Namoonni dabaree naqachuudhaan hojii walii irratti
daadoodhaan wal gargaaru. Namoonni daadoo waliin
hojjatan dabaree naqatanii guyyaa tokko nama tokkoof
hojjatanii guyyaa itti aanutti nama isa kaaniif hojjatu.
Haala kanaan miseensota hundaaf hojjatamee wal ga’a.
Marsaa lammaffaaf ammas irra deebi’amee jalqabama.
Akkuma daboo hojiin hojjatamu dursamee himama.
Meeshaan hojichaaf barbaachisu fudhatamee dhaqama.
Daadoo keessatti kan nama siif hojjatee kaffaluun
dirqama; daboon garuu dirqamaa miti. Faraqee ykn
marroo Hararitti argamu ilmi Sheekh Bakrii Saphaloo
dubbateen hanga ta’e walitti dhihaata. Garuu daadoon
hojii humnaa qofa irratti hundaa’a
Faraqee (Marroo)
Aadaan wal gargaarsaa kun akkaataa walitti dhiheenya
nama lamaafi lamaa oliin humnaan ykn qabeenyaan
marrotti (tartiibaan) itti wal gargaaraniidha. Warra
dhiiraas tahee warri dubartii marroo walitti seenuu
danda’u. Warri dhiiraa humna isaaniitin walitti dhufuun
ykn qotiyyoo walitti hidhachuun tartiibaan hojii isaanii
irratti wal gargaaru.
Dubartoonni humna isaaniitiin ykn qabeenya akka
aannanii walitti ida’achuun guyyaa guyyaan akka
gurgurataniif marroo deeman. Humnaan yoo marroo
walitti seenan dubartootni ollaa tokko jiraatan midhaan Oromummaa fi Islaamummaa
56
qabiyyee wal qixaa wal bira fidachuun mooyyee waliin
tumu. Dura kan nama tokkoo eega fixanii booda kan
nama kaaniitti dabru.
Qabeenya irratti yoo marroo walitti seenan garuu
dubartoonni ganda tokko keessa jiraatan kan loon
ilmamu qaban aannan qabiyyee wal qixaa walitti
dabalachuudhaan guyyaa tokko nama tokkoof kennuun
akka gurguratu taasisu; guyyaa itti aanu immoo nama
biraatiif kennuudhaan wal gargaaru.


