Akkuma Nabiyyiin (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu dhugoomsuu
didan, Qur’aanni Rabbi irraa bu’uu dhugoomsuu didan. Gosa
walaloo keessaa tokko akka ta’etti ilaalan. Namni Qur’aanaa fi
walaloo Arabaa wal bira qabe garaagarummaa isaan jidduu jiru
sirritti arga. Qur’aanni akkamitti walaloo ta’a, walaleessitoota
namoota jallisanii fi faallaa haqaa dubbatan balaaleeffatee (qeeqee)
osoo jiruu? Qur’aana keessatti: 165
Mormii 4ffaa-Qur’aana
Akkuma Nabiyyiin (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu dhugoomsuu
didan, Qur’aanni Rabbi irraa bu’uu dhugoomsuu didan. Gosa
walaloo keessaa tokko akka ta’etti ilaalan. Namni Qur’aanaa fi
walaloo Arabaa wal bira qabe garaagarummaa isaan jidduu jiru
sirritti arga. Qur’aanni akkamitti walaloo ta’a, walaleessitoota
namoota jallisanii fi faallaa haqaa dubbatan balaaleeffatee (qeeqee)
osoo jiruu? Qur’aana keessatti:
“Walaleessitoota jallattootaatu isaan hordofa. Sulula hunda
keessa akka raata’anii fi wanta hin hojjanne akka dubbatan
hin arginee?” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:224-226
Keeyyatoonni kunniin hordoftootatti xinxaluun walaleessitootaa fi
nabiyyii wal bira akka qaban nama waamu. Namoonni dhugaan
amanan hordoftoota Nabiyyii (SAW) yoo ta’an, hordoftoonni
walaleessitoota ykn weellistoota hordofan immoo jallattoota.
Jallattoonni dhugaan Nabiyyii hin hordofan. Kanaafuu, kuni
Nabiyyiin walaleessaa akka hin taane agarsiisa. Qur’aanniis
walaloo miti. Osoo Nabiyyiin walaleessaa ta’ee silaa jallattootaatu
isa hordofa ture; warroonni amananii qajeelina barbaadan isa hin
hordofan.
Al-Ghaawuun jechuun jallattoota osoo beekanii fedhii lubbuu
hordofuun daandii qajeelaa dhiisaniidha. Hordoftoonni
walaleessitootaa ykn weellistootaa jallattoota yoo ta’an, haalli
walaleessitootaa mataan isaanii maal ta’inna ree laata? Mucucni
walaloo sulula badii, kijibaa, daangaa darbuu, namoota kabaja
qaban haqa malee gadi-xiqqeessuu fi namoota gadi aanoo faarsutti 166
Hin arginee Sulula hunda keessa akka raata’an?”
Yaa nama yaadu hoo! Haala walaleessitootaa ykn wellistootaa
baay’ee isaanii duraan yoo hin beekin, qoradhu. Sulula hunda
keessa akka raata’an ykn seenan ni argita. Hangi isaan gara gaara
gubbaatti olbahan baay’ee xiqqaadha.
“Raata’an” jechuun karooraa fi qajeelina tokko malee jireenya
isaanii keessa asi achi deemu. Kaayyoo galmaan gahuuf itti
carraaqan osoo hin beekin fedhiin lubbuu fi hawwiin isaanii asii fi
achii isaan oofti. Akka lugaatti ebalu raata’e ni jedhama. Kana
jechuun gara dachii bahee gara itti deemu hin beeku. Karuma arge
deema, asii fi achi dhama’a.
Sulula jechuun gaarreen ykn lafa olka’aa jidduu lafa gadi bu’aa
ta’eedha.1 Dubbiin walaleessitonni/ weellistoonni dubbatanii fi
sochiin isaan godhan akka sululaatti gadi aanaa kan ta’eedha.
Fedhiin lubbuu fi hawwiin asiif achi isaan raasa ykn oofa.
Hasan Al-Basrin aayah tana ilaalchisee akkana jedha: Dhugumatti
Rabbiin kakadhe! Sulula isaan keessa raata’an arginee jirra. Yeroo
garii ebalu arrabsuu keessa, yeroo garii immoo ebalu faarsuu
keessa raata’u. Qataadan akkana jedha: Walaleessaan namoota
sobaan ni faarsa, ammas namoota biroo sobaan ni balaaleeffata. Ibn
Abbaas (radiyallahu anhu) akkana jedha: “dubbii faayidaa hin
qabne hunda keessatti taru ykn seenu.” 2 Asirraa ka’uun hojii
weellistootaa baay’ee mee itti xinxali!
“wanta hin hojjanne akka dubbatan hin arginee?” Kuni amala
walaleessitootaa ykn weellistootaati. Dubbiin isaanii hojii isaanii
faalleessa. Yommuu nama tokko faarsu ykn balaaleeffatu argitu,
kuni dhugaadha jetta. Garuu inni soba. Yeroo garii hojii hin
hojjanneef of faarsa. Amaloota biroo hin qabneef of faarsa.
1 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 8/727
2
Ibn Kasiir 5/655 167
Mee ilaali haalli walaleessaa fi haalli Nabi Muhammad (SAW) wal
fakkaataa? Nabiyyiin namoota qajeelcha, namni qajeelan isa
hordofa, karaa qajeelaa irra jira, dubbii fi hojiin isaa wal hin
faallessan. Kheeyritti malee nama hin ajaju, sharrii irraa malee
nama hin dhoowwu. Wanti dubbatu hunduu dhugaadha. Homaattu
hin ajaju awwala ykn jalqaba kan hojjatu isa yoo ta’e malee.
Homarraayyu hin dhoowwu awwala kan dhiisu isa yoo ta’e malee.
Mee haalli isaa haala walalessitootaatiin wal fakkaataa ykn walitti
dhiyaataa? Yookiin gara hundaanuu isaan faallessaa? Nabiyyii
guutuu fi nama hunda caalu kanarratti nageenyii fi rahmanni Rabbii
haa jiraatu. Inni walaleessaa miti, saahiras miti, maraataas miti.
Amala guutuu ta’e malee homtuu isaaf hin malu. 1 Qur’aana
keessatti Rabbiin akkana jedha:
“Walaloo isa hin barsiisne, isaafis hin malu. Inni yaadannoo fi
Qur’aana ifa galaa qofa.” (Suuratu Yaasin 36:69)
Kana jechuun Nabii Muhammadiin (SAW) walaloo hin barsiifne.
Walaleessaa ta’uunis isaaf hin malu. Garuu kan isa barsiisne
yaadannoo fi Qur’aana ifa galaa qofa.
Walaleessitoota amala isaanii erga ibsee booda walaleessitoota
Rabbii fi ergamaa Isaatti amanan, hojii gaggaarii hojjatanii fi zikrii
Isaa baay’isan isaan irraa adda baase. Walaleessitoonni amaloota
sadan kanniin qaban walaleessitoota armaan olii keessa hin seenan.
Amaloonni sadan kunniinis, amanuu, hojii gaggaarii fi zikrii
baay’isuudha.
“Warra amananii, hojii gaggaarii hojjatanii fi baay’innaan
Rabbi yaadatan, erga miidhamanii booda [walaloon] kan
ofirraa deebisan (harka kafalatan) malee. Isaan miidhaa
hojjataniis deebifama akkami akka deebifaman beekuuf jiru.”
Suuratu Ash-Shu’uraa’a 26:1 Tafsiiru Sa’dii fuula 703 Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aanni dubbii walaleessaa fi
raagduu akka hin taane ni dubbata.
“Inni (Qur’aanni) jecha walaleessaatii miti, xiqquma qofa
amantu. Jecha raagaatiis miti, xiqqoo malee hin gorfamtan.
Gooftaa aalamaa hundaa irraa kan buufameedha.” Al-Haaqqah
69:41-43
Namoota hunda dura walaleessitoonni Qur’aanni walaloo akka hin
taane hubatanii jiru.
Kijibaa fi daangaa darbuu Mushrikoota keessaa kan biraa jecha
isaanii, “Muhammad nama Araba hin taane irraa Qur’aana barata.”
Namni Araba hin taane isaan baanan kuni nama gabra naannawa
Safaatti waa gurguruudha. Tarii Nabiyyiin (SAW) yeroo garii isa
bira taa’uun waa itti dubbata. Garuu namtichi alarraa dhufe Araba
hin taane kuni waan xiqqoo malee Arabiffa hin beeku. Akkamitti
Qur’aanni Arabiffaa sirni ijaarsa jechoota isaa sadarkaa ol’aanaa
irraa gahe nama Arabiffa sirritti hin beekne irraa madda? Kanaafi,
Rabbiin olta’aan akkana jechuun isaanitti deebise: “Kan isa barsiisu ilma namaa qofa” akka jedhan dhugumatti ni
beekna. Qooqni nama isaan itti jallisanii Araba kan hin
taaneedha. Kuni (Qur’aanni) immoo qooqa ykn afaan(lugaa)
Arabiffaa ifa galaadha.” Suuratu An-Nahl 16:103
Mushrikoonni Makkaa, “Qur’aana Muhammad kan barsiisu ilma
namaa qofa.” Jechuun sobaan Nabiyyii (SAW) maqaa xureessu.
Namni isaan itti akeekan kuni nama alarraa dhufe lugaan isaa
Arabiffa hin taaneedha. Qur’aanni immoo lugaa Arabiffaa ifa galaa
ta’eeni buufame. Namni sammuu sirrii qabu, “Namni Arabiffa 169
sirritti hin beekne, Qur’aana Arabiffaa Araboonninuu fakkaataa
isaa fiduu hin dandeenye, Nabi Muhammadiin (SAW) ni barsiisa”
jedhee ni yaadaa? Namni Ingiliffa hin dandeenye, kitaaba ingiliffaa
nama barsiisuu danda’aa? Namni hubannoo xiqqoo qabuyyuu,
“Namni Arabiffa hin beekne Qur’aana Arabiffaa isa barsiisa”
jedhee hin dubbatu.
Ammas Mushrikoonni kijiba biraa Nabiyyitti (SAW) maxxansan.
Kijibni kunis, “Qur’aana kana Muhammadiitu ofirraa fuudhee
dubbate. Yookiin namoota durii irraa waraabe.” Kiristaanonni
ammaas kijiba kana keessatti yommuu akkana jedhan isaan waliin
hirmaatu: “Muhammad Qur’aana macaafa qulqulluu irraa
garagalche.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun
Mushrikoota, Kiristaanotaa fi garee biraatiif deebii deebisa:
“Jedhi ‘Samiiwwanii fi dachii keessatti iccitii [hunda] Kan
beekuutu isa (Qur’aana) buuse.’ Dhugumatti Inni akkaan
Araaramaa, rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Furqaan 25:6
Nama Qur’aanni kuni kitaaba Kiristaanotaa fi Yahuudota irraa
waraabame jedhuuf deebiin isaaf kennamu, “Samiiwwanii fi
dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekuutu isa (Qur’aana)
buuse.”jechuudha ta’a. Qabiyyee deebii kana keessa jiru
hubachuuf wanta Qur’aanni of keessatti qabate beekuun nurra jira.
Akkasumas, haala namoota jecha kijibaa kana jedhanii fi iccitii
isaanii Rabbi qofti beekuu hubachuu qabna. Wanta Qur’aanni of
keessatti qabate ilaaluun qorataa tokko gara wantoota armaan
gadiitti isa qajeelcha:
1ffaa-Tooftaan dubbii itti ibsuu Qur’aana keessatti dhufee fi
kitaabban Qur’aana dura dhufan jidduu wal fakkeenyi hin jiru.
Ijaarsi himaa fi jechoota Qur’aana keessa jiruu fi kitaabban darban1
1 Kan Tawraat, Injiil fi Zabuur 170
keessa jiran wal hin fakkaatan. Kuni jechoonni Qur’aanaa
kitaabban darban irraa kan hin waraabamne ta’uu ifaan ifatti
agarsiisa.
2ffaa-Dhimmoota amantii irraa wanti Qur’aana keessatti dhufe kan
hiikni isaanii kitaabban darban kanneen akka Suhf Ibraahim fi
Muusaa, Tawraat, Zabuur, Injiil fi kanneen biroo keessatti bu’e,
dhimma amantii kana Kan buuse Tokkicha akka ta’e mirkaneessa.
Innis Rabbii guddaadha. Fakkeenyaaf, waa’een tawhiidaa (Rabbiin
tokkichoomsuu) Qur’aana keessattiis, kitaabban darban keessattiis
bu’ee jira. Osoo kitaabban kunniin jijjiramuu ykn micciramuu fi
baduu baatanii silaa dhugaa kana ifa baasu.
Garuu kitaabni amantii Kiristaanotaa fi Yahudoota harka jiru,
kitaaba micciramee ykn jijjiiramee fi itti dabaluu fi irraa hir’isuun
hundee sirrii irraa kan jijjiirameedha. Kanaafuu, hanga xiqqoo
malee, wanti Qur’aana keessa jiruu fi wanti kitaabban isaanii
keessa jiru guutumaan guututti walitti hin galu.
Hundeen sirriin Rabbiin olta’aan nabiyyoota darban irratti buuse
kiristaanotaa fi yahudoota keessatti iccitii garmalee dhokfamu ta’ee
jira. Amantiin Rabbiin namootaaf kaa’e tokkicha waan ta’eef,
qabiyyeen ergaa Nabiyyoota Rabbi irraa ergamanii walitti kan
galan ta’uu qaba. Garuu kitaabban kunniin kan badanii fi
iccitiiwwan keessaa iccitii guddaa waan ta’aniif eenyulleen hundee
amantii sirrii ta’ee kitaabban kanniin irraa waraabuu hin danda’u.
Fakkeenyaaf, Rabbi Tokkichoomsuun (tawhiinni) hundee amantiiti.
Tawhiinni ergaa nabiyyoota hundaati. Kitaabban amma
Kiristaanonnii fi Yahuudonni harkaa qaban keessatti tawhiinni
dhimma iccitii ta’ee fi kan badeedha. Garuu Qur’aana keessatti
tawhiinni bal’inaan kan ibsameedha.
Kuni Qur’aana kan buuse Rabbii iccittii samiiwwanii fi dachii
beeku akka ta’e agarsiisa. Qur’aanni kitaaba Kiristaanonnii fi 171
yahuudonni “Kuni Rabbi irraayi” jedhan irratti tiiksaadha. Kana
jechuun wanta dogongoraa fi sobaa kitaabban kanniin keessa jiru ni
sirreessa. Miccirrama achi keessa jiru ifa baasa. Wanta achi keessaa
bade ni mirkaneessa. Amantii guutuuf wanta barbaachisu itti
dabala.
Kanaafuu, Kiristaanota Qur’aanni macaafa qulqulluu irraa
waraabbame jedhuuf deebiin sirriin ta’u, Jedhi“Samiiwwanii fi
dachii keessatti iccitii [hunda] Kan beekuutu isa (Qur’aana)
buuse.’”
Qur’aanni iccitii isaan dhoksanii fi haaqaan waan ifa baasuuf
Rabbii iccitii hunda beeku irraa bu’e.
3ffaa-Qur’aana keessatti wanta buufame keessaa dhimmoonni
iccitii samiin wal qabatan kanneen akka pilaaneetii, urjiilee fi
dhimmoonni iccitii dachii kanneen akka namaatii fi lubbuu
qabeeyyii birootiin wal-qabatan dhufanii jira. Pilaaneetota, urjiilee,
dachii, nama, lubbuu qabeeyyii biroo ilaalchisee wanti saayinsiin
yeroo ammaa irra gahee yeroo Qur’aanni bu’u sanitti iccitii samii fi
dachii Rabbiin qofti beekuudha. Kitaabban darban keessatti
waa’een kanaa hin dhufne, namni yeroo sanitti beekuus hin jiru.
Dhugaan saayinsawaa Qur’aana keessa jiraachun, Qur’aana kan
buuse Rabbii samii fi dachii keessatti iccitii beeku akka ta’e
agarsiisa. Kanaafuu, deebiin isaaniif maluu wanta barsiisa Rabbii
olta’e keessatti dhufeedha: Jedhi “Samiiwwanii fi dachii keessatti
iccitii hunda Kan beekuutu isa (Qur’aana) buuse.’
4ffaa-Mushrikoonni, “Kuni oduu durii namoota irraa
waraabbameedha.” jedhan, isaan kijibdoota ta’uu sirritti beeku.
Wanta jedhaniif ragaa hin qaban. Kan isaan kana jedhaniif
hordoftoota isaanii dogongorsuu fi Qur’aanaa fi Nabiyyii hordofuu
irraa isaan garagalchuufi. Deebiin sirriin haala isaanii kanaaf maluu
kenname: Jedhii“Samiiwwanii fi dachii keessatti iccitii hunda
Kan beekuutu isa (Qur’aana) buuse.” 172
Ragaa sobaa Ergamaa Rabbii irratti uumtaniif adabbii fi haaloo
Isaa irraa of eeggadhaa. Akeekachiisa kana booda yoo isaan
araarama kadhatan, tawbatan, amananii fi Rasuula hordofan,
Rabbiin araaramaa fi rahmata Isaatiin isaan kajeelchisa. Rabbiin
olta’e ni jedha, “Dhugumatti Inni akkaan Araaramaa, rahmata
godhaadha.” Kana jechuun Inni yeroo hundaa nama gara Isaatti
deebi’ee araarama kadhatee fi karaa Isaa qabateef ni araarama,
rahmata godha.1
Qur’aana ilaalchisee dubbii kijibaa Mushrikoonnii fi namoonni
biroo jedhan daran ifatti baasa. Qur’aanni jecha namaati yoo jettan,
wanta Qur’aana fakkaatu fidaa ykn boqonnaa kudhan ykn
boqonnaa takkaayyuu fidaa jechuun isaan affeera. Yoo fiduu
dadhaban Qur’aanni jecha namaa akka hin taane namni sammuu
qabu haa mirkaneeffatuu. Affeerraa fi deebii kana mee
keeyyattoota armaan gadi keessatti haa ilaalluu:

