Eebbisaa Addunyaa weellisaa beekkamaa fi qabsaawa mirga Oromoo ti. Kan inni ittiin
beekkamu keessaa tokko walleesaa kan gootummaa faarsuu fi deeggarsa olaanaa ABOf,
dhaabbata Oromoon hiree isaa ofiin akka
red https://gareeshahaadaa.org/ai-jechuun-maal-jechuudha-teeknooloojiin-ai-waan-akkamiiti/
murteeffatuuf qabsaawu, qabuuni. Eebbisaan
Humna Poolisii Federaalatiin gaafa Hagayya 27, 1996tti manaasaa isa Finfinnee jiru
keessatti ajjeefame.
Dhaloota fi Jireenya Isaa
Ebbisaan kan dhalate naannoo Oromiyaa Wallagga Lixaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti.
Eebbisaan maatiisaaf ilma angafa yoo ta’u obboleeyyan dhiiraa 2 fi durbaa 3 qaba.
Eebbisaan nama kennaa qabuu fi dargaggeessa kabajamaa ture. Barumsaa sadarkaa 1ffaa
Mana Barumsaa Oliiqaa Dingilitti kan barate yoo ta’u, barumsa sadarkaa 2ffaa ammoo Mana
Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Qeellamitti barate. Eebbisaan qormaata biyyoolessaa fudhatee
waan darbeef yuunivarsiitii galee barachuuf qophaa’aa ture.
- ABOtti Makamuusaa
Qabsoo fi Gumaacha Muuziqaa
Bara 1991, odoo Eebbisaan ramaddii yuunivarsiitii eeggachaa jiruu, humnoonni ABO
ABUT(TPLF), fi ADWUI(EPLF) mootummaa Dargii kuffisan. Magaalaa Eebbisaan keessa
jiraatu Dambi Doolloo keessatti, ABOn buufata waraana guddaa dhaabe. Yeroo sana,
Eebbisaan haalli jireenya ummata Oromoo garbrummaa ta’uusaa waan hubateef akkasumas
barbaachisummaa Oromoon hireesaa ofiif murteeffachuuf qabu waan itti amaneef, kanaaf
qabsaawuuf jecha dhaqee ABOtti makame. Eebbisaan jalqaaba akka daballeetti kan leenji’e
yoo ta’u dandeettii addaa waan agarsiiseef, buufata ABO kan Dambi Doolloo keessatti
leenjisaa dabballootaa ta’ee muudame. Dandeettii waraanaa qofa odoo hin taane, Eebbisaan
dandeettii sirbaas ni qaba ture; kennaa sagalee isa qabu bukkeetti meeshaalee muuziqaa
baayyees ni tabata. Sababa kanaaf, Eebbisaan hawwisoo ABOtti makamee aadaa, wallee, fi
eenyummaa Oromoo mullisuurratti ga’ee guddaa tabate.
Bara 1991 fi 1992 guutummaassa, Eebbisaan Oromiyaa keessa naannoo adda addaa (kibba,
kibba lixaa, giddu galeessa, dhiha) deemee weellisaa ture; sirboonni isaa sirba aadaa yoo
ta’an ergaansaanii garuu kan warraaqsa (revolution) kakaasan turani. Eebbisaan, sirboota
isaatin hacuuccaa ummata Oromoorra ga’u ifatti baasee kan ibsu yoo ta’u karaa ittiin
Oromoon mirga isaa gaafatuu fi falmatus ni ibsa.
Akka nama dhuunfaatti, Eebbisaan nama gara laafessa ture; ummata Oromoo garaa
guutudhaan jaalata ture, baayyee dimmaafis ture. Eebbisaan namoota gargaaruu fi
dhimmuufiif nama duubatti hin jenne ture; obboloota isaa, firootasaa, ollaasaa, namoota
gargaarsa barbaadan kamiyyuu ni gargaara ture. Eebbisaan artisitii baayyee jaalatamaa,
dinqisiifamaa, fi saboonaa dha. Eebbisaan jalqabaa qabee gootummaadhaan beekkama.
Ija-jabummaa fi Mormii Mootummaa
Erga ABOn biyyaa ba’ee geggeessitoonni isaa biyyaa baqataanii ABO dhoksaadhaan
socho’uu jalqabee boodalle, Eebbisa sirba isaatin hammenya mootummaan Itoophiyaa
ummatarraan ga’u ibsuu hin dhiifne. Eebbisaan baayyee ija jabeessa, kan hin sodaanne fi
ifatti hojii shororkeessummaa mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoorraan ga’u
balaaleffachuurraa duubatti jedhee hin beeku. Deeggarsa WBOtif qabus amma dhumaatti
ittuma fufe.
Ajjeefamuu Isaa: Hagayya 30, 1996
Sababa Eebbisaan ija jabeessa ta’eefi ifaan ifatti ajjeechaa fi sarbama mirgaa mootummaan
Itoophiyaa raawwatu balaaleffatuuf, ofuma isaayyuu ilaalcha mootummaa keessa akka galu
godhe. Akka Oromia Support Group Press Release No 17 jedhutti, nama umurii 26 kan ta’e
hiriyaan Eebbisaa mootummaan akka isaan hordofaa fi too’achaa(surveillance) akka jiru
bare; Eebbisa iddoowwan waltajii adda addaatti konkolaatadhaan kan geessu isa ture. Gaafa
Hagayya 30, 1996 Eebbisaa Addnuyaa ergamtuu mootummaa Itoophiyaatin manasaa
keessatti Finfinneetti ajjeefame.ebbisaan jalalii innii oromoof qabuu guddadha ebbisaan
akkaa matiin matisa akkaa amara irra dhufaan ni dubbatama.
Ajjeefamuusaa
Akka gabaasa Oromia Support Group Press Release No 14 kan Onkoloolessa 1996tti:
weellisaa sabboonaa Oromoo Eebbisaa Adduynaa fi hiriyaansaa Xanna Wayyeessa
ergamtuu humna nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin gaafa Hagayya 30, 1996tti
ajjaeefame. Yeroo namoonni meeshaa waraanaa hidhatan manasaa cabsanii seenan
Eebbisaan manasaa kan naannoo Shiroomeedaa lakk 094, Olaanaa 13, Ganda 01 jiru keessa
jira ture. Mannisaa kun kaaba Imbaasii Ameerikaa kan Finfinneetti argama.
Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, reeffi mana keessaa harkifamee konkolaataa Laandi
Rooverii kan lakkoofsa eeyyamaa mootummaa qabutti (government license plate) fe’ame.
Ergamtoonni mootummaa warri isa ajjeesan jalqaba namoonni karaarraa akka sokkan
godhan. Namoonni dhukaasa qawwee dhaga’anii manaa gadi bahanii ilaalan gara manaatti
akka ol deebi’an ajajaman. Reeffi isaanii guyyaa itti aanuu hospitaala Minilik kutaa reeffaa
keessaa argame. Erga Eebbisaan ajjeefamee maatin Eebbisaa rukkuttaa mootummaa
keessa galan; ergamtoota DhDUO kan Dambi Doollotiin hacuuccaa fi miidhaa baayyetu
isaanirra ga’e. Obboleessisaa Ashannaafiin ergamtoota Wayyaanee fi DhDUOtin si’a baayyee
hidhamee. Muuziqaa
Mata Dureewwan Biroo. Seenaa Islaamummaa. Contact




https://shorturl.fm/qD91m
https://shorturl.fm/4zZGC