images 10

Akka ibsa armaan olii irraa mullatutti ummanni Kuush
dhalataa biyya Afrikaa keessaa tokko ta’uun sirriitti
namatti mullata. Warri yaada kana morman yeroo
baay’ee ilaalcha dhiphina sabaa kan qaban akka ta’an
hayyuun seenaa ummata Kuush baay’een dubbataniiru.
Kitaaba “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa” jedhu kan
Amaariffaa fuula 19 irratti kan armaan gadii jedha:
“ummata dhalattoota biyya kanaa kan kaaba baha
Afrikaa keessa waggaa 8,000 ol jiraataa turan keessaa
tokko ummata Kuush. Akka ragaan qorannoo afaanii
agarsiisutti ummanni Kuush duriifi afaan isaanii bara
5000 Dh.K.D bakka afuritti qoodame.2 Damee afran kana

keessaa tokko damee Kuush bahaati. Warri Kuush bahaa
kun immoo bara 3,500 Dh.K.D hanga bara 2000 Dh.K.D
tti gara ummata afaan mataa isaanii qabaniitti akka
qoqqoodame ragaan qorannoo afaanii ni mullisa.
Ummanni Oromoos kan inni madde damee Kuush bahaa
kana irraayi.”1 “Kanaafuu Oromoon akka Kuushummaa
isaatti, Itoophiyaa dabalatee naannoo Kaaba baha
Afrikaa kana waggaa 8,000 dura irraa kaasee jiraataa ture
yoo ta’u Dh.K.D bara 3,500 hanga 2,000 tti damee Kuush
bahaa kaan irraa adda ba’ee aadaafi afaaniin of danda’ee
jiraachuu isaa dhugaa ragaan qorannoo afaanii
mirkaneesseedha.”2
Ummanni Kuush durii yeroo ammaa bakka baay’eetti
qoodamaniiru. Itoophiyaa keessa qofa afaan Kuush durii
irraa kan maddan afaanota 23 tu jiru. Isaanis: Oromoo,
Sidaamaa, Burjii, Affaar, Sumaalee, Kambaataa,
Geedi’oo, Saahoo, Koonsoo, Qimaant, Himtaang,
Awung, Hadiyyaa, Baaraareet, Buusee, Eerbooree,
Daasanech, Gawaadii, Garoobaz, Tsamaay, Waaraz,
Baaysoofi Gidooloodha. Kun afaan Kuush kan
Itoophiyaa keessatti dubbatamaniidha. Kan biyyootii
ollaatti dubbatamanis ni jiru.3 Afaan kunniin maddi

isaanii tokko ta’uun kan irraa barame hariiroo isaan
waliif qaban irraa ka’uudhaani. Fkn jechoonni afaan
Sumaaleefi Oromoo 35-40% wal fakkaatu. Kan Koonsoos
Oromiffaan hanga 50% walitti siqa jedhama.1
Walumaa galatti ibsa seenaafi qorannoo afaanii armaan
olii irraa sabni Oromoo ummata Kuush kan biroo waliin
yoo xiqqaate waggaa kuma saddeetiin dura naannoo
kaaba baha Afrikaa kan yeroo ammaa Suudaanii
jedhamu turuu isaanii sirriitti hubanna. Akkasuma
ummanni kun naannoo kaabaa irraa gara kibbaafi kibba
bahaatti bara dheeraa dura tamsa’uu barreerra. Barri inni
kaabarraa gara kibbaafi kibba bahaatti sochoonaan afaan
isaa bakka afuritti qoodamuu eegales Dh.K.D bara 5,000
dura akka ta’e ibsameera. Kana jechuun waggaa 7,000
dura socho’uu eegalaniidha. Kanarraa ka’uudhaan
Kiristoofar Ehereet akka ummanni Afaan Kuush
dubbatan Dh.K.D bara 4,000 jalqaba keessa naannoo
qarqara galaana Diimaa gara kaabaatii jalqabanii hanga
kibbaatti tamsa’anii turan ibseera. Akkasuma ummanni
afaan Kuush dubbatan bara 1500 ykn 2,000 dura ummata
Seem Amaariffa, Argobbaafi Gaafaat dubbataniin duratti
jiddu gala Itoophiyaa ammaa naannoo Shawaa ballatanii
turuu ibseera. Booda garuu ummata kanaan achii
buqqifaman.2 Haa ta’uu sochii bal’ifannaa Oromoo

jaarraa 16ffaatiin deebisanii bakka isaanii qabachuu
danda’aniiru.
Egaa ummanni Kuush naannoo Itoophiyaa jedhamtu
ammaatti naannoo waggaa 7,000tii eegalee irra qubatee
jira ogga ta’u “maqaan Itoophiyaa jedhu kun eessaa
dhufe?” gaaffiin jedhu ka’uutu mala. Dr. Abdullaah
Kadir kitaaba isaanii keessatti yaada armaan gadii
dubbatan: “namni jalqaba biyya Habashaa1 kana
Itoophiyaa jedhee waame Giriikota warra Macaafa
Qulqulluu gara Afaan Habashaa ‘Gi’iiziitti’ hiikaniidha.
Jecha ‘Kuush’ jedhu Kakuu Moofaa keessa jiru Itoophiyaa
jedhanii hiikan. Achumaan ummanni Itoophiyaa biyya
isaanii Habashaa jedhamtu yeroma sana ‘Itoophiyaa’
jedhanii moggaafatan. Achumaan kitaaba kana
fayyadamuun mootummaa Aksum biratti baay’ate.
Kunis yeroo amantiin Kiristaanaa jaarraa afraffaa irratti
Habashaa seene keessa ta’uutu mala. Maqaan inni kutaa
mootii Aksum akka masaraa mootiitti of keessatti
dabalatu ittiin beekamu Habashaa ture. Warri
Awrooppaa immoo gara ‘Abiisiiniyaa’tti jijjiiran.”2

Akkuma dubbannee dabarsine maqaan ummata kaaba
Afrikaa Kakuu Moofaa (Seera Uumamaa 10: 6-7) keessa
jiru Kuush kan jedhuudha. Booda warri Giriikii yeroo
Tawraatiin (Kakuu Moofaa) gara Afaan Gi’iiziitti hiikan
jecha Kuush jedhu Itoophiyaa jedhanii hiikan. Akka hiika
Macaafa Qulqulluu warra Giriikiitti jechi Itoophiyaa
jedhu ummata Kuush saboota Itoophiyaa keessa jiran
23fi kanneen ollaa isii jiraatan dubbannee dabarsine
dachii isiitiin walitti hammata. Warra Seem kan akka
Amaaraa, Tigireefi kkf hin hammatu ture. Garuu mootiin
Habashaa Izaanaa jedhamu erga jaarraa afraffaa bara 333
Dh.K.B Kiristaanni Itoophiyaa seenee biyya Nuubaa kan
Kibba Misraafi kaaba Suudaan jirtu lolee to’atee maqaa
mootummaa isaa Itoophiyaa jedhee moggaafate. Akka
moggaasa maqichaa kan jalqabaatti maqaan Itoophiyaa
jedhu kan ummata Kuush malee ummata Gi’iz,
Amaaraa, Tigireefi kkf warra kibba Arabaa irraa gara
baha Afrikaatti godaanan gonkuma hin ilaallatu ture.
Ragaa isaa keessaa tokko kan Kakuun Moofaan maqaa
kanaan waame ummata Kibba Misraa naannoo biyya
Suudaanii yeroo sanatti laga Mormor ykn Abbaay
qabanii jiraataa turaniidha. Maqaan kun Kakuu Moofaa
keessa dhufuunuu Dh.K.D naannoo waggaa kuma
lamaati. Akka kitaabni seenaa baay’een akeekanitti
ummanni Seem gara Ityoophiyaa godaanuun immoo yoo
baay’ee tureera jedhames waggaa kuma tokkoo ol
dhaloota Kiristoos hin dursu.1 Dh.K.D Bara 1000 hanga
500 naannoo ummanni Seem booda irra qubatan kan
to’atee ture ummata Daamaat warra hortee Kuush ta’uun
warra seenaa biratti beekamaadha waan ta’eef. Kan
ummanni Seem ga’ee argachuu eegalan waggaa 500
Dh.K.D irraa eegaleeti. Kan isaan ummata Kuushiin wal
makatanii humna baasanii mootummaa ijaaran immoo
100 Dh.K.B ture. Sana booda Kuush dadhabaa deemee
jaaraa afraffaa keessa ummatichiifi dachiin isaa
mootummaa Izaanaatiin to’atame. Innis yeroo kanatti
dachii bal’aa hanga kibba Misraa ga’uufi galaana ce’ee
biyya Yaman to’atee maqaa mootii Itoophiyaa jedhu
moggaafate. Biyya Yaman keessaa kan akka Himyar,
Saba’iifi kkf to’achuu isaa ragaan barreeffamaa mullisu
baay’eetu jira.
Jechi Itoophiyaa jedhu ‘Ilyaazaa’ keessatti si’a lama,
‘Awdeessaa’2 keessatti si’a sadii dhufe.
Insaayikilooppidiyaa Fu’aad Afraam Alpistaanii keessatti
“jechi Itoophiyaa jedhu jecha Giriikii lama irraa kan
dhufeedha: ‘Itoo’ hiikti isaa gubataadha; ‘Ops’ immoo

fuula jechuudha. Kan itti fedhame fuula gubataa
jechuudha. Isheen maqaa turaa biyya kibba Misraatti
argamtuuti. Giriikonni biyya saba gurraacha Afrikaa
keessatti argamu hundaa maqaa kanaan waamu.”1
Maqaan ummata Seem inni irra beekamaan Habashaa
kan jedhuudha. Garuu isaan maqaa Kuush kan
Itoophiyaa jedhu nurraa fudhachuu yaaluun isaanii
maaliif? Maqaan biyya kanaa seera qabeessi bara Minilik
keessa Itoophiyaa jedhamuun maaliif laata? Ummata
hortee Seem hundee isaanii biyya kana fakkeessuu
yaadaniiti ta’aa? Moo hiika jecha Habashaa jedhu kan
ummata sabaafi afaan isaa wal makate jedhu baqataniiti?
Isaan yeroo hunda biyyattii kan saba tokkoofi amantii
tokkichaa godhuuf yaalu waan ta’eef kana ta’uu danda’a.
Yoo kana ta’eef immoo hiikti jecha Itoophiyaa jedhuu
“nama fuula gubataa ykn gurraacha” jechuu akka ta’e
dagataniiru. Kun akkuma jirutti haa taa’uu maalummaa
ummata Oromoo gabaabinaan haa ilaallu.

1 thought on “Hortee Kuush”

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top