Images 23

Sabaafi sablammiin baay’achuun uumama ta’uu erga

barree bu’aa maalii nuuf qaba kan jedhu gaaffii ta’ee

dhihaachuun isaa hin oolu. Islaamni bu’aa garaa

garummaan kun qabu nutti himeera. Innis ittiin wal

baruuf kan jedhuudha. Addunyaa kana irratti qaroomni,

aadaan, amantiiniifi kan biroollee ummata keessatti

uumame qaba. Wantoota kana hundee isaa baruuf

jalqaba ummata sana baruun, maalummaa isaanii

beekuuniifi seenaa isaanii hubachuun dirqama ta’a.

Namni adda baasee wal baruuf immoo wanti adda isa

godhu jiraachuun dirqama ta’a. Yeroo ummanni

baay’ataa dhufe keessatti immoo wanti adda isa godhus

baay’achuu barbaachisa. Kanaafuu Rabbiin ummata kana

bifaan, afaaniin, sabaafi gosaan adda baase. Ummanni

haala kanaan wal baruudhaan wantoota bu’a qabeessa

isaan bira jiru wal jijjiiru. Wantoonni wal jijjiiraman kun

qaroomina, aadaa, amantii fi kkf’n ta’uu danda’a.

Fakkeenyi kanaa addunyaa keenya irra baay’eedha.

Akkasuma wal irraa barachuudhaan dogoggora qaban

sirreeffatu. Walumaa galatti wal baruun sabaafi

sablammii Qur’aana keessatti dubbatame kun bu’aa

guddaa dubbatamee hin dhumne qaba. Sababa isaa

barumsi saayinsiifi Teknooloojii biyya tokkotti qoratame

biyya biraa keessattis ni fayyada. Aadaan bu’a qabeessi

ummata tokkoo ummata biraa fayyaduu danda’a.

Amantiinis akkasuma. Fakkeenyaaf ummanni naannoo Oromummaa fi Islaamummaa

92

Kaaba Afrikaa turan baay’een isaanii uumama jiran kan

akka ji’aa, biiftuu, dachii, samiifi kkf, akkasuma waaqa

namtolchee kanneen akka Haamuun biyya Misraa tureefi

kkf gabbaraa turan. Biyyoonni biroos akkasuma turan.

Booda garuu amantiin akka Kiristaanaafi Islaamaa ogga

dhufu ummanni baay’een irra isaan kanatu sirriidha

jedhanii isaan fudhataniiru. Kana jechuun wal baruun

Qur’aana keessa jiru kun amantiinillee osoo hin hafin

akka ummanni wal jijjiiru godhaa tureedha. Walumaa

galatti ummanni yoo wal baree walitti gurguree, wal

irraa bitee, kennee fudhate malee guutuu ta’ee jiraachuu

gonkumaa hin danda’u. Kanaafuu wal baruun

dubbatame kun handhuura jireenya ilma namaa taatee

argamti. Ummanni gurraafi onnee isaa banee yaadaafi

barumsa ummata biroo bira jiru fudhatee kan isa bira jiru

itti dabalee fayyadame, akkasuma hanqina barumsaa,

aadaafi amantii isaa keessa jiru beekee sammuu isaa

banee of sirreesse guddachuufi dagaaguun isaa shakkii

homaa hin qabu. Garuu namni didee cufamee taa’e maal

keessattuu hin milkaa’u. Islaama biratti duuchaadhaan

aadaa abbaa kiyyaati jedhanii osoo dhugaafi dogoggora

qoratanii adda hin baasin hordofuun jallina guddaadha.

Inumaa kun aadaa warra jallatee karaa lakkisee ta’uu

nutti hime. Rabbiin ni jedhe:

ي ِه

َو َجد نَا َعلَ

َما

َح سب نَا

وا

لَى ال َّر سو ِل قَال

ِ

ن َز َل ا َّّلل َوإ

َ

لَى َما أ

ِ

وا إ

ه م تَعَالَ

ِذَا قِي َل لَ

َوإ

{

َوَل َي هتَد و َن{ ]المائدة :

مو َن َش يئًا

و َكا َن آبَا ؤ ه م َل يَ علَ

َولَ

َ

َءنَا أ

آبَا 104[

Yeroo “gara waan Rabbiin buuseefi gara ergamichaa kottaa” isaaniin jedhame “wanti nuti abbootii keenya irratti argine

nuuf ga’aadha” jedhu. Sila odoo abbootiin isaanii homaa kan

hin beekneefi karaa hin qajeelle ta’aniis (isaanuma hordofuu)?

[Al-Maa’idaa: 104]

Ummanni sammuu isaa banee waan bu’a qabeessaafi

dhugaa nama biroo bira jiru hin fudhanne ummata

duraanii birattillee jibbamaa akka ta’e Qur’aanni seenaa

Muusaafi Banii Israa’ii keessatti nutti hime. Ni jedhe:

فِل ح ال َّسا ِح رو َن )

َوَل ي

ِس ح ٌر َهذَا

َ

َء ك م أ

َجا

َّما

لَ

َح قِ



و َن ِلل

تَق ول

َ

}قَا َل مو َسى أ 77 وا



( قَال

ر ِض َو َما نَ ح ن لَ ك

ِريَا ء فِي ا ْلَ

ِك ب



َوتَ كو َن لَ كَما ال

َءنَا

ي ِه آبَا

َو َجد نَا َعلَ

ِفتَنَا َع َّما



ِجئ تَنَا ِلتَل

َ

َم أ ا

ب ]يونس : 77 ، 78[ ِ م ؤ ِمنِي َن{

Yeroo dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “dhugumatti, kun

falfala ifa ba’aadha” jedhan. Muusaan ni jedhe “sila dhugaan

isinitti dhufnaan (kana) jettuu? Sila inni kun falfalaa?

Falfaltoonni hin milkaa’an.” Isaan ni jedhan: “Sila ati waan

abbootii keenya irratti argine irraa nu garagalchitee ol

aantummaan dachii keessatti isin lamaaniif haa taatuuf nutti

dhuftee? Nuti isin lamaaniif hin amannu.” (Yuunus: 76-78)

Walumaa galatti wanti nurraa eegamu sabaafi sablammii

biroo irraa yaada isaanii dhaggeeffannee hubannee isa

irra gaarii ta’e fudhachuutu nurraa eegama. Kanaafuu

Rabbiin warra “haasawa dhaggeeffatee isa gaarii filatee

hordofe” baay’inaan faarse. Isa bu’a qabeessa filatanii

fudhachuudhaan waan bu’aa hin qabne dhiisuutu nurraa

eegama.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top