Nabiyyummaa irraa bara 14ffaa ji’a Rabbi’al-Awwal 8 guyyaa Wiyxata
(Fulbaana 23 bara 622 ALA) Ergamaan Rabbii (SAW) Qubaa’a gahan.
Urwah ibn Zubayr akkana jedha: Muslimoonni Madiinaa keessa jiran
Ergamaan Rabbii (SAW) Makkaan keessaa akka bahe ni dhagayan.
Ganama hunda gara Harrah bakka jedhamtu deemu. Hanga hoo’i waaree
isaan deebisutti isa eegu. Guyyaa tokko yeroo dheeraaf erga isa eeganii
booda gara manaatti deebi’an. Yommuu isaan gara manaatti deeman,
namtichi yahuudaa tokko waa ilaaluuf dallaa isaanii irra bahe. Ergasii
Ergamaa Rabbiiti fi hiriyyoota isaa uffata adii uffatanii gammoojji
keessaa olbahan arge. Namtichi sagalee isaa olkaase akkana jedhee
lallabuu irraa of qabuu hin dandeenye: Yaa tuuta Arabaa! Namni isin
eegaa jirtan kunooti.” Muslimoonnis gara meeshaa waraanaa isaanii
fiigun Ergamaa Rabbii (SAW) Harrah gubbaatti qeebalan.
Ibn Al-Qayyim ni jedha: Sochii fi takbiiraan Banii Amr ibn Awf keessatti
ni dhagayame. Muslimoonni dhufaati isaatti gammadu irraa kan ka’e
Allahu akbar jedhan. Isa qunnamuuf ni bahan. Nageenya nabiyyuumaatin
isa qunnaman. Gara hundaan isa marsan. Tasgabbiin isa haguuge,
wahyiin isarratti bu’a…” Zaadul Ma’aad 3/54
Urwah ibn Zubeyr akkana jedha: Ergamaan Rabbii (SAW) isaan waliin
gara mirgaatti goruun Bani Amr ibn Awfitti bu’e. Kunis Rabii’al-Awwal
irraa guyyaa wiyxataati. Ergamaan Rabbii taa’anii fi cal’isanii osoo jiranu 300
Abu Bakr olka’e namoota qeebala. Ansaaronni gariin Ergamaa Rabbii
tana dura hin argine, Abu Bakrin nagaha gaafachu jalqaban. Garuu
yommuu aduun Ergamaa Rabbii (SAW) tuqxu, Abu Bakr hansoolaa
isaatiin isa gaaddisessuuf gara fuunduraatti dhufe. Yeroo kanatti
namoonni Ergamaa Rabbii (SAW) beekan.”
Ergamaan Rabbii (SAW) Qubaa’atti Kulsuum ibn Hadam bira qubate.
Hanga amaanaa namoota Nabiyyii bira turan deebisuutti Aliyy ibn Abi
Xaalib Makkaan keessa guyyaa sadii ture. Namoonni Nabiyyi (SAW)
nama hunda caalaa waan amananiif amaanaa isa bira kaa’atu. Yommuu
Nabiyyiin (SAW) Makkaan keessaa bahan Aliyyin “Amaanaa kanniin
ebalu, eebalu deebisiif” jechuun dhaaman. Aliyyis akkuma jedhame
deebisee miilan gara Madiinaa godaane.
Ergamaan Rabbii (SAW) Qubaa’a guyyaa afur turan: Wayxata, Kibxata,
Roobi fi Kamsaadha. Masjiida Qubaa’a hundeessun keessatti salaate.
Nabiyyummaa booda masjiinni kuni masjiida yeroo jalqabaa taqwaa
irratti hundeefameedha. Guyyaa shanaffaa-Guyyaa Jum’aa, ajaja
Rabbiitiin Abu Bakr waliin geejjiba yaabbachuun gara Madiinaa qajeele.
Eessumoota isaa kan ta’an Banii Najjaaritti ergaa erge. Isaaniis sayfii
isaanii hidhatanii dhufan. Ergasii gara Madiinaa imalan. Bani Saalim ibn
Awf keessatti Jum’aan isaanitti gahe. Namoota dhibbaatamatti
lakkaawaman waliin achitti Jum’aa salaate.
6.7-Madiinaatti Seenuu
Jum’aa booda Nabiyyiin (SAW) Madiinaa seenan. Guyyaa kanarraa
jalqabee, biyya Yasrib Madiinaa (Magaalaa) Rasuulaa (SAW) jedhamuun
waammamte. Maqaa gabaaban “Madiinaa” jedhamte. Guyyaan kuni
guyyaa seenaa adda ta’eedha. Manneeni fi karaaleen sagalee Rabbiin
faarsu fi qulqulleessuun socho’an. Shamarran Ansaarota gammachuu fi
mirqaansun walaloo kanaan weeddisan:
طـلـع الـبــدر علـينا **مـن ثـنيــات الـوداع
وجـب الشـكـر علـينا ** مـــا دعــا لـلـه داع
أيـهـا املبـعـوث فـينا ** جـئـت بـاألمـر املطاع 301 Jiiyni guutuun nurratti bahee
Sulula Wadaa’i keessaa
Shukrin nurratti dirqama ta’ee
Hanga waamaan gara Rabbiitti waamee
Yaa kan nu keessatti ergamee
Ajaja tolee jedhaniin dhuftee
Jiiyni guutuun nurratti bahee
Sulula Wadaa’i keessaa
Shukrin nurratti dirqama ta’ee
Hanga waamaan gara Rabbiitti waamee
Yaa kan nu keessatti ergamee
Ajaja tolee jedhaniin dhuftee
Ansaaronni qabeenya baay’ee kan hin qabne haa ta’aniyyu malee,
hundi isaaniitu Ergamaan Rabbii (SAW) mana isaanii akka qubatu
hawwu. Manneen Ansaaraa biraan hin darbu funyoo gaala isaa kan
qaban yoo ta’an malee. Hundi isaaniitu, “Yaa Ergamaa Rabbii! Nu
waliin turi.” Jedhu. Ergamaan Rabbii (SAW) nama hundaan
kabajaan akkana jechuun deebisan: “Karaa ishii (gaalaa) gadi
dhiisaaf, ishiin tan ajajamte waan taateef.” Hanga bakka Masjiinni
Nabawi yeroo ammaa itti argamuu geessutti gaalli Nabiyyi (SAW)
deemu itti fufte. Ergasii ni jilbifatte. Hanga olkaate gara
fuunduraatti xiqqoo deemtutti Nabiyyiin (SAW) ishii irraa hin
buune. Ergasii asi achi mil’atte bakkuma yeroo jalqaba jilbifattetti
deebitee jilbifatte. Nabiyyiinis (SAW) ishii irraa ni bu’an. Bakki
kunis Banii Najjaar keessa. Baniin Najjaar eessumoota Nabiyyiiti.
Dhugumatti, tawfiiqa (qunnamsiisu) Rabbiin irraa ta’een,
eessumoota isaa kabajuu fi isaan waliin jiraachun hawwii isaa ture.
Kanaafu, hanga manaa fi masjiida isaa ijaaru mana Abu Ayyuub
Al-Ansaari qubate.
Hadiisa Bukhaari keessatti Anas ibn Maalik akkana jechuun
gabaase: Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Manneen warra
(firoota) keenyaa keessaa kamtu dhiyoodhaa?” Abu Ayyuubis ni
jedhe: “Kiyya, Yaa Ergamaa Rabbii! Kuni mana kiyya, kuni
balbala kiyya.” Nabiyyiinis (SAW) ni jedhan: “Deemii bakka itti
boqannu nuuf qopheessi.”
Abu Ayyuubis ni jedhe: “Barakaa Rabbiitiin olka’aa.”
Guyyoota muraasaan booda haati manaa isaa Sawdaan, ijoolleen
dubaraa isaa lamaan: Faaximaa fi Umm Kulsuum, Usaamah ibn Zayd, Umm Ayman Nabiyyi (SAW) bira ni gahan. Abdullah ibn
Abi Bakr maatii Abu Bakr waliin bahe. Isaan keessaa Aa’ishaan
takka turte. Hanga duula Badr Zaynab godaanu hin dandeenye,
abbaa manaa ishii Abul Aas waliin turte.1
Alhamdulillah Rabbiil aalamiin. Jireenya Ergamaa Rabbii (SAW)
irraa kutaan 1ffaan (marsaan Makkaa) asirratti xumuramee jira.
Kitaabban wabii
As-Siiratu Nabawiyyati–Alii Muhammad Sallaabi, Noble Life of
The Prophet [English]
Rahiiqal Makhtuum (Arabic), (The sealed Nectar) (English)
Siiratu Nabawi– Abul Hasan Nadawi

