Jechi sabboonaa jedhu Ingiliffaan ‘nationalism’
Arabiffaan immoo ‘qawmiyyaa’ jedhama. Ingiliffaan
“Free online Dictionary” irra hiikti jiru kan armaan gadii
fakkaata: “fedhii ykn aadaa saba ofiitiif hojjachuu; jaalala
biyyaatiif of wareeguudha. Saboonni walitti guuramuu irra
yoo of danda’anii hojjatan bu’aa qaba yaada jedhuudha.
Kaayyoo guutuu addunyaarra kan saba ofiitti xiyyeeffachuu,
to’annoo alagaa jalaa saba ofii bilisa baasuuf kartoorfatanii
socho’uudha” jedha. Qorannoon Arabiffaa tokko akkana
jedhe: “qawmiyyaan (sabboonummaan) ilmaan ummata
tokkoo akka hariiroon isaan walitti qabuufi ummata biroo irraa
adda isaan baasu jiru amanuudha. Hariiroon isaanii kun kan
dhiigaa (firoomaa), afaanii, aadaa, qaroominaa, seenaa,
dinagdee ykn siyaasaa ta’uu danda’a.”
Barreeffama Jawaar Muhammad irratti guyyaa tokko kan
armaan gadiin arge: “sabboonummaan yaadaafi miira
ummata eenyummaa, aadaa, seenaafi rakkoo waliin qabu tokko
waliin sochoosuun dantaa siyaas-diinagdeefi aadaa ofii ittiin
galma ga’aniidha ( Ideology for mobilization of a collective).”
Hiikti sabboonummaa kuusaa jechoota adda addaa irra
jiru walfakkeenya qabaatus hanga ta’e wal dhaba. Akka
kiyyatti sabboonummaa jechuun bu’aa saba ofii eegsisuu,
seenaa ummatichaa, aadaafi afaan isaa guddisuuf
hojjachuu, maalummaa ofiitiin boonuu, eenyummaa
ofiitti gammaduu, saba ofii kabajuufi bilisummaa
sabichaatiif qabsaa’uudha jedheen yaada. Inni kun
immoo nama qulqulluu sabichaa ta’e tokko keessatti
uumamaan ni argama natti fakkaata. Sabboonummaan
Oromoos kanaan adda hin ta’u. Namni tokko sabboonaa
Oromooti kan jedhamu yoo bu’aa Oromoo eegsisuuf,
aadaafi afaan isaa guddisuuf, seenaa isaa tiksuuf kan
socho’u ta’ee Oromummaa isaatti kan gammadu, saba
isaa kan kabaju, bilisummaa Oromoofi dachii isaatiif kan
qabsaa’u ta’eedha. Sabboonummaan kun yeroo baay’ee
onnee nama Oromoo qulqulluu ta’e irraa madda. Namni
maatii isaa keessaa kallattii ta’een faalame yeroo baay’ee
sabboonummaan isaa hir’uudha.1
Sabboonummaan kun sadarkaa adda addaatti qoodamuu
danda’a. Jawaar Muhammad hiika isaa armaan oliitti
1 Kanaaf akka fakkeenyaatti Haylesillaasee fudhachuu dandeenya.
Maqaan isaa Tafarii Mokonnin Wolde Mikaa’eel Gooddessaati.
Gooddessaan Oromoo Shawaa beekamaadha. Haati isaa
Yeshimmabeet Dajjaazmaach Alii Abbaajifaar beekamaa Oromoo
Wolloo keessaa isa tokko. Inni gara abbaa isaatiinis ta’ee haadhaatiin
Oromootti deebi’a. Firoomni inni Minilikiin qabu kallattii haadha
akaakayyuu isaa Tinnaanee Warqee Sahle Sillaaseetiin. Kallattii kana
qofaan hidda Solomoonawaa jedhee of waamutti kijibaan of hirksee
ummata Oromoo hacuucee miidhaa ture.
aansee sabboonummaa haala armaan gadiitti qoodee
dubbatee ture:
Haaluma kanaan sabboonummaan saba kamiituu
sadarkaa sadi irratti biyya tokko fayyaduu danda’a. Kan
duraa ummanni aadaan, afaaniin, eenyummaafi
diinagdeedhaan cunqurfame roorroo san jalaa bahuuf itti
fayyadamuu danda’a (resistance nationalism). Isa kanaan
sabboonummaa hiree murteeffannaa (self determination)
jechuu dandeenya.
Kan lammaaffaa immoo sabni tokko erga bilisummaa
goonfatee booda tokkummaa isaa eegsisuuf, misoomatti
ummata kakaasuuf, diina ofirraa eeguufi kkf’f faayidaa
guddaa kennuu danda’a. Kana jechuun sabboonummaan
yaada siyaasaa kan qabsoo (resistance nationalism) qofa
osoo hin taane siyaasa bulchiinsaa (governance politics)
keessatti madda hamileefi miira ummataa sochoosu
guddaa ta’ee fayyaduu danda’a.
Kan sadaffaa immoo ummanni tokko yeroo biyyi isaa
cunqursaa jalaa baatee walabummaa isii goonfatte
dantaa siyaasaafi diinagdee isaa daangaa ofii bira cehee
warra biraa biratti babal’ifachuu yoo barbaades
sabboonummaatti fayyadamuu danda’a. Isa kanaan
sabboonummaa babal’ifannaa (expansionist nationalism)
jechuu dandeenya. Fakkeenyaaf biyyoonni Awurooppaa
hedduun sabboonummaatti fayyadamanii erga of
bilisoomsanii booda yeroo dantaa diinagdee isaanii gara
Ameerikaa Kibbaa, Afrikaafi Eeshiyaatti babal’ifachuu
barbaadan sabboonummaatti fayyadaman. Fakkeenyaaf
loltuun biyyoota san koloneeffachuuf ergaman “dantaa
biyya abbaa keetiitiifi ummata keetiitiif wareegami”
jedhamee amansiifameeti ergamaa ture. Barsiisaas ta’ee
bulchaan ergamus qaroomina biyya keetii addunyaa
waliin gahi jedhameeti (civilizing mission). Numa
birattuu loltuun Tigree sabboonummaan guutamee biyya
isaa erga bilisoomsee booda, Oromiyaa dhufee kan du’aa
tureefis dantaa saba kiyyaan eegsisa jedheeti.”1
Dubbii Jawaar kana irraa kan mullatu sabboonummaan
sadarkaa sadii qaba kan jedhuudha. Inni jalqabaa
sabboonummaa bilisa of baasuuf qabsaa’uu, lammaffaan
immoo bilisummaa argame eeguufi biyya ofii qaroomsuu
yoo ta’u sadaffaan immoo qaroomaafi aadaa biyya ofii
sana naannoofi biyyootii biraattis baballisuudha.
Sadarkaan sadanuu yoo sirnaan hogganamee ummata
biraa irraan hacuuccaa hin gahin sabboonummaa
faarfamaadha. Garuu inni sadaffaa kun fakkeenyi yeroo
baay’ee dhihaatu miidhaa ummanni koloneeffattootaa
biyya biraa irraan gahaa turaniidha. Inni kun dhiphina
makatee rakkoo fide. Silaa yaanni (ideology) kamuu yoo
sirnaafi seeraan hin hogganamin rakkoo guddaa
uumuun isaa gaaffii hin qabu. Fkn Kaappitaalizmiin
akka inni qabeenya namoota murtaa’an harka qofa
galchee ummata 90% ol rakkisaaru biyya keenya
keessattuu argaa jirra. Rakkoon sooshiyaalizmiin uumee
tare biyya keenyaaf haaraa miti.
Sabboonummaan biyya keenyaas kanaan addaa miti.
Yoo akeekkachiisa lamaan kitaabni “Seenicha
Suukanneessaa Barri Dhokse” jedhu keessa jiraniin
hogganame malee karaa baduun isaa hin oolu. Isaanis:
inni jalqabaa haaloo qabaachuun haaloo baafachuuf akka
hin yaalle akeekkachiisuu yoo ta’u, inni lammaffaa
immoo “ol aantummaa koo durii maaliifin dhabe?
Maaliifan kabaja dhabe?” jechuudhaan of tuuluun akka
hin biqille cimsinee akeekkachiisna. Isaan lamaanuu
sabboonummaa gara lolaatti nama oofan waan ta’aniif
balleeffamuu qabu. Kitaabichi itti fufee barreessaa wahii
wabeeffachuudhaan akka armaan gadiitti maalummaa
sabboonummaa ibseera:
Eenyummaa ofiitti boonuun isa kaan jibbuu, bilisummaa
argachuun isa kaan irratti haaloo bahuu, ofiin of bulchuun isa
kaan gabroomsuu, mirga dimokraasii argachuun isa kaaniin
“naannoo kiyya gadi lakkisi” jedhanii dirqisiisuun itti
fayyadama mirgaa hiika hin qabne ta’uu isaarrayyuu bu’aan
isaas nageenya booressuu ta’a. Ilaalcha akkasii irratti duuluun
itti gaafatama ummattoota hundaati. Ummanni keenya
daangaa mirga isaa kan dhugaarra osoo hin darbin, mirgasaas
dabarsee osoo hin kennin seenaasaa hundee cimaarratti Oromummaa fi Islaamummaa
ijaarratee jireenya isaa isa sirna nafxenyaatiin duraa sarbame
deebisee akka gonfatu jabeessinee abdanna.1
Sabboonummaan nuti fuulduratti ilaalcha Islaamaatiin
madaallee dubachuuf deemnus isuma kana ta’a. Waa’ee
sabaan of tuuluus hanga ta’e madaala Islaamaa irratti
maal fakkaata kan jedhu ni dubbanna.


