Aadaa wal gargaarsaa keessaa tokko quubii yoo ta’u,
namoota hojii wal fakkaataa hojjatan, qubsumaan
naannoo tokko jiraatan, galii walitti dhihaataa argatan,
yaadaa fi ilaalchaaniis walii galan, akkasuma wal
amantaa qaban jidduutti maallaqa walitti buufachuun
tartiibaan tooftaa itti walii kennaniidha.
Guyyaatti, torbaanitti ykn ji’atti namni tokko maallaqa
hanga murteeffame kan kafalu yoo tahu miseensota
keessaa nama beekaa fi amanamaa jedhanii yaadan tokko
walitti qabaa godhanii filatu. Kana booda tartiibaan
maallaqicha walitti qabee abbaa carraan baheef kennama.
Quubiin qusannaa maallaqaa fooyyessuun diinagdee
nama dhuunfaafi kan garee guddisuu keessatti ga’ee
guddaa qaba.
Massaaggoo (Horsiisaa) fi Gabbisa
Massaaggoon adeemsa nama beeylada hin qabne ittiin
horii itti horaniidha. Namni qabeenya hin qabne hoolaa,
re’ee ykn goromsa xiqqoo kan abbaa qabeenyaa fuudhee
tiksee guddisee ogga isiin dhalte ilmoon isii qixxee jara
lamaanii taati. Yoo sa’a ta’e immoo aannan isiis waliin
fayyadamu. Torbii tokko abbaa sa’aatu ilmata; torbii
biraa immoo abbaa tiksetu ilmata. Haati garuu abbaa
qabeenyaatiif deebiti; ilmoo isii qofa qooddatu. Haala
kanaan hiyyeessi horii argata. Kun aadaa baay’ee gaariifi
deeggaramuudha.
Gabbisa kan jedhamu immoo sangaa huqqataa gatiin isaa
tilmaamamee nama hiyyeessatti kennama. Hiyyeessi sun
isa gabbisee bu’aan gatii tilmaamamee olii qixxeetti
isaaniif qoodama.
Gosti gargaarsaa kan biraas kan akka kaayaa, sangaa
walitti qara’uu, nyaachisaafi kanneen biroos ni jiru. As
irratti dubbatanii xumuruun hin danda’amu
Liqii fi Ergisa
Aadaa wal gargaarsaa baay’ee beekamu yoo tahu sirni
isaas namni qabeenya harkaa qabu tokko nama rakkateef
laachuun namni sun yeroo muraasa keessatti dhimma itti
bahee isaaf deebisa.
Liqiin qabeenya akka maallaqaa, midhaanii fi waan
biraatis ta’uu ni danda’a. Ergisni garuu waan akka Oromummaa fi Islaamummaa
60
uffataa, meeshaa fi wantoota biroo kan yeroo muraasaaf
itti dhimma bahanii deebisan irratti xiyyeffata.
Lamaanuu faayidaa guddaa qabu; keessattuu walitti
dhufeenya hawaasummaa cimsuufi namoota harka
qalleeyyii ta’an rakkoo irra akka hin buuneef baay’ee
gargaara.
Liqii fi ergisni wal amantii namootaa irratti waan
hundaa’aniif, namni waa liqeeffatu ykn ergifatu yeroo
nan deebisa jedhee baallame sanitti deebisuu qaba. Yoo
haalli hin mijjaawiniif garuu dursee abbaa irraa liqeeffate
sanitti himuu qaba. Gama biraatiin ergisni meeshaa
irratti waan xiyyeeffatuuf waan ergifatan san sirnaan
eeganii deebisuun barbaachisaadha.
Hirtaa (Yakutoo)
Hirtaan ykn yakutoon aadaa namni dachii qonnaa hin
qabne ykn xiqqoo qabu nama lafa qonnaa bal’aa qabu
irraa fuudhee yeroo oomisha tokkoo ykn waggoota
muraasaaf qotee oomisha argamu san wal qixatti abbaa
dachii waliin addaan hirachuun wal gargaaraniidha.
Abbaan dachii erga lafa isaa hirtaa kennee booda
oomishuma isaa eeggata malee quba hin qabu. Kan
hirtaa fuudhetu lafa kunuunsuu fi akka isiin oomisha
guddaa kannitu waan dandahamu hunda godhee
oomisha irraa galcha. Hanga oomisha addaan
fudhatanitti amanamtummaan waan lafa san irra jiru Nyaachisaan ammoo tooftaa qotiyyoo nama qotiyyoo hin
qabnetti kannanii nyaata isaa dhiheessaafi ittiin
qotatuudha. Haalli kuniis wal gargaarsa hawaasummaa
keessatti gahee guddaa qaba.
Aadaa Oromoo baay’ee miidhagaa keessaa kun isa
muraasa. Aadaaleen biroo baay’eetu jiru. Wanti
dagatamuu hin qabne aadaan saba kamiituu bu’a
qabeessaafi kan miidhaa fidu of keessaa ni qaba. Garuu
wal ni caala. Aadaan Oromoo isa miidhaa fidu irra kan
bu’aa buusutu caala. Ummanni Oromoo bara seerri
addunyaan baafataa ture wal qixxummaa hin beekne
keessa warraaqsa Faransaayii waggaa dhibba hedduun
dursitee seera Dimokraasii ammayyaa irra miidhagaa
tolchee ittiin bulaa ture. Namni seera gadaa kan Maccaa
ykn Tuulamaa ilaale yaada kana sirriitti hubata.
Kanaafuu aadaan saba kanaa haalaan miidhagaadha
jennee ittiin boonna. Garuu yeroo akkana jennu aadaa
Oromoofi amantii waaqeffataa waliin makuu hin qabnu.
Waaqqeffannaan amantii of danda’eedha. Waaqa1 itti
amanuufi sirna mataa isaa qaba; amantichaafi gochaalee
isaa fidanii aadaatti makanii wal burjaajessuun sirrii miti.
1 Jechi waaqa jedhu naannoo gariitti waaqayyoo jedhama. Amantiin
waaqeffataa Gooftaa isaa maqaa kanaan waama. Hiikti isaa sirriin
gooftaa gabbaramu jechuudha. Gooftaa samii jechuudha warri
jedhanis ni jiru. Garuu jecha waaqeffannaa jedhuu wajjin yoo ilaallu
Gooftaa waaqeffatamu (gabbaramu) hiika jedhutu irraa hubatama.



