Jeneraal Waaqoo Guutuun (1920 – Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi
qabsaawaa mirga uummata Oromooti. Jeneraal Waaqon umurii isaa guutuu mirga ummata
Oromoo kabachiisuf qabsaa’un dabarse.
Ijoollummaa Isaa
Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa
Dhuulloo Alii Hasanirraa bara 1924 aanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate.
Abbaansaa Guutuun ilma dhiiraa kudhanii fi durba sagal walumaagalatti ijoollee kudha-sagal
qaba ture. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota torbarraa ijoollee
afurtamii-sagal kan hore yoo ta’au , kaniin keessaa kudha-shan lubbuun hin jiran. Yeroo
ammaa (2015tti) dubartoota kudha-ja’a fi dhiirota kudha-saddeetii walumaagalatti ijoollee
soddomii-afur qaba.
Jeneraal Waaqo ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu
diddaa gabrummaas ture. Bara 1938, fuudhee mana osoo hin bayin, osoo abbaansaa
hinbeekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate. Sammuunsaa roorroo gabrumaa
fudhataa waan hinta’iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii
mootummaa tumaa turan.
Qabsoo Jalqabuusaa
Jeneraal Waaqon bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun diddaa
gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo ta’anii uffata poolisii nama
dhaloota gosa Raayituu Alii Jiloo kan maqaan kiristaana Shaalaqaa Isayaas jedhanii
mogaafatan kadhate. Erga inni uffata kana kenneefii booda isuma uffachuun magaalaa
seeneei kitilaayyota Nafxanyaa sodaachisaa ture. Iccitiidhan gartuuleen diinaarrati tarkaanfii
ciccimaa fudhataa turan. Haaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana
keessa poolisoota erga ajjeesaniin booda, Waaqon akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti
shaalaqaa sanaan walargan. Yoo kana “Eessatti baddee, Waaqoo!!!” jedhee gaafate. Yoo
tana malli dafee dhufeefii “Looniin godaanee gammoojjii ture, damma adii ati jaalattu kan
nagaafate san siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi” jedheen. Shaalaqaan baayyee gamaddee
qarshii 200 itti kenne. Qarshii kanaanis rasaasa zinnaara dachaa lamaa ittiin guutatee.
Ammas baatii tokkoon booda Nageellematti walitti dhufani. Nagayyumalee utuu hin gaafatin
“maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa, horii karaa waan kafalu ittiin feesisuun
dhabee” jedheenii qarshii 20 ammallee irraafudhate tooftaa kana fakaatu hedduun
gargaaramanii diina hifachiisaa turan.
Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata
isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gana kudhanii gadii imaa Helgool Waaqoo.
Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatii, Alii Buttaa
Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta’an, tarkaanfii Mootummaa
Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo
kana dubbiin kun mooticha bira ga’e. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa Tagan namni
jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiinsa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee
Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraantitti
walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni “rakkoon teena isini
biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa’imman teena irra deemitanii
fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati
qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii
maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu ka’aa”
jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa,
saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu
waraanaa itti waamani.
“Gabroomfattootni ammoo ummatchaan guyyaa torba keessatti akka gadi lakkiftanii
biyyanaa baatan, murtii tana beekaa,” jedhanii gadi furan. Jagnoonni diddaa murtii
gabroomfattootaatiin ba’an Gannaalleen gama cee’anii, Walaabu keessatti Kadiir Waariyoo
Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan
Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Taa’oo Iggee Muussaa Dooyaa Jaarsoo, Huseen Waaqoo
Dhaddeetiin walqunnamuun murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura
dhaabatchuuf qawwee afur qabanirratti sadi’i dabalatanii bitachuun lolaaf of qopheessan.
Haala kanaan diinaan lola’aa humna cimsataa deemuun, Suumaalee irraas odeeffannoo
argachuu jalqaban.
Waaqoo Guutuu Kadiir Wariyootii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan,
Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya
Sumaalee socho’e. “Ummata keenyaan wal ta’aa, Amaara ofirraa ittisaa, hafuura keenyallee
nuhordofaa!” jedhanii Eela Baalantichaatti addaan bobba’uun, bakka bu’oota woraana
gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garri’ii fi wkf wajjiin walqabatanii Bulahawoon
Sommaalee seenan. Warri dhaamsaan biyyatti ol-deebi’ellee, Gannaale Arba-Gabbaa bakka
jedhamutti ummata walga’e kan maanguddoonni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu,
Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi kkf keessatti argaman qunnamuun
dhaamsa isaanii dabarfatan.
Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee Bulahawoo irratti qunnamu’uun yaada
isaanii erga hubachiisaniin booda, xiyyaaraan Moqaadishoo geessuun, ajajaa poolisii
Motummaa Somaaliyaa Koloneel Umar Muhaammad H/Masallaa simatee qubachiisuun
dhimma isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jeneraal Daawud Abdullee,
Ministeera Ittisa Biyyaatti geesse. Jeneraalchillee qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi
gamtaan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutu’uu
addatti waamee “Mootummaan Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra
turtee, isin dhiisii nutuu Mootummaan Somaalee humna isaaniin nu lolchiisuu dandeettu
ga’aa hinqabnuu, waraanni mootummaa Itoophiyaa guddaa akka ta’e isinuu himaa jirtanii
waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisaa, waan sibarbaachisaa hundaa siif
godhaa, asuma quphadhuu taa’ii, taa’ii yeroo itti eggadhuu” jedheen.
Waaqoo Guutuu, mootummaasn Itoophiyaa waraana guddaa qaba jechuunkee dhugadha,
garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin taane, meeshaa woraanaa keessattu
rasaasa dhabuu keenyaaf malee, yoo meeshaa waraanaa arganne, rabbiin gargarsifatnee
akka ofirraa kaasuu dandeenyu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakkoo jiruu dadhabee
biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma oo’aa keessaa ba’e, amma diina
maangudoo, dubartii fi daa’imman keenya bakka hundatti fixaa jiru fi qabeenya keenya
saamuu fi barbadeessaa jiru kana hanga dhoofnee of keessaa baafnutti jireenyi ani mataa
mataa kiyyaan argadhee ittiin jiraadhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habashaa
‘Guddoodha hindandeessan” jettu tana akka dandeenyu sitti agarsiifnaa, yoo qawwee
guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni,” Ammallee isin
obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrumma’aa hamtuu san jalaa
isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti
miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa Nafxanyaa kana
keessaa waan dandeessaniin nu gargaaraa, nubaasaa” jedheen. Jeneraal Daawudillee yaada
isaa kana xiinxaluun hubatee “Wanti ati nuun jette dhugumaa! Ammoo nutillee marga
qacalee reef ba’aa jiru, nibeektuu, wanti guddoon isin gargaarru jiraachuu dhabaatus, waan
humna keennaa isinii goona, mee hangasiif gama Bulahawootti ol-deebi’aatii na eegaa.”
jedhee gara koloneel Umar deebise.
Guyyaa gabaabaa keessatti koloneel Umar jara kaawwan Bulaahawootti gaggeesse. Waaqoo
fi Kadiiriin Moqadishootti hambise. Isaan ammoo, afaan Sumaalee faaratti beeekuu dhabuu
irraa kan ka’e, hafuu isaanii kanatti, “Maali’iif nu hambisan?” jetdhanii yaaddayan. Hedduu
rifatan, gaddan. Tanuma keessa Jeneraal Daawud guyyaa lammataa Helekoopterii ofiitin
Waaqoo fi Kadiiriin gara Bulaahawootti fudhate. Amma Jeneraal Daawud hooganoota
gosoota waraanaa hunda waliin jiran walitti qabee, Jeneraal Waaqoon hooganaa isaanii
godhee muude. Qawwee Dhoombir afurtama, matirayyeesii Toomaas lama fi Boombii sadi’i
kenneefii “yoo isin silaafuu waraana Amaaraa hindandeettanii, mallayyoo poolisaa ykn
hiituma mudhi’iillee boojitanii naaf fiddan fuula dura waan kanaa olii akka isin gargaaruu fi
bifaa fi baay’inni qawwe’eellee kanaa ol akka ta’u waadaa siif gala,” jetdhee gaggeessa.
Amma Waaqo nama sadi’ii, qawwee afurtamii-lamaa fi boombii sadi’iin fe’atanii galuuf gaala
barbaadachutti jiran, Camarrii Guutuu woraana nama afurtama qabatee dib-jedheef.
Gammachuu guddaan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota waraana kaanii wajjiin
taa’anii mari’atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. “HIZBII” ofiin jedhan. Namuu gama
biyya isaatti socho’e, waraanni Waaqoollee gara Oromiyaa-Baaletti qajeele.
Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa kama qawwee isaa baafate, “dhoombir”
ofiin jedhe. Bara 1963 malkaa Annaatti seensa ji’a Caamsaa irratti waraana Amaara kan
isaan gaadaa jiru, lakkoofsan dhibba ja’a ta’u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin
walsiman. Lola ganama saa’aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30tti adeemsifameen,
humna diinaa irraa namni afurtamii sadi’i yoo ajjeefamu dhibbaa ol kan ta’ummoo madaa’e.
Yeroo duraatiif qawween Oromoo akka Amaara ajjeeftu hojiin mul’dhatee, deeraa fi ijoolleen
daaw’atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo saddeet, kan akaakuun isaa hinbeekamin
kudha sadi’i booji’an. Shaalaqaa Buzunaan dursa waraana ofii baqatee Bidiretti gale. Gootota
Diddaa-Gabrummaatiif bayan keessaa lola kana irratti gootonni lama wareeggaman.
Falmiin bifa kanaan jalqabee bal’dhinaan itti fufee kutaa Baalee walakkaa ol akkasumas
Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee waggaa saddeetif
bulcha’aa ture. Haaloo baafannaan Hayila Sillaasee birmachuu meeshaa fi beektota
faranjiitin gargaaramee gara-jabinaan hamma bara 1969 ummata Oromoo beeraa fi ijoollee
dhibba sadii’ii fi kudha shan qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne. Kunis “Waaqoon
fidaa, yookan ammoo ummata harka boojuu jiru keessaa dhiira umurii kudha shanii olii jiran
fixuu” jedhee maanguddoota waamuun itti hima. Dhiibba kana irraa kan ka’e “anaaf jecha
lubbuun ummata kiyyaa hindhabaminii.” jedhe Onkololeessa 1970 motummaatti harka
kennatan. Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii mooticha waliinillee dubbatan.
Badii biyyaa irratti raawwatameef balleessan gutumaa-guututti kan mootummaa ta’uun itti
walii galamee, “ammaa booda biyya waliin bulchina” jedhan. Aanga’oo fi bulchaalee
mirkaneessanii fii Jeneraal Waaqollee biyyatti deebi’an. Haga dhuma 1975 biyyuma keessa
turanii 1976 humna Waraana Soowraa ykn Jaanaddee ijaaramee ol bobba’e Magaalaa
Bidiree keessaa ba’uun isaaniitti makaman. 1976-1983, itti-gaafatama adda-addaa irratti
humna Soowraa hoogganaa turan: ajajaa woraanaa ta’uun, itti gaafatamaa dantaa haajaa
alaa ta’uun, itti aanumma’aan gaggeessa’aa turan.
Akeekni Jeneraal Waaqoo bilisummaa uummata Oromooti. Kunis kan mirkanaa’u
tokkummaan uummata Oromoo yoo eegame jechuun Dhaaba Adda Tokkummaa
Bilisummaa Ummata Oromoo (ATBUO) bara 1989 hundeessun dura bu’ummaan hooganaa
turan. Bara 1991 Motummaan Dargii jige,”rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin
haafuramuu” jechuudhaan Mootummaa Ce’umsaatti dhaabbilee dabalaman keessaa
jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo ture. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa
diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebi’an. Bara 2000 tti
humnoota Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii
jaarmayaalee Oromoo gidduu jirus furuuf qooda guddaa kennanii turan. Dhaamsa ummataa
dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf
qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa ergan keessaas “Yaa ummata keenya
gaafa beekaan hinheddumaatin waljala yaanee, diina keenna ofirraa dhoofne. Har’a ammoo
beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keenyaallee waa godhuu
hanqanne. Har’a tokko ta’aa jirra, dhaabbilee Oromoo ja’an walii galtee uumaa jirra, Ummatni
keenya waan guddaan gadii baanaan nu eegaa jiraa—mee gaara dorrobe nu hingotdhinaa.
Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jedhanii odoo eeganii lilmoo dhale, gaara dorrobee
lilmmoo dhale nuhingotdhinaa,” jedhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan.
Injifannoo Waraanaa
Loltoonni Waaqoo Guutuu lenjii fi meeshaa ga’aa qabaachuu baataniyyuu gootummaan
waan lolaniif injifannoo battalumatti galmeessuu jalqaban. Injifannoo guddaa argatan
keessaa tokko Waraana Malkaa Annaatti bara 1963 godhame. Waraana kanarratti,
helekoopterii lama qawwee dhombiir kan otomaatikii hintaanen rukutanii kuffisan. Kanaafis
barri 1963-1970 jiru ummata biratti maqaa qawwee sanaatti moggaafamee “Towra/Sowra
Dhombiir” jedhamuun beekkama. Waraana Dhombiir kan Malkaa Annaatti godhamerratti
finciltoonni Oromoo meeshaalee waraanaa baayyee booji’an, kunis meeshaa ittiin diina
ofirraa ittisan jabeesseefi. Finciltoonni waraana kanarratti gootummaa guddaadhan ijoollee,
haadha manaa fi loonsaaniirraa diina ittisuuf ciniinnatanii lolani, kanaafis injifatani.
Du’uusaa
Jeneraal Waaqo dhukkubsatanii gaafa Gurraandhala 3, 2006 lubbuunsaa dabarte. Dr
Gammachuu Magarsaa awwaala Jeneraal Waaqoo irratti akka dubbatetti “Waaqoon odoo
lubbuun jiruu dhiisii gaafa du’ellee ummata gara garaa walitti fida” jedhe. “Dhaloonni isarraa
dhaalu ummata Oromoo tokko akka godhan amanna”. Jeneraal Waaqon, qabsoo bilisummaa
uummanni Oromoo godhe fi godhaa jiru keessatti gumaacha guddaa godheen yaaddatamaa
jiraata.



