images 24

Islaamni sabaan of tuuluu, saba biraa tuffachuu, ofii
gaditti isa ilaaluu, dhiibbaa irraan gahuufi kkf waan
ummanni wallaalaan geggeessaa turan guutummaatti
mormeera. Namni tokko saba biraa ta’eef dhugaan isaa
dhokachuu hin qabu. Maqaan adda addaa itti baafamees
tuffatamuun dhorgaadha. Dhiphinni sabaa jibbamaan
Afaan Arabaatiin ‘Asabiyyaa’ jedhama. Hiikti isaa kan
kuusaa jechoota Arabaa Tahziib Allughaa keessa jiru kan
armaan gadiiti:
ُّب َمعَهم على من يناوئهم، بيَّة
صرة َع َصبته والتأل
لَى ن
ِ
َن يَد عو الرجل إ
والعَ َص : أ
ِذا تج معوا.
ِهم إ
ي
َوقد تع َّصبوا َعلَ
َو مظلومين.
ظالمين َكان وا أ
Asabiyyaa jechuun namni tokko firoottan isaa kan nama
miidhan ykn miidhaman warra faallaa isaanii irratti
gargaaruuf waamuufi isaaniin walitti qabamuudha. Oromummaa fi Islaamummaa
96
‘Ta’assaba Alayhim’ jechuun walitti qabamuudha.1
Guyyaa tokko sahaabaan wahii Ergamaa Rabbii (saw)
kan armaan gadii gaafatee ture:
ا َّّللِ ِم َن َر يَا سو َل
ِ أ يَّ ِة َ
عَ َصب
ال ن
ِك ن و َم أ ي ِح َّب ال َّر ج ل ه ؟ َ
َو قَ قَا َل: »َل، لَ
ِيَّ ِة
عَ َص ِم َن ب
ال ن
َ
أ
َعلَى ِم و َم ي ِعي َن ال َّر ج ل ه
قَ

ال « ُّظل
Yaa Ergamaa Rabbii (saw)! Sila saba ofii jaalachuun
‘Asabiyyaa (dhiphina) keessatti ramadamaa?’ jedhe.
Ergamaan Rabbiis (saw) “lakki! Asabiyyaa jechuun
namicha saba isaa miidhaa irratti gargaaruudha”
jedhan.2
‘Asabiyyaa’n inni jibbamaan saba ofii miidhaa
raawwataaru deeggaruufi isaan biratti walitti
qabamuudha. Deeggarsi kun saba biraa miidhuu waan
ta’eef Rabbi biratti baay’ee jibbamaadha. Yoo nama
miidhameef tumsuu ta’e immoo jaalatamaadha.
Kanaafuu saba ofii jaalachuun isa keessa hin seenuu
Ergamaan Rabbii (saw) dubbatan. Akkasuma saba biraa
tuffachuun ykn dhugaa isaan bira jiru diduun waan
Rabbiin dallansiisuudha.
Gochi kun immoo biyya keenya keessatti babal’atee
argama. Sabaafi sablamoonni biyya keenyaa baay’een
maqaa adda addaa walitti moggaasanii wal tuffatanii,
wal jibbanii, namaa gaditti wal ilaalaa jiraataa turan.

تهذيب اللغة 2 / 30 2/30, Allughaa Tahziib 1
2 Imaamu Ahmadiifi Ibn Maajaah keessa jira. Oromummaa fi Islaamummaa
97
Oromoon, walaayittaan, Dawroofi Yamiin maqaan tuffii
itti moggaafamee ittiin waamamaa turan. Oromoo keessa
yeroo seentus balbala baay’eetu maqaan adda addaa itti
moggaafamee tuffatamaa ture. Gosaan of tuuluun isiin
akka kanaa xirooftuu ajooftuudha.
Kanaafuu ilaalcha amantii Islaamaa keessatti namni saba
fedhe ta’us Rabbi biratti wal qixa. Madaalli ittiin Rabbiin
biratti wal caalan sodaa Rabbii, amala gaarii, hojii gaarii,
beekumasa bu’a qabeessaafi kkf dha. Kanaafuu
Qur’aanni “isin keessaa namni kabajamaan isa akkaan
Rabbii isaa sodaatuudha” jechuu nutti hime. Ergamaan
Rabbiis (saw) kan armaan gadii jedhaniiru:


َه يَا ا
يُّ
أ النَّا س، َل َ
أ َّن َ
ِ
َر ، بَّ ك م إ
َّن َوا ِحدٌ
ِ
َو إ
بَا كم
َل َو أ ا ِحد،ٌ َ
ض َل َ
أ َل فَ
ِ ي
ِلعَ َر ى ب
َ ،
َع َجِم ي َعل
َل
ِلعَ َجِم ى َو ي
َ ،
ِ ي َعل
ح َو َمَر َل َع َرب
أ ى َ
سَو َعل د،َ َ
َو أ َل َ
سَودَ
أ ى َ
َعل ح َمَر َ
َ
أ


Yaa namootaa! Dhaga’aa Rabbiin keessan tokkicha; abbaan
keessanis tokkicha. Dhaga’aa! Yoo sodaa Rabbiitiin ta’e malee
Arabani kan biraa hin caalu; sabni biraas Araba hin caalu.
Akkasuma sodaa Rabbiitiin malee warri adiin gurraacha hin
caalan; warri gurraachis adii hin caalan.1
Ergaan hadiisicha kanaa Hadiisa isa “isin hunduu ilmaan
Aadami; Aadam immoo biyyee irraayi”2 jedhuun wal gala.
Ummata kana hundaawuu Rabbitu akka fedhetti uume.
Hundi keenyayyuu abbaafi haati keenya jalqabaa

مسند أحمد مخرجا )38 / 474( .gabaase Ahmadtu 1
2 Abuu Daawudiifi Tirmiziitu gabaasan. Oromummaa fi Islaamummaa
98
Aadamiifi Hawwaadha. Rabbiin ilmaan isaanii sabaafi
sablammii baay’eetti qoode. Isatu filatee saba fedhe
keessatti nu uume. Namni saba ofii filatee keessatti
dhalate hin jiru. Nu keessaa namni Oromummaa filatee
uumame hin jiru. Warra saba biraas akkasuma Rabbitu
filateefii uume. Rabbiin immoo saba tokkollee isa kaan
irra hin caalchifne. Namni tokko saba Rabbiin isaaf filate,
kan ofiif hin filatiniin xinneeffamuu hin qabu. Kanaan
garaa garummaa uumuun gaarii miti. Sababa xixiqqoo
dhiheessanii saba biraa tuffachuunis waan Rabbiin
dallansiisuudha.
َع ِس ن
نَ
َ
ِن أ
ا َّّللِ ى َر قَا َل: قَا َل سو ل َم ب اِل ك،
َّ
ا َّّلل ي ِه َص ل
َ َعل آِل ِه َ
َو
م
َّ
ِن : ” النَّا س َو َسل
سنَا
َ
َكأ
م ش ِط
ال “
Anas bin Maalik irraa odeeffamee (ra) ni jedhe:
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Namni hunduu wal
qixa akka ilkaan filaa (faaqqeeti).”1
Kanaafuu sahaabonni Ergamaa Rabbii (saw) gabroota
gurraacha bitamanii gara isaanii dhaqaniin sayyidii
jedhaa turan. Umar bin Alkhaxxaab waa’ee Bilaal
keessatti kan armaan gadii jedha ture:
يَق : » ب و ع و ل َم ر َكا َن
َ
ِ بَ د نَا، ك ر أ
ع َسي
َ
َوأ
ب « ِلَ ًل َسي يَ عنِي ِ تَ َق دَنَا
Umar yeroo hunda ni jedha ture: “Abuu Bakriin sayyidii
(caalaa) keenya. Sayyidii keenya Bilaaliin bilisa baase.”2

1 Musnada Ashihaab keessa jira.
2 Bukhaariitu gabaase. Oromummaa fi Islaamummaa
99
Sahaabonni gocha kana Ergamaa Rabbii (saw) irraa
baratan. Ergamaan Rabbii (saw) gabroota Makkaafi
shariifa isii, dureessaafi hiyyeessa isii, Arabootaafi
gabroota isaan bilisa baasan kan Habashaa, Faarisiifi
kanneen biroo wal qixxeessaniiru. Salmaaniin isa
gurguramee bitamee gara isaanii dhufeen maatii keenya
jechuun Ergamaa Rabbii (saw) gabaafameera:
َما ن

نَّ ه َل َس ِم ا ل
أ بَ ي ِت َ

ال
Salmaan nurraayi; maatii keenya.1 Muslimoota irraas kan
eegamu kana qofa. Ergamaa Rabbiitti (saw) hidhachuun,
fakkeenya isaan godhachuufi karaa isaanii irra deemuun
dirqama hunda keenyaati.
Biftiifi afaan garaa gara ta’uunis fedhii Rabbiitiini.
Akkasuma mallattoo dandeettii Rabbii agarsiisuudha.
Kana hundaanuu wal tuffachuu Rabbiin jabeessee
seerate. Namni kanaan nama biraa tuffate hunduu, abbaa
fedhe yoo ta’es gocha wallaalaa (jaahiliyyaa) hojjateera.
Hojiin isaas xirooftuudha. Rabbiin ni jedhe:
َه } يَا ا
يُّ
أ ِذي َن َ
َّ
و م َع َسى ن وٌم آ َل يَ س َخ ر َم ال ن وا
ِم ن قَ
قَ
َ
كون وا َخ ي ًرا
نِ َسا ِم ن َو ٌء َل ِم ن ه م أ يَ
نِ َسا ء َع َسى ن
ك َّن َخ ي ًرا َّن َ
َوَل ِم ن ه أ يَ
ِم زوا

َس ك م تَل
نف
َو أ َل َ
تَنَابَ قَا ِب زوا

ل
ِا ْلَ
َس ب
ِئ
اِل س م ب
سو ق
ف

ِن ال بَ عدَ
َما
َو َم ا ن ْلِي
ب ئِ َك َم
ل يَت
ولَ

ال { ]الحجرات : 11[ َّظاِل م ه و َن م فَأ
Yaa warra amantan! Ummanni tokko ummata biraa hin
tuffatin. Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala.
Dubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin). Isaan irra

1 Ibn Sa’ad, Xabraaniifi Alhaakim faatu gabaasan. Oromummaa fi Islaamummaa
100
caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. Tokkoon keessan isa
biraa maqaa hin xureessin; maqaa gaarii hin taaneenis wal hin
arrabsinaa. Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (fincilaa)
akkam fokkataadha! Namoonni hin tawbatin, isaanumatu
miidhaa raawwattoota. [Alhujuraat: 11]
َم فِي
َّ
َو َسل
ي ِه
َّى للا َعلَ
ِ يِ َصل
َم َع النَّب
ِر بن َع بِد للاِ رضي للا عنه قال: كنَّا
عن َجاب
مَها ِجِر ِم َن ي َن، َر فَ َك ج ٌل َس َع َغ َزاة ،

ِر ِم َن ، َر جًل ال
َصا
ن
ِر ُّي ا فَقَا َل ْلَ
َصا
ن
ا : يَا ْلَ
ِر،
َصا
ن
َو ِجِر ُّي ل قَا َل َ ْلَ
مَها
ال : يَا م

ل
َر فَقَا َل سو ل َها ِجِر ل ي َن، َ
َم:
َّ
َو َسل
ي ِه
َّى للا َعلَ
َصل
للاِ
ل مَها ِجِري َن، َر جًل

َر سو َل للاِ َك َس َع َر ج ٌل ِم َن ا
وا: يَا
َجا ِهِليَّ ِة؟« قَال
ل

» َما بَا ل دَ عَوى ا
ِر ِم َن ،
َصا
ن
ِ ا فَقَا َل: »دَ ُعو َها، َّن َها ْلَ
إ
فَ
ُم « ْنتِنَة
Jaabir bin Abdullaa (RA) ni jedhe: Nabiyyii (saw) wajjin
lola wahii keessa turre. Namni warra muhaajiraa
(godaantotaa) irraa ta’e nama Ansaara (warra Madiinaa)
irraa ta’e wahii rukute. Inni Madiinaa sun “Yaa
Ansaarotaa naaf dirmadhaa!” jedhe. Inni muhaajiraas
“yaa muhaajirootaa naa birmadhaa” jedhe. Ergamaan
Rabbii (saw) “waamichi wallaalaa kun maali?” jedhan.
Namoonnis “yaa Ergamaa Rabbii! Nama muhaajira irraa
ta’etu nama Ansaara wahii rukute” jedhan. Ergamaan
Rabbii (saw) ni jedhan: “isii dhiisaa; isiin xirooftuudha
(ajooftuudha)” jedhan. Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.
َّمتِي

ربَ ٌع فِي أ
َ
َم قَا َل: ” أ
َّ
َو َسل
ي ِه
َّى للا َعلَ
ِ َّي َصل
َّن النَّب
َ
شعَ ِر ي قال: أ
بَي َماِل ك ا ْلَ
َ
عن أ
مِر ِم ن
َج أ ا ِهِليَّ ِة، َ
ه ال َل َّن
يَت : فَ خ ر ر كونَ
ح َس ال فِي ا ِب،
َّط ا ع ن ْلَ
َوال
فِي ن َسا ِب،
ا ْلَ
َوا ل ستِ سقَا ء
جوِم،
ِالنُّ
ب
َحة
ِيَا
َوالن

Abuu Maalik Al-Ash’arii irraa odeeffamee (ra) ni jedhe:
Nabiyyichi (saw) ni jedhan: “waa afur ummata kiyya
keessatti gocha wallaalaati. Garuu isii hin dhiisan: sadarkaa Oromummaa fi Islaamummaa
101
abbootiitiin walitti dhaaddachuu, sabaan wal arrabsuu, urjii
irra rooba barbaaduufi reefka irratti iyyuudha.” Muslimtu
gabaase.
َعن ابن عباس رضي للا عنهما قال: ))خلل من خلل الجاهلية : الطعن في
اْلنساب والنياحة ((
Ibn Abbaas irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “sabaan wal
arrabsuufi reefka irratti iyyuun amala wallaaltotaati.”
Kun Bukhaarii keessa jira. Muslim keessatti immoo
Ergamaa Rabbii (saw) irraas gabaafamee jira.
ِي ن
َع ب
َر أ ة،َ َ
َر س ه قَا َل: قَا َل و ل َر ي
ِن فِي النَّا ِس ه َما
نَتَا

َم: ” اث
َّ
َو َسل
ي ِه
َّى للا َعلَ
َصل
للاِ
َس ال فِي ِب َّط ع ك ف : ن ب ٌر ِ ِه م
النَّ
َحة
ِيَا
َو ى الن
ِ ِت َ
َمي
َعل
ال ”
Abuu irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii
(saw) ni jedhan: “waa lama namoota keessa jiran isaaniif
kufriidha. Sabaan wal arrabsuufi reefka irratti iyyuu.”1
عن جندب بن عبد للا البجلي قال : قال رسول للا : )) من قتل تحت راية عمية
2 يدعوا عصبية
أو ينصر عصبية فقتلته جاهلية(( أخرجه مسلم في صحيحه
Jundub bin Abdillaah Albajalii irraa odeeffamee (ra) ni
jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “namni alaabaa
dhiphinaa jalatti lolee ajjeefame, sabaan of tuuluutti
waame, ykn saba ofii miidhaa irratti gargaaruuf lolee
ajjeefame duuti isaa du’a jaahilaati.” Muslimtu gabaase.

1 Muslimtu gabaase.
2 Al-Azhariin Tahziib Allughaa keessatti ‘Asabiyyaa’ jechuun firri
ofii miidhamaa ta’us kan miidhaaru ta’us isaan gargaaruuf wal
waamuudha jedhe. Oromummaa fi Islaamummaa
102
َع ن
بَةَ
ِن عق
َّن َعاِم ر ب ،
ا َّّللِ ى َر أ سو َل َ
َّ
ي ِه َص للا ل
َ َعلَ
م
َّ
ك ِ قَا َل: » َّن َو َسل
ن َس إ ابَ
َ
َهِذِه م أ
ي َس ت
ب ى ِ ل ِسبَا ب َ
َح د َعل ، َ
َ
َم أ ا
ِنَّ
َو إ
نت م
َ
أ د
َولَ
َط آدَم ُّف ،َ
ِ
م ال َّصاع
ل ئ وه ، َ
ملَ
َس تَ
ي
َح ل د َ
ِْل ى َ
َعلَ
َح د
ض ٌل َ
َّل أ فَ
ِ
ِن إ
ب و ِالِد ي
َع َم أ ل َ
َصاِلح
Uqbaa bin Aamir irraa odeeffamee (ra) ni jedhe:
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “sabni keessan adda
ta’uun kun nama tokko ittiin arrabsuufii miti. Isin hunduu
ilmaan Aadami. Hundi keessanuu walitti dhihoodha. Namni
tokkollee kan biraa amantii sirriifi hojii gaariidhaan malee hin
caalu.” Ahmadtu gabaase.
Hadiisa baay’eetu akka namoonni hunduu ilmaan
Aadam ta’an, Aadam immoo biyyee irraa ta’e ibsa. Kana
jechuun bu’urri ilma namaa hunduu wal qixaadha. Isa
kanaaf sabaan wal tuffachuun hin eeyyamamu. Garuu
saba ofii ibsachuufi ittiin boonuun rakkoo homaa hin
qabu. Kan dhorgamu saba biraa tuffachuu, of tuuluu,
dhugaa isaan bira jiru fudhachuu diduufi kkf dha. Isa
kana ilaalchisee Hadiisa armaan gadii ilaali:
ِن ن
َكثِي ، ر ب َع َعبَّاِد
َع ِن ة ال َّشاِم يِ
َ
َه ي قَ ا ِم ا ل ن ه م ا مَرأ
ل ، َ
ِي َس يلَة
ف قَالَ ت: َسِم ع ت ب
أ و ل، َ
يَق
َ
ت َسأ

النَّب ى ِ َّي ل
َّ
ي ِه َص للا ل
َ َعل ، َ
م
َّ
ت َو َسل

ا َّّللِ ِم َن َر فَق : يَا سو َل ل
ِ أ َّي ِة َ
عَ َصب
ال ن
أ ي ِح َّب ال َّر ج ل َ
ِك ن و َمه ؟
َو قَ قَا َل: »َل، لَ
ِيَّ ِة
عَ َص ِم َن ب
ال ن
َ
َعلَى ِم و َم أ ي ِعي َن ال َّر ج ل ه
قَ

ال « ُّظل
Ubaadaa bin Kasiir Ashaamiin ni jedhe: dubartiin saba
isaanii irraa taate tokko Fuseylaa jedhamtu abbaa isiitii
kan armaan gadii jedhuu dhageesse: “Yaa Ergamaa Rabbii!
Namni tokko saba isaa jaalachuun dhiphina sabaa isa
dhorgamaadhaa?” jedhe. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan:
“lakki! Dhiphinni sabaa inni dhorgamaan namichi saba isaa
miidhaa irratti deeggaruudha.” Ibn Maajaahtu gabaase. Akka walii galaatti sabboonummaa ilaalchisee kan
eeyyamamu saba ofii baruu, sabaan wal deeggaruu,
siyaasaafi dinagdeen wal guddisuu, wal qaroomsuu,
aadaa ofii gaarii baballisuufi kkf dha. Sabboonummaan
hin deeggaramne immoo of tuuluu, saba biraa tuffachuu,
dhugaa isaan bira jiru fudhachuu diduu, saba ofii kan
badii balleessaaru gargaaruu, aadaa dogoggoraa irratti
wal deeggaruufi kkf dha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top