Images 4

Nabiyyin rahmataa (SAW) ergamuun dura haalli Arabaas garmalee kan bade
ture. Amalli isaanii kan bade, alkooli dhuguu fi qumaarin kan machaa’aniidha.
Gogiinsi fi garaa jabaachun hanga ijoollee durbaa awwaalan gahanitti isaan
geesse. Shiftaa fi daldaltoota saamun isaan keessa kan babal’ateedha. Sadarkaan
dubartii kan kufeedha. Akkuma meeshaan ykn hoorin dhaalamu ishiinis ni
dhaalamti. Nyaata irraayis dubartii irratti dhoowwamuun dhiira qofaaf kan
hayyamametu ture.
Isaan keessatti gosummaa fi dhiigummaan of tuuluun gogiinsa guddaadha. Hanga
lolli isaaniif bashannanaa fi booharti ta’u gahuutti waraana keessatti kan
lixaniidha. Fedhii lubbuu guutuuf karaa lola itti banan barbaadu. Dhiiga jiigsun
isaan biratti garmalee salphaadha. Wanti baay’ee xiqqoon ibidda waraanaa kaasti.
Waraannis hanga waggaa afurtamaa fa’aa tura. Waraana kana keessatti namoonni
kumaatamatti lakkaawaman ni dhumu.
Gama amalaatin (akhlaaqatinis) yoo ilaalle, isaan keessa dhibee lafa qabatetu
jira. Khamrii (alkooli) dhuguun wanta isaan keessatti garmalee babal’atee fi hidda
qabateedha. Warroonni walaloo walaleessanis araada fi khamrii dhuguu irratti 15
walitti qabamuu namootaa ilaalchise garmalee dubbatu. Lugaa, hogbarruu fi
seenaa isaanii keessatti khamriin bakka guddaa qabachuun isaan ko’oomsite jirti.
Daldalli khamrii babal’achuu irraa kan ka’e hanga jechi “Tijaarah (Daldala)”
jedhu gurgurtaa khamriitin wal fakkaatu gahe.
Qumaarinis dhaadanna isaanii ture. Islaamni Araba keessa babal’achuun dura
qumaari taphachuun dhaadannoo guddaa ture. Namni qumaari taphachuu
keessatti hin hirmaanne akka salphataa ta’eetti ilaallama.
Hayyuun Qataadaa jedhamu akkana jedha: “Islaaman dura namni tokko maatii fi
qabeenya isaatiin qumaari taphata. Ergasii kan gaddee fi saamame ta’ee gadi
taa’a. Qabeenya isaa harka nama biroo keessa ilaala. Qumaarin isaan jidduutti
diinummaa fi jibba uumaa ture.”
Warri Hijaaz, Arabaa fi Yahuudaan ribaa (dhalaan) dalagaa turan. Isaan keessatti
dhalli kan babal’ateedha. Hanga daangaa darbuutti garmalee dhalaan hojjatu.
Dhalli nama tokkoof waggoota keessatti dachaa ta’uun liqaa caala. Namni tokko
nama biraatirraa maallaqa yoo liqafate, yeroon liqaa yoo gahe, namni maallaqa
liqeesse kuni liqeefataan akkana jedha, “Maallaqa siif liqeesse naaf kafalta moo
naaf dabaltaa?” Yoo wanti kafalu isa bira jiraate ni kafala. Taa’u baannan, gara
waggaa dhufuutti jijjiruun maallaqa irratti dabalee kafalaaf. Fakkeenyaf, santima
yeroo san ittiin daldalan Diinaaraa 500 yoo liqeefate, yeroon itti deebisu yoo
dhumate Diinara 500 fi dinaara hamma ta’e itti dabalee deebisa. Kuni zulmii
guddaa waan ta’eef Islaamni kana hunda ni dhabamsiise ykn ni dhoowwe.
Hanga isaan lubbuun awwaalu gahanitti ijoollee dubaraa garmalee jibbu. Islaamni
dhufuun dura ijoollee dubaraa lubbuun awwaalun wanta gosoota Arabaa keessa
babal’ateedha. Adeemsi Araboota ijoollee lubbuun awwaalu garagara. Gariin
isaanii sababa dubartiitin salphinni na qunnama jedhee sodaachuun jirtuu ishii
awwaala. Gariin immoo gurraatti waan taateef, gariin dhibee waan qabduuf jirtuu
awwaalu.
Yeroo garii sababa abbaan imala deemef ykn ko’oomef osoo jirtu ishii hin
awwaalin intalli hanga of beektu ni guddatti. Wanta nama boochisu waa’ee kana
ni himu. Gariin isaanii qilee fagoo irraa intala ofii darbu. Ammas isaan keessaa
hiyyummaa sodaachun ijoollee ofii kan ajjeesantu jiru.5
Kuni hundi addunyaan nuura (ibsaa) nabiyummaa yoo dhabde hangam dukkana
keessatti akka tartu nutti agarsiisa. Seenaa darbe qorachuun haala namoota

5 Madda olii- 78-83 ammaas akka beeknu fi hubannu nu gargaara. Namoonni ammas qaroominna
jechuun wantuma badaa namoonni durii hojjatan irra deebi’anii karaa adda
addaatin hojjataa jiru. Qilee gadii fagoo fi dukkana cillimi ummanni darbe itti tare,
namoonni yeroo ammaa Qur’aanaa fi qajeelcha Nabiyyii irraa fagaatanis qilee fi
dukkana wal fakkaatutti taraa jiru. Inumaa san caalu hin oolu. Cunqursaan,
faahishaan (wanti fokkuun), dhala (ribaa) nyaachun, gara-jabeenyi, ummata
jumlaan fixuuni fi kkf dukkana addunyaan ammaa keessa jirtuudha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top