Wanti addunyaa keessatti adeemsifamu wanta tasa adeemsifamu
osoo hin ta’in seera isaaf kaa’ame kan hordofuudha. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii erga uume irraa kaasee
seerota baay’ee hin jijjiramne kaa’ee jira. Milkaa’innii fi kufaatiin
ummataa fi namoota dhuunfaa seerota kana irratti hundaa’a. Namni
seerota kana hubatee hordofe, ni milkaa’a. Kan dhiise immoo ni
kufa. Seeronni kunniin Qur’aanaa fi Sunnah Nabiyyii keessatti
kanneen ibsamaniidha. Wanti nama ajaa’ibu, namoonni baay’een
Qur’aanatti hojjachuu irraa haa garagalaniyyuu malee seeronni achi
keessa jiran guyyaa guyyaan hojii irra oolaa jiru. Namni Qur’aana
hubate seerota kanniin akka ifa aduutti arga. Nabiyyiin (SAW)
seerota Rabbii hubachuun dukkana keessaa namoota baasuuf
carraaqaa turaniiru. Seerota Rabbii hin jijjramne keessaa tokko
“Seera sadarka sadarkaan deemu (Law of Gradual Prorgession).”
Sadarka sadarkaan deemu jechuun karaan dheeraa akka ta’e
hubachuun marsaa tokkorraa gara marsaa biraatti darbuuf suuta 135
suutaan, of eeggannoo fi tarkaanfi tarkaanfiin gara fuunduraatti
deemuudha.
Nama dhuunfaa fi hawaasa jijjiiruu irratti seerri kuni seera
garmalee barbaachisaa ta’eedha. Namni halkan takkaan ummata
ykn mataa kiyya nan jijjiira jedhee carraaqu seera kana waan
cabsuuf dhumarratti kufaatiitu isa muudata. Kanaafi, Rabbiin
Qur’aana keessatti seera sadarka sadarkaan deemu agarsiisuuf
bakka baay’eetti xiyyeffannoo keenya harkisa. Fakkeenyaaf,
Rabbiin sakandii muraasa keessatti dachii fi samii uumuu osoo
danda’uu guyyaa jaha keessatti uume. Osoo isaan lamaan bira hin
ga’iniyyuu mataa keenya yoo ilaalle, miciree irraa jalqabee hanga
nama guutuu taanutti sadarkaa dhalootaa fi guddinna keessa
dabarre hubachuu dandeenya. Dhangala’oon saalaa walitti erga
dhufanii gara dhiiga ititaatti jijjiire, ergasii gara foonitti, ergasii
gara lafee san booda gara marsaalee itti aanutti dabarse. Kuni
barbaachisummaa seera sadarka sadarkaan deemu agarsiisa.
Ammas, murtiiwwan Islaamaa yoo fudhanne sadarka sadarkaan
kan bu’an turan. Salaanni, soomni, zakaan yeroma tokkotti dirqama
kan godhaman osoo hin ta’in sadarka sadarkaan dirqama
godhaman. Yeroo ammaa, hawaasa dhugaa hundeessuu yoo
barbaanne, murtii qondaala biyyattiitiin ykn mootiitiin ykn
parlamaan kaayyoon galma ni gaha jennee yaaduun of
gowwoomsuu hin qabnu. Kaayyoo hawaasa dhugaa Islaama
hundeessuu kan dandeenyu sadarka sadarkaan deemuudha: yaada
namoota dhuunfaa jijjiiruu fi kaayyoo ol’aanaaf isaan qopheessuu,
keessa isaanii jijjiiruu, sadarkaa hawaasaattis suuta suutan
deemuudha. Kuni tooftaalee nabiyyiin (SAW) ummata wallaalaa
gara ummata Islaamaatti jijjiruuf itti fayyadameedha. Nabiyyiin
(SAW) waggaa 13 Makka keessatti namoota amanan ulfaatina
da’awaa fi dirqama Jihaadaa akka baadhatan, itti gaafatamummaa
Islaama babal’isuu akka fudhatan leenjisuuf ture. Kanaafuu,
sadarka sadarkaan deemuun namoonni ciccimoon rakkina isaan 136
qunnamuuf dantaa hin kennine, dirqamaa fi itti gaafatamummaa
isaanii sirnaan bahan akka argaman taasisee jira.
2-Amanti Sirreessu
Nabiyyiin (SAW) ergamuun dura namoonni Makkaan keessa
jiraatan waa’ee Rabbii ilaalchisee amantii micciramaa fi hanquu
qabu turan. Fakkeenyaaf, maqaa fi Sifaata Isaa ilaalchisee haqa
irraa kanneen jallataniidha. Qur’aana keessatti: “Rabbiif maqaalee
gaggaariitu jira, kanaafuu isaaniin Isa kadhaa. Warra maqaalee
Isaa jallisaniis dhiisaa. Waan dalagaa turaniif fuunduratti jazaa
ni argatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:180
Sifaata(sifa) Rabbii garii fudhachuu ni didan. Guutummaa Isaatiif
maqaalee hin malleen Isa waamu. Akkasumas, wanta hanquun Isa
ibsan, kanneen akka ilma qabaachuu. Rabbiin kana hundarraa
qulqullaa’e. Amanti sirrii ta’e qalbii keessatti hidda qabsiisuuf, gadi
dhaabuu fi namootaaf ibsuuf Qur’aanni ni dhufe. Kunis galma kan
gahe, tawhiida Ar-Rubuubiyyah (Rabbiin Gooftaa haqaa tokkicha
akka ta’e) ibsuun, tawhiidul Uluuhiyyah (ibaadaa keessatti Rabbi
tokkichoomsu), tawhiidul asmaa’a was-sifaat (Maqaalee fi sifaanni
gugguutuun Rabbii tokkichaaf akka ta’an) ibsuuni. Ammas, Rabbitti,
Malaykootatti, Kitaabbanitti, Ergamtootatti, Guyyaa Qiyaamaa fi
murtii Isaa (qadaratti) amanuuni.
Gareen Muslimoota jalqabaa tawhiida barachuu fi hojii irra olchuu
irratti kan guddatanii fi dagaaganiidha. Nafsee isaanii keessatti
Rabbi ol-guddisan, jaalala Isaa argachuun carraaqqii fi kaayyoo
isaanii dhumaa ta’e. Yeroo hundaa akka isaan argu isaanitti ni
dhagahame.
Nabiyyiin (SAW) namoota dhuunfaa tawhiida irratti guddisuu fi
barsiisuun hundee ijaarsi Islaamummaa irra dhaabbateedha.
Qajeelfama sirrii nabiyoonni darban irra deemaa turaniidha.
Nabiyyiin kamuu yommuu ergamu hojiin jalqabaa isaa gara
tawhiidaatti namoota waamudha. 137
Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaanii tawhiida irratti guddisuu fi
barsiisuun firiiwwan baay’ee fidee jira: haala waligalaatiin
sahaabonni wanta tawhiida faallessu irraa qulqullaa’anii jiru.
Dhimma hunda keessatti murtiif gara Rabbii qajeelan, Rabbiif ni
ajajaman, hanga Rabbi jaalatan eenyullee hin jaalanne, Isa malee
eenyullee hin sodaanne, Isa qofa irratti hirkatan, Isa qofa irraa
gargaarsaa fi araarama kadhatan, Isa qofaaf qalma qalan (kana
jechuun gara Isaatti dhiyaachuuf maqaa Isaa qofaan qalu), yommuu
kakatan maqaa Isaa qofaan kakatu. Eenyuufillee gadi hin jenne, hin
sujuunne. Rabbiin homaanu wal hin fakkeessine. Amaloota
(sifaata) Isaaf malu ni mirkaneessan, wanta Isaaf hin malle irraa
immoo ni qulqulleessan.
Makka keessatti akkuma Qur’aanni waa’ee tawhiidaa fi gosoota
isaa, nabiyyii fi ergaa isaa ilaalchisee amantii sirrii qalbii
sahaabotaa keessatti hidda qabsiise, hundeewwan iimaanaa hafan
ilaalchisee amantiin isaanii sirrii ta’e.
Kanaafuu, tawhiinni fi hundeewwan iimaanaa qalbii keessatti hidda
waan qabateef ykn hidhateef rakkoolee fi ulfaatina isaan
qunnamuuf dantaa osoo itti hin kennin gara fuunduraatti
tarkaanfachuu danda’aniiru. Adabbiin Qureeshotaa Islaamummaa
irraa duubatti isaan hin deebisne. Sababni isaas, tawhiinnii fi
iimaanni qalbii keessatti lafa waan qabateef.1
3-Qur’aana Keessatti Ibsa Jannataa fi Bu’aa Inni Sahaabota
Irratti Fide
Aayaanni Qur’aana makka keessatti bu’an Guyyaa Qiyaamaa irratti
xiyyeefannoo guddaa kennan. Suuraalee Makka keessatti bu’an
baay’een isaanii osoo waa’ee haala Qiyaamaa muraasa isaa, haala
warra qananiifamanii, azzabamanii fi akkamitti akka walitti
1 Nutiis isaanitti hidhannee milkaa’uu fi qormaata ciccimoo keessa darbuuf
iimaanaa fi gosoota tawhiidaa bal’inaan sammubani.com irratti ilaalle jirra. In
sha Allah haala kitaabaatin akka maxxanfaman abdi qabna. 138
qabaman osoo hin dubbatin hin darban. Akka waan namni
Qiyaamaa ijaan arguutti sirriitti ibsan.
Jannanni fakkeenya hin qabdu:
Aayaanni Qur’aanaa haala ifa ta’eenii fi addunyaa tana keessatti
haala fakkeenyi isiif hin jirreen Jannata ibsan dhufanii jiru.
Guddina, baay’inaa fi amala addaa qananii irraa kan ka’e addunyaa
tana keessatti wanti Jannata fakkaatu hin jiru. Kuni dhiibbaa
guddaa sahaabota irratti uumee jira. Qananiin Jannataa qananii
Rabbiin tolaa fi arjummaa Isaatiin gabroota gaggaarii Isaatiif
qopheesseedha. Qananii kanarraa hanga ta’e nuuf ibsee jira. wanti
Inni nurraa dhokse baay’ee guddaa sammuun namaa bira gahuu hin
dandeenyeedha. Rabbiin akkana jedhan
“Cinaachi isaaniis ciisicha isaanii irraa fagaata. Sodaa fi
kajeellaan Gooftaa isaanii ni kadhatu, waan isaaniif kennine
irraas ni baasu. Waan isaan hojjataa turaniif jecha akka
mindaatti gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun
tokkoyyuu hin beektu.” Suuratu As-Sajdah 32:16-17
Cinaachi ykn dirri isaanii bakka rafan irraa hirriba mi’aawaa
keessaa gara wanta caalaatti mi’aawaa ta’etti ka’u. wanti isaan
biratti garmalee jaallatamaa fi mi’aawaa ta’e salaata halkanii
(salaatu leyli) fi Rabbii olta’aa waliin maqoo dhaabbachuudha.
Kanaafi, jedhe, “Gooftaa isaanii ni kadhatu” kana jechuun faayidaa
addunyaa fi Aakhirah isaaniif fiduu fi wanta miidhaa qabu akka
isaan irraa deebisu ni kadhatu. “Sodaa fi kajeellaan” kana jechuun
adabbii Isaa sodaachuu fi rahmataaf mindaa Isaa kajeeluun Isa
kadhatu. “waan isaaniif kennine irraas ni baasu” Baasii
dirqamaa fi jaallatamaa ni baasu. Baasiin dirqamaa kanneen akka
zakaa, niiti ykn jaartii irratti baasuu, firoota irratti baasii baasuu fi 139
kanneen biroo. Baasiin jaallatamaan kanneen sadaqaa kennuu, hojii
kheeyrii garagaraa hojjachuu fi kkf.
Jazaa (mindaa) namoota kanaa akkana jechuun “akka mindaatti
gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun
tokkoyyuu hin beektu.” Kheeyrii fi qananii baay’ee, gammachuu fi
mirqaansuu, mi’aa isaaniif Jannata keessatti dhokfame namni
tokkolleen hin beeku. Akkuma Rasuulli (SAW) jedhan, “Rabbiin
olta’aan ni jedha, “Gabroota Kiyya gaggaariif wanta ijji hin agarre,
gurrii hin dhageenyee fi qalbii namaa irra hin qaxxaamurree
qopheesseefii jira.” Sahiih Al-Bukhaari 4780
Akkuma isaan halkan dukkana keessa salaatan, du’aa’ii godhanii fi
hojii dhoksan, gosa hojii isaanitiin mindaa isaaniif kafale. Mindaa
isaanii ni dhokseef. Akkuma isaan namoota irraa hojii gaggaarii
dhoksan, Inni mindaa isaanii ni dhokseef.
1
Hasan Al-Basriin akkana jedha: “namoonni hojii isaanii ni
dhoksan. Kanaafuu, Rabbiiniis wanta ijji hin agarree fi qalbii
namaa irra hin qaxxaamurre dhokseef.”2
Wanta hundarra caalu warri Jannataa argatan
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Yommuu warri jannataa
Jannata seenan, Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa akkana isaaniin
jedha: Isiniifiin dabalaa waa ni barbaadduu?” Isaanis ni jedhaniin,
“Fuula keenya hin ibsinee? Ibidda irraa nu baraaruun Jannata nu
hin seensifnee?”, ergasii Rabbiin haguuggi Isaa ni saaqa (ni kaasa).
Gara Gooftaa isaanii ilaaluu caalaa wanti isaan biratti jaallatamaa
ta’e hin jiru.” Itti aansee aayaa tana ni qara’e: “Isaan toltuu
hojjataniif [mindaa] gaarii fi dabalataatu jira. Gurraachinnii fi
salphinni homaatuu fuula isaanii hin haguugu. Isaan sun warra
1 Tafsiiru Sa’dii 769
2 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/145 Jannataati. Isaan isii keessatti hafoodha.” Suuratu Yuunus 10:26
Sahiih Muslim 181, Jaami’u At-Tirmizii 3388 gabaasa biraa
Mindaan dabalataa Aakhiratti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
ilaaluudha. Isa ilaaluun, qananii Jannata hunda caaluudha. Warri
Jannataa yommuu Isa argan qananii keessa jiran ni dhagatu. Isa
ilaaluun akkamitti qananii hunda hin caalle ree? Rabbii tokkicha
fakkaataa hin qabne, Uumaa dachii fi samii ilaaluu caalaa qananii fi
gammachuun guddaan ni jiraa? Qur’aana keessatti akkana jedha:
“Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha. Gara Gooftaa (Rabbii)
isaanii ilaalu.” (Suuratu al-Qiyaamaa 75:22-23)
Waa’ee Jannataa sirritti yaaduu fi dhugaan itti amananuun, guddina
ummata keenyaatiif garmalee barbaachisaadha. Nafsee namoota
dhuunfaa keessattiis fakkiin Jannataa yoo jiraate, Jaalala Rabbii
olta’aa argachuuf gara fuundarraatti humnaan tarkaanfatu, wanta
qaalii (wuddi) ta’ee ni dhiyeessu, dadhabbinaa fi du’a jibbuu irraa
ni qulqullaa’u. Diin Rabbii oltaasisuuf annisaa fi humni cimaan
nafsee isaanii keessaa ni burqa.

