☛Qormaanni sababa amantiitiin nama tuqu nama alaa qofaan osoo hin ta’in maatii irraas nama tuqa. Qormaanni sababa amantiitiin haadhaa
abbaa irraa yoo nama tuqe, qajeelfamoota madaallamoo Qur’aana
keessatti dhufan kanniin hordofuun wanta nama baasuudha:
1-Dhimmoota addunyaan wal qabatan keessatti isaaniif tola ooluu.
Kanneen akka dubbii gaarii isaanitti dubbachuu, hojii gaarii isaaniif
hojjachuu, isaan arrabsuu fi miidhu irraa of qusachuu. Isaaniif du’aa’ii
gochuu fi kkf. Haadha abbaan osoo kaafira ta’aniyyu ykn jallinna keessa
jiraataniyyu isaaniif tola oolun dirqama.
2-Yoo shirkii, kufrii fi hojii badaa Rabbiin dhoowwe akka hojjatan nama
ajajan ykn hojii dirqamaa Rabbiin ajaje akka dhiisan yoo ajajan, isaaniif
tole jechuu dhiisuu. “Laa xaa’ata limakhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi
(Khaaliqa faallessanii uumamtotaaf ajajamuun waan hin jirreef.)”
3-Dhimma amantii keessatti haadhaa fi abbaan jallina irra yoo jiraatan
karaa isaanii osoo hin ta’in karaa mu’mintoota (warroota amananii)
hordofuu. “Karaa nama gara Kiyya deebi’ee hordofi.” jedhu keessatti ni
arganna.
4-Dubbii gaarii isaanitti dubbachuu-Haadha abbaan osoo jallinaa fi
dogongora irra jiraataniyyu isaan arrabsuu osoo hin ta’in dubbii gaarii fi
laafaa ta’een isaan amansiisuuf carraaquudha. Ragaa kanaas Qur’aana
keessatti ni arganna: “Gooftaan keetis akka isin Isa malee homaa hin
gabbarree fi haadhaa abbaa keessanitti tola ooltan murteessee jira.
Osoo ati lubbuun jirtuu tokkoon isaanii yookiin lamaanuu yoo
sadarkaa dullumaa irra gahan, jecha hifannaa [uff] isaaniin hin
jedhin. Isaaniinis hin lolin. Jecha kabajaa isaaniin jedhi.” Suuraa Al-
Israa 17:23
☛Akka fakkeenyatti Nabi Ibraahim (aleyh salaam) ilaaluu dandeenya.
Abbaan isaa kaafira daangaa darbe ture. Abbaan isaa yommuu isa
arrabsuu fi akeekkachisu, Nabi İbraahim, “Yaa abatii (Yaa abbaa koo)!…”
jedhe jalqabuun gorsa bareedaa fi dubbii mi’aawaa itti dubbataa ture.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top