Aadaa jechuun waan ummanni tokko bara dheeraa hojjachuudhaan ittiin wal bare ykn aadeffate jechuudha. Qabxiin namni hunduu hubachuu qabu sabni kamuu

3
aadaalee gaggaarii deeggaramuufi aadaalee hamaa
sirreeffamuu qabu hammateera. Kana jechuun gochi
tokko aadaa saba wahii keessa jira jechuun gochi sun
waan gaarii ta’uuf ragaa miti jechuudha. Aadaaleen saba
kamiituu hanqina mataa isaa qaba waan ta’eef. Aadaan
miidhaa dhaqqabsiisan aadaa saba hundaa keessawuu ni
jira. Fkn durba butanii fuudhuun aadaa saba Oromoofi
kan biroo keessa durii kaasee ni jira ture. Garuu gochi
kun osoma aadaa saba hundaa ta’uu miidhaa
dhaqqabsiisuun isaa waan mirkanaa’eef seeraan
dhorgamee namni kana godhe yeroo ammaa adabbii
guddaa adabama. Wanti tokko aadaa saba akkanaa
keessa tureera jechuun gochi sun bara dheeraaf
hojjatameera jechuu nu agarsiisa malee eeyyamamaa ykn
gocha gaarii ta’uu isaa hin agarsiisu.
Islaamni immoo aadaa hunda irraayyuu isa gaarii ni
deeggara; isa miidhaa dhaqqabsiisu ni balaaleffata.
Aadaan Oromoos akkasuma. Islaama keessatti inni
gaariin ni deeggarama; inni miidhaa dhaqqabsiisu ni
balaaleffatama. Maqaa aadaadha jedhuun badii adda
addaa karaa godhuuf socho’uun dogoggora guddaadha.
Aadaan saba kamiitu Islaama keessatti seera sharii’aatiin
madaalamuu qaba. Yeroo Nabiyyichi (saw) Arabootatti
ergaman Araboonni aadaa baay’ee qabu turan. Kan
Nabiyyichi (saw) isaan harkatti mormaa turan
aadaadhuma Araboonni waggaa dheeraa irra turan sana.
Araboonnis akkam waan abbootiin keenya hojjataa turan Oromummaa fi Islaamummaa
124
nu dhorgita jechuudhaan isaan mormaa turan.
Nabiyyicha keenya qofa osoo hin taane nabiyyoota
duraatiinis “akkamuma gocha abbootiin keenya hojjataa
turan hojjachuu irraa nu dhorgita” kan jedhuun lola
guddaa jidduu isaaniifi ummataatti baneera. Ummanni
Arabaa aadaa gadhee baay’ee uumanii hojjataa turan.
Yeroo Ergamaan Rabbii (saw) isaan dhorgan dhaga’uu
didan. Gocha abbootii isaaniitiin boonan. Rabbiin ni
jedhe:

Yeroo “gara waan Rabbiin buuseefi gara ergamichaa kottaa”
isaaniin jedhame “wanti nuti abbootii keenya irratti argine
nuuf ga’aadha” jedhu. Sila odoo abbootiin isaanii homaa kan
hin beekneefi karaa hin qajeelle ta’aniis [isaanuma hordofuu]?
[Almaa’idaa:104]
Akkasuma ummanni Samuudis yeroo nabi Saalih [A.S]
isaanitti ergamee Rabbiin qofa gabbaruutti isaan waamu
akkam waan abbootiin keenya gabbaraa turan gabbaruu
nu dhorgita jedhanii itti yaa’essan. Waan Rabbiin isaan
ilaalchisee buuse kana ilaali:

Gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalihiin [ergine]. Ni jedhe:
“Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa. Isa malee dhugaan
gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Inni dachii irraa isin
uumeeti, ishee keessa isin jiraachise. Kanaaf araarama Isa qofa
kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Dhugumatti,
Gooftaan kiyya [beekumsa Isaatiin] dhihoodha;
awwaataadhas.” Ni jedhan: “Yaa Saalih! Ati kana dura nu
keessatti nama kajeelamaa turte. Sila ati waan abbootiin keenya
gabbaraa turan gabbaruu irraa nu dhorgitaa? Nuti waan ati
itti nu waamtu irraa shakkii guddaa qabna.” [Huud: 61-62]
Fir’awnis yeroo Muusaan ergaa tawhiidaa Rabbiin biraa
itti fidu aadaa ragaa godhachuuf yaale. Rabbiin keessan
eenyu jedhee Muusaafi Haaruuniin gaafate. Ogga isaan
deebii sirrii isaaf deebisan aadaa ummata darbanii ragaa
godhachuuf yaadee “ummanni keenya warri darban hoo
akkam ta’u?” jedhee gaafate. Rabbiin ni jedhe:

“Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe. [Muusaanis]
“Gooftaan keenya Isa waan hundaaf akkaataa uumama isaa
isaaf kennee sana booda isa qajeelcheedha” jedhe. [Fir’awnis]
“haalli ummata darbanii hoo akkam ta’a?” jedhe. [Muusaanis]
“beekumsi isii Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira. Gooftaan
kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus” jedhe. [Xaahaa: 49 – 52]. Oromummaa fi Islaamummaa
126
Ragaan kanaa baay’eedha. Walumaa galatti waan
Rabbiin hin jaalanne ykn waan miidhaa of keessaa qabu
hojjachuuf aadaa ragaa godhachuun karaa warra jajallaa
duriiti malee waan haaraa har’a eegalamee miti.
Kanaafuu haqa barbaaduufi aadaa jallinaa irraa
fagaachuun dirqama keenya. Aadaan nuti ittiin boonuu
qabnu aadaa isa bu’a qabeessa, ummataafi biyya fayyadu
malee kan Rabbiin dallansiisu ykn ummata miidhuun
miti. Aadaan miidhaa qabu jijjiiramuufi fooyyeffamuu
qaba.
Aadaa Oromootti yoo deebinu immoo baay’een isaa
waan nama boonsuudha. Isaan keessaa akka
fakkeenyaatti arjummaa, gootummaa, aadaa wal
gargaarsaafi kkf boqonnaa darbe keessatti dubbanneerra.
Inni kun waan Islaamni sirriitti deeggaruudha. Yeroo
ammaa aadaan akkasii hir’achuudhaan rakkoon hawaasa
mudataara. Aadaan akkasii ammas sirriitti
jajjabeeffamuu qaba. Akkasumas aadaa Oromoo turaa
keessa aadaan miidhaa dhaqqabsiisan ni jiru. Sana
malees aadaan seerri Islaamaa hin eeyyamne ni jira.
Qabxiin hubatamuu qabu aadaan ummata tokkoo
baay’een isaa jalqaba waan irraa madde qaba. Wanti inni
irraa maddu kun amantii, haala jireenyaa, seera biyyicha
keessa duraan ture, mudannoo adda addaafi kkf ta’uu
danda’a. Fkn amantii Islaamaa keessatti huccuu adii kan
akka dawrii (mudawwaraa) uffachuun jaalatamaadha. Ummanni Arabaa yeroo dheeraaf sana uffachuudhaan
aadeffatanii aadaa isaanii ta’eera. Ummanni sun haa
aadeffatan malee inni ammas kanuma sharii’aa
Islaamaati. Biyya keenya keessatti dubartoonni Amaaraa
huccuu adii kan suuraan masqalaa irra jiru uffachuu
aadeffataniiru. Aadaa Amaaraa ta’ee kan inni
miidiyaalee adda addaatiin dhiheeffamus ni argaarra.
Shakkii tokko malee huccuun aadaa isaanii kun amantii
Kiristaanaa irraa madde. Huccuu kana Muslimtittiin
Amaaraa tokko aadaa keenya jechuudhaan uffachuun
gonkuma hin eeyyamamu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top