Bilisummaafi wal qixxummaan bu’uura Islaamaati.
Namni kamuu Islaama keessatti ilaalchaan, sabaan, kkf’n
osoo adda hin baafamin bilisummaafi wal qixxummaa
qaba. Namni tokko yaada isatti dhufe hundaawuu
sammuu isaatiin xinxalee yoo itti amane fudhata; yoo isa
dide ni dhiisa. Namni kamuu isa dirqisiisuu hin danda’u.
Kanaafuu Rabbiin ergamaa isaatiin ati isaan irratti hin
moosifamne jedhe:
Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa. Isaan irratti dirqisiisaa hin
taane. Garuu nama gara galee kafare, Rabbiin adabbii guddaa
isa adaba. [Alghaashiyaa: 21 – 24]
Yaada namni itti hin amanin nama fudhachiisuun
gonkumaa Islaama keessa hin jiru. Dirqamni Muslima Oromummaa fi Islaamummaa
104
irra jiru ergaa Islaamaa namootaan ga’uudha. Namni
tokko ergaa Islaamaa dhaggeeffatee yoo fudhachuu dide
nuti isa dirqisiisuu hin dandeenyu. Isa inni dhugaa dide
Rabbitu isa gaafata malee nuu miti. Kanaafuu “nama
gara galee kafare, Rabbiin adabbii guddaa isa adaba”
jedhe.
Yoo namni Muslima hin taane kan biyya Muslimaatiin
ala jiraatu biyya Muslimaa daawwatee maalummaa isaa
hubachuuf eeyyama gaafate nageenya isaa eegsisanii
biyya Muslimaa daawwachiisanii akka inni Qur’aana
dhaga’u gochuu Rabbiin Muslimoota ajaje. Erga
Qur’aana dhaggeeffatee booda Amantii Islaamaa
fudhachuufi dhiisuun filannoo abbichaati. Yoo inni
qeebaluu dide biyya nageenyi isaa itti eegamuun gahuus
Rabbiin dabalee ajajeera.
Yoo namni mushrikoota irraa ta’e tokko nagaya gochuu sirra
barbaade, hanga inni haasaa Rabbii dhagahutti eegumsa isaaf
godhi. Sana booda iddoo eegumsa isaatiin isa ga’i. Kun waan
isaan ummata hin beekne ta’aniifi. [Attawbaa: 6]
Mushrika kan jedhamu nama Rabbii wajjin uumama
gabbaru ykn waaqeffatu jechuudha. Akka seera
Islaamaatti namni kun Islaamaan ala ta’uun
beekamaadha. Rabbitti waa qindeessanii gabbaruun
yakka hundarra ulfataadha. Garuu namni akkasiis biyya Oromummaa fi Islaamummaa
105
Muslimaa daawwachuufi amantii isaanii barachuuf
mirga qaba. Yoo inni fudhachuu dide immoo dirqiin
fudhachiisi hin jenne. Bakka inni itti eegumsa argatee
nagaa ta’uun gahi jedhe. Silumatti kan nuti ajajamne
dhugaafi dhara adda baasuudha; namoota dirqisiisuu
miti. Rabbiin ni jedhe:
Amantii keessa dirqisiisuun hin jiru. Dhugumatti, qajeelumni
jallina irraa ifa ta’eera. Namni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti
amane, dhugumatti haada jabaa hin cinne qabateera. Rabbiin
dhagayaa, beekaadha. [Albaqaraa: 256]
Kana jechuun immoo addunyaa irratti Rabbiin
namootaaf sammuu ittiin waa filatu kenneera; sammuu
sanatti fayyadamee yoo dhugaa hubatee qabachuu dide
Rabbiin biratti rakkoo guddaatu isa eeggata. Namni
sammuu isaatti fayyadamee dhugaa kana qoratee
fudhate immoo qananii dhuma hin qabnetu jannata
keessatti isaaf qophaa’a. Nutu isa dirqisiisuu hin
dandeenye malee Rabbiin biratti qormaata jalaa hin ba’u.
Gaaffiin bakka kanatti ka’uu danda’u “erga Islaamni
namootaaf mirga akkasii kennee namoonni baay’een
Islaamni nama ajjeesuu ajaja jechuun maaliif maqaa
Islaamaa balleessu ree?” kan jedhuudha.
Deebiin kanaa kallattii lamaan ta’a. Tokkoffaan
maalummaa ergaa Islaamaa wallaaluu yoo ta’u Oromummaa fi Islaamummaa
106
lammaffaan immoo jibbaa Islaamaaf qaban irraa kan ka’e
maqaa isaa balleessanii akka namoonni Islaama hin
fudhanne gochuuf yaaluudha. Jibbaa kana irraa ka’eeti
miidiyaaleen addunyaa keessumaa kan warra dhihaa
suuraa Islaamaa balleessuuf halkaniifi guyyaa hojjatu.
Yeroo hunda akka Muslimoonni lubbuu namaa callisanii
ajjeesan labsu. Islaamni “namni kaafira ajjeese jannata
gala” jedha kijiba jedhu uumanii afarsu. Kijibni kun osoo
miidiyaa irra deddeebi’u namootatti dhugaa fakkaachuu
eegale. Sana booda namoonni ogga nama Muslimaa
mallattoon Islaamaa irraa mullatu argan boombii nutti
dhoosa jedhanii sodaachuu eegalan. Warri sila kijiba
uumeyyuu sadarkaa deebi’ee ofii isaatii sodaatu irra ga’e.
Yaada isaanii kana mirkaneessuuf immoo guutuu
addunyaa irratti diraamaa gurguddaa baay’ee dalagan.
Diraamaa isaan yeroo dhiheenyaa geggeessan keessaa
ISIS fakkeenya guddaadha. Biyya keenya keessattis
diraamaan akkasii baay’eetu geggeeffame. Akkaataa
Islaamni mirga namoota kabaje hubachuudhaaf akaakuu
namoota Muslima hin taane armaan gaditti haa ilaallu:

