Seera Islaamaa keessatti ummanni sabaan, afaaniin,
bifaafi aadaan adda ta’uun uumaa Rabbiin jalqaba irratti
uumeedha. Isa kana jijjiiruun gonkuma hin danda’amu.
Uumama waan ta’eefis ittiin qabsaa’uu hin barbaachisu.
Rabbiin ni jedhe:


Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumne; akka
wal beektaniif jechas sabootaafi gosoota adda addaa isin
taasifne. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin

1 Qorannoo (Risarchii) Afrikaa Kibbaatti dhihaate maqaan isaa
“Islaamni Habashaa Keessa Baballachuu” jedhamu yoo ta’u Oromummaa fi Islaamummaa
118
sodaataa keessani. (Alhujuraat:13)
Aayanni kun ilaalcha Islaamni qoodama afaaniifi sabaa
ilaalchisee qabu qabxii sadiin ibsuu isaa dubbannee
dabarsine. Isaanis:

  1. Uumamaan akka ummanni dhiiraafi durba, sabaafi
    sablammootatti qoodaman nutti hime. “Sabootaafi gosoota
    adda addaa isin taasifne” jedhe.
  2. Bu’aa sabaafi sablammiin adda adda ta’uu nutti hime.
    Innis “akka wal beektaniif” nuun jedhe.
  3. Amala nuti qabaachuu qabnus nu barsiise. Innis
    “Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa
    keessani” nuun jedhe.
    Qabxiilee kana boqonnaa darbe keessatti tokko tokkoon
    ibsineerra. Ummanni afaaniifi halluun isaa wal
    dhabuunis mallattoo dandeettii Rabbii keessatti
    ramadama. Kanaafuu Rabbiin ni jedhe:


Samiifi dachii uumuu, arrabni (lugaan) keessaniifi bifti keessan
waldhabuunis mallattoo (raajii) Isaa irraayyi. Dhugumatti,
kana keessa aalama hundaaf mallattoolee (raajiiwwantu) jiru.
(Arruum: 22)
Islaama biratti afaan kamuu waluma qixa; namni afaan
fedhe dubbateedhaaf wal hin caalu. Kanaafuu Ergamaan Oromummaa fi Islaamummaa
119
Rabbii (saw) afaan Yahuudaa barachuu Zayd bin Saabit
ajajanii turan.


Zayd bin Saabit ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) “Afaan
Suryaaniyyaa (Yahuudaa) ni beektaa? Kitaaboleen isii yeroo
garii natti dhuftii” jedhan. Hin beekun jedhe. “Isii baradhu”
naan jedhan. Guyyaa kudha torba keessattin isii baradhe.1
Asirratti qabxiin nama hundaaf ifa ta’uu qabu seerri
Islaamaa Afaan Arabaatiin bu’e. Ibaadaan
(waaqeffannaan) Rabbiin ajajes akkuma Nabiyyichi (saw)
hojjatanitti ta’uu waan qabuuf afaanuma sanaan ta’a.
Namni Qur’aana qara’us afaanuma Arabaatiin qara’a.
Kan afaan biraatti hiikame Qur’aana osoo hin taane hiika
Qur’aanaa jedhama. Sababni isaas hiikichi haasaa
namaati malee haasaa Rabbiitii miti. Fkn ani Qur’aana
afaan Oromootti hiikeera. Yeroon hiiku jechoolee
afaanichaa keessaan ofii kiyyaa filadhee barreesse.
Dogoggorris keessa jiraachuun isaa ni mala. Qur’aanni
inni Rabbiin buuse immoo jecha Rabbiiti; dogoggoras hin
qabu. Yeroo falmii wahiis ragaa kan ta’u isa Arabiffaati
malee hiika namootaatii miti. Kanaafuu namni jecha
Rabbii kallattiin dubbisuu fedhe Isa inni Arabiffaan
buuse sana qara’uu qaba malee hiika isaatii miti; inni

مسند أحمد ط الرسالة )35 / 463(: .gabaase Ahmadtu 1 Oromummaa fi Islaamummaa
120
jecha Rabbiitii miti waan ta’eef. Arabiffumatti osoo akka
biraatti hiikamee ykn qubeen tokko keessaa jijjiiramee
inni jecha Rabbiitii miti. Qara’amus mindaan qiraatii
ittiin hin argatamu. Wanti Islaama amantii biraa irraa
adda godhu guddaan tokko isa kanaayyu. Kitaabni
amantichaa akkuma Rabbiin buuseen argama. Afaan isaa
dhiisii qubeen isaa tokko hin jijjiiramu. Kan Qur’aanni
kaafamu yeroo Qiyaamaan dhihaate qofa. Kitaabni
amantii biraa tokkollee afaan ittiin buufameen hin jiru.
Osoma jiraatees shaaramuun isaa beekamaadha.
Sababa kanaaf ibaadaan akka salaataa, azaanaa, hajjiifi
kkf afaan ittiin Rabbiin buuseefi Ergamaan Rabbii (saw)
dubbataniin geggeeffama. Kanaan ala wanti jiru hunduu
afaan namni beekuufi hubatuun itti himamuu qaba.
Kanaafuu Rabbiin ergamoota hundaa afaan saba
isaaniitiin erge. Ergamaan keenya garuu kan addunyaa
guutuu waan ta’aniif afaan ummata hundaatiin erguun
hin mijaa’u ture.
Yeroo biyya keenyatti as deebinu immoo akka afaan
Islaamaatti kan ilaalamu Afaan Oromooti. Sababa
Ummanni Oromoo baay’een Muslima ta’eef Afaan
Oromoo bakka baay’eetti afaan Islaamaa jedhamee
beekama. Islaamaanis hariiroo dheeraa qaba. Faallaa
kanaa immoo Amaariffi afaan Kiristaanaa jedhamee
beekama. Sababni isaas amantiin Kiristaanaa Afaan
Amaaraafi ummata Amaaraatiin hariiroo guddaa qaba Oromummaa fi Islaamummaa
121
waan ta’eef. Naannoo Oromiyaa baay’ee keessatti yeroo
dheeraadhaaf bakka jecha Kiristaana jedhuu Amaara kan
jedhu fayyadamu turan. Yeroo dhiheenyaa kana keessa
Amaarri saba akka ta’e labsame malee abbootiin keenya
jecha Amaara jedhu irraa amantii Kiristaanaa, kan
Oromoo jedhu irraa immoo Islaama jechuu malee waan
biraa hin hubatan ture. Wanti kun ummata Oromoo
biratti qofa osoo hin taane sabootii biroo birattillee hiikti
isaa akkasuma ture. Namoota saba Amaaraafi Silxee irraa
ta’anis gaafadhee jechi kun isaan birattis hiika kana akka
qabu natti himan. Akka namni Amaaraa tokko naaf
himetti manguddooleen Amaaraa kan Amaara jechuun
saba osoo hin taane amantii Kiristaanaati jedhanii falman
ammas ni jiru. Ammas ummata hunda birattuu qalma
Amaaraa jechuun qalma Kiristaanaa jechuu akka ta’e
beekamaadha. Kun seenaa dhugaa biyya keenya
tureedha; garuu yeroo ammaa isa dhoksuuf yaalii
guddaatu godhamaara. Akka Oromoon hariiroo guddaa
Islaamaan qabu dhoksuuf kana carraaqu. Garuu dhugaa
dhoksuun eenyuunuu hin fayyadu.1

1 Yaada kana ilaalchisee mudannoo baay’eetu jira. Yeroo tokko ani
masjida barattoonni Yunivarsitii Jimmaa baay’inaan fayyadaman
keessattin Afaan Amaaraa haasa’e. Ogga kana dardarri Yunivarsitii
baratu wahii tokko na dhaga’ee baay’ee na lole. “Bataskaana seete
moo? Akkamuma Afaan Amaaraa masjiida keessatti dubbatta?”
naan jedhe. Sanatti hin gabaabsineewuu “yoo kan ati Afaan
Kiristaanaa kana itti fuftee masjida keessatti dubbattu ta’e masjida
kana lammata hin dhufu” jedhee na akeekkachiise. Akkasumas
Salaahaddiin abbaan kitaaba kana gulaales guyyaa tokko mudannoo Oromummaa fi Islaamummaa
122
Sababni ummanni Oromoofi saboonni biroo amantii
Islaamaafi Oromummaa walitti hidhaniif inni guddaan
ummanni Oromoo harki caalu Muslima ta’uu yoo ta’u,
kallattiin guddaan Islaamni ittiin biyya keenya keessatti
baballate Afaan Oromootiin ta’uufi kan inni ittiin
baballates ummata Oromootiin ta’uu isaati. Akkasuma
ummanni Oromoo yeroo amantii Islaamaa fudhatan
waraana tokko malee fedhii isaaniitiin qabiyyee
amantichaa madaalanii ilaalanii dhugaa isaa baruudhaan
ture. Matadureen Afaan Oromoofi Islaama jedhu
bal’aadha. Bal’inaan gumaacha Islaamni Afaan
Oromootiif buuse isa jedhu jalatti dubbadheera. Sana
dubbisuu akka hin daganne.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top