Ibsa armaan olitti dabarsine irraa ummanni Oromoo
yeroo ammaa yoo xiqqaate dhibbentaa 70% ol
Muslimoota akka ta’an ni hubanna. Akka ibsa
Muhammad Haamiddiinitti “ummanni Oromoo
waaqeffataa irraa gara Islaamaatti deebi’uudhaan
dhibbentaa 80% ol Muslimoota ta’an. Islaama tumsuu
keessattis gahee turaa guddaa qabu. Hojii kana keessatti
wareegama guddaa kafalan. Warri Kiristaanotaan wal
makatan ni kiristaanoman. Xiqqoon isaanii immoo
naannoo Boorana kibbaa keessatti waaqeffannaa irratti hafan.”1 Tilmaamni Muhammad Hasan immoo Oromoon
dhibbentaan 70 Muslimoota jedha. Lakkoofsi tilmaama
biyyattii garuu faallaa kanaati. Isaan biratti hanga
danda’ameen lakkoofsi Oromoofi Muslimootaa gaduma
hir’ifamuutu irra jira waan ta’eef. Lakkoofsa dhugaa
irratti hin hundoofne, kaayyoo siyaasaa qofaan
hogganamu gonkumaa dhugeessuun nama rakkisa.
Oromoofi Islaama ogga jennu aadaa Oromoo, Afaan
Oromoofi seenaa isaa hariiroo inni Islaamaan qabu
ilaaluudhaafi. Kanaafuu mataduree armaan gadiitti
qoodee kaa’e.
4.1.1 Isla

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top