Aadaa Wal Gargaarsaa
Godinoota Oromiyaa keessatti maqaan gosoota aadaa
wal gargaarsaa garaa garummaa qabaatus, tooftaa fi
adeemsi isaanii hangas mara kan addaan fagaatuu miti.
Ummanni Oromoo aadaa wal gargaarsaa bal’aa qaba.
Sabni Oromoo bu’ura wal gargaarsaa irratti hundaa’uun
qabeenya, humnaa fi beekumsa walitti qindeeffachuun
ittiin wal kaba. Yeroo gaddaa fi gammachuu, dhabaa fi
qabeenyaa keessattis waliif dirmachuun tooftaa ittiin wal
bira dhaabbatanii wal gargaaran qabu.
Oromoon saba hayyummaa fi beekumsaan akkasumas
qabeenyaan badhaadheedha. Akkuma hawaasa tokko
keessatti dureessi jiru hiyyeessis ni jiraata. Haa ta’u
malee sabni Oromoo rakkatus hin kadhatu, qabeenya
namaa hin saamu; hin hatu. Sababni isaas aadaa wal
gargaarsaa gaarii qabeenya ittiin wal horachiisu waan
qabuufi. Aadaan wal gargaarsaa kun bu’aa baay’ee qaba.
Isaanis:
– Yerootti sirnaan akka fayyadaman nama taasiisa.
– Namoota muraasaan hojii bal’aa hojjachuu nama
dandeessisa.
– Namoota humnaafi dandeetti hin qabneef deeggarsa
taasisa.
– Diinagdeen dhuunfaafi kan garee salphaatti akka Oromummaa fi Islaamummaa
54
– Walitti dhufeenyaa fi jaalala hawaasummaa namoota
jidduutti uumuu fi KKF qaba.
Aaadaan wal gargaarsaa Oromoo baayyee tahanillee
isaan keessaa beekamoon kanneen armaan gadiiti:



