Arsii keessatti mormii cimaatu (1890 – 1894) Minilikiin
mudatee ture. Yeroo sadii weerara Minilik of irraa
deebisanii turan. Afraffaa irratti ganuudhaan ummata
keessa namoota gantuu seensisee karaa loltoota isaa kan
hoggansa Raas Daargeetiin jiruuf mijeessinaan bara 1894
isaan injifate. Arsiin kuftee dhiiga lammii isiirra mootiin
Amaaraa dhaabbate.
Lolli Minilikiifi Oromoo Arsii jidduutti geggeeffame
waan baay’ee garaa nama raasuudha. Oromoota naannoo
kuma dhibbaatu lola kanarratti wareegame. Lola guyyaa
tokkichaa kan Oromoonni 12,000 dhume seenaan
gabaaseera. Waa’ee weerara Arsii irratti godhame
dubbisee osoon hin boo’in bira taree hin beeku. Waan
baay’ee na boochise kana isinis mee dubbisaa: “Minilik
gara Arsii deemee ture. Hanga yeroo sanaatti Arsiin hin
1 Yaadannoo Sheek Muhammad Saafii Abdurrahmaan hogganaa
majlisa Itiyoophiyaa kan inni waa’ee Habashaa barreesse irraayi. Oromummaa fi Islaamummaa
148
qabamne ture. Minilik naannoo Arsiitii midhaan
ummataa saamee gara buufata isaatti guursisee gara
Inxooxxoo deebi’e. Loltoonni Arsii erga waraana Raas
Daargeetiin dhumanii booda humni ittisa Arsii ni kufe.
Kana booda ummatichi mirga isaatiif deebi’ee fincila
akka hin kaafne gochuufi ummaticha adabuu itti
yaadanii dhiironniifi dubartoonni biyya Aanolee
jedhamtu, kan Asallaa irraa gara Kaabaatti argamtutti
akka walitti qabamaniif ajajni darbe. Ummatichi akkuma
bakka sana ga’een karaa dhiphoo tokko keessa tokko
tokkoon akka darbuuf Raas Daargeen ajaje. Dhiironni
karaa dhiphoo sana keessa darban hundumtuu harki
mirgaa akka irraa citu Raas Daargeen ajaje. Harki cite
kunis saggoo namichaa irratti akka rarraafamuuf ta’e.
Haaluma kanaan dubartoonni immoo harmi mirgaa
isaanii citee gateettii isaaniitti rarraafame. Akkasitti
Macci guddaan gara Aanoleetti yaa’an hundumtuu harka
mirgaafi harma mirgaa dhabanii dhiiga isaanii akka
bishaaniitti lafa lolaasaa, boo’ichaafi wawwaannaa
guddaadhaan gara qe’ee isaaniitti deebi’an. Kunis harka
muraa Aanolee jedhamee waamame.”1
Ummatichi haala kanatti roorroo Amaaraafi Kiristaanaa
dachii, sabaafi amantii isaa irraa deebisaa ture.
Kan armaan olitti dubbanne kun amantii Ortodoksiifi
1 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis
Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 140. Oromummaa fi Islaamummaa
149
sochii Amaaraa ture. Inni humnaafi roorroodhaan
baballachuuf yaaluun isaa shakkii homaa hin qabu.
Kiristaanonni biroo kan akka Kaatolikii, Pirootestaantii,
Makaana Yesuusiifi kkf haala kamiin biyya keessa akka
seenan immoo gabaabinaan haa ilaallu. Warri kun yeroo
dhiheenyaa jaarraa kudha saglaffaa keessa Awrooppaa
irraa seenuun isaanii shakkii hin qabu. Kallattiin isaan
ittiin seenanis kiristaanessitoota Awrooppaafi
Amerikaatiin ture. Kaatolikii qofatu jaarraa kudha
jahaffaa keessa biyya Amaaraa seenee ture. Garuu innis
yeroo sana baballachuu gonkumaa hin dandeenye.
Dhuma bara Faasilidas keessa guutummaan biyyarraa
badaniiru. Sababni isaas jalqaba jaarraa kudha jahaffaa
Porchugaaliin Itoophiyaa seenuudhaan erga
kiristaanotuma wal lolchiisuudhaaf sababa taatee wal
dhabbiin jidduu hordoftoota amantii Awrooppaa
dhufeefi hordoftoota Ortodoksii biyya keessaa jidduutti
argamee Kaatolikiifi Pirootestaantiin sochii isaanii mirga
guutuun geggeessuu hin dandeenye. Garuu yaaliin hin
dhaabbanne ture. Sochii isaanii ilaalchisee qorannoo Dr.
Abdallaa Kadir irraa hanga ta’e armaan gaditti isiniif
dhiheessuu yaaleera.
Bara 1819 Dh.K.B dhaabbanni bataskaana Pirootestaantii
Gibxotaan walii galtee Misra keessatti gaazeexaa Afrikaa
bahaa keessatti Wangeela baballisuu dhaamu
maxxansite. Garuu sababa wal morkii jidduu hordoftoota
Yesuusiifi Pirootestaantiitti argameetiin fashale. Kanuma Oromummaa fi Islaamummaa
150
waliin namoonni dhufuun hin dhaabbanne. Bara 1878
Dh.K.B keessa walakkaa Itoophiyaa dhaqqabanii biyya
Oromoo keessa qubatan.1
Sochiin kiristaanessuu sana booda ture hamilee cimaa
qaba ture. Lakkoofsa armaan gadii ariitiidhaan ilaaluun
hanga sochii kiristaanessuu turee nuuf ibsa.
Bara 1935 lakkoofsi kiristaanessitootaa nama dhuunfaa
180 ture. Garuu walakkaa jahaatamootaa keessa lakkoofsi
isaanii gara 900tti ol guddate.
Sochiin warra kana hundaatuu warra Bataskaana
Ortodoksii Itoophiyaa hin hordofnetti deebi’e.
Haylesillaaseen August bara 1944 Dh.K.B haasawa isaa
keessatti hojii kiristaanessitoota biyya alaa murteessee ni
jedhe: “akka kiristaanessitoonni ummata Itoophiyaa
haala Kiristaanaa sila jiran irraa jijjiiruutti qabsoo hin
goone abdiin qaba. Jiraattota irraa saba Kiristaana hin
taane irratti xiyyeeffachuutu dirqama ta’a.”2
Gareen biyya alaa kan jalqaba ergaa Kiristaanaa fuutee
biyya seente kaatolikii Roomaa turte. Namoonni isii
hordofan dhuma jahaatamootaa keessa 130,000 ture.3
1 Weerara Aalama Islaamaa Irratti Geggeeffame, Shaatilee, f. 15-16
2 Ragaa Itiyoophiyaa Kiristaana, Yunivarsitii Ameerikaa bara 1971
fuula 254. Area hand Book A.U. 1971 P. 254
3 Madda tare.
Ammas “Itiyoophiyaa, ummata isii, aadaafi hawaasa isii” kan
Leepiskii fuula 130 ilaali. Oromummaa fi Islaamummaa
151
Isiitti aanee bataskaana Injelikaaniiti. Isiin damee
ergamtoota Sudaaniiti. Lakkoofsi hordoftoota isii 125,000
gaha ture. Isiitti aanee Makaana Yesuustu dhufe. Isiin
biyyoota hedduu kanneen akka Iskaandaanaafiyaafi
Jarmanii, garee Li’otraan Ameerikaa waliin hojjatti.
Lakkoofsi hordoftoota isii walakkaa jahaatamootaa
keessa 60,000 ta’a.
Dameen Pirootestaantii kan biroo kan akka “Baayinaal”
isiin bataskaana Barsiisaariyaan Amerikaa bakka buutu
ni jirti. Isiin hordoftoota 15,000 qabdi. Ammas
bataskaanni Wangeela Eertiraa kan bataskaana
Siwiidiiniin wal gargaartu ni jirti. Isiin hordoftoota 500
qabdi. Bataskaanni Falaadilfiyaatis ni jira. Isiin
hordoftoota 6000 qabdi. Ammas bataskaana guyyaa
torbaffaa (seventh day adventist) ni jira. Isiin hordoftoota
Kun jahaatamoota keessa ture. Afurtamoota keessa immoo
barreessaan Xaaliyaanii tokko 85,000tti isaan tilmaame. Akka armaan
gadiitti naannoo irratti qoqoode. Eertiraa 40,519, Wolaamoo 20,000,
Tigraayii 2,724, Kafaa 6000, Amaaraa 75, Jimmaa 10718, Dasee
Wolloo 150, Harar 2388, Shawaa 2500 ture. Dimshaashni 85,374.
Waggaa digdama keessa 20% dabalate.
Maddi isaa: Islaama Itiyoophiyaa keessaa, Triminghaam fuula 29-30.
Kun “Anual Dell Africe Haliana III 1940 P.713-20” irraa fuudhame.
Lakkoofsi kaatolikii kun erga jahaatamoota keessa 130,000tti ol ka’ee
torbaatamoota keessa gara 20,000tti gadi bu’e. Sababni isaas dhiibbaa
Sooshiyaalizmiin Kiristaanota biyya keessaarra kan alaa seenan
irratti uume agarsiisa.
Insaayikiloopidiyaa Biritaanikaa 5/978 ilaali. Oromummaa fi Islaamummaa
152
1000 qabdi. Walumaa galatti hordoftoonni Pirootestaantii
damee isii hunda keessa jiru 227,000 caala. Ortodoksiitti
aanee bal’ina guddaa kan qabu isiidha.


