Amalli nurraa eegamu hunda keessattuu saba kamiifuu
Rabbiin sodaachuu akka ta’e Rabbiin nutti himee
“Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa
keessani” jedhe. Kana jechuun ummata sabaafi sablammii
adda addaa kana keessaa “kamtu irra caala? Isa kamtu
filatamuu qaba? Isa kamtu durfamuu qaba?” kan jedhuuf
deebiin sirriin “isa waan hunda keessatti Rabbii isaa
sodaatu, kan gaarii hojjatu, obsu, haqa eegu, miidhaa hin
hojjanne, hin gowwoomsine, dhugaaf dhaabatu,
qabeenya namaa haqaan malee hin nyaanneefi walumaa
galatti amanamaa dhugaaf deemu” ta’uu qaba kan
jedhuudha. Sabni tokko yoo amala amma dubbannee
dabarsineen ta’e malee saba biraa gonkumaa hin caalu.
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “sodaa Rabbii isaatiin
yoo ta’e malee Arabni ummata biraa homaa hin caalu”
jedhan. Hadiisichis akka namni filatamaan kan Rabbii
isaatiin bulu, isaaf ajajamuufi waan inni dhorge dhiisu
ta’e ibsa.
Caalmaan kun kan addunyaas ni dabalata. Addunyaattis
kan ummata dursuufi hogganuu qabu nama ga’umsa
qabu ta’uun beekamaadha. Ga’umsa keessaa inni
jalqabaa nama amanamaa dhugaaf dhaabbatu ta’uu
qaba. Namni siyaasaaf jecha kijibu, ummata
gowwoomsu, qabeenya isaanii saamuufi ummata isaa ija
walqixaan hin ilaalle gonkumaa hogganuu hin qabu.
Biyya keenya keessatti rakkoon hanga ammatti uumamee biyyattii jeeqaa ture kana ta’uun iccitii ummanni hundi
beekuudha. Mootoleen dhuftee tarte hunduu
Dimokraasiifi wal qixxummaa labsiti; waan seera jettee
tumattu irrattis ni barreessiti. Garuu wanti qabatamaan
biyya keenya keessatti hojjatamaa ture faallaa kanaati;
qabeenya saba biraa saamtee ittiin of guddisaa turte.
Akka adda dureetti ummanni qabeenyi isaa saamamaafi
hacuucamaa ture immoo ummata Oromoo saba bal’aa
biyyattiiti.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top