Abu Bakr Siddiiq dhiiroota gurguddoo fi sadarkaa qaban bilisaa
keessaa nama jalqaba Nabiyyitti (SAW) amaneedha. Ergamuun
dura nama Nabiyyitti garmalee dhiyoo ta’eedha. Isa ilaalchisee
Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: Abu Bakr malee namni ani gara
Islaamummaatti waame hundi isa bira gufuu, duubatti jechuu fi
sirritti ilaaluutu ture. Yommuu ani gara Islaamummaatti isa (Abu
Bakri) waamu osoo homaa hin shakkinii fi hin turin gara
Islaamawuutti fiige.” (Siiratu An-Nabawiyyatu-Abu Shuhbata
(1/284) ilaali)
Abu Bakr hawaasa Qureeshii keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi
sababoota baay’eef kan kabajamuudha:
-Nama ummata isaa tokkoomsu, jaallatamaa fi haala salphaan
namaan kan walii galuu ture.
-Qureeshota keessaa nama sanyii gaarii qabuudha. Waa’ee sanyii fi 119
kheeyriif sharrii isaan keessa turan ilaalchisee isaan hunda caalaa
kan beekudha.
-Nama daldalaa haqaan hojjatuu fi amala gaariin beekkamu ture.
-Qureeshota keessatti nama beekkamaa ture. Beekumsa isaatiif,
muxannoo daldala keessatti inni qabuuf ykn isa waliin
hiriyoomuufis namoonni isatti dhufu.
Garuu maaliif Abu Bakr Qureeshota biratti garmalee jaallatamaa
ta’e? Eeyyeen, gaarummaan amala isaa nama isa waliin
hiriyyoomuu barbaadeef balbala baneef. Ammas, Abu Bakr
beekumsa sanyii fi seenaa waan beekuuf namoonni gara isaatti
fiigu. Akkuma beekkamu Qureeshota keessatti Abu Bakr caalaa
waa’ee sanyii fi seenaa isaanii kan beeku hin jiru. Kanaafuu,
gamnooni hawaasa Qureeshii akkasumas, dargaggonni beekumsa
argachuuf Abu Bakr waliin taa’uu jaallatu. Ammas, Abu Bakr
nama arjaa fi keessummaa haala gaariin keessumeessu ta’uu irraa
kan ka’e, namoonni taraa(dhageeettii hin qabnee) fi hiyyeeyyiin
gara isaatti deemu. Kanaafuu, namoonni hawaasa keessatti sadarka
kamiyyuu irra jiran isa waliin hiriyoomuu fi isa waliin taa’uun
bu’aa baay’ee argatanii jiru. Sababa kanaaf, yommuu ergaan
Islaamummaa babal’achuu eegalu namoonni baay’een harka isaa
irratti Islaamawan. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti: Usmaan ibn
Affaan, Abdurahmaan ibn Awf, Sa’ad ibn Abi Waqqaas, Zubeyr
ibn Al-Awwaamii fi Xalha ibn Ubeydillah.
Namoonni gurguddoon shanan kuni Islaamawuun firii da’awaan
Abu Bakr buuseedha. Abu Bakr gara Islaamummaatti isaan waame,
isaanis waamicha isaatiif ni awwaatan. Ergasii gara Nabiyyiittti
(SAW) isaan fuudhee deemeen. Hundi isaaniituu Nabiyyii biratti
Islaamawuu ofi labsan. Akkuma gootonni shanan kunniin
Islaamummaa keessa seenanii namoonni biroos isaan duuka
(faana)bu’uu jalqaban.
6-Garee Lammaffaa Namoonni filatamoon harka Abu Bakr irratti erga Islaamawanii
gareen lamaffaan Islaamummaa keessa seenuu jalqabe. Gareen
lamaffaan kuni: Abu Ubeydah ibn Jarraah, Abu Salamata Abdullah
ibn Abbdul-Assad ibn Makhzuum ibn Murrah (namni kuni ilma
adaadaa Nabiyyiitii (SAW) “Barrah bint Abul-Muxxalib), Al-
Arqam ibn Abi Al-Arqam Makhzuumii, Usmaan bin Maz’uun al-
Jumhii, Ubeyda ibn Al-Haaris ibn Abdulmuxxalib, Sa’iid ibn Zayd
ibn Amr ibn Nufeyl, Qudaamah fi Abdullah ilmaan lamaan
Maz’uun, Faaximah bint Al-Khaxxaab ibn Nufeyl (obboleetti Umar
ibn Al-Khaxxaab fi niitii(jaartii)Sa’iid ibn Zayd), Asmaa’aa bint
Abu Bakr Siddiiq, Aa’isha bint Abu Bakr Siddiiq fi Khabbaab ibn
Al-Arat (hunda isaanii irraahuu Rabbiin haa jaallatu).

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top