Kunniin namoota garee sadaffaa keessatti Islaamawaniidha:
Umeyri ibn Abi Waqqaas (obboleessa Sa’ad ibn Abi Waqqaas),
Abdullah ibn Mas’uud, Mas’uud ibn Al-Qaariyy, Saliix ibn Amri fi
obboleessa isaa Haaxib ibn Amr, Ayyaash ibn Abi Rabii’ataa fi
jaartii isaa Asmaa’aa bint Salaamata, Khuneys ibn Huzaafata
Sahmiyy, Aamir ibn Rabii’ah (gosa Al-Khaxxaab waliin kan
gamtoomedha), Abdullah ibn Jahshii fi obboleessa isaa Abu
Ahmad, Ja’afar ibn Abi Xaalib fi jaartii isaa Asmaa’aa bint Umeys,
Haaxib ibn Haaris fi jaartii isaa Faaximaa bint al-Mujallal,
obboleessa isaa Haxxaab ibn Haaris, jaartii Haxxaab, Fukehata bint
Yasaar…Suheyba ibn Sinaan nama Roomaa jalqaba Islaamawe.
Namoota dursa gara Islaamummaatti seenan keessaa kanneen biroo
Abu Zarr Al-Ghifaariyy, obboleessa isaa Uneysi fi haadha isaa.
Bilaal ibn Rabaah Al-Habashii (Itiyoophiyaa irraa) namoota
jalqaba gara Islaamummaatti fiiganiidha. Ibn Is’haaq akkana jedhe:
dhiirotaa fi dubartoota irraa namoonni garagaraa Islaamummaa
keessa seenan hanga waa’een Islaamaa Makka keessa babal’atuu fi 121
Maqaalee armaan olitti dhiyaatan irraa akkuma ifa ta’utti namoonni
gara Islaamaatti dursa seenan namoota hawaasa keessatti
kabajamanii fi gaarii turaniidha. Isaan akka qorattoonni siiraa
gariin “namoota gadi aanoo ykn gabroota bilisummaa isaanii
argachuu barbaadaniidha fi kkf” jedhanii miti. Yeroo jalqaba
Islaamummaa, eenyullee Muslima ta’uun faayidaa addunyaa irraa
wanti argatu hin jiru. Inumaa wanti isaan eeggatu reebichaa fi
adabbiidha. Wanti isaan barbaadan mindaa Rabbii qofa ture.
Akkasumas, namoonni kitaaba siiraa barreessan gariin yommuu
akkana jedhan tuqaa kanarratti dogongoranii jiru: “Namoonni
jalqabaa gara Islaamatti seenan baay’een isaanii hiyeeyyii,
dadhabdootaa fi gabroota.” Garuu yoo sirritti qoratan jechi kuni
dogongora akka ta’e ni mul’ata. Namoota guyyoota jalqabaa
Islaamummaa irratti gara Islaamawuutti seenan 40 keessaa
namoonni gabroota,dadhabdoota, gabroota bilisa bahanii fi alaa
Islaamatti seenan lakkoofsi isaanii 13 ture. Lakkoofsi kuni namoota
guutumatti Islaamummaa keessa seenaniin yommuu wal bira
qabamu, “Irra caalaan ykn baay’een isaanii dadhabdoota, hiyeeyyii
fi gabroota” hin jedhamu.
Namoonni yeroo san Islaamawan faayidaan addunyaa homaatuu
isaan hin kakaasne. Garuu haqatti amanuu Rabbiin qalbii isaanii itti
baneetu gara Islaamawuutti ykn islaamummaatti isaan kakaase.
Kana keessatti kabajamaa fi gabri, dureessaa fi hiyeessi, waliin
hirmaatu. Abu Bakr, Bilaal, Usmaanii fi Suheeyb wal-qixxaa’u.
Hundi isaaniituu sababa wal fakkaatuuf Islaama keessa seenan.
Innis “Haqatti amanuudha.”
Osoo dureessaa fi hiyyeessa, gurraachaa fi adii, dhiiraa fi dubartii,
gabrichaa fi nama bilisaa addaan hin baasin Islaamummaan nafsee
gaarii, qalbii qulqulluu fi sammuu iftutti yaa’aa tureera. Namoota
dursa gara Islaamummaatti seenan keessaa: Khadiijaa, Abu Bakr,
Aliyyi, Usmaan, Zubeyr, Abdurahmaan, Xalha, Ubeydah, Al Arqam, Usmaan bin Maz’uun, Sa’iid bin Zaydi, Abdullah bin
Jahsh, Ja’afar, Sa’ad bin Abi Waqqaas, Faaximah bint Al-
Khaxxaab fi kanneen biroo ummata isaanii keessatti namoota
kabajamoo fi sadarkaa qaban turan. Warroonni kuni namoota
jalqabaa gara Islaama fudhachuutti dursanii fi waamicha Nabiyyii
(SAW) dhugoomsuuf fiiganiidha.
Nabiyyiin (SAW) Daa’waa (Waamicha) itti fufuu
Nabiyyiin (SAW) da’awaa dhoksaa isaanii itti fufuun maatii fi
hiriyyoota dhiyoo irraa namoota ofitti harkisuu danda’aniiru.
Akkasumas, Muslimoonni jalqabaa kunniin nama sharriin isaa
nagaha ta’uu amananitti da’awaa godhuu turan. Marsaan jalqabaa
da’awaa kuni rakkoolee fi ulfaatinaan kan guuttame ture. Nama
amananii fi sharrii isaatirraa nagaha ta’an qofa dubbisu. Akka
kanatti, tarkaanfiin da’awaa suutaa fi of eeggannoon kan itti fufe
ture. Iccitiin (dhoksaan) tarkaanfachuun waan isaan irraa
eeggamuuf Muslimoonni Nabiyyii (SAW) irraa barnoota barachuu
fi wanta baratan hojii irra oolchuuf haalli garmalee ulfaataa ta’e.
Yeroo kanatti eenyullee ifatti bahee salaatuu fi Qur’aana qara’uu
hin danda’u. Kanaafu, yoo salaatuu barbaadan gara sululaa fi
gaarreen Makkaatti dhokatanii deemun achitti salaatu turan.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top