aadaan amantii wahii
irraa madde maalummaa amantii sanaa waan ibsuuf yoo
bu’uurri isaa Islaama keessa hin jiraanne amantii
Islaamaa keessatti dhorgamaadha. Aadaan sun kan saba
fedhee ta’uu danda’a. Yeroo Ergamaan Rabbii (saw)
ergaa Rabbiin biraa fidan Araboonni aadaa baay’ee qabu
turan. Isaan keessaa sanama (taabota) gabbaruun aadaa
amantii irraa fudhatame isa beekamaadha. Kanaafi
kanneen biroo waan seera Rabbii faallessan sirriitti dura
dhaabatanii falman. Fkn huccuun dubartoonni Amaaraa
aadeffatanii uffatan masqala qabu dubbannee dabarsine
Islaama keessatti dhorgamaa ta’uun shakkii homaa hin
qabu. Akkasuma ayyaanni amantii wahii keessaa dhufee
sabni tokko aadeffate amantii Islaamaa keessatti
ayyaaneffachuun guutummaan guutuutti dhorgamaa
dha. Fkn naannoo Amaaraatti ayyaana amantii

Kiristaanaa waliin ayyaaneffachuun yeroo dheeraaf
aadeffatamee ture. Ayyaana kana isaanii wajjin
ayyaaneffachuun dhorgamaa ta’uu bira taree sadarkaa
Islaama keessaa nama baasuutti sodaatama. Wal
danda’uun bakka kanatti barbaachisu ogga isaan
ayyaaneffatan mirga isaanii kabajanii kan isaanii tuquu
dhiisuudha malee isaanii wajjin ayyaaneffachuu miti.
Isaanii wajjin ayyaaneffachuun wal fakkaachuudha
malee wal danda’uu miti. Ayyaanni jijjiirraa bara
Itoophiyaa ammaa kan amantii Ortodoksii Gibxii ta’uu
namni keenya baruu qaba. Yeroo ammaa garuu ummata
harkaa wal makachuu eegaleera. Inni kan warra
Ortodoksii bataskaana Gibxii hordofu qofaaf ayyaana
malee Muslima hin ilaallatu; ayyaaneffachuun isaas
yakka guddaadha.
Aadaa Oromoo keessattis aadaaleen amantii waaqeffataa
irraa dhufan baay’eetu jiru. Fkn ayyaana Irreechaa
fudhachuun ni danda’ama. Akka aadaatti haa labsamu
malee maddi isaa amantii waaqeffannaati. Isa
ayyaaneffachuun Islaama keessatti hin eeyyamamu.
Gochi bakka ayyaaneffannaa isaatti geggeeffamus
amantii ta’uu isaa kallattiidhaan agarsiisa. Inni jalqabaa
kaayyoon isaa waaqa galateeffachuudha kan jedhu
mataan isaa amantii ta’uu isaatiif ragaa quubsaadha.
Bakka kanatti sirriitti hubachuun dirqama. Namoonni
baay’een ogga Oromoo Muslima Kiristaana godhuu
dadhaban maqaa aadaatiin Islaama isaanii irraa isaan Oromummaa fi Islaamummaa
129
laaffisanii amantii duudhaatti deebisuuf shira xaxaarantu
jiru. Kanaafuu ummanni keenya maalummaa aadaa
isaafi dirqama amantii isaa hubachuu qaba. Namni
Muslimaa tokko aadaa Oromooti jechuudhaan seera
Rabbii diiguun gonkumaa hin eeyyamamu. Akkuma
dubbannee dabarsine aadaan gocha tokkoof ragaa ta’uu
hin danda’u. Osoo namni tokko intala kee butee fuudhee
aadaa Oromooti jettee ni dhiiftaa? Wallaahii hin dhiiftu.
Haqni Rabbii mirga keetii gadii miti. Yeroo aadaafi seerri
Rabbii wal faallesse gaaffii tokko malee seera Rabbii
fudhachuun dirqama ta’a.
Akkasuma gaaffiin sammuu wallaalaa keessatti yeroo
garii uumamu ni jira. Innis “yoo sabboonummaafi seerri
Rabbii wal faallesse isa kamin fudha?” kan jedhuudha.
Jalqabuma sabboonummaa sirriiniifi sharii’aan wal hin
faallessu. Gaaffii kana deebisuuf jalqaba hiika isaatti
deebinee haa ilaallu: sabboonummaa jechuun fira ofii
akkasuma mataa ofii jaalachuudha. Sharii’aan immoo
Rabbiin jaalachuudha. Namni Muslimaa tokko jaalala
Rabbii irra kan fira isaa ykn kan mataa isaa dursuun
gonkumaa irraa hin eegamu. Kan Oromoo si godhe
Rabbii Isa si uume malee ati ofii keetiif filattee hin
uumamne. Kanaafuu jaalala Rabbii si uumee irra jaalala
saba inni keessatti si uumee ykn lubbuu keetii dursuun
sirraa hin eegamu. Oromummaa fi Islaamummaa
130
Aadaa ilaalchisee kan amantii Kiristaanaa irraa dhufe
aadeffachuun akkuma hin eeyyamamne kan waaqeffataa
irraa dhufes aadeffachuun Islaama keessatti gonkuma
hin eeyyamu. Kanaafuu ayyaana waaqeffataa
ayyaaneffachuu osoo hin taane kan nurraa eegamu mirga
warra ayyaaneffatuu kabajuudha. Haala kanaan amantii
walii waliif kabajanii jiraachuun dirqama lammiiti. Warri
amantii Kiristaanaa ykn waaqeffataa ayyaana amantii
Islaamaa Muslimaa waliin ayyaaneffachuun yoo
amantiin isaanii isaaniif eeyyame rakkoo hin qabu.
Garuu yoo amantiin isaanii kan hin eeyyamne ta’eef
seera amantii isaanii diiguun isaan irraa hin eegamu. Kan
isaan irraa eegamu ogga nuti ayyaaneffannu mirga
keenya nuuf kabajuu qofa. Garaa garummaa kanaa
waliin tokko ta’anii biyya waliin guddisuun wal
danda’uu miidhagaadha.
Yoo kana hin taane ani oggan ayyaana Kiristaanaa tokko
ayyaaneffadhu seera Islaamaa faallessuun ykn cabsuun
kiyya dirqama natti ta’a. Fkn ayyaana Kiristaanaa keessa
guyyaa Gooftaan ykn ilmi Rabbii dhalate jedhanii isaan
ayyaaneffatantu jira. Muslimni ykn waaqeffataan yaada
waaqni ni dhalata ykn ilma argata jedhu mormaa
ayyaana kana haala kamiin isaanii wajjiin
ayyaaneffachuu danda’a? Rabbitu dhalate ykn ilma
argate jechuu Muslimni ayyaaneffataa? Kun Islaama
keessaa nama baasuun isaa shakkii homaa hin qabu. Garuu mirga warra ayyaaneffatuu kabajuufi wal
danda’uun dirqama ta’a

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top