Yaada Islaamni mirga namaa kabajuu dubbannee
dabarsine sirriitti ibsuudhaaf qabxii armaan gadii kana
ilaaluun gaariidha. Akka Islaamaatti kaafiroonni
(namoonni amantii Islaamaa didan) bakka afuritti Oromummaa fi Islaamummaa
107
– Zimmiyyi (kan gibira gabbaree jiraatu),
– Mu’aahad (ummata bal’aa Muslimootaan walii galanii
jraatan),
– Musta’aman (kan biyya alaatii biyya Muslimaa
daawwatuu) fi
– Muhaarib (kan Muslimootaan lolu).
Qoodaa kana arfan gabaabsinee haa ilaallu.
Mu’aahad: isaan kun warra Islaama fudhachuu dhiisanii
amantii isaanii irra turan; garuu lola dhiisanii “walii
gallee nageenyaan biyyattii keessa jiraanna” jedhaniidha.
Haalli yeroo ammaa biyya keenya keessatti argamus isa
kana. Ummanni seera walii galaa baafatee seericha
duratti hunduu wal qixa ta’ee wal qixxummaan jiraata.
Haaluma kana fakkaatuun yeroo Ergamaan Rabbii (saw)
Madiinatti mootummaa ijaaran ummanni Yahuudaa
gosoonni sadii gurguddoon Madiina keessa turan.
Hunduu amantii isaanii qabatanii biyya Madiinaa keessa
wajjin jiraachuu walii galanii turan. Biyyattii irraa
fayyadamuufi isii tiksuun dirqama hunda isaanii ture.
Booda Yahuudonni akkuma aadaa isaanii waadaa
diiganii diinaa wajjin Muslimootaan lollaan jidduu
isaaniitti lolli baname malee nagaadhaan wajjin jiraataa
turan.1 Kana jechuun nama amantiifi sabni isaa adda
ta’ee waliin biyya ijaartee jiraachuun ni danda’amaadha.

1 Rahiik Almakhtuum, Bidaayaa Wannihaayaafi kitaabota baay’ee
keessa jira. Oromummaa fi Islaamummaa
108
Ummanni Yahuudaa sabni isaanii Israa’iilii yoo ta’u
amantiin isaanii immoo faallaa Islaamaa ture; Nabiyyichi
[saw] kanumaa wajjin isaaniin wal danda’anii jiraatan.
Warra akka kanaa tuquun yakka guddaadha. Hadiisa
keessatti Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan:
َع ب َع ِد ن
َي َع م ر ب و ِن ا َّّللِ
النَّب ى ِ يِ َع َع ِن ن هَم ا َّّلل ا، َر ِض
َّ
ي ِه َص للا ل
َ َعلَ
م
َّ
َم قَا َل: » ن َو َسل
معَ م قَتَ َل ا َهدًا
يَ ِر ل ح َ
ِة َر ، ائِ َحةَ
ال َّن َجنَّ
ِ
َوإ
ِري َح َها
َر ت و َجد ِم ن ةِ
ربَ ِعي َن َم ِسي
أ َعا ًما« َ
Abdullaah bin Amr irraa odeeffamee (ra) ni jedhe:
Nabiyyiin (saw) ni jedhan: “namni warra waadaa isaan
walii galee jiraataaru ajjeese foolii jannataa hin argatu. Fooliin
isii immoo adeemsa waggaa afurtamaa irratti argama.”
[Bukhaariitu gabaase. 4/99]
Hadiisa biraa keessatti Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan:
ِر ِطي ِب
َغ ي
ِ
ِم نه َش يئًا ب
َخذَ
َ
و أ
َ
و َق َطاقَتِ ِه، أ
فَه فَ
َّ
و َكل
َ
َصه ، أ
ِو ا نتَقَ
َ
َم معَا ِهدًا، أ
َل َم ن َظلَ
َ
»أ
نَ نَا ف س،
َ
َح ِجي جه
فَأ
َ
َم يَ وم ِة
ِقيَا
ال «
Dhaga’aa namni warra walii galteen jiraatu miidhe, ykn haqa
isaa hanqise, ykn waan inni hin dandeenye isa dirqisiise ykn
fedhii isaatiin alatti waa irraa fudhate Guyyaa Qiyaamaa anatu
isaan falma. [Abuu Daawudtu gabaase. 3/171] Albaaniin
sahiiha godheera.
Muslima nama haala kanaan walii galteen jiraataaru
namni dogoggoraan ajjeese gumaa kaffaluu Qur’aanni
dirqama godheera. Gumachis gaala dhibba tokko akka
ta’e Hadiisa baay’ee keessatti ibsameera. Rabbiin ni
jedhe: Oromummaa fi Islaamummaa
109
ِ } ن
ِم و م َكا َن ن َوإ
ه م بَ ينَ ك م قَ
ا ٌق َوبَ ينَ
ِميثَ
ِديَةٌ
فَ
َمةٌ
َّ
م َس ى ل
لَ
إ هِل ِه ِ
َوتَ حِر أ ي ر َ
م { ؤ ِمنَ ة َرقَبَ ة
]النساء: 92[
Yoo inni [ajjeefame sun] ummata gidduu keessaniifi gidduu
isaanii walii galteen jiru irraa ta’e, gumaa dhiigaa gara maatii
isaa kennamuufi gabra mu’uminaa bilisoomsuutu [isa
ajjeeserra jira]. [Annisaa’i: 92]
Zimmiyyii: kan jedhamu kaafira jalqaba diina
Muslimootaa ta’ee ittiin lolee booda Muslimoonni lolanii
injifannaan dhiifama gaafatee gibira kaffalee jiraatuudha.
Islaama keessatti namni Muslimaa tajaajila biyya ofii
irraa argatuuf zakaa waan jedhamu kafalee jiraata. Inni
Islaama keessatti sirna amantii of danda’e waan ta’eef
Muslima qofa ilaallata. Namni Muslima hin ta’in immoo
tajaajila Muslimoonni argatan kana wal qixa argachuuf
gibira kennee jiraata. Lamaan isaaniituu akkuma tajaajila
irraa argatan dirqamni biyyattii tiksuu irra jira. Murtiin
nama zimmiyyii kanuma Mu’aahad dubbannee
dabarsineen tokkuma.
Musta’aman: jechuun warra biyya ofii irraa ka’anii osoo
amantii Islaamaa hin fudhatin biyya Islaamaa
daawwataniidha. Yeroo ammaa kana namni viizaa ykn
Passport baafatee biyya adda addaa daawwata; biyya
Muslimaas akkasuma daawwatee waan isa keessa jiru
ilaaluu danda’a. Erga daawwatee ergaa Rabbii dhaga’ee
booda yoo fudhachuu dides nageenyaan biyya isaatti
deebisuun dirqama akka ta’e dubbannee dabarsine.
Nama namtokkoon ‘nageenyan siif eegsisa’ jedhee ka’ee Oromummaa fi Islaamummaa
110
ganee ajjeese Ergamaan Rabbii (saw) ani diina isaati
jedhaniiru:
َحِم ِق ب ، َع َع مِرو ِن ن

َي ال
ا َّّللِ ى َس َر سو َل ا َّّلل َع نه قَا َل: ِم ع ت َر ِض
َّ
ي ِه َص للا ل
َ َعلَ
م
َّ
َو َسل
َّم َن َم يَق و ل: » ن
َ
َر ج ى ًل أ
َعل دَ ِمِه َّم َ

ث ه
قَت نَا لَ
قَاتِ ِل بَ ِر ِم َن فَأ يٌء َ
ال ن
ِ
َكا َن ت و ل َوإ
َمق

ال
َكافِ ًرا«
Amr bin Alhamiq irraa odeeffamee (ra) ni jedhe:
Ergamaa Rabbiitii (saw) jedhanuun dhaga’e: “namni nama
wohii nagaa godhee amansiisee ergasii ajjeese, osoma inni
ajjeefame kaafira ta’eewuu ani isa ajjeese irraa qulqulluudha
(diina).”1
Gabaasa Ibn Maajaahfi kan biroo keessatti immoo
“Guyyaa Qiyaamaa alaabaa gantuudha jedhutu isaaf
dhaabama” jedhan. Ibsi Qur’aanaa armaan olitti
dabarsines warra kana irraa haasa’a:
ِ } ن
َوإ
َحدٌ
م شِر أ ِم َن ِكي َن َ
َر ال َك
ره َجا
ِج ا ستَ
َحتَّى َ
يَ س َم َع فَأ
َ
َّم َكَلم ا َّّللِ

ث بِل غه
َ
َم أ نَه

ِل َك َمأ
ذَ
ه م
نَّ
َ
ِأ
مو َن{ ]التوبة: 6[ وٌم ب
قَ َل يَ علَ
Yoo namni mushrikoota irraa ta’e tokko nagaya gochuu sirra
barbaade, hanga inni haasaa Rabbii dhagahutti eegumsa isaaf
godhi. Sana booda iddoo eegumsa isaatiin isa ga’i. Kun waan
isaan ummata hin beekne ta’aniifi. [Attawbaa:

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top