Rabbiin subhaanahu wata’aalaa akkana jedha “Inumaayyuu isatu [Qur’aana] of biraa uume” jedhuu? “Yoo
kan dhugaa dubbattan taatan, fakkaataa isaa suurah kudhan
kanneen [isin biraa] uumaman fidaa” jedhiin. Rabbii gaditti
nama dandeessan [gargaarsaaf] waammadhaa.” Yoo isiniif
deebii hin kenniin, [Qur’aanni] beekumsa Rabbiitiin akka
buufamee fi Isa malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre
beekaa. Kanaafuu Muslimoota ni taatuu?” Suuratu Huud 11:13 173
“Inumaayyuu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu?” kana jechuun
Mushrikoonni Makkaa ykn namoonni biroo akkana jedhuu sila?
“Muhammad Qur’aana ofuma irraa fuudhee dubbate ‘kuni Rabbi
irraa bu’e’ jedhaa.” Deebiin namoota kanaaf kenname kana
fakkaata:
Wanta jettan kana dhugaa kan dubbattan yoo taatan, suuraawwan
(boqonnaalee) kan of biraa isin uumtan kudhan, suuraawwan
Qur’aanaatiin kan wal fakkaatan fidaa. “Qur’aanni jecha namaati”
jechuu irratti dhugaa yoo taatan, suuraawwan kudhan kan Qur’aana
fakkaatan uumuuf Rabbiin ala nama dandeessan gargaarsaaf
waammadhaa.
Isinii fi Nabii Muhammad (SAW) jidduu dandeettii Afaan
Arabiffaattiin garaa garummaan hin jiru. Da’awaa isaa balleessuuf
isin diinota fedhii guddaa qabaniidha. Yoo dhugaa dubbattan,
suuraawwan kudhan fidaa.1
“Yoo isiniif deebii hin kenniin” kana jechuun yoo suurawwan
kudhan fiduu dadhaban, beekaa, isaan kanarraa dadhaboodhaa,
Qur’aanni kuni beekumsa Isaa, wanta Inni ajajee fi dhoowwe of
keessatti qabatee Rabbi irraa kan bu’eedha.2 Ammaas, Rabbi malee
haqaan gabbaramaan akka hin jirre beekaa. “Kanaafu Muslimoota
ni taatuu?” Kana jechuun ragaan erga isiniif dhiyaate booda
Rabbiif ni ajajamtuu, Isa qofa ni gabbartuu?3
Mushrikoonni suuraawwan Qur’aana fakkaatan kudhan yommuu
fiduu dadhaban, gara suurah takkaatti isaaniif hir’ifame. Ni jedha:
1 Zaadul Masiir 645, Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/334, Tafsiiru
Sa’dii 435
2 Tafsiiru Ibn Kasiir 4/438
3 Xabarii 12/345
“Inumaayyuu isatu [Qur’aana] uume” jedhuu? Jedhi, “Yoo
kan dhugaa dubbattan taatan, fakkaataa isaa suurah takka
fidaa. Rabbii gaditti nama dandeessan [gargaarsaaf]
waammadhaa.” Suuratu Yuunus 10:38
Qur’aanni kuni Rabbi irraa ta’uu yoo shakkitanii fi sobaan,
“Muhammadiitu ofirraa fuudhee dubbate” yoo jettan, isinis suurah
akka Qur’aanaa takka fidaa. Namaa fi jinnii irraa gargaarsaaf nama
dandeessan waammadhaa.
Ammas, Qur’aana keessatti bakka biraatti dubbii kana jabeessuuf
akkana jedha:
“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii
keessa yoo taatan, suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan
dubbattan yoo taatan, Rabbiin ala ragoota (deeggartootaa fi
gargaartota) keessan waamadhaa.”Suuratu Al-Baqarah 2:23
Mushrikoonni fi namoonni biroo suurah Qur’aana fakkaatu
gonkumaa fiduu hin dandeenye. Kanaafuu, affeerraa isaaniif
dhiyaate hojjachuu erga dadhabanii, ilmi namaatii fi Jinniin wanta
Qur’aana fakkaatu fiduu hin danda’anii jechuudha. Akkuma
irranatti arginu, gargaarsaaf nama dandeessan waamadhaa, ragoota
waamadhaa jedha. Kanaafuu, wanta akka Qur’aanaa fiduuf
namoonnii fi jinnoonni osoo walitti qabamanii, fiduu hin danda’an.
Akkana jedha: Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnoonni fakkaataa Qur’aanaa
fiduu irratti walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa isaa fidu hin danda’an.”
Suuratu Al-Israa 17:88
Namoonnii fi jinnoonni hundi erga dadhabanii, Qur’aanni Rabbi
irraa bu’uun shakkii hin qabu jechuudha. Akkana jedha Rabbiin ol
tahe. “Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan sobaan uumamu hin taane.
Garuu dhugoomsaa [kitaabota] isa dura turaniitii fi addeessa
kitaabaati. Gooftaa aalamaa irraa ta’uun shakkiin isa keessa
hin jiru.” Suuratu Yuunus 10:37
“Qur’aanni kuni Rabbii gaditti kan sobaan uumamu hin
taane.” Kana jechuun namas ta’ee, jinnis ta’ee, Malaaykaas ta’ee
eenyullee Rabbiin ala Qur’aana kana barreessuun ykn ofirraa
fuudhee dubbachuun ergasii “Kuni Rabbi irraa bu’e” jechuu hin
danda’u.1 Sababni isaas, uumamtoota keessaa eenyullee wanta akka
Qur’aanaa fiduu hin danda’u. Qur’aanni wanta darbe, wanta
ammaa fi wanta gara fuunduraatti dhufu of keessaa qaba. Rabbii
waan hunda beekuun ala eenyuutu waan darbe, ammaa fi gara
fuunduraatti dhufu hunda beeka? Kanaafuu, Qur’aanni kuni
kalaama (dubbii) Rabbii olta’aa fakkaataa hin qabneeti. Akka
mushrikoonni jedhan dubbii nabi Muhammadii (SAW) miti.
Ammas akka gareewwan biroo jedhan, dubbii Malaykaa Jibriilii
miti. Qur’aanni kuni dubbii ykn jecha nama kamiyyuu ta’uu hin
danda’u.
“Garuu dhugoomsaa [kitaabota] isa dura turaniiti” kana
jechuun Rabbiin ala eenyullee Qur’aana kana ofirraa fuudhee
dubbachuu ykn barreessuu hin danda’u. Garuu Gooftaa aalamaa
1 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/119, Tafsiiru Qurxubii-10/503 irraa kan bu’eedha. Dhugaa kana wanta agarsiisu keessaa tokko,
kitaabban darban kan Rabbi irraa bu’an akka Nabi Muhammad
(SAW) ergamuu fi Qur’aanni isarratti buufamuu beeksisanii fi
gammachiisanii turan. Akkuma kitaabban sunniin (Tawraat, Injiil)
beeksisan Qur’aannis ni bu’e. Ammas, Qur’aanni kitaabban darban
kanniin keessatti wanta abbootin amantii jijjiiran, micciranii fi
dhoksan ifa baasa.1
“fi addeessa kitaabaati.” Hayyoonni kanaaf hiika lama kennanii
jiru. 1ffaa-Qur’aanni kitaabban darban ibsa. Wanta isaan keessatti
haala walii-galaatiin dhufe Qur’aanni takka takkaan ibsa. 2ffaa-
Dirqamoota Rabbiin ummata Nabi Muhammad (SAW) irratti
katabee fi wantoota haraamaa ibsa. Haraama fi halaala, murtiiwwan
amantii fi odeefannoo dhugaa addeessa (ibsa).2
“Gooftaa aalamaa irraa ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.”
Asitti aalama jechuun Rabbiin ala wantoota jiran hunda jechuudha.
Hiikni aayaa: Qur’aanni kuni Rabbi irraa bu’uun shakkiin keessa
hin jiru. Qur’aanni jecha Rabbii olta’aati. Bakka biraattis ni jedha:
“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Gooftaa aalamaa irraa
ta’uun shakkiin isa keessa hin jiru.” Suuratu As-Sajdah 32:2
Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa erga buufamee, “Akkamitti Nabiyyii
(SAW) irratti buufame?” gaafii jedhuuf, dabalataan kitaaba
“Akkaataa Qur’aanni itti buufamee fi Walitti Qabame” ilaalun
ni danda’ama.
1 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 10/120, Tafsiiru Sa’dii 418
2 Maddoota olii, Tafsiiru Qurxubii-10/503

