Wali-galtee Dhiyeessuu
Gaafa tokko mushrikoonni walitti qabamuun akkana waliin jedhan:
isin keessaa nama hundarra sihrii, raagaa fi walaloo beeku ilaalaa.
Ergasii namticha jama’aa keenya addaan facaase, dhimma keenya
waliin dhayee, amantii keenya hanqise kanatti dhufee haa
dubbisuu. Wanta isatti deebisuu haa ilaaluu. İsaaniis ni jedhan,
Utbah ibn Rabi’ah malee namni biraa beeknu hin jiru. Isaanis ni 216
jedhan, “Ati Yaa abbaa Waliid isa bira dhaqi.” Utbaanis Nabiyyii
bira deemuun akkana jedhe, “Yaa Muhammad si moo Abdul
Muxxalibiitu irra caala?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni cal’isan.
Utbaan itti fufuun ni jedhe, “Namoonni kunniin (abbootiin kee) si
caalaa gaarii ta’uu yoo odeessite, dhugumatti isaan sanama ati akka
hanquutti ilaalte gabbaranii jiru. Yoo ati isaan caalaa gaarii ta’uu
odeessite, dubbadhu hanga jecha kee dhageenyutti. Si caalaa
namoota irratti nama balaa fide arginee hin beeknu. Hawaasa
keenya addaan facaafte, dhimma keenya ni bittinneessite, amantii
keenya akka hanquutti ilaalte, Araboota keessatti nu salphiste
hanga akkana jedhan gahanitti: Qureeshota keessa nama sihrii
dalaguutu jira. Dhugumatti Qureeshota keessa raagduu jira.”
Rabbiin kakadhe, hanga dhumnutti gariin keenya garii irratti
seeyfiin walitti duuluu malee homaa hin eegnu. Yaa namana!
Wanti qabeenyatti akka haajamtu si taasisu yoo jiraate, hanga
Qureeshota hunda caalaa dureessa taatutti qabeenya walitti siif
qabna. Yoo fedhiin kee fuudhuu ta’e, Qureeshota keessaa dubartii
feete filadhu sitti heerumsifnaati.” Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW)
ni jedhan, “Xumurtee?” Innis ni jedhe, “Eeyyeen”. Ergamaan
Rabbiis (SAW) suuratu Fussilat qara’uu jalqaban:
“Haa Miim. [Qur’aanni kuni Rabbii] Rahmaan, Rahiim ta’e
irraa kan buufameedha. Kitaaba keeyyattoonni isaa ibsaman,
Qur’aana Arabiffaa namoota beekaniif [ibsameedha].
Gammachiisaa fi akeekachiisaa kan ta’eedha. Garuu baay’een
isaanii irraa garagalanii jiru. Kanaafuu isaan hin
dhagahan.” Suuratu Fussilat 41:1-4
Nabiyyiin (SAW) hanga aayah lakkoofsa 13 gahanitti dubbisuu itti
fufan. Utbaanis ni jedhe, “Si gaha. Kanaan ala wanti biraa si bira
hin jiruu?” Nabiyyiinis ni jedhan, Lakkii. Utbaanis gara
Qureeshotaa ni deebi’e. Isaanis ni jedhaniin: Maaltu si duuba jira? 217
Innis ni jedhe, “Isin itti dubbattu jedhee wanta yaade hunda osoo
itti hin dubbatin hin dhiisne.” Isaanis, “Deebii siif deebisee ree
jedhaniin?” Innis ni jedhe, “eeyyen.” (Nihaaya wal bidaayah-Ibn
Kasiir 3/68-69)
Gabaasa ibn Isihaaq gabaase keessatti akkana jechuun itti dabale,
yommuu utbaan Qureeshota bira gahu akkana isaan jedhan,
“Maaltu si duuba jiraa yaa abbaa Waliid?” Innis ni jedhe, wanti na
duuba jiru, Rabbiin kakadhee! Ani jecha fakkaataa isaa gonkumaa
hin dhagahin dhagahee. Rabbiin kakadhe! Jechi kuni walaloos miti,
sihriis miti, raagaas miti. Yaa tuuta Qureeshii anaaf tole jedhaa.
Tarkaanfii fudhachuu qabnu akkaan murteessu anaaf dhiisaa. Nama
kanaa fi wanta inni keessa jiru dhiisaa. İsarraa addaan bahaa.
Rabbiin kakadhe, jechi ani isarraa dhagahe suni oduu guddaa ta’a.
Araboota irratti injifannoo yoo argate, mootummaan isaa
mootummaa keessani, jabeenyi isaa jabeenya keessani. Namoota
hunda caalaa isa waliin filatamoo taatu.” Isaanis ni jedhan: Yaa
abbaa Waliid Rabbiin kakanne arraba isaatiin sihrii sitti hojjate.”
Innis ni jedhe, “Kuni ilaalcha kiyya. Wanta isinitti mul’ate
hojjadhaa.”
Barnootaa fi Faayda kanarraa argamu:
1-Nabiyyiin (SAW) dhimma hundarra barbaachisaa ta’e irratti
xiyyeefachuun karaa qajeelaa irra turan. Utba waliin falmii abbootii
isaati moo isaatu irra caala jedhu keessa hin seenne. Osoo kana
hojjatee silaa utbaan osoo homaa isarraa hin dhagahin dhimmichi
xumuruma ture. Ammas Nabiyyiin (SAW) faayaa fi yakka utbaan
itti dhiyeessutti hin tarre ykn hin kunne. Wanta badaa utbaan
jedhuuf dallansuun itti hin kaane. Ammas faaya itti dhiyeessuuf
deebii hin kennine. Kana hunda kaayyoo guddaaf dhiise. Ergasii
adaba (naamusa) gaariin akkana jedhe, “Yaa abbaa waliid,
xumurtee?” Innis ni jedhe eeyyen. 218
2-Nabiyyiin (SAW) aayatoota kanniin filachuun wanta
gamnummaa isaa agarsiisuudha. Aayaanni tunniin dhimmoota
baay’ee barbaachisoo ta’an of keessatti qabatte. Isaan keessaa:
Dhugumatti, Qur’aanni kuni Rabbi irraa kan buufame ta’uu, haala
kaafirtootaa fi garagaluu isaanii ibsuu, ergama Nabiyyii ibsuu,
Khaaliqni tokko akka ta’e ibsuu, Innis Allah. Inni Khaaliqa samii fi
dachiiti. Kijibsiisuu ummattoota darbanii fi adabbii isaan muudate
ibsuu. Qureeshota iyyansaa fi haleellaa guddaa Aadii fi Samuud
muudateen akeekachiisuu.
3-Namoota gara Islaamatti waaman irratti balaa qabeenyi,
sadarkaa fi dubartoonni qaban- namoota gara Rabbiitti waaman
keessaa namoota meeqaatu balaqqeessa qabeenyaa jalatti kufe.
Akka waamicha isaanii irraa of qusataniif qabeenyi kumaatamatti
lakkaawamu isaaniif dhiyaata. Namoonni qabeenyaan qoramanii
garuu hojii da’waa irratti gadi dhaabbatan, isaan suni warra
Nabiyyiitti hidhataniidha. Akkasumas, balaan sadarkaa fi
beekkamtiin qabu ifa. Sababni isaas, sheyxaanni dhimma kana
irratti karaa hundarra guddaa fi fokkuu ta’een namatti miidhagsa.
Namni Rabbiif jedhee da’waa godhu nama hojii fi dubbii isaa
keessatti Ergamaa Rabbiitti (SAW) hidhatuu fi hordofuudha.
Kaayyoo sababa isaatiif jiraatuu fi du’uuf hin dagatu:
Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi
tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatiifi.
Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanattiin ajajame, ani jalqaba
Muslimootaati.” suurat Al-An’aam 6:162-163
Qormaanni dubartootaa immoo qormaata guddaa dhiiraa
hurgufuudha. Ergamaan Rabbiin (SAW) akkana jedhanii jiru: “Na
booda dubartoota caalaa fitnaa dhiirota irratti miidhaa guddaa
fidu hin dhiisne.” al-Bukhaari (5096) fi Muslim (2741) 219
gabaasan. (Wanti asitti hubatamu qabu, dubartiin badduu akka
taate ibsuuf osoo hin ta’in fitnaan (qormaanni) gara dubartitiin
dhiira irra gahuu guddaa fi cimaa akka ta’e ibsuufi. Eeti, Ergamaan
Rabbii (SAW) dhuguma jedhan. Namoota meeqatu sababa
dubartiitiin wal ajjeese ykn of ajjeesse. Dhiira meeqatu sababa
ishiitin dhiphinna hangana hin jedhamne keessa jiraataa?
Dargaggeessi yommuu dubartoota qullaa yaa’an argu hangam akka
qoramuu fi keessi isaa gubatu Rabbuma beeka. Kanaafu, dubbiin
Ergamaan Rabbii (SAW) dhugaa irraa kan fagaatee ree?)
Ammas, daa’iwwan duubatti harkisuuf takkaa jaartin isaanii
ijjannoo isaanii dadhabsiisti takkaa immoo dubartoonni fujjaarri
(wanta fokku hojjatan) daa’iwwan kuni isaan waliin waan badaa
akka raawwatan ni affeeru. Haaala kanaan waxmadii isaanitti
dabarsuun kaayyoo isaanii irraa duubatti deebisu. Mee itti xinxalli,
Qureeshonni kaayyoo guddaa irraa Nabiyyii duubatti deebisuuf
dubartii fedhe akka isatti heerumsiisan isaaf dhiyeessan. Garuu
Nabiiyyiin (SAW) ni dide. Namoonni gara Islaamatti waamaniis
fakkeenya isa godhachuun hordofuu qabu. Wanta Yuusuf jedhe
sammuu keessaa hin Qabu
“[Yuusuf] ni jedhe, “Yaa Rabbi! Wanta isaan itti na waaman
irra hidhaan naaf jaallatamaadha. Yoo Ati shira isaanii narraa
hin garagalchin, gara isaanitti dabee wallaaltoota keessaa ta’a.
Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira isaanii isarraa garagalche.
Dhugumatti Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Yuusuf 12:33-34
Niitin Aziiz, Nabii Yuusufin (aleyh salaam) ishii waliin badii akka
raawwatu affeerte (waamte). Garuu Yuusuf (aleyh salaam) badii
zinaatti kufuu irra mana hidhaa keessatti hidhamuu filate. Sababni
isaas, hidhaan adabbii yeroo gabaabaf turuudha. Zinaan
(sagaagalummaan) immoo adabbii (azaaba) cimaa yeroo dheeraaf turutti nama geessa. Yuusuf ni jedhe, “Yaa Rabbi! Badii guddaa
zinaa isaan itti na waamanitti kufu irra hidhaan anaaf
jaallatamaadha. Badii isaan waliin akka hojjadhuuf shira natti
baasan yoo Ati narraa hin deebisin, gara isaaniif deebii deebisuutti
daba. Ergasii baditti kufee wallaaltota hoo’insi fedhii isaan
keessatti cimu keessaa ta’a.” Dhugumatti badii dubartoonni kunniin
itti waamanitti kufuun wallaalummaadha. Sababni isaas, qananii fi
mi’aa Jannata keessatti turaa fi itti fufaa irra mi’aa xiqqoo fi
boodarra gara hadhaatti jijjiramu filata. Nama qananii fi mi’aa
Jannataa dhiisee mi’aa xiqqoo fi gara hadhaatti jijjiramu filatee
caalaa namni wallaalaan ni jiraa? Beekumsi fi aqliin mi’aa lamaan
keessaa hundarra guddaa fi dhumti isaa gaarii ta’ee akka filatan
nama taasisa.1
“Gooftaan isaas isaaf awwaate. Shira isaanii isarraa
garagalche.” Rabbiinis Yuusufin kadhaa isaatiif deebii deebisee.
Badii niitin Aziizi fi hiriyyoonni ishii akka hojjatu isarraa
barbaadan isarraa ni deebise. 2
“Dhugumatti Inni Dhagahaa,
Beekaadha” Kana jechuun sagalee hunda kan dhagahu, wanta
hundaa kan beeku Rabbii olta’aa qofa. Kadhaa nama Isa kadhatee
ni dhagaha, niyyaa nama kanaas sirritti beeka. Kanaafu, Yuusufin
fitnaa (qormaata) cimaa kanarraa ni baraare.3
Gabaabumatti, qormaanni karaa sadiin namatti dhufu mucuca
guddaa nama mucuceessa. Qormaanni karaa qabeenya, beekkamti
ykn sadarkaa fi dubartii qormaata ciccimoo nama karaa qajeelaa
irra deemu muudataniidha. Namni hojii gaggaarii hojjatu Rabbiif
jedhe kanniin sadan irraa hojii isaa qulqulleesse dhugumatti inni
milkaa’e.

