Sammuu fi daangaa isaa

Sammuun addunyaa miiratin kan daangefameedha. Addunyaa geeybi irratti

murtii hin qabu. Wanta ijaan hin argine ykn gurraan hin dhageenye “akkana

akkana jira” jedhe murteessu hin danda’u. Akkasumas, ragaa malee, “Wanta

ijaan hin mul’anne hin jiru” jechuun mormuu hin danda’u. Sammuun wanta

addunyaa guutuu keessa jiru hubachuu waan hin dandeenyef. Wanti inni

hubatu fi beeku baay’ee xiqqaadha. Fakkeenyaf, samiin tuni daangaa qabdi

moo hin qabdu? jechuun of gaafanna. Sammuun daangaa samii dhaqqabuu

hin danda’u. Kanaafu, wanta ijaan argan guutumaan guututti hubachuu irraa

dadhabaa kan ta’e, wanta geeybi hubachuu irratti akkamitti dandeetti qabaa?

Imaamu Shaafi’iin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedha:

“Dhugumatti akkuma ijji daangaa dhumaa qabdu, sammuunis

daangaa dhumaa qaba.” Akkuma wanti tokko yommuu garmalee fagaatu

ijji arguu hin dandeenye, wanti sammuu irraa fagoo ta’ees sammuun bira

gahuu hin danda’u.

Wanta darbee haala armaan gadiitin guduunfun ni danda’ama:

1. Qaamoleen miiraa nu bira jiran daangefamoo waan ta’aniif wantoota

jiran hunda bira gahu hin danda’an.

2. Dandeettin suuraa sammuu keessatti kaasu wanta qaamoleen miira

nutti fidan irratti kan hundaa’e fi daangefameedha.

3. Sammuun keenyas akkasuma daangefamaadha. Qaamolee miira fi

sammuu daangefamaa kanatti fayyadamuun, haqa addunyaa keessa jiru “ijaan waan hin argineef” hin jiru jedhanii mormuun wanta ilma

namaatif maluu miti

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top