Nabiyyiin (SAW) hordoftoota isaanii erga leenjisanii fi amantii
sirrii, ibaadaa fi amala gaarii barsiisanii booda yeroon ergaa
Islaamummaa ifaan ifatti itti labsan ni dhufe. Kunis jechi Rabbii
olta’aa bu’uuni:
“Firoota kee dhiyoo akeekkachiisi. ’mintoota irraa nama si
hordofe kooluu kee gadi qabiif.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:214-
215
Asitti “koolu kee gadi qabiif.” Jechuun mu’umintootaaf rahmata
gochuu, isaaniif garaa laafuu, isaaniif tola ooluu, dubbii gaarii
isaanitti dubbachuu, akka waan maatii tokko ta’aniitti bakka
tokkotti walitti isaan qabuu fi isaan too’achuudha. Allaattiinis
haaluma kanaan ilmoolee ofiitiif kooluu gadi qabdi.1
Nabiyyiin (SAW) firootaa fi gosoota isaa walitti qabuun Gooftaa
tokkichatti akka amanan isaan waame. Yoo isa didan azaaba
(adabbii) cimaan isaan sodaachise, ibidda irraa akka of baraaran
isaan ajaje. Itti gaafatamummaa namni hundi nafsee ofii irratti qabu
ifa isaaniif godhe.
Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) akkana jedha: Yommuu aayaan,
“Firoota kee dhiyoo akeekachiisi.” Jedhu buutu, Nabiyyiin
(SAW) tabba Safaa irra bahuun, hanga namoonni walitti
qabamanitti akkana jechuun lallabuu jalqabe, “Yaa Bani Fihr, Yaa
Bani Adiyy!” (kunniin gosoota xixxiqoo Qureeshiiti). Yoo
namtichi tokko ofii bahuu dadhabe wantichi maal akka ta’e akka
ilaaluuf ergamaa isaa erga. Abu Lahab fi Qureeshonni ni dhufan.
Nabiyyiiniis akkana isaaniin jedhe, “Mee natti himaa, loltoonni
faradoon duulan sulula keessa (kana jechuun gaara kana duuba)

1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 8/721, Tafsiiru Sa’dii-fuula 701 147
isinitti duuluu hedan ykn deeman osoo isiniin jedhe na
dhugoomsituu?” Isaaniis ni jedhan, “Eeyyen. Dhugaa dubbachuu
malee homaa sirraa hin agarre.” Innis ni jedhe, “Azaaba (adabbii)
dura ani isiniif akeekkachiisaadha.” Abu Lahab ni jedhe,
“Guyyoota hafaniif badiin siif haa ta’u. Kanaaf walitti nu qabdee?”
Ergasii hoggaasuma aayaanni tunniin bu’an:
“(1)-Harki lamaan Abu Lahab badan, inniis bade. (2)-Qabeenyi
isaatii fi wanti inni hore isa hin fayyadne. (3)-Ibidda [bobayaa]
laboobaa qabdu ni seena.” Suuratu Al-Masad 111:1-3 (Sahiih Al-
Bukhaari 4770)
Gabaasni biraa dabalataan akkana jechuun gabaase: Nabiyyiin
(SAW) gosoota xixxiqoo Qureeshota hundaa maqaa isaanitiin
waame. Gosoota xixiqoo hundaanuu akkana jedheen: Lubbuu
teessan ibidda irraa baraaraa…” Ergasii ni jedhe, “Yaa Faaximah!
Nafsee tee ibiddarraa baraari. Ani Rabbi irraa homaa isin fayyaduu
hin danda’u. Garuu ana waliin hariiroo firummaa ani suufu ni
qabdu.” Sahiih Muslim 204
Sagalee olkaasuun lallaabuun kuni lallaba gahuumsa guddaa
gaheedha. Nabiyiin (SAW) ergaa inni fidetti amanuun hariiroo isaa
fi isaan jidduu jiruuf jireenya akka ta’ee firoota isaatiif ifa godhe.
Hariiroon dhiigummaa Araboonni irra jiran akeekkachiisa Rabbiin
irraa dhufuun kan baqee baduudha.
1-Haqa Labsuu fi Mormii Mushrikootaa
Sagaleen armaan olii kuni Makka keessatti qillisuu itti fufe, hanga
jechi Rabbii olta’aan kuni bu’uttii
“Waan itti ajajamte ifatti labsi, mushrikoota irraas garagali.”
Suuratu Al-Hijr 15:94 (Asitti “mushrikoota irraa garagali” jechuun
mushrikoota aayata Rabbii irraa si dhoowwuu barbaadaniif dantaa 148
itti hin kenniin, arraba isaan si arrabsan itti hin yaaddawin. Ergaa
Islaamummaa ifatti labsuu itti fufi.)
Ergamaan Rabbii (SAW) bakka Mushrikoonni walitti qabamanii fi
maqoo itti taa’anitti ifaan ifatti Islaamatti waamuuf ni ka’e. Kitaaba
Rabbii isaan irratti dubbisa, wanta nabiyyoonni durii ummata
isaanitiin jedhan isaaniin jedha: “Yaa ummata kiyya! Rabbi
gabbaraa. Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.” Ija
isaanii fuunduratti Rabbi gabbaruu jalqabe. Naannawa Ka’abaatti
osoo namoonni achi jiranii guyyaa adiin salaataa ture. Waamicha
(Da’awaan) Nabiyyii (SAW) fudhatama argachuun dabalata
baay’ee argatee jira. Namoonni tokko tokkoon diin Rabbii keessa
seenan. Isaanii fi maatii isaanii keessaa namoota hin Islaamawne
jidduu diinummaan, jibbinsii fi walirraa fagaachuun ni uumame.
Qureshoonni kana yommuu argitu gubachuu jalqabde.
2-Hajjaajota Da’awaa Nabiyyii Akka Hin Dhageenyeef
Qureeshonni Marii Adeemsisuu
Guyyoota kanniin keessatti dhimmi tokko isaan yaachise: innis
yommuu waqtiin hajjii dhiyaatu da’awaa ifatti baasuun guyyoota
ykn ji’oota muraasa malee homtuu irra hin dabarre. (Kana jechuun
da’awaan ifatti bahuu kan jalqabe waqtii hajjii dura guyyoota ykn
ji’oota muraasa dura). Jiilli (bakka bu’oonni) Arabaa biyyoota
garagaraa irraa akka isaanitti dhufan Qureeshonni beektee jirti.
Nafsee Arabootaa keessatti da’awaan nabiyyii bu’aa homaatuu
akka hin buusneef waa’ee nabiyyii ilaalchisee Araboota dhufan
kanaaf jecha wayii jechuu akka qaban ni hubatan. Jecha sirrii
filachuuf Waliid ibn Mughiiraah biratti walitti qabaman. Waliidis
isaaniin ni jedhe, “Ilaalcha tokko irratti walii galaa. Gargar hin
ta’inaa. Yoo gargar taatan gariin keessan garii kijibsiisaa, jechi
keessan gariin kan biraa waliin dhaya.” Isaanis ni jedhan, “Ati
jedhi. Waa’ee isaa ilaalchisee ilaalcha jennu nuuf dhaabi.”Innis ni
jedhe, “Isin jedhaa ani nan caqasaati.” Isaanis ni jedhan, “Raagduu
haa jennun.” Innis ni jedhe, “Lakkii. Rabbiin kakadhe! Inni 149
raagduu miti. Dhugumatti raagduu arginee jirra. Inni akka raagduu
hin gumgumu, jechi isaas akka raagduu walitti kan naqamee miti.”
Isaanis ni jedhan, “Majnuun (Maraataa) haa jennuun” Innis ni
jedhe, “Inni majnuuna miti. maraataa arginee fi beeknee jirra. Inni
hin hudhamu, hin daaqu, waswasaa hin qabu.” Isaaniis ni jedhan,
“Walaleessaa haa jennuun” Innis ni jedhe, “Inni walaleessaa miti.
Walaloo hundaa beeknee jirra. Bo’oo isaa, gabaabaa fi dheeraa isaa
beeknee jirra. wanti inni dubbatu walaloo miti.” Isaanis ni jedhan,
“Kanaafuu, saahira1
haa jennuun” Innis ni jedhe, “Inni saahira miti.
saahiraa fi sihrii isaanii arginee jirra. Tufaa saahironni tufanii fi
guduunfaa isaan guduunfan inni hin hojjatu.” Isaanis ni jedhan,
“Kanaafuu maal haa jennuun.” Innis ni jedhe, “Dhugumatti jechi
isaa mi’aa qaba. Isa irra bareedinaatu jira. Wantoota armaan olii
keessaa homaa hin jettan baaxila (soba) ta’uun isaa kan beekkamu
yoo ta’e malee. Garuu jechi hundarra dhiyoon isin jechuu
dandeessan, ‘Saahir’ Jecha sihrii ilmaa fi abbaa, namtichaa fi
obboleessa isaa, jaarsaa fi jaartii addaan baasuun dhufe.” jettaniidha
Isaanis kanarratti walii galanii addaan deeman.
Gabaasa biraa keessatti akka dhufetti, yommuu Waliid jechoota
isatti dhiyeessan hunda fudhachuu dide, isaan ni jedhaniin,
“Ilaalcha kee kan hanqinni keessa hin jirre nutti agarsiisi.” Innis,
“Hanga waa’ee kanaa itti yaadutti yeroo muraasaaf na dhiisaa”
jedhe. Waliidis ilaalcha armaan olitti dubbate hanga isaanif ifa
godhutti yaadu yaaduu itti fufe.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waa’ee Waliid ilaalchisee suurah
Muddassir keessatti aayaata kudha jaha buuse (11-26). Achi
keessatti akkamitti akka yaade fakkii kaasuun ibsa:

1 Saahira-nama sihrii (digimtii) hojjatu
“Inni itti xinxale, ni tilmaames. Abaarame, akkamumatti
tilmaame! Ergasiis, Abaarame, Akkamumatti tilmaame!
Ergasii ni ilaale. Ergasii fuula guuree akkaan jijjirame. Ergasii
garagalee ni boone. Ni jedhes, “Kuni (Qur’aanni) falfala
namoota biroo irraa waraabbame malee homaayyuu miti. Kuni
jecha namaa malee homaayyyu miti.” Ani (Rabbiin) Saqar isa
seensisa.” Suuratu Al-Muddassir 73:18-26 (Saqar maqaa ibidda
Jahannami.)
Qureeshonni Waliid waliin mari’atan erga wanta waliid jedherratti
walii galanii booda, yommuu namoonni waqtii Hajjii dhufan hojii
irra oolchuuf karaa irra taa’an. Eenyullee isaan bira hin darbu,
Nabiyyii irraa kan akeekkachisanii fi dhimma isaa itti himan yoo
ta’an malee.
Rasuulli (SAW) immoo namoota hordofuun gara Islaamummaatti
isaan waama. Islaama fi nabiyyiif diina badaa kan ta’e Abu Lahab
Nabiyyii duuka deemuun, “Isaaf hin ajajaminaa, inni nama amantii
abbootii isaa gadi lakkise, sobaadha.” Isaaniin jedha. Waqtiin kuni
Araboonni dhimma Nabiyyii (SAW) fuudhanii biyya isaanii
keessatti oduu isaa akka babal’isan sababa ta’ee jira.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top