FI ARABAA
2.1 UMMATA HINDI
Islaamummaan dhufuun dura naannawa jaarraa 6ffaa keessa
Hindiin wallaalummaa keessatti tan tarteedha. Gochoonni fokkuun
jirraattota hindiitiin akka qulqulluutti ilaalaman manneen
waaqefannaa keessatti raawwatamaa turan. Dubartoonni gatii fi
kabaja homaatuu akka hin qabneetti ilaallamaa turan. Dubartii
abbaan manaa irraa du’e gubuun aadaa ta’uun ummata kana keessa
babal’atee jira. Dhiirsi(jaarsi) ishii erga du’ee booda yoo jiraatte,
kan biraatti heerumuun ishii irratti haraama (dhoowwamaa) dha.
Hindiin addunyaa irraa kophatti bahuun gara wallaalummaa
guddaatti geesse. Jiraattoonni biyyattii seera nyaataa ofirratti 20
jabeessan (Fkn, foonii fi oomisha horii soorachuu dhiisuun
Biqiltoota qofa nyaatu).
Sadarkaa hawaasummaa yoo ilaalle, warroonni amantii seera
baasan jiraattota biyyatti sadarkaalee afuritti qoodu:
Sadarkaa 1ffaa- Raagdu fi namoota amantii. Isaan kunniin
“Baraahama” jedhamu.
Sadarkaa 2ffaa- Dhiirota waraanaa fi loltoota. Kunniin, “Shatraa”
jedhamu
Sadarkaa 3ffaa- Qotee bultootaa fi daldaltoota. Kunniin
“Vaysyas” jedhamu
Sadarkaa 4ffaa- Tajaajiltoota,hojjattootaa fi gabroota- Kunniin
“Sudras” jedhamu. Kunniin sadarka hundarra sadarkaa gadi aanoo
ta’aniidha. Khaaliqni Warroota kanniin namoota sadarkaa 1ffaa,
2ffaa fi 3ffaa tajaajiluuf malee wanta biraatiif hin uumne jechuun
kijibu.
Seerri kuni Baraahamaf bakka ol’aanaa eenyullee isaan waliin hin
hirmaanne kenneefii jira. Baraahaman nama isaaf araaramni
godhame. Badii fedhe yoo hojjate hin adabamu. Warri “Sudras”
jedhaman immoo mirga qabeenya horachuu ykn kuufachuu hin
qaban. Baraahama waliin taa’u ykn harkaan isaan tuquu ykn
kitaabban qulqulluu barachuu hin danda’an.
Dhugumatti, Hindii haala badaa keessa turte. Bulchitoonni
dhibbaatamatti lakkaawaman ni jeequ, waraanni fi wal
dorgoommiin biyyattii garmalee dadhabsiise. Jeequmsi, bulchiinsi
badaan fi nageenyi dhabamuun biyyatti kan haguugeedha.
Yuniversitii hindii keessaa tokkotti barsiisaa fi barreessaan seenaa
Hindii tokko waa’ee yeroo durii seensa Islaamummaa gara Hindii
ilaalchisee akkana jechuun dubbata:
“Ummanni Hindii addunyaa irraa kan citanii fi kophatti kan
bahaniidha. Haala addunyaa ilaalchisee homaa quba hin qaban. 21
Wallaalummaan kuni sadarkaa isaanii ni dadhabsiise. Isaan
keessatti gogiinsi ni guddate, mallattooleen kufaatii fi badiinsaa
isaan keessatti ni mul’atan. Yeroo kana keessatti naamusni lubbuu
kan hin qabne ture.
Hawaasni hindii duubatti hafaa fi gogaa ture. Sadarkaalee
hawaasaa fi maatii keessa garaagarummaa fi addaan bahiinsa
guddaatu ture. Dubartii dhiirsi(jaarsi) irraa du’eef akka heerumtu
hin hayyaman. Nyaataafi dhugaatii keessatti garmalee of irratti
jabeessu. Warroonni hawaasa irraa badhetti darbaman, biyyaa fi
magaalaa irraa fagaatanii daangaa irra jiraatu.” (Muslim Rule in
India-Page 33 by Vidyadhar Mahanan (New Delhi 1970))1
2.2 AWROOPPAA
Ummanni Awrooppaa Kaabaa fi Dhiyaan dukkana wallaalummaa
keessatti taranii fi waraana itti fufaa keessa kanneen jiraatan turan.
Qaroomina ilma namaa fi beekumsa naamusaa irraa kanneen
fagaataniidha. Addunyaan haajaa isaanii hin qabdu, isaaniis haajaa
addunyaa biroo hin qaban.
Qaamni isaanii xuraawaa, mataan isaanii hawwii qullaan kan
guuttameedha. Qulqullinnaa fi bishaan fayyadamuu irraa garmalee
of qusatu. Isaan keessatti molokseen qaama ofii miidhuu fi
namoota irraa dheessuu keessatti daangaa gaha. Dubartiin nama
moo beellada, lubbuu yeroo hundaa turtu qabdi moo hin qabdu,
mirga qabeenya horachuu, bituu fi gurguruu ni qabdi moo hin
qabdu jechuun qoratuu turan. Robert Briffault akkana jedha:
“Jaarraa 5ffaa irraa kaasee hanga jaarraa 10 ffaatti halkan nama
balleessu Awrooppaa irratti kan dukkanaa’e ture. Halkan kuni
dukkanaa fi gurraachinaan dabalaa adeeme. Gara jabeenya yeroo
durii caalaa gara-jabeenyi yeroo kanaa garmalee cimaa fi
rooreessaa ture. Sababni isaas, kuni akka reeffa qaroomina guddaa

1 Madda olii- 77 22
tortoreetiin wal fakkaata. Mallattoon qaroomina kana barbadaa’ee,
badiinsi irratti murtaa’e…” (The Making of Humanity, Page 164)1
2.3 HAALA ARABOOTAA
Nabiyyiin rahmataa (SAW) ergamuun dura haalli Arabaas
garmalee kan bade ture. Amalli isaanii kan bade, alkoolii dhuguu fi
qumaariin kan machaa’aniidha. Gogiinsii fi garaa jabaachuun
hanga ijoollee durbaa awwaalan gahanitti isaan geesse. Shiftaa fi
daldaltoota saamun isaan keessa kan babal’ateedha. Sadarkaan
dubartii kan kufeedha. Akkuma meeshaan ykn horiin dhaalamu
ishiinis ni dhaalamti. Nyaata irraayis dubartii irratti dhoowwamuun
dhiira qofaaf kan hayyamameetu ture.
Isaan keessatti gosummaa fi dhiigummaan of tuuluun gogiinsa
guddaadha. Hanga lolli isaaniif bashannannaa fi boohartii ta’uu
gahuutti waraana keessatti kan lixaniidha. Fedhii lubbuu guutuuf
karaa lola itti banan barbaadu. Dhiiga jiigsuun isaan biratti
garmalee salphaadha. Wanti baay’ee xiqqoon ibidda waraanaa
kaasti. Waraannis hanga gara waggaa afurtamaa tura. Waraana
kana keessatti namoonni kumaatamatti lakkaawaman ni dhumu.
Gama amalaatiin (akhlaaqatinis) yoo ilaalle, isaan keessa dhibee
lafa qabateetu jira. Khamrii (alkooli) dhuguun wanta isaan
keessatti garmalee babal’atee fi hidda qabateedha. Warroonni
walaloo walaleessaniis araada fi khamrii dhuguu irratti walitti
qabamuu namootaa ilaalchisee garmalee dubbatu. Lugaa,
hogbarruu fi seenaa isaanii keessatti khamriin bakka guddaa
qabachuun isaan ko’oomsitee jirti. Daldalli khamrii babal’achuu
irraa kan ka’e hanga jechi “Tijaarah (Daldala)” jedhu gurgurtaa
khamriitiin wal fakkaatu gahe.
Qumaariiniis dhaadannaa isaanii ture. Islaamummaan Araba keessa
babal’achuun dura qumaarii taphachuun dhaadannoo guddaa ture.

1 Madda olii-78 23
Namni qumaarii taphachuu keessatti hin hirmaanne akka salphataa
ta’eetti ilaalama.
Hayyuun Qataadaa jedhamu akkana jedha: “Islaamummaan dura
namni tokko maatii fi qabeenya isaatiin qumaarii taphata. Ergasii
kan gaddee fi saamame ta’ee gadi taa’a. Qabeenya isaa harka nama
biroo keessa ilaala. Qumaariin isaan jiddutti diinummaa fi jibba
uumaa ture.”
Warri Hijaaz, Arabaa fi Yahuudaan ribaa (dhalaan) dalagaa turan.
Isaan keessatti dhalli kan babal’ateedha. Hanga daangaa darbutti
garmalee dhalaan hojjatu. Nama tokkoof dhalli (ribaan) waggoota
keessatti dachaa ta’uun liqaa caala. Namni tokko nama biraatirraa
maallaqa yoo liqeeffate, yeroon liqaa yoo gahe, namni maallaqa
liqeesse kuni liqeeffataan akkana jedha, “Maallaqa siif liqeesse
naaf kafalta moo naaf dabalta?” Yoo wanti kafalu isa bira jiraate ni
kafala. Taa’u baannaan, gara waggaa dhufuutti jijjiruun maallaqa
irratti dabalee kafalaaf. Fakkeenyaaf, saantima yeroo san ittiin
daldalan Diinaara 500 yoo liqeeffate, yeroon itti deebisu yoo
dhumate Diinara 500 fi dinaara hamma ta’e itti dabalee deebisa.
Kuni zulmii guddaa waan ta’eef Islaamni kana hunda ni
dhabamsiise ykn ni dhoowwe.
Hanga isaan lubbuun awwaaluu gahanitti ijoollee dubaraa garmalee
jibbu. Islaamni dhufuun dura ijoollee dubaraa lubbuun awwaaluun
wanta gosoota Arabaa keessa babal’ateedha. Adeemsi Arabootaa
ijoollee lubbuun awwaaluu garagara. Gariin isaanii sababa
dubartiitiin salphinni na qunnama jedhee sodaachuun jirtuu ishii
awwaala. Gariin immoo gurraattii waan taateef, gariin dhibee waan
qabduuf jirtuu awwaalu.
Yeroo garii sababa abbaan imala deemeef ykn ko’oomeef osoo
jirtuu ishii hin awwaalin intalli hanga of beektu ni guddatti. Wanta
nama boochisu waa’ee kana ni himu. Gariin isaanii qilee fagoo irraan intala ofii darbu. Ammaas isaan keessaa hiyyummaa
sodaachuun ijoollee ofii kan ajjeesantu jiru.1
Kuni hundi addunyaan nuura (ibsaa) nabiyyummaa yoo dhabde
hangam dukkana keessatti akka kuftu nutti agarsiisa. Seenaa darbe
qorachuun haala namootaa ammaas akka beeknuu fi hubannu nu
gargaara. Namoonni ammaas qaroomina jechuun wantuma badaa
namoonni durii hojjatan irra deebi’anii karaa adda addaatiin
hojjataa jiru. Qilee gadi fagoo fi dukkana cillimii ummanni darbe
itti kufe, namoonni yeroo ammaa Qur’aanaa fi qajeelcha Nabiyyii
irraa fagaatanis qilee fi dukkana wal fakkaatutti kufaa jiru. Inumaa
san caaluu hin oolu. Cunqursaan, faahishaan (wanti fokkuun),
dhala (ribaa) nyaachun, gara-jabeenyi, ummata jumlaan fixuunii fi
kkf dukkana addunyaan ammaa keessa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top