Kutaa darbe keessatti rakkoo fi dararaa Nabiyyii (SAW) fi
sahaabota isaanii irra gahee ilaalle turre. Gara waggaa kudhanii
Makka keessatti haa rakkifamanii malee Muslimoonni Qureeshota
irratti waraana hin banne. Gaafa tokko Abdurahmaan ibn Awf fi
hiriyoonni isaa gara Nabiyyii (SAW) dhufuun akkana jedhan, “Yaa
Nabiyyii Rabbii! Nuti mushrikoota taanee osoo jirruu jabeenya
qabna turre. Erga amannee booda immoo xiqqaatota taane.” Isaan
kan kana jedhaniif iimaana isaanii shakkanii osoo hin ta’in
mushrikoota isaan rakkisan waraanaan ofirraa deebisuu
barbaadaniiti. Ergasii Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan,
“Dhugumatti, ani irra darbutti ajajame. Kanaafuu namootaan wal
hin lolinaa.”1
Kana jechuun Rabbiin akka isaaniif irra darbuu fi
obsu na ajaje, kanaafuu isaanitti waraana hin baninaa.
Marsaa Makka keessatti iccitii Muslimoonni waraana irraa
dhoowwamuu keessa jiru, hunda caalaa Rabbii olta’aatu beeka.
Qorattoonni Islaamaa gariin iccitii kana keessa jiru itti xinxaluuf
yaalanii jiru. Mee xinxallii san keessaa muraasa asitti haa eerruu:
1-Jireenya Nabiyyii keessatti marsaan Makkaa, yeroo leenjii fi
wanta dhufuuf itti of qopheessaniidha. Leenji keessaa tokko
sahaabota Nabiyyii (SAW) rakkoo isaan qunnamuuf akka obsan,
fedhii ofii osoo hin ta’in ajaja Nabiyyii hordofuu fi of too’achuu
isaan barsiisuu fi leenjisuudha.
2-Hawaasa akka Qureeshii keessatti jeequmsaan da’waa gochuu
irra nagahaan da’waa gochuun bu’a-qabeessaa fi faayidaa guddaa
kan qabuudha. Mushrikoonni Qureeshota garmalee kan of tuulanii
fi gosaan dhaadataniidha. Osoo yeroo kanatti lolli banamee silaa
Qureeshonni daran diddaa fi of tuuluu guddaa agarsiisu. Silaa
namoonni gadoo baafachuuf ajjeechaan isaan keessatti ni babal’ata 212
ture. Kanarraa kan ka’e, silaa Islaamni sammuu namootaa keessatti
ergaa cimaa ta’uu irraa gara fincilaatti jijjirama ture.
3-Ammas, tarii makka keessatti waraana irraa dhoowwamuun mana
hunda keessatti dirreen waraanaa akka hin adeemsifamne
dhoowwuufi. Muslimoota kan rakkisuu fi azzabuu hoggantoota
Qureeshotaa qofa osoo hin ta’in warris bakka bu’ummaa
Muslimoota rakkisuu ni fudhatan. Fkn, abbaan ilmi isaa Muslima
yoo ta’e, isa ni rakkisa. Haala akkanaa kana keessatti waraana
banuu jechuun mana hunda keessatti waraanninii fi lolli ni
adeemsifamaa jechuudha. Ergasii, Islaamni ni balaaleeffatama.
Inumaa yeroo Muslimoonni waraana irraa akka of qusatan
ajajamaniyyuu Qureeshonni namoota gara hajjii dhufaniin
“Muhammad abbaa fi ilma addaan baasa” jechaanii turan. Osoo
waraanni abbaa fi ilma jidduutti adeemsifamee hoo dhimmi akkam
ta’inna laataa?
4-Tarii namoonni Muslimoota rakkisaa turan gara fuunduraatti
tawbachuun loltoota Islaamaa ta’u. Akka fakkeenyaatti Umar ibn
Al-Khaxxaab loltuu qofa osoo hin ta’in hogganaa cimaa ta’ee jira.
5-Yeroo sanitti Muslimoonni lakkofsaan xiqqoo fi jireenyi isaanii
Makka keessatti kan daangeeffameedha. Ergaan Islaamaa namoota
naannoo sanii fi addunyaa biroo hin dhaqqabne. Osoo
Muslimoonni mushrikoota waliin dirree lolaatti seenanii, tarii
Muslimoota irra miidhaan guddaan gahuu danda’a. Yoo
Muslimoonni kuni ajjeefaman eenyuutu ergaa Islaamummaa
addunyaatti geessa? Kanaafuu, hanga irree jabeeffatanii rakkoo
irratti obsuun barbaachisaadha.
Akka yaada keenyaatti sababoonni armaan olii kunniin sababoota
muraasa waraana irraa of qusachuuf barbaachisaniidha. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa leenjii sahaabotaa guutuu fi ba’aa gara
fuunduraatti isaan eeggatuuf isaan qopheessuuf waraana irraa akka 213
of qusatan, salaata sirnaan akka salaatanii fi zakaa kennan ajaje.
Akkasumas, carraaqqii fi hojiin isaanii nafsee ofiitiif osoo hin ta’in
Rabbiif jedhanii fi karaa Isaa keessatti akka ta’uuf.
Taateen tokko hojii tokko jalqabuun dura barbaachisummaa
miidhaa fi bu’aa isaa madaaluu keessa jiru sahaabota barsiisee jira.
Taateen kunis: sahaabonni gariin wanta Qureeshonni gabbaran ni
arrabsan. Qureeshonnis wallaalummaan Rabbi subhaanahu
arrabsuu jalqaban. Sahaabonni wanta gaarii hojjataa jiru. Garuu
miidhaan Qureeshonni Rabbii olta’aa arrabsuu irraa dhalatu
guddaadha. Kanaafuu wanta Qureeshonni gabbaran arrabsuu akka
hin qabne sahaabonni ni hubatan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
akkan Jedha
“Kanneen [mushrikoonni] Rabbii gaditti gabbaran hin
arrabsinaa, daangaa darbuun beekumsa malee Rabbi
arrabsaniitii. Akka kanatti ummata hundaaf hojii isaanii
bareechisneef. Ergasii deebiin isaanii gara Gooftaa isaaniiti.
Wanta hojjataa turanis isaanitti hima.” Suuratu Al-An’aam
6:108
Kana jechuun sanama, taabotaa fi wanta biroo mushrikoonni
Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa. Mushrikoonnis gadoo
bahuuf jecha, Rabbii hanqina hundarraa qulqulluu ta’e daangaa
darbuun beekumsa malee arrabsuu.
Haala kanaan qajeelfama bu’uuraa kana sahaabonni baratan: hojiin
sirriin gara miidhaa guddaatti kan geessu yoo ta’e, hojii sirrii
san ni dhiisan, hin hojjatan. Hayyoonni Islaamaas bu’uurri kuni
yeroo hundaaf kan turuudha jedhu. Kaafironni jaboo fi mootummaa
Islaamaa jalatti kan hin bullee yoo ta’an, wanta isaan gabbaran yoo
arrabsan isaaniis Islaama ykn Rabbi ykn Nabiyyii ni arrabsan 214
jedhamee yoo sodaatame, wanta isaan gabbaran ykn amantii isaanii
arrabsuun Muslimaaf hin hayyamamu. Muslimni gochoota armaan
olii keessaa tokko yoo hojjate namoota biroos baditti kakaasuu ta’a
waan ta’eef.
Namni marsaa Makkaa waggaa kudha sadiif ture yommuu itti
xinxalu marsaa leenjii, qopheessuu fi amantii sirrii qalbii keessatti
hidda qabsiisuu akka ta’e ni arga. Akkasumas, amanti dhugaa kana
qalbii namootaa keessatti hidda qabsiisuuf jarjaruu akka hin qabne
ni hubata. Amantiin sirriin erga gadi dhaabanii booda hordoffii,
eeggumsaa fi itti fufiinsa barbaachisa. Dhimma guddaa kana
keessatti jarjaruu fi gugachuun ykn fiiguun firii barbaadamu hin
buusu.
Har’as Muslimoonni barnoota armaan olii kana barachuu qabu:
shirkii, kufrii fi wallaalummaa buqqisanii balleessuuf leenjii fi obsa
guddaa barbaachisa. Nabiyyiin (SAW) sahaabonni nafsee ofii akka
too’atanii fi obsaan of faayan ajajaa turan. Hariiroo Rabbi waliin
qaban akka jabeessanii fi ibaadaadhaan gara Isaatti dhiyaachuu
akka qaban isaan qajeelchaa turan.
Nuufis barnoota akka ta’uuf, leenjii Nabiyyii fi sahaabotaaf
godhame keessaa mee muraasa isaa Qur’aana irraa haa ilaalluu.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jalqaba suuratu al-Muzzammil
keessatti Nabiyyiin halkan akka salaataan dhaabbatu ajajee:
“Yaa kan [uffataan] of mare! Xiqqoo malee halkan [salaataaf]
dhaabbadhu. Walakkaa isaa yookiin xiqqoo isarraa hir’isi.
Yookiin isarratti dabali. Qur’aanas suuta dubbisi.” Suuratu Al-
Muzzammil 73:1-4 Boqonnaan suuratu Muzzamil tuni sahaabota barbaachisummaa
halkan salaataan dhaabbachuu, yeroo hunda Rabbii olta’aa
yaadachuu, dhimmoota hunda keessatti Isarratti hirkachu, obsuu fi
araarama Isa kadhachuutti isaan qajeelchitee jirti. Dhugumatti
halkan walakkaa ykn gara dhumaatti salaataaf dhaabbachuun bu’aa
hangana hin jedhamne qaba. Rakkoo fi qormaanni jireenyaa
namaaf akka salphatu taasisa.
Wanti biraa Nabiyyii fi sahaabotaaf jabeenya ta’e Qur’aana. Yeroo
Makka keessatti aayanni Qur’aanaa bu’an sahaabotaaf bohartii
guddaa ta’anii jiru. Bu’aa kana tuqaa lama jalatti guduunfuun ni
danda’ama:
1ffaa- Keeyyattoonni Qur’aanaa Nabiyyiin (SAW) akka
sahaabotatti xiyyeefannoo kennuu fi isaan irraa hin garagallee
ajajuu.
2ffaa- Seenaa ummatoota darbanii isaaniif odeessuun isaan
booharsuu. Akkuma isaan rakkifaman ummanni darbaniis harka
kaafirtootaa keessatti rakkifamaa akka turan isaaniif ibse. Kuni
sahaabotaaf fakkeenya ta’a. Yaada akkana jedhu isaaniif dabarsa,
“Karaa Rabbii keessatti isin qofa osoo hin ta’in ummanni isiniin
duraas baay’ee rakkifamanii jiru. Garuu rakkoo kana hunda obsaan
dabarsan. Kanaafuu, isiniis isaanitti hidhachuun obsaa.” Ammas,
Qur’aanni hojii gaarii sahaabotaa faarsuu fi mindaa guddaa isaaniif
waadaa galuun ejjannoo fi kakka’uumsa isaanii cimse. Gama
biraatiin kaafirtootaaf adabbii guddaan akeekkachiisa. Kuni hundi
warroota amananiif bohaartii ta’a.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top