Maalummaa Sabboonummaa

Jechi sabboonaa jedhu Ingiliffaan ‘nationalism’

Arabiffaan immoo ‘qawmiyyaa’ jedhama. Ingiliffaan

“Free online Dictionary” irra hiikti jiru kan armaan gadii

fakkaata: “fedhii ykn aadaa saba ofiitiif hojjachuu; jaalala

biyyaatiif of wareeguudha. Saboonni walitti guuramuu irra

yoo of danda’anii hojjatan bu’aa qaba yaada jedhuudha.

Kaayyoo guutuu addunyaarra kan saba ofiitti xiyyeeffachuu,

to’annoo alagaa jalaa saba ofii bilisa baasuuf kartoorfatanii

socho’uudha” jedha. Qorannoon Arabiffaa tokko akkana

jedhe: “qawmiyyaan (sabboonummaan) ilmaan ummata

tokkoo akka hariiroon isaan walitti qabuufi ummata biroo irraa

adda isaan baasu jiru amanuudha. Hariiroon isaanii kun kan

dhiigaa (firoomaa), afaanii, aadaa, qaroominaa, seenaa,

dinagdee ykn siyaasaa ta’uu danda’a.”

Barreeffama Jawaar Muhammad irratti guyyaa tokko kan

armaan gadiin arge: “sabboonummaan yaadaafi miira

ummata eenyummaa, aadaa, seenaafi rakkoo waliin qabu tokko

waliin sochoosuun dantaa siyaas-diinagdeefi aadaa ofii ittiin

galma ga’aniidha ( Ideology for mobilization of a collective).”

Hiikti sabboonummaa kuusaa jechoota adda addaa irra

jiru walfakkeenya qabaatus hanga ta’e wal dhaba. Akka

kiyyatti sabboonummaa jechuun bu’aa saba ofii eegsisuu,

seenaa ummatichaa, aadaafi afaan isaa guddisuuf

hojjachuu, maalummaa ofiitiin boonuu, eenyummaa

ofiitti gammaduu, saba ofii kabajuufi bilisummaa

sabichaatiif qabsaa’uudha jedheen yaada. Inni kun

immoo nama qulqulluu sabichaa ta’e tokko keessatti

uumamaan ni argama natti fakkaata. Sabboonummaan

Oromoos kanaan adda hin ta’u. Namni tokko sabboonaa

Oromooti kan jedhamu yoo bu’aa Oromoo eegsisuuf,

aadaafi afaan isaa guddisuuf, seenaa isaa tiksuuf kan

socho’u ta’ee Oromummaa isaatti kan gammadu, saba

isaa kan kabaju, bilisummaa Oromoofi dachii isaatiif kan

qabsaa’u ta’eedha. Sabboonummaan kun yeroo baay’ee

onnee nama Oromoo qulqulluu ta’e irraa madda. Namni

maatii isaa keessaa kallattii ta’een faalame yeroo baay’ee

sabboonummaan isaa hir’uudha.1

Sabboonummaan kun sadarkaa adda addaatti qoodamuu

danda’a. Jawaar Muhammad hiika isaa armaan oliitti



1 Kanaaf akka fakkeenyaatti Haylesillaasee fudhachuu dandeenya.

Maqaan isaa Tafarii Mokonnin Wolde Mikaa’eel Gooddessaati.

Gooddessaan Oromoo Shawaa beekamaadha. Haati isaa

Yeshimmabeet Dajjaazmaach Alii Abbaajifaar beekamaa Oromoo

Wolloo keessaa isa tokko. Inni gara abbaa isaatiinis ta’ee haadhaatiin

Oromootti deebi’a. Firoomni inni Minilikiin qabu kallattii haadha

akaakayyuu isaa Tinnaanee Warqee Sahle Sillaaseetiin. Kallattii kana

qofaan hidda Solomoonawaa jedhee of waamutti kijibaan of hirksee

ummata Oromoo hacuucee miidhaa ture.

aansee sabboonummaa haala armaan gadiitti qoodee

dubbatee ture:

Haaluma kanaan sabboonummaan saba kamiituu

sadarkaa sadi irratti biyya tokko fayyaduu danda’a. Kan

duraa ummanni aadaan, afaaniin, eenyummaafi

diinagdeedhaan cunqurfame roorroo san jalaa bahuuf itti

fayyadamuu danda’a (resistance nationalism). Isa kanaan

sabboonummaa hiree murteeffannaa (self determination)

jechuu dandeenya.

Kan lammaaffaa immoo sabni tokko erga bilisummaa

goonfatee booda tokkummaa isaa eegsisuuf, misoomatti

ummata kakaasuuf, diina ofirraa eeguufi kkf’f faayidaa

guddaa kennuu danda’a. Kana jechuun sabboonummaan

yaada siyaasaa kan qabsoo (resistance nationalism) qofa

osoo hin taane siyaasa bulchiinsaa (governance politics)

keessatti madda hamileefi miira ummataa sochoosu

guddaa ta’ee fayyaduu danda’a.

Kan sadaffaa immoo ummanni tokko yeroo biyyi isaa

cunqursaa jalaa baatee walabummaa isii goonfatte

dantaa siyaasaafi diinagdee isaa daangaa ofii bira cehee

warra biraa biratti babal’ifachuu yoo barbaades

sabboonummaatti fayyadamuu danda’a. Isa kanaan

sabboonummaa babal’ifannaa (expansionist nationalism)

jechuu dandeenya. Fakkeenyaaf biyyoonni Awurooppaa

hedduun sabboonummaatti fayyadamanii erga of

bilisoomsanii booda yeroo dantaa diinagdee isaanii gara

Ameerikaa Kibbaa, Afrikaafi Eeshiyaatti babal’ifachuu

barbaadan sabboonummaatti fayyadaman. Fakkeenyaaf

loltuun biyyoota san koloneeffachuuf ergaman “dantaa

biyya abbaa keetiitiifi ummata keetiitiif wareegami”

jedhamee amansiifameeti ergamaa ture. Barsiisaas ta’ee

bulchaan ergamus qaroomina biyya keetii addunyaa

waliin gahi jedhameeti (civilizing mission). Numa

birattuu loltuun Tigree sabboonummaan guutamee biyya

isaa erga bilisoomsee booda, Oromiyaa dhufee kan du’aa

tureefis dantaa saba kiyyaan eegsisa jedheeti.”1

Dubbii Jawaar kana irraa kan mullatu sabboonummaan

sadarkaa sadii qaba kan jedhuudha. Inni jalqabaa

sabboonummaa bilisa of baasuuf qabsaa’uu, lammaffaan

immoo bilisummaa argame eeguufi biyya ofii qaroomsuu

yoo ta’u sadaffaan immoo qaroomaafi aadaa biyya ofii

sana naannoofi biyyootii biraattis baballisuudha.

Sadarkaan sadanuu yoo sirnaan hogganamee ummata

biraa irraan hacuuccaa hin gahin sabboonummaa

faarfamaadha. Garuu inni sadaffaa kun fakkeenyi yeroo

baay’ee dhihaatu miidhaa ummanni koloneeffattootaa

biyya biraa irraan gahaa turaniidha. Inni kun dhiphina

makatee rakkoo fide. Silaa yaanni (ideology) kamuu yoo

sirnaafi seeraan hin hogganamin rakkoo guddaa

uumuun isaa gaaffii hin qabu. Fkn Kaappitaalizmiin



akka inni qabeenya namoota murtaa’an harka qofa

galchee ummata 90% ol rakkisaaru biyya keenya

keessattuu argaa jirra. Rakkoon sooshiyaalizmiin uumee

tare biyya keenyaaf haaraa miti.

Sabboonummaan biyya keenyaas kanaan addaa miti.

Yoo akeekkachiisa lamaan kitaabni “Seenicha

Suukanneessaa Barri Dhokse” jedhu keessa jiraniin

hogganame malee karaa baduun isaa hin oolu. Isaanis:

inni jalqabaa haaloo qabaachuun haaloo baafachuuf akka

hin yaalle akeekkachiisuu yoo ta’u, inni lammaffaa

immoo “ol aantummaa koo durii maaliifin dhabe?

Maaliifan kabaja dhabe?” jechuudhaan of tuuluun akka

hin biqille cimsinee akeekkachiisna. Isaan lamaanuu

sabboonummaa gara lolaatti nama oofan waan ta’aniif

balleeffamuu qabu. Kitaabichi itti fufee barreessaa wahii

wabeeffachuudhaan akka armaan gadiitti maalummaa

sabboonummaa ibseera:

Eenyummaa ofiitti boonuun isa kaan jibbuu, bilisummaa

argachuun isa kaan irratti haaloo bahuu, ofiin of bulchuun isa

kaan gabroomsuu, mirga dimokraasii argachuun isa kaaniin

“naannoo kiyya gadi lakkisi” jedhanii dirqisiisuun itti

fayyadama mirgaa hiika hin qabne ta’uu isaarrayyuu bu’aan

isaas nageenya booressuu ta’a. Ilaalcha akkasii irratti duuluun

itti gaafatama ummattoota hundaati. Ummanni keenya

daangaa mirga isaa kan dhugaarra osoo hin darbin, mirgasaas

dabarsee osoo hin kennin seenaasaa hundee cimaarratti Oromummaa fi Islaamummaa

ijaarratee jireenya isaa isa sirna nafxenyaatiin duraa sarbame

deebisee akka gonfatu jabeessinee abdanna.1

Sabboonummaan nuti fuulduratti ilaalcha Islaamaatiin

madaallee dubachuuf deemnus isuma kana ta’a. Waa’ee

sabaan of tuuluus hanga ta’e madaala Islaamaa irratti

maal fakkaata kan jedhu ni dubbanna.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top