Qoodamiinsa Addunyaa

Dandeetti qaamolee miiraa irratti hundaa’e addunyaa bakka lamatti qoodu

dandeenya. Isaaniis: Aalamul shahaadah fi Aalamul Gheeyb. Kana jechuun

maal jechuudhaa?

Aalamul shahaadah (addunyaa mul’ataa)- wantoonni addunyaa keessatti

argaman kanneen qaamoleen miiraa keenya dhaqqabuu danda’an aalamul

shahaadah (addunyaa mul’ataa) jennaan. Jiraachu wantoota kanniini

eenyullee hin shakku, nama qaamolee miiraa dhabe malee. Fakkeenyaf,

dachii, aduu, ji’a, ilma namaa fi kkf. Qaamolee miira shanan keenyan

wantoota kanniin beeku fi hubachuu dandeenya.

Aalamul Gheeyb (addunyaa hin mul’anne)- jechuun immoo wantoota

qaamoleen miiraa keenya dhaqqabuu hin dandeenyadha. Ijaan arguu hin

dandeenyu, gurraan dhagahu hin dandeenyu. Wantoonni gheeybi (hin

mul’anne) kunniin dhugaan kan jiranii fi jiraachu isaanitti haqaan kan

amannuudha. Fakkeenyaf, ruuhin (soul) iccitii jireenya ilma namaati.

Ruuhin yoo baate ilmi namaa ni du’a. Ruuhi tana ijaan arguu dandeenyaa?

Maal akka taate fi suuran ishii maal akka fakkaattu sammuu keenyan

hubachuu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Garuu jiraachu ishiitti ni amanna.

Akkamitti? Asaara (mallattoon) beekna. Fakkeenyaf, oli gadi socho’uun

ruuhin nu keessa jiraachu argiisisa. Yommuu duunu ruuhin nu keessa akka

hin jirre agarsiisa.

Kanaafu, ragaan sammuu ykn miirri uumamaan ilma namaa keessa jiru

jiraachu wanta geeybi ni agarsiisa. Namni wanti hin mul’anne kuni ifaan

ifatti akka jiru ni amana.Garuu haqiiqan (dhugaan) wanti ijaan hin mul’anne



1 Dhimma kana caalatti hubachuuf kitaaba “Hiika wali-galaa Amanti Islaamaa” keessatti suni maal akka ta’ee fi maal akka fakkaatu sammuun bira gahuu hin

danda’u.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top