Hasan Ibraahim, maqaa qabsoo Elemoo Qilxuu jedhamuun uummata biratti beekkama,
hirmaataa warraaqsa sabboonummaa Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo
ti.
Jireenya Isaa
Jireenya Ijoollummaa
Seenaan ijoollummaa Elemmoo Qilxuu baayyee hin beekkamu. Garuu bara 1956 Elemoon
barnoota Islaamaa baratee magaalaa Dirre Dhawaa keessatti daldalaa Arabaa sooressa
tokkoof hojjachaa ture. Daldalaan kunis Elemoo fudhatee gara Eden, Yaman bara 1956tti
deeme. Eden akkuma ga’een maqaa isaa gara Elemoo Qilxuutti jijjiirrate. Boodarraa dubartii
Oromoo achi jiraattu tookos fuudhe, bizinesii jalqabe. Bizinesiin achitti jalqabe kunis baayyee
milkaa’eef.
Siyaasa Keessa Seenuu Isaa
Elemoon waa’ee siyaasa nama dhimma qabu hin turre; garuu bara 1966tti manni isaa bakka
itti sabboontonni Oromoo wal gahan ta’e. Kunimmoo qoonsilaa mootummaa Itoophiyaa
yaaddessaa deeme. Elemoonis diinota mootummaa Itoophiyaa qarshiin gargaara jedhamee
shakkame. Bara 1967, namni Hararii (Harari businessman) mootummaa Itophiyaatif hojjatu
tokko, Eden dhaqee Elemoorraa mi’a liqeeffate. Elemoodhanis yeroo Finfinnee dhufteen sii
deebisa jedheen. Akkuma Finfinnee ga’een, Elemoon qabamee gocha shororkeessummaa
mootummaa Itoophiyaarratti geggeessun himatame. Mana hidhaa kessattis qorannoo
hamaa, reebicha fi miidhaa sammuu (psychological torture) guddaatu isarra ga’e. Kunimmoo
Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe. Hiriyoonni Elemoo qarshii walitti
qabanii erga malaamaltummaan dura ta’aa nageenyaa namicha tureef qarshii kennanii
booda gadi lakkifame. Yeroon Eleomoon mana hidhaa keessatti dabarse akka inni
sabboonaa kutataa ta’u isa godhe. Erga mana hidhaatii baayee booda sochii sabboonumma
Oromoo kan akka Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti hirmaachu jalqabe. Bara 1968,
Elemoon dhoksaadhan gara Moqaadishoo deemee walga’ii sabboonummaa Oromoo irratti
hirmaate. Achittis hojiin sabboonummaa Oromoo uummata biyya Arabaatti baballisun isatti
kenname. Gara Edenittis deebi’ee dhaabbata hawaasa Oromoo hundeesse. Bulchiinsa
magaalaa Edenis amansiisee akka isaan biiroo siyaasaa banuuf isaa eeyyaman godhe.
Gargaarsa mootummoota Arabaa fi akkasumaas Dhaabbata Bilisummaa Paalestiin fi Adda
Bilisummaa Eertiraa irraa gaafate. Gargaarsa mootummaa Iraaqitiin, leenjii waraanaa ji’a
torbaa erga kennee booda addaa riphee lolaa hundeessee. Adda kanas hooggansa hiriyaa
isaa Abdulkarim Hajii Ibraahim, irra caala maqaa Jarraa Abbaagaddaa jedhamuun
beekkama, bobbaase. Addi kun odoo gara Itoophiyaa seenuf yaaluu mootummaa
Somaaliyaatin rukutamee, booji’amee gara mana hidhaa galfame. Kunis ta’u, Elemoon odoo
abdii hin kutatin meeshaa waraanaa, gargaarsa Adda Bilisummaa Eertiraatin, dhoksaadhaan
karaa gammoojjii Affaar keessan gara Itoophiyaatti glachuu fi kuusuu jalqabe. Bara 1973tti,
Elemoon walga’ii sochii qabsoo Oromoo Finfinneetti akka hirmaatu waammame. Walga’iin
kunis ummamuu Adda Bilisummaa Oromoo kan xumurame yoo ta’u Elemoonis qabsoo
waraana akka jalqabuuf dirqamni itti kenname.
Waraana Bilisummaa Oromoo
Walga’ii kana booda, hiriyaa isaa Hundee Taqii wajjin, qabsoo waraanaa jalqabuuf gara
Galamsoo deeman. Achittis jeneraal Taaddasaa Birruu, kan hidhaa manaa kessa ture, waajin
wal argan. Elemoon dhoksaadhan humna waraana ijaaruu jalqabe. Abaan Hundee humna
waraanaa riphee lolaa kana bakka iddoo Gubbaa Qorichaa jedhama Tulluu Carcar irratti akka
buufatu gorsan. Caamsaa 1974, Elemoon nama digdama fudhatee Gubbaa Qorichaa irratti
kaampii dhaabe. Achiihis eegdota namicha Mulaatuu Tagany jedhamuu, abbaa lafaa
ummata naannoo sanaa baayyee hacuucaa ture, ajjeesuu jalqaban. Boodarras erga
Mulaatun barsiisaan amantii Islaamaa Galamsoo kessatti akka ajjeeffamu ajajee booda
Mulaatuu ajjeesan.Ajjeechaan Mulaatu nannoo sana naasise. Bulchaan naannoo sanaas
loltuu isaa ergee akka balleessan ajajus garuu loltuun isaa milkaa’uu hin dandeenye.
Hidhattoonni naannoo riphxe loltoota Elemoo Qilxuu dhaabu waan dadhabaniif
mootummaan Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashii humna waraanaa guddaa wajjin
gara Galamsootti erge. Humni waraanaa Elemoo waraanaa dheera waan hin geggeessineef,
humni Geetaachoo hedduu rakkate. Dhumarratti humni Geetaachoo naannoo Xirrootti
humna Waraana Bilisummaa Oromoo itti marsan waraana geggeeffameen nama baayyee
keessaa ajjeesan. Elemoonis erga harka kennatee booda gaafa loltuun isa qabuuf dhufan
dhuka’aa dhoose of ajjeese.
Yaadatamuu
Elemoo Qilxuun uummata Oromoo biratti nama waa’ee Oromootiif jedhee wareeggame
jedhameeti beekkama. Yaaddannoo isaatifis walaloo hedduun kan barreeffame yoo ta’u kana
keessaa kan Sheek Bakrii Saphaalloo kaasun ni danda’ama. Akkasumas sirbi baayyen
sabboontota Oromootin isaaf sirbameera.




Maasha Allah
Akkuma harra nama jalatti hojjetaa jirtu kanna hojjechiisuu siif haalaaffisu
Rabbiin
Very good