Seenaan kuni Qur’aanaa fi hadiisaan kan mirkanaa’eedha.
Qur’aana keessatti suuratul fiil gara seenaa kanaa akeekti.
Boodarratti suurah tana guutuu isii ni dhiyeessina. Hadiisa keessatti
immoo: Rasuulli (SAW) yeroo Hudeybiyyah hanga bakka As-
Saniyyah jedhamtu gahanitti adeemsa itti fufan. Bakka kanatti
gaalli inni yaabbate jilbiiffattee gara fuunduraatti deemuu didde.
Namoonni akkana jedhan, “Hal,Hal! (Jecha kana yommuu gaalli
deemu didde itti fayyadaman) Dhaabbachuu didde akkasumatti
jilbiiffattee turtee. Ammaas namoonni ni jedhan, “Al-Qaswaa
[lafatti] gogde.(Al-Qaswaa gaala nabiyyiiti (SAW)). Nabiyyiiniis
(SAW) ni jedhan: Al-Qaswaan hin gogne, suni amala isiitii miti.
Garuu arba Kan qabeetu isiis qabe. (Akkuma Rabbiin arba Abrahaa
gara fuunduraatti akka hin deemne dhoorge, gaala tanaas akka hin
deemne dhoowwe.) (Sahiih Al-Bukhaari 2731)
Seenaa warra arbaa ilaalchisee siiraa Nabiyyii Abu Haatim gabaase
keessatti haala kanaan dhufee jira: Mootiin Yaman keessatti arba
qabuun madaqse. Mootiin kuni hundeen isaa Abisiiniyaa
(Habashaa) irraayi. Maqaan isaa Abrahaa jedhama. Sana’aa
keessatti Beetakiristaana ijaarun “Al-Qulleys” jedhee moggaase.
Hajjii Arabootaa gara beetakiristaanaa kanaatti akka garagalchuu ni
odeesse. Kana galmaan gahuuf gara Makkaa deemee Ka’abaa akka
diigu kakate. Mootota Himyar keessaa mootiin Zuu Nafar jedhamu
lolaaf gara Abrahaatti bahe. Garuu Abrahaan isa moo’atee ni
booji’e (ni hidhe). Zuu Nafar Abrahaan akkana jedhe, “Yaa Mootii!
Na hin ajjeesin. Na ajjeesuu irra na tursiisuun kee faaydaa siif
qaba.” Inniis ni tursiise garuu ni hidhe.
Ergasii Abrahaan hanga biyya Khas’am jedhamtutti dhiyaatu gara
Ka’abaa deemutti qajeele. Yeroo biyya Khas’am tanatti dhiyaatu,
Nufeyl bin Habiib Al-Khas’amiyyii fi gosoota Yaman irraa warri
isa waliin jiran lolaaf gara Abrahaatti bahan. Garuu Abrahaan isaan
ni moo’ate, Nufeyliis ni booji’e. Nufeyl akkana jedhe, “Yaa 47
Mootii! Ani lafa Arabootaa garmalee beeka, kanaafuu na hin
ajjeesin. Harki lamaan kiyya kuni ummata kiyya irratti dhagahuu fi
ajajamuu qabu (kana jechuun ummanni kiyya akka siif ajajaman
waadaa siif gala).” Inniis isa ni tursiise. Nufeyliis hanga Xaa’if
gahutti karaa Abrahaatti agarsiisuu itti fufe.
Xaa’ifitti namni Mas’uud bin Mu’attab jedhamuu fi namoonni gosa
Saqiif irraa Abrahaan wal-qunnamuuf jecha bahan. Mas’uud ni
jedhe, “Yaa Mootii! Nuti gabroota keeti. Siifii nu jidduu lolli hin
jiru. Wanti ati barbaadduus nu bira hin jiru. Kan ati barbaaddu
Mana Makka keessa jiruudha. Nuti nama gara saniitti si qajeelchu
si waliin ergina.” Isaanis gabricha isaanii bilisa bahe maqaan isaa,
“Abu Rughaal” jedhamu isa waliin ergan. Hanga bakka
Mugammas jedhamu gahutti Abu Rughaal isaan waliin deemuun
ergasii achitti du’e. Isa jibbuu irraa kan ka’e namoonni qabrii isaatti
dhagaa darbu. Abrahaan Mugammas irraa nama maqaan isaa
Aswad bin Maqsuud jedhamu loltuu fuundura erge. Aswadii fi
namoonni isa waliin jiran jiraattota Makkaatiin wal-qunnamanii
gaalota Abdul Muxxalib 200 ta’an qaban (fudhatan).
Ergasii Abrahaan nama Hunaaxah Himyariyyii jedhamu gara
jiraattota Makkaatti ajaja kana waliin erge: Isaan keessaa nama
hundarra kabajamaa ta’e gaafadhu. Ergasii ani isaanitti waraana
banuuf osoo hin taane Mana kana (Ka’abaa) diiguuf qofa akkaan
dhufe itti himi.” Hunaaxaniis hanga Makka seenuu deemuu itti
fufe. Ergasi Abdul Muxxalib bin Haashimiin wal qunname.
Hunaaxan ni jedheen: Isin yoo isatti waraana hin banin, isinitti
waraana banuuf akka hin dhufne sitti beeksiisuuf mootiin gara
keetitti na ergee jira. Mana kana diiguuf qofa dhufe. Ergasii isin
irraa garagala.” Abdul Muxxalibiis ni jedheen, “Nu isaan wal hin
lollu; Isaa fi manaa walitti gadi dhiifna (kana jechuun, nuti isa
fuundura hin dhaabbannu. Yeroo muraasaaf makka gadi dhiisnee
baana.) Yoo Gooftaan Mana kanaa (Ka’abaa) mana kana diiguu 48
irraa isa hin dhoowwin, Rabbiin kakadhee, isa waraanuuf nuti
humna hin qabnu.”
Hunaaxan, “koottuu na waliin deemi” jedheen. Abdul Muxxalibiis
hanga bakka waraanni Abrahaa qubate gahutti isa waliin deeme.
Zuu Nafar hiriyyaa Abdul Muxxalib ture. Abdul Muxxalib, Zuu
Nafariin ni jedheen, “Yaa Zuu Nafar! Wanta nutti bu’e kana nurraa
deebisuu dandeessaa?” Inniis ni jedhe, “Nama hidhamaa ganama
ykn galgala ajjeefamuu irraa nagaha hin taane bira gargaarsa
maaltu jira? Jedheen, Garuu namticha arba eegu “Aniis”
jedhamuttiin siif erga. Kheeyrii irraa wanta danda’e mootii biratti
akka siif hojjatuu fi sadarkaa ati qabdu akka ol guddisu nan ajaja
jedheen. Aniisitti ni erge, inniis ni dhufe. Zuu Nafar ni jedheen,
“Namni kuni hogganaa Qureeshiiti. Abbaa daldaltoota gareen
deeman Makkaati. Lafa diriiraa keessatti namootaa fi gaara
keessatti bineensota kan nyaachisuudha. Mootiin gaala 200 jalaa
fudhatee jira. Isa fayyaduu yoo dandeesse isa fayyadi. Dhugumatti
inni hiriyyaa dhiyoo kiyya.”
Aniis Abrahatti seenuun ni jedhe, “Kuni Hogganaa Qureeshiiti.
Abbaa daldaltoota gareen deemanii kan Makkaati. Lafa diriiraa
keessatti namootaa fi gaara keessatti bineensota kan
nyaachisuudha. Sitti seenuuf hayyama si gaafata. Osoo isaaf
hayyamtee ni jaallatama. Diina sitti ta’uuf ykn si faallessuuf hin
dhufne.” Abrahaaniis ni hayyameef. Abdul Muxxalib nama furdaa,
guddaa fi bareeda ture. Abrahan yommuu isa argu, isa ulfeessee
kabaje. Isa waliin siree irra akka taa’uu fi isa jalas akka taa’u ni
jibbe. Lafa diriira irratti gadi bu’uun isaa waliin taa’e. Abdul
Muxxalib isaan ni jedhe, “Yaa Mootii! Qabeenya baay’ee narraa
qabdee jirta. Kanaafuu, naaf deebisi.” Abrahaaniis ni jedheen,
“Yommuu si argu, na ajaa’ibsiiftee turte. Garuu amma si dhiise.”
Innis ni jedheen, “Maaliif?” Abrahaanis ni jedheen, “Mana amantii
keetii fi abboota keetii ta’e akkasumaas eeggumsa isiniif ta’een
diiguuf dhufe. Waa’ee isaa ilaalchisee natti hin dubbanne. Garuu waa’ee gaala 200n keetii natti haasofta.” Abdul Muxxalib ni
jedheen, “Ani abbaa gaalota kanniiniiti. Manni kuni Gooftaa isa
eegu qaba.” Abrahaan ni jedheen, “Anarraa mana kana hin eegu.”
Abdul Muxxalib ni jedhe, “Suni dhimma keeti.” Abrahanis
gaalonni isaa isaaf akka deebifaman ni ajaje. Ergasi Abdul
Muxxalib bahee oduu kana Qureeshota beeksise. Karaa gaaraa
keessas akka faca’an ajaje. Abrahaan Mughammas irraa gara
Makkaa seenuf qophaa’e. meeshaa isaanii akka fe’an loltoota isaa
ajaje. Arba isaa ni dhiyeesse. Dhaabbi irra osoo jiruu wanta irratt
fe’u barbaade irratti ni fe’e.
Gara Makkaa deemuf yommuu qophaa’an, arbi gara fuunduraa
deemu didee dhaabbate. Arbichi gara lafaatti maramee
jilbifachuutti dhiyaate. Akaafan mataa isaa ni rukutan, garuu deemu
ni dide. Itti deddeebi’anii gara fuunduraatti oofuf yaalan, garuu kan
hin sochoone ta’e achitti hafe. Gara Yaman ni qajeelchan, innis
gara kallatti kanaatti ni sussukee (ni deeme). Gara Makkaatti
yommuu garagalchan immoo ni dhaabbate. Ergasi Arbi gaarota
naannoo san jiran keessaa tokkotti dheesse.
Loltoota irratti immoo Rabbiin (subhanaahu wa ta’aala) galaana
irraa sinbira Balasaan fakkaattu isaanitti erge. (Balasaan muka
magariisa habaabo qabuudha). Sinbirroo hunda waliin dhagaa sadii
godhe. Dhagaa lamaa harkatti, dhagaa tokko immoo biiki afaanitti
baadhatan. Dhagaan sinbirowwan baadhattan akka shunburaa fi
misiraati. Yommuu loltoota irra balali’an dhagaa kana isaan irratti
gadi furu. Hoomaa waraanaa keessaa namni tokko dhagaa kanaan
yoo rukutame, yoosu du’a. Garuu namoonni hundi dhagaa kanaan
hin rukutamne. Kana ilaalchise Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa)
ni jedha
“Sila Gooftaan kee abbootii arbaa irratti maal akka dalagee
hin arginee? Sila tooftaa isaanii dhabama hin goonee? Sinbira
garee gareedhaan isaanitti erge. Dhagaalee xuubii (suphee
gubate) irraa ta’an isaanitti darbiti. Akka alala (okaa)
nyaatamee isaan taasise.” Suuratu Al-Fiil 105:1-5
(Tooftaan isaan baasan Ka’abaa diiguudha. “dhabama hin
goonee?” Tooftaan isaan galmaan ni geenya jedhanii yaadan jalaa
bade. Muraada isaanii (wanta yaadan) hin geenye.1
“Akka alala
(okaa) nyaatamee isaan taasise.” Asf (okaa)-wanta horiin nyaatu
ykn irraa nyaatuudha. Okaan horiin nyaatu bakka sadiitti qoodama:
1ffaa-Okaa nyaatamee gara faltiitti jijjiirame. 2ffaa-okaa horiin irra
deemee balfa (koshaashaa) ta’e. 3ffaa-baalli isaa nyaatamee kan
jirmi isaa hafee fi gatame. Haaluma kanaan warri arbaas qooda sadi
ta’an: Isaan keessaa:
Qoonni 1ffaan- tortoranii fooliin isaanii ajaa’e. Hanga akka faltii
horii ta’utti qaamni isaanii ni jijjirame.
Qoonni 2ffaan-walitti marqaman, gariin garii irra bahuun wal
caccabsan. Akkuma horiin okaa isaaniitti tole nyaatanii kan biraa
immoo irra deemanii caccabsan, warri kunis walirra babahuun wal
caccabsan. Okaan horiin irra deeme kuni balfa ta’a.
Qoonni 3ffaan-warri arbaa gariin isaanii asii fi achitti faffaca’an.
Akkuma jirmaa fi sharxummeen horiin baala irraa nyaatanii ergasii
asii fi achitti bittinaa’aniitti, warri kunis bakka adda addaatti
faffaca’an.2
)
Rabbiin Abrahaa irratti dhibee qaama isaa miidhu itti erge.
Loltoonnis biyya keessa darban hunda keessatti kukkufaa gara
kallattii Yamanitti dheessan. Fiixeen (caafin) qubbeen abrahaas
kukkuufuu jalqaban. Dhawaatuma fiixeen qubaa kukkuftuun malaa
fi dhiigni keessaa jiguu jalqabe. Yaman yommuu gahuu hiriyoota
isaa hafan keessatti akka caaccutii allaattii ta’e. Ergasii ni du’e.”

1 Zaadul Masiir-1590
2 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-2/18-19, Abdurahmaan Habanka (As-Siiratu An-Nabawiyyah, By Abu Haatim As-Subtii (fuula 34-
39)
Ibn Isihaaqii fi Ibn Hishaam akka gabaasanitti, Abrahaan gara
Makkaa osoo deemaa jiru, Abdul Muxxalib qubee (wanta akka
geengoo) balbala Ka’abaa irra jiru qabatee. Qureshota irraas
namoonni hagaa isa waliin dhaabbachuun Abrahaa irratti
injifannoo akka argatan Rabbiin gargaarsa kadhatan. Ergasii Abdul
Muxxalib qubee balbala Ka’abaa gadi fure. Isaa fi namoonni isa waliin jiran gara gaaraatti dheessan. Gaara kana irra dhaabbachuun Makka yoo seene wanta Abrahaan hojjatu ilaaluuf qophaa’an. Kana booda gabaasaan seenaa akkaataa Abrahaa fi loltoonni isaa itti badan hime.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top