Marsaa kana keessatti nageenya hawaasa Muslimaa xiqqaa
mirkaneessuuf dhoksuu fi iccitiin jiraachu qaba. Inumaa yoo isaan
hin amanin namoota hundarra namatti dhiyoo ta’an irraahuu of
dhoksuun baay’ee barbaachisaadha. Yeroo kanatti ajajni Nabiyyii
amantii ofii dhoksuu dirqama akka ta’e ifaadha. Nabiyyiin (SAW)
Muslimoota garii walitti qabuun garee ijaaraa ture. Gareen kunis
dabeessummaa fi sodaaf osoo hin ta’in qophaa’inaa fi leenjiif of
dhoksuu turan. Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaa irraa garee xiqqoo
ijaaruun jalqabe. Namni humnaa fi qabeenya qabu namni tokko ykn
namoonni lama hiyyeeyyii ta’an yommuu Islaamawan walitti isaan
qabuun isa waliin ta’u. Innis isaan waliin nyaata ofii qoodaaf. Isaan 123
keessaa namni Qur’aana irraa waa haffaze (sammutti qabate) nama
biraa ni barsiisa. Namoonni haala kanaan walitti qabamuun hariiroo
obbolummaa jabeessuu fi sagantaa wal barsiisuu uumanii jiru.
Qajeelfamni Nabiyyiin (SAW) hordoftoota isaa barsiisuuf hordofe
Qur’aana kabajamaadha. Nabiyyiin (SAW) sahaabota isaa barnoota
aqiidaa (amantii), ibaadaa, amalaa, nageenyummaa fi kan biroo
barsiisaa tureera. Kanaafi, Qur’aana keessatti aayaata waa’ee
nageenya hawaasaa fi dhuunfaa eeguu dubbatan arganna. Sababni
isaas, wantoota guddinaaf barbaachisan keessaa miseensa hawaasaa
keessatti namoonni dhunfaa hundi nageenyi itti dhagahamuudha.
Keessumayyuu hiriirri Islaama irraa ittisuu fi dachii keessatti bakka
akka qabatuuf carraaqu, daran nageenyi itti dhagahamuun
barbaachisadha. Shakkii hin qabu, sahaabonni nama gara
Islaamatti waamu barbaadan ilaalchisee odeefannoo ni funaanu
turan. Kunis nageenya hawaasa Muslimaa xiqqaa Makka keessatti
jalqabamee eegsiisuu fi mirkaneessuufi. Qur’aana keessatti waa’ee
of eeggannoo fi nageenyaa ilaalchise aayaata lamaan tanniin haa
“[Haati Muusaa] obboleettii isaatiin ni jette, “Isa hordofi.”
Osoo isaan hin beekin isiinis fagoo irraa isa ilaalte. [Gara
haadhaatti deebi’uun] dura harma hoosistoota irraa isa
dhoorgine. [Obboleettin isaa], “maatii isa isiniif guddisuu fi
gaarii isaaf yaadutti isin qajeelchuu?” jetteen.” Suuratu Al-
Qasas 28:11-12
Yeroo nabi Muusaan (aleyh salaam) dhalatu sanitti Fira’awni
daa’imman Israa’il ni ajjeesa ture. Nabi Muusaaniis warra haarawa
dhalate iirraahi, nabi muusaan ajjeechaa fira’awnaa jalaa akka
bahuuf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa haadha isaa saanduqa 124
keessa isa kaa’uun galaanatti akka darbitu beeksiisa itti godhe.
Haati Muusaas akkuma ajajamte daa’ima ofii saanduqa keessa
keessee galaanatti darbite. Ergasii garmalee dhiphatte. Rabbiinis
ilma ishii akka ishiif deebisu waadaa galee jira. Muusaa harma
dubartoota biraa akka hin hoone taasise. Harma haadha isaa malee
harma dubartoota biraa hodhuu dide. Kanaafi dhumarratti
obboleettiin isaa “maatii isa isiniif guddisuu fi gaarii isaaf
yaadutti isin qajeelchuu?” jetteen. Aayaa tanaa fi seenaa kana
wal-qabsiisuu wanti barbaanneef barbaachisummaa of eeggannoo fi
nageenyaa mul’isuufi. Seenaa kanarraa qabxiiwwan armaan gadi
baranna:
1)-nageeya ilma isii mirkaneeffachuuf haati Muusaa odeefannoo
funaanuu barbaadde. Obboleettii isaatiin “Qussiihii (isa hordofi)”
jetteen. Jechi Arabiffaa quss jedhu hiika “hordofuu” fi
“odeeffannoo funaanuu” of keessatti qabata.
2)-Ammas, haati Muusaa nageenya ilma ishii mirkaneessuuf nama
kaka’uumsa akka ishii qabu ni filatte. Intala ishii filatte. Kunis
odeefannoo dhugaa ishiif funaanamu mirkaneessuufi. Obboleettiin
Muusaas fedhii fi of eeggannoo waa’ee obboleessa ishii ilaaluuf ni
deemte. Kuni kan agarsiisu namni odeefannoo funaanu nama
amanamaa ta’uu qaba, yoo danda’ame akkuma nama isa ergee
kaka’uumsa wal fakkaatu qabaachuudha.
3)-Obboleettii Muusaa namuu osoo ishii hin beekin of eeggannoon
akka deemtu ajajamte. “Osoo isaan hin beekin ishiinis fagoo
irraa isa ilaalte.”
4) Ammas, obboleettiin Muusaa odeefannoo funaanuun gara
haadhaa deebitee bakka inni jiru ishitti beeksisuu qofa osoo hin
ta’in gara fuunduraatti tarkaanfachuun kaayyoo isaanii galmaan
geesse. Kaayyoon kunis: Muusaa gara haadhaatti deebisuudha.
Yaalii kanaan milkaa’ina guutuu galmaan geesse. Kanaafuu, 125
dhoksaa fi of eeggannoo waliin odeefannoo funaanuu fi kaayyoo
ofii galmaan gahuun hojii nama qaruuteeti. Kaayyoo ofii osoo
galmaan gahuu baataniyyuu odeefanno dhugaa of eeggannoon
funaanun baay’ee barbaachisaadha.
Wanti dagatamuu hin qabne keeyyattoonni Qur’aanaa armaan olii
tunniin osoo Nabiyyiin gara Madiinaa hin godaanin dura bakka
nageenyi rakkoo guddaa itti ta’e Makka keessatti bu’an. Siiraan
Nabiyyii (SAW) namoota dhuunfaa barsiisuu irraa kaasee hanga
mootummaa ijaaruu gahutti nageenya mirkaneessuun kan
guuttameedha. Hoggantoonni Musliimaa yeroo ammaas
Muslimootaa fi Islaama badii irraa eeguuf hawaasa keessatti
nageenya mirkaneessuun garmalee isaan irraa eeggama.
Muslimoonni nageenya irratti xiyyeefachuun rukuttaa diinaa tasa
isaanitti dhufu irraa isaan eega. “Diinaa fi nafsee tee yoo beekte,
wanti bu’aa dirree lolaa dhibba akka sodaattu si taasisu hin
jiru. Yoo nafsee tee beektee garuu diina kee hin beekin, dirree
lolaa hundatti moo’atamutu si qunnama.”
Nabiyyiin (SAW) mataa ofiitiin gama adda addaatiin sahaabota
isaa barsiisuuf ni too’ata ture. Garee adda addaatti ni qoqqooda.
Fakkeenyaaf, Faaxima bint Al-Khaxxaabi fi jaarsi ishii Sa’iid ibn
Zaydi garee tokko keessatti Nu’aym ibn Abdullah An-Nahhaam ibn
Adiyy waliin turan. Barsiisaan isaan barsiisuuf ramadame Khabbab
ibn al-Aratt ture. Yommuu bakka tokkotti walitti dhufan
xiyyeefannoon isaanii guddaan akkamitti Qur’aana akka dubbisan
qofa osoo hin ta’in Qur’aana qo’achuu, keeyyattota isaa hubachuu,
ajajootaa fi dhoowwama isaa barachuu fi hojii irra oolchuu ture.
Nabiyyiin (SAW) xumura murtiiwwanii yaada keessa galchuun
wantoota hundaa of eeggannoo fi gadi fageenyaan karoorsuu turan.
Guyyaan da’awaa ifatti itti labsuu fagoo akka hin taane ni hubata
ture. Akkasumas, namoonni baay’een akkuma Islaama keessa 126
seenaniin manni Khadiija wal-gahiif namoota hunda
keessumeessuu akka hin dandeenye ni hubate. Akka hogganaatti
hordoftoota waliin iddoo bal’aa namoota hunda gahutti wal
qunnamuun ni barbaachisa. Kanaafuu, Nabiyyiin (SAW) mana Al-
Arqam ibn Abi Al-Arqam bakka wal-gahii dhoksaa Muslimootaaf
ta’u filate. Bakki wal-gahii garmalee barbaachisaadha. Sababni
isaas, yeroo hundaa hogganaa fi hordoftoonni wal qunnamuun
karaa Muslimoota itti barsiisuu fi leenjisuun marsaa da’awaa
dhufuuf hoggantootaa fi daa’iwwan itti godhuudha.
Akkuma ifa ta’u, Nabiyyiin (SAW) hordoftoota isaa ergaa Islaamaa
akka baadhatanii fi gara fuunduraatti ummata Muslimaatiif
hoggantoota akka ta’an qopheessaa jira. Osoo Nabiyyiin (SAW)
waa’ee ummata isaa gara fuunduraatti dhufaniif hin yaadin ergama
qofa geessuu irratti xiyyeeffatee silaa haala kanaan marsaa jalqabaa
irratti dhoksaa fi of eeggannoon hin hojjatu ture. Bakki hundarra
gaariin ergaa isaa itti geessu bakka Qureeshonni baay’inaan itti
wal-gahaniidha. Bakki kunis Ka’abaa ture. Garuu Nabiyyiin
(SAW) marsaa jalqabaa irratti dhoksaa ykn iccitii guutuu filate.
Bakka eenyullee hin argine filachuun hordoftoota isaa Qur’aana
barsiisaa fi hojii ulfaataa gara fuunduraatti isaan eeggatuuf
qopheessaa ture. Kanaafuu, namni ofii fi hawaasa ijaaruu barbaadu
marsaa jalqabaa irratti dhoksaa fi iccitiin deemuun ofii fi garee isaa
jabeessuu danda’a.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top