Siiraa kutaa darbe keessatti haala ummataa fi amantii addunyaa jaarraa 6ffaa
ilaalle turre. Jaarraan kuni jaarra dukkanni wallaalummaa fi zulmii addunyaa
haguugeedha. Karaan tokkichi dukkana kana itti deemsiisan aduun nabiyyummaa
bahuudha. Garuu Nabiyyiin kuni eessaa yoo bahe, dukkana kana salphatti
deemsiisuun danda’amaa? Haala ummataa fi teessuma lafaa bakka Nabiyyiin kuni
keessaa bahuu qorachuun baay’ee barbaachisaadha. Ummata filoosofin guuttame
keessaa osoo nabiyyiin bahee sila filoosofii sani fi yaada badaa qalbii isaanii irraa
haaqun hangam akka ulfaatu mee itti yaadi! Ammas, ummata dabeessaa fi
gootummaa hin qabne keessaa Nabiyyiin osoo bahee silaa akkamitti ummanni
kuni itti gaafatamumma ergaa Rabbii baadhachuun ummata birootti geessu
danda’aa? Ammas, teessumni lafaa handhuura addunyaa irraa kan fagaate fi
addunyaa biroo dhaqqabuuf kan ulfaatu yoo ta’e, nabiyyin bakka akkanaati yoo
bahee akkamitti ergaa kana addunyaatti geessun danda’amaa? Kanaafu, ifa
nabiyummaa addunyaa ibsu kanaaf bakka sirrii filachuun barbaachisaadha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka.” Suuratu Al-
An’aam 6:124
Mata-duree kana ilaalchisee dubbii Abul Hasan Nadawi itti haa fufnu:
Rabbiin hikmaa (ogummaa) Isaatiin aduun nabiyummaa dukkana bittineesituu fi
addunyaa ifaa fi qajeelinnaan guuttuu odolaa Arabaa irraa akka baatu barbaade.
Odolli Arabaa kuni dukkanni isaa dukkana hundarra caalu ifa garmalee barbaadu
ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waamicha kana jalqaba akka fudhatan,
ergasii addunyaa fagoo hundatti akka geessan Araboota filate jira. sababni
isaas,saleedaan qalbii isaanii qulqulluu ture. Barreefamni dhokataa fi gadi fagoon
irraa haaqu fi balleessun ulfaatu saleeda kanarratti (qalbii isaanii) irratti hin
barreefamne. Dhimmi isaanii akka Roomaanotaa, Pershiyootaa, Hindoota fi
Girikootaa miti. Roomaanonni, Pershiyoonni fi Girikoonni yeroo sanitti beekumsa
isaanii,hogbarruu dagagee, qaroominna guddaa fi filoosofii bal’aan kan raata’an
turan. Guduunfaa nafsee fi yaadaa hiikun salphaa kan hin taanetu isaan bira
ture.(Warroonni kunniin garmalee filoosofii fi yaada sobaa adda addaatti waan
taraniif qalbii isaanii irraa amantii fi yaada sobaa deemsiisun baay’ee ulfaatadha.)
Garuu Araboonni saleedaa qalbii isaanii irra barreefama salphaa harki
wallaalummaa fi baadiya barreesse malee homaa hin jiru. Kanaafu, barreefama salphaa kana haaqu fi dhiquun bakka kanaa barreefama haarawa irratti katabuun
salphaadha. Beekumsa yeroo ammaattin yommuu ibsamu: Araboonni warra “Al-
Jahlul Basiix (Wallaalummaa Salphaa” ti. (Wallaalummaa salphaa jechuun
beekumsa wanta tokkoo dhabuudha. Fkn, Lolli Badr yommuu gaggeefame
jedhamee namni yoo gaafatame, “Ani hin beeku” yoo jedhe, kuni walaallummaa
salphaadha.Namni wallaalummaa salphaa qabuu aalima (hayyuu) ta’uu danda’a.)
Araboonni yeroo sanatti walaalummaa salphaa kana waan qabaniif haala salphaan
fayyisuun ni danda’ama. Ummanni biroo qaroominnaa fi falaasfaan dagaagan
immoo “Al-Jahlul Murakkab (Walaallummaa Walitti naqameen)” kan
tuqamaniidha. Walaallummaa Walitti naqame (makame) jechuun wanta tokko
faallaa inni irra jiruu hubachuudha. Fkn, Lolli Badr yommuu gaggeefame
jedhamee namni tokko yoo gaafatame, “Akka Hijraatti bara 3ffaa” yoo jedhe, kuni
walaallummaa walitti naqameedha. Lolli Badri akka hijraatti bara 2ffaatti
gaggeefame. Namni kuni faallaa dhugaa lola Badrii waan hubateef
wallaalummaan isaa wallaalummaa walitti naqameedha.) Walaallummaa walitti
naqamee sammuu keessaa haaqun garmalee ulfaata. Sababni isaas, namni kuni
soba akka dhugaatti ilaalun waan amaneef, amantiin qalbii isaa keessatti lixee jira.
Kanaafu, amantii sobaa kana haaqun garmalee ulfaata. Garuu namni
wallaalummaa salphaa qabu, waa’ee wanta sanii waan hin beeknef, amantiin
sobaas ta’ee amantiin dhugaa qalbii isaa keessatti hin lixne. Kanaafu, amantii fi
yaada dhugaa yoo itti fidan haala salphaan fudhata.
Araboonni Makkaa fi naannawa sanii wallaalummaa salphaa haaqamu fi dhiqamu
danda’u kana qabuu turan. Fixraa (uumama) irra kan turanii fi warra fedhii fi
ijjannoo cimaa qabaniidha. Haqa hubachuun yoo isaan irratti miccirame itti duulu.
Ija isaanii irraa yoo haguuggin saaqame, haqa ni jaallatu, ni hammatu; karaa isaa
keessatti du’uu barbaadu.8 Araboota yeroo sanii amaloota gaggaarii Ergaa Rabbiin
irraa dhufe akka baadhatanii fi filataman isaan taasisaan mee haa ilaallu.
Collummaa fi Qarummaa (Az-Zakaa’u wal Fixnatu)
Akkuma duratti jennee qalbiin isaanii filoosofii gogaa haaqu ulfaatun hin
xuroofne. Qalbiin isaanii akka waan ergaa (risaalaa) fudhachuuf qophoofte
fakkaatti. Saboota Arabaa keessaa Araboonni Makkaa fi naannawa ishii jiran
sammuun isaanii waa baay’ee kan qabatuudha (haffazuu)dha. Bal’inni lugaa
isaanii jabeenya waa sammuutti qabachuu (haffazuu) fi yaadachuu ni agarsiisa.
Dammaaf maqaan saddeettamni yoo jiraate, jeedalaaf maqaan dhibba lama,
leencaaf maqaan dhibba shan, gaalaaf kuma tokkotu jira. Akkasumas, seyfiif
maqaa baay’etu jira. Dhugumatti, kuni shakkii hin qabu, maqaalee kanniin hunda qabachuun sammuu jabaa fi cimaa barbaachisa. (Yeroo Nabiyyiin ergamu
barreefamne hin babal’anne. Kanaafu, karaan beekumsa itti eeganii fi dhalootaf
dabarsan guddaan sammuutti qabachuudha. Ummanni kuni waan baay’ee
sammuutti qabachuu waan danda’aniif beekumsa Islaamaa badiinsa irraa ni eegu.
Wanta dhagahan yoosu sammuutti qabatu
Warra Arjummaa ta’uu
Araboota durii biratti arjummaan hidda kan qabateedha. Yommuu keessummaan
itti dhufu, gaala malee wanti biraa yoo hin jiraatin gaaluma san qaluuf fiigu.
3-Warra gootummaa, Dhiirummaa fi waa Deeggaru ta’uu
Waraana keessatti ajjeefamu irratti wal faarsu, firaasha irratti yoo du’an immoo
wal qeequ. Isaan keessaa tokko yommuu ajjeechan obboleessaa isaa isa gahuu
akkana jedhe: Yoo ajjeefame, dhugumatti abbaan isaa, obboleessi fi abbeeraan
isaatu ajjeefamii jiru. Rabbiin kakadhe, dhugumatti nuti firaasha irratti hin duunu.
Garuu fiixe xiyyaatin muramuun ykn gaaddisa seyfi jalatti du’uun[lubbuun teenya
baati].Araboonni durii jabeenyaa fi kabaja eegu irra homaa hin dursan. (Tarii
yeroo Nabiyyiin Ergamuu gootummaa fi dhiirummaan isaanii kuni diinotatti akka
duulanii fi biyyoota baay’ee akka banan sababa ta’e. Ergaa Islaama baadhachuun
gootumma fi dhiirummaa cimaa barbaachisa. kanaafu, bakka gootummaan,
dhiirummaan, qalbiin qulqulluu taatee fi sammuu hatamtamaan waa qabattu jiran
ergaa Islaamaa guddaa kana kaa’un, bakka sirrii kaa’udha. Dhugumatti, Rabbiin
Beekaa, Ogeessa ta’eera. Ogeessa jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kan
kaa’udha.)




Maasha Allah
Maasha Allah
Jabaadhu Qaalii Namaa