Sagantaan raadiyoo yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin

tamsa’aa ture hiika Qur’aanaa Muhammad Rashaad

Abdallaati. Bara warri Amaaraafi warri isaan hordofu

Afaan Oromoo Raadiyoo cabsee ba’a jedhan keessa

Muslimoonni Harar Moqaadishoo keessatti Raadiyoo

Afaan Oromoo tamsaasu bananii tamsaasaa turan.

Namni gocha kana irratti gahee guddaa qabu

Muhammad Rashaad Abdullee ture. Namni kun guddina

Afaan Oromootiif kallattii hundaan gumaachuu wajjin

hojiin inni qubee Afaan Oromoo hojiirra oolchuufi

tamsaasa Raadiyoo banuu keessatti hojjate waan

ummanni Oromoo yoomuu dagatuu miti. Sana malees

akka inni miidiyaa hundarra ooluuf kaasettaan waraabee

addunyaaf raabseera. Namni Sheekh Yaasiin jedhamanis

hiika Qur’aana Afaan Oromootiin bara Hayle Sillaasee

duraa kaasanii barsiisnaan waraabamee kaasettaan

ummata bira ga’eera. Kaasetticha anis dhaggeeffadheera.

Walumaa galatti biyya keenya keessatti akkuma

amantiin Kiristaanaafi Amaariffi adda hin baane Afaan

Oromoofi Islaamni adda bahuu gonkumaa hin danda’u.

Akka natti mullatutti osoo mootummaa Amaaraa dura

Muslimoonni dhaabachuu baatanii Afaan Oromoo biyya

kanaa rakkoo guddaaf saaxilama ture. Bakki amantiin

Ortodoksii dhaqqabe hundi yeroo gabaabaa keessatti

Amaaratti jijjiiramaa ture. Kanaaf ragaa fiduu hin

barbaachisu. Namoonni gariin amantiin Islaamaa Oromummaa fi Islaamummaa

202

Oromiffa balleessee Arabiffa bakka buusuuf socho’a

yaada jedhu facaasuu yaalu. Namni akka hundeetti

yaada kanaan deemu Leencoo Lataati. Inni kitaaba isaa

irratti Islaamni Araba ummata gochuuf socho’a waan

jedhu jabeessee dubbatee “akkuma biyya Misraafi

Suudaanii Araba godhan keenyas Araba nu godhanii

turan” jedhe. Yaanni kun gonkumaa sirrii miti. Kun

dhiphina amantii qabu irraa ka’ee seenaa jallisuufi

inumaa ummata Oromoo ganuudha. Addunyaa kana

irratti amantii Islaamaa 80% ol kan qabee jiru Arabaa

miti. Biyyi akka Indooneeziyaa, Paakistaan,

Afgaanistaan, Iraaniifi kkf baay’een afaan ofii isaanii

dubbatu. Turkiin kan waggaa dhibba baay’ee biyyootii

Muslimaa hunda to’attee amantii Muslimaa babal’isaa

turte Afaan Turkii malee Arabiffa jecha tokko hin beekan.

Namoota Turkii garii qunnamee Ingiliffas ta’ee Arabiffa

ittiin dubbachuu jennaan homaa wallaalan. Islaamni

gonkumaa dhiphina Sabummaa hin qabu. Osoo ta’ee kan

Ummata Israa’ilii qofa jedhu amantii Kiristaanaa ture.

Waan guyyaa tokko na mudate keessaa Oromoo amantii

Pirootestaantii hordofu tokko argee osoo waliin

dubbannuu “nuti warri Yesuusiin fudhanne hunduu

Israa’iiliidha” naan jedhe. Kun yaada isaaniiti malee

namni tokko amantii fedhe yoo hordofes eenyummaa

saba isaa lakkisuu hin danda’u. Ani yoomuu Oromoodha

akkasumas Muslima. Waan wal faallessu osoo hin taane waan wal deeggaruudha. Kanaafuu Oromoo ta’uu

kiyyatti nan boona; Muslima ta’uu kiyyaanis nan boona.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top