Aadaaleen boqonnaa taran keessatti
dubbanneefi kanneen biroo baay’eetu Islaamaan wal
galu. Aadaa akkasii Islaamni sirriitti deeggara;
jajjabeeffamuus qaba. Garuu wanti seera Rabbii faallessu
Muslima irraa hin eegamu. Fkn shamarran dhiiraan wal
makatanii sirbuufi kkf maqaa aadaatiin Muslima
keessatti geggeeffamuu hin qabu. Gochi kun badii
guddaa ta’uu bira taree sagaagalatti nama geessa. Kun
Rabbiin dallansiisuu qofa osoo hin taane hawaasichas
hawaasa diigamaa naamuusa hin qabne taasisa. Seerri
Rabbii silumaa bu’aa hawaasa hundaatiif kan
kaa’ameedha waan ta’eef Muslimni hunduu seera Rabbii
hojiirra oolchuu qaba.
Qabxiin biraa immoo amantiin Waaqeffataa kan duraan
Oromoon irra ture amantii Islaamaatiin hariiroo guddaa
qaba. Fkn Rabbii tokkichatti amanuu, akka inni waan
hunda uume, waan hunda danda’uufi hundaawuu to’atu
amanuun amantii lamaan keessattuu ni argama.
Ummanni Oromoo durii eegalee akka waaqni tokkichi
wantoota hunda uume, isaan to’atu, samii ol jiru, wanti
inni fedhe uumamuufi kan inni hin feene akka hin
argamne ni amana. Islaama biras yoo dhaqxe yaadichi
kanuma. Faallaa kanaa immoo warra amantii Kiristaanaa Oromummaa fi Islaamummaa
132
bira yoo dhaqxe amantii samii bu’e ta’uu waliin
yaadrimee waaqaa ilaalchisee jalqabuma irraa
tokkummaan waaqaa isaan itti amanan hiikti isaa nama
rakkisa. Yeroo garii Yesuusuma qofatu waaqa jedhanii
labsu. Osoo isa qofa ta’ee tokkicha jechuun ni mijaa’a.
Garuu akkamitti namni garaa dubartii keessa ji’a baay’ee
taa’ee kallattii qaama saalaatiin dhalate waaqa samiifi
dachii uume ta’aan gaaffiin yoo isaan mudate immoo
inni ilma Waaqaati malee ofii isaatii waaqa samiifi dachii
uumee miti yaada jedhutti dabu. Ammas yoo “sila
waaqni akka namaatti niitii fuudhee waliin ciisee ilma
dhalchee” gaaffiin jedhu isaan mudate immoo “lakki!
Akkasii mitii qaama sadiitu walitti dhufee waaqa tokko
uume” jedhu. Qaamni sadan Kiristaanonni jedhan kun
abbaa, ilmaafi hafuura qulqulluudha. Akka yaada
isaaniitti abbaan ilma ta’ee, ilmis abbaa ta’ee hafuura
qulqulluu ofitti dabalatanii sadan isaanii waaqa tokko
ta’an. Akka ilaalcha Oromootti garuu abbaafi ilmi qaama
addaati. Oromoo biratti osoo abbaan jiruu ilmaaf nooruu
ka’uun qaaniidha. Kanaafuu yoo lamaan isaanii wal bira
jiraatan kabajni dura abbaadhaaf kennama. Kana
keessatti waaqeffataan ijjannoo tokkicha qaba; ijjannoon
isaa kunis ifaafi kan hin jijjiiramneedha. Innis “Waaqni
samiifi dachii uume tokkicha; niitiis ta’ee ilma hin qabu”
kan jedhu amana. Yaada kana irratti guutummaan
guutuutti Islaamaan waliif gala. Qabxiin biraa kan
Islaamniifi waaqeffataan irratti wal galu lakkoofsa ji’aati.
133
Akka kitaaba “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa”
jedhu irra jirutti Oromoon lakkoofsa baraa kan ji’a irratti
hundaa’e lakkoowwata malee kan biiftuu hin fayyadamu
ture. Islaamnis barri inni lakkaa’atu baatii ji’aa irratti
hundaa’eeti. Sababni Oromoon ji’a ykn baatii jettee
waamteefuu iccitiin isaa kana natti fakkaata. Kana
keessatti Islaamniifi Oromoon sirriitti wal galu.
Akkasumas moggaasni maqaa nama dhuunfaa
waaqeffataa bira jiruufi Muslimoota biratti argamu
baay’een wal fakkaata. Barreessaan Sooraa Jaarsoo
Kotolaa jedhamu naannoo Booranaa kitaaba Afaan
Ingiliffaatiin barreesse keessatti akka maatiin isaanii
aadaadhumaan maqaa Islaamaafi Booranaa isaaniif
baasan ibseera. Maqaa isaaf baafames Hasan Jaarsoo
Kotolaa akka ta’e ibseera. Maqaan Islaamaa baafamu kun
waan aadaa isaanii keessa jiruuf malee Islaama ta’aniif
qofaa miti. Garuu baay’een isaanii fedhiidhaan Islaama
fudhataa akka jiranis himeera. Namni naannoo Boorana
Kibbaa tokko kan ani qaamaan argadhe maqaan namoota
waaqeffataa baay’een isaanii Muhammad, Yahyaafi kkf
akka ta’e natti himeera. Akka inni dabalata naaf himetti
qaalluun (beekaan Booranaa) duraan ture raagee gara
boodaatti amantii lamatu biyya kana dhufuuf deemtii
isaan keessaa kan Islaamaa qabadhaa jedhee dhaameefii Oromummaa fi Islaamummaa
134
Sooraa Jaarsoo barreeffama isaa keessatti akka dubbatetti
barreeffamni yeroo ammaa waa’ee amantii waaqeffataa
ilaalchisee barreeffamaaru akka ummata Booranaa
burjaajessuuf hojjatamaaru sirriitti ibseera. Keessumaa
kitaabni “Amantii Waaqeffannaa” ergaan isaa kan karaa
bade ta’uu sirriitti ibseera. Ergaa barreeffamni kun qabu
dhalataan Booranaa naannoo hundaa warra Keeniyaa
keessaa dabalatee akka mormanis sirriitti gabaaseera.
Akkasumas dhaamsa Qaalluu Booranaa turaa kan
maatiin Booranaa hunduu Kiristaana isaanii dabalatee
beekan dubbate. Innis Islaamni fuulduratti aadaa
Booranaa hundaa ni to’ata kan jedhuudha. Raagni kun
Boorana keessatti dhalootaa dhalootatti akka darbaa
dhufeefi yeroo ammaa mana nama Booranaa hunda
keessatti akka inni beekamus sirriitti ibseera. Kitaabichi
hanga ammaatti waan maxxanfame natti hin fakkaatu.
Wanti namni keenya itti dammaquu barbaachisu
barreessitoonni ammayyaa kaayyoo qabaniif jecha
amantii Oromoofi aadaa isaa baay’ee jijjiiranii
barreessuutti jiru. Keessumaa waaqeffataa ilaalchisee
wanti yeroo ammaa barreeffamaaru baay’een isaa
amantii Kiristaanaatiin wal simachiisuuf kallattii
fedhametti jallifamee barreeffamaara. Namoonni dhugaa
Oromoo, aadaafi amantii isaa fedhu hundee isaatii
kaasee dhugaa irratti hundaa’ee qorachuu qaba.
Sababa armaan olii irraa ka’ee aadaan Islaamaafi Oromoo
baay’een isaa wal fakkaata. Amantichis bu’urri isaa waan wal fakkaatuuf aadaan isaan irraa madde baay’een wal
fakkaata. Sababa amantichi hundeen isaa cimsee wal
fakkaatuuf hayyuun tokko tokko waaqeffannaan yeroo
boodaa kana jiru Muslimoota beektoleen Islaamaafi
barumsi isaa irraa fagaatetu aadaa kana qabate yaada
jedhu bal’inaan barreessaniiru. Ragaan isaaniis waan
lammiin Booranaa dubbatan armaan olitti
dabarsineedha. Yaadni beektolee kanaa dhugaa ta’uun
bareechee kajeelama.
Haa ta’u malee qabxiin Islaamniifi waaqeffataan irratti
wal dhaban ni jira. Fakkeenyaaf waaqeffataan ergamaa
seera Rabbii isaan barsiise kan itti amanan hin qaban.
Bakka kanaa Ayyaanaafi ayyaantu kan jedhaman
fayyadamu. Islaamni garuu ergamaa Rabbiin biraa seera
ittiin jireenyaa Qur’aana jedhamu fide qabu.
Waaqeffataan kitaaba Rabbi biraa isaaniif buufame
wahiis hin qaban. Yaanni waaqeffataan “namni yakka
hojjate addunyaa irratti gadhee isaatiin adabama malee
du’a booda ka’ee badii isaatiin mindeeffamuun hin jiru”
jedhu kan kitaaba garii irratti argamu sirrii natti hin
fakkaatu. Inni kun mataduree beekaa jijjiirame keessaa
isa tokko ta’uun isaa hin hafu. Kitaabni lammiin
Booranaa amantii waaqeffataa sirriitti beeku barreesse
akka namni badii isaatiin addunyaa irratti ykn erga du’ee
jiruu ekeraa jedhamu keessatti adabamu sirriitti ibseera.
Kanaafuu qabxii kana irratti Islaamaan garaa garummaa
waan qabu natti hin fakkaatu.


