Aadaa wal gargaarsaa keessaatti gumaanni baay’ee
beekamaadha. Keessattuu nama fuudhe ykn heerume
ykn dubartii deesseef kan kennamu yoo ta’u dabree
dabree namoota jaatanii mana ijaaruutti jiraniif illee ni
godhama. Gumaanni yeroo baayyee gamtaan kan
godhamu yoo tahu yeroo tokko tokko garuu
dhuunfaanis namaaf kennuu ni danda’ama. Gumaatni
hiriyummaa, firummaa fi wal beekumsa birootiin waliif
kadhatama.
Guyyoota muraasa dursee namni gumaata kadhatu
nama beeku hundatti himachuu qaba. ‘Guyyaa akkanaa
gumaata naaf kottu’ jedhee itti himata. Namni
kadhatames guyyaa itti affeerame sanitti qophaa’ee,
waan barbaachisu qabatee iddoo itti kadhatametti argama. Gumaatni dubraa fi dargageessaa galgala taha.1
Naannoo Jimmaatti yeroo duraanii Peestaa naqachuu
waan jedhamutu jira. Adeemsi isaa cidhaan wal fakkaata.
Garuu kaayyoon isaa abbaa Peestaa sanaatiif gumaata
funaanuu qofa.
Kennaan shamarraniifi dardarri gumaataaf waliif kannan
maallaqa. Gumaatni haawwanii garuu irra baay’ee
guyyaa taha. Kennaan isaanii garuu maallaqa ykn
kennaa biraa kan akka nyaataas tahuu mala. Kaayyoon
isaas nama fuudhe ykn dubartii deesse dinagdeen
guddisuu keessatti gahee guddaa qaba.
Afooshaa
Aadaan kun haawasni akkaataa qubsuma isaanii irratti
hundaa’uudhaan walitti ijaaramanii jireenya
hawaasummaa keessatti tooftaa itti wal gargaaraniidha.
Du’aa fi jiruu, gaddaa fi gammachuu, sadoo fi gadadoo
keessatti wal bira dhaabbachuun aadaa itti wal
gargaaranii fi wal bira dhaabbataanii ittiin wal
jajjabeessaniidha.
Yeroo cidhaa, du’aa fi haajaa garagaraa ulfaataa keessatti
namoonni miseensa afooshaa ta’an hunduu hirmaachuu
dirqama qabu. Afooshaan kun aadaa wal gargaarsaa kan
biroo irraa wanni adda isa godhu yoo jiraate, seera ittiin Oromummaa fi Islaamummaa
58
bulmaataa mataa isaanii qabaachuu caalaa yeroo gara
yerootti bal’achaa, dagaagaa dhufuu isaati.
Miseensonni afooshaa heera bulmaataa ofii isaaniitii
baafatanitti waan bulaniif, namni dambii cabse sirnaan
adabama. Kanaaf seera ittiin bulmaata isaanii baay’ee
kabaju. Haalli kun immoo ummatni seera namni biraa
baasee ittiin bulaa jedhu irra kan ofiif baafatanitti sirnaan
buluu akka jaalatan namatti mul’isa


