Mootummaan Guumaa yeroo sanaa Sulxaan Abbaagomol
ture.1 Bara 1328 Hij lolli dhumaa jidduu sulxaanichaafi
Dajjaaz Garasuu2 hogganaa lola Minilikitti uumame.
Muslimoonni isii keessatti mootiin isaanii wareegame.
Ilmaan biyyattii namoonni filatamoon kumni jahas
wareegaman. Lolichi silumaa lola wal gitu hin turre;
waraanaafi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaa fuuldura
dhaabatan. Booda lolichaatii haati iyyeessaafi yatiimonni
sakaalamanii loltoota Kiristaanaatiif gabroota godhamanii
oofaman. Carraan mana mootichaallee kanaan adda hin
turre. Intala Sulxaan Abbaa Joobir tokko dirqiidhaan
kafarsiisanii maqaa Ballaxshaachew Abbaa Joobir jedhu
1 Abbaan Gommool maqaa farda isaa gurraachaati. Tirminghaam
biratti abbaa Jabiir jedha. Inni ilma Gaawaa mootii Guumaati.
Sababa daldalaa Muslimootaa warra Shawaafi Gondor irraa
dhufaniin wal qunnameen islaama’e. Guumaan mootummaa cimtuu
naannoo Gibeetti argamtu keessaa tokko turte. Abbaan Gommool
Khaadima Harama Madiinaa irraa barreeffama kallattiin ergameef
qaba ture. Kanaan maqaa Islaamaatiin mootii Amaaraatiin lolaa ture.
Waggaa lama lolee dhumarratti injifatame.” Islaama Itiyoophiyaa
Keessaa, Tirminghaam fuula 202.
2 Namni kun maqaan isaa sirriin Raas Darasuu isa hogganaa lola
Taklehaymaanoot Goojjam natti fakkaata. Namni lola Guumaa
waliin geggeesse isa ture. Hogganaan lola Minilik gara Kibbaa dhufe moggaasaniif. Ibiddi qalbii ummata Guumaa nyaataa ture.
Finfinnee keessa mana yaalaa maqaa isiitiin
moggaafametu fuuldura hoteela Di Afrik ture.1 Akka
manguddoon gariin dubbatanitti isiin khaadima Abbaa
Joobir turte male intala isaaniitii miti; booda Amaarri
collummaa isii arganii ilmaan Abbaa Joobir caalte jechuuf
maqaa Ballaxshaachew jedhu moggaasaniif.

