Rabbiin ni jedhe: “Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumne;

akka wal beektaniif jechas sabootaafi sablammoota adda addaa

isin taasifne.” Wanti aayata kana irraa barannu ummanni

gosaan, sabaafi sablammiidhaan adda ta’uun adeemsa

uumamaati malee waan filannoo keenyaan dhufee miti.

Kana jechuun namoonni sanyiidhaan, gosaan, sabaafi

sablammiidhaan adda ta’uufi akaakuun isaanii

baay’achuun waan namni dhuunfaa ykn dhaabni

siyaasaa wahii uumee miti. Rabbii namoota kana uumetu

gosa adda addaa, sabaafi sablammiitti ummata kana

qoode. Saba guddaa tokko yoo fudhatte isa jalas sanyii Oromummaa fi Islaamummaa

89

baay’eetu jira. Sanyii sana keessas yoo deemte balbala

adda addaa ni qabu. Maatiin tokkollee dhiiraafi dubartii

waan qabuuf garaa garummaan wahii akka jiru ni

hubanna. Inni kun uumaa Rabbii waan ta’eef jijjiiruun

gonkumaa hin danda’amu. Akkuma kana biftiifi afaan

dubbatamus wal dhabuun isaa uumama Rabbii kan nuti

jijjiiruufi dhabamsiisuu hin dandeenyeedha.

Yaada kana nuu ibsuuf jecha Rabbiin suurat Arruum

keessatti biftiifi afaan ummataa wal dhabuu mallattoo

dandeettii Isaa irraa lakkaa’ee jira. Ni jedhe:

َ

َوأ

ك م

ِسنَتِ



ل

َ

ر ِض َوا ختِ َل ف أ

َوا ِت َوا ْلَ

ق ال َّس َما



ِل َك ََليَا ت َو ِم ن آيَاتِ ِه َخل

ِ } َّن فِي ذَ

ك م إ

َوانِ



ل

عَاِل ِمي َن{ ]الروم :



ِلل 22[

Samiifi dachii uumuu, arrabni (lugaan) keessaniifi bifti keessan

waldhabuunis mallattoo (raajii) Isaa irraayyi. Dhugumatti,

kana keessa aalama hundaaf mallattoolee (raajiiwwantu) jiru.

(Arruum: 22)

Ummanni addunyaa kana irra jiraatan sabaan, gosaan,

bifaan, afaaniin, aadaafi kkf’n garaa garummaa qabu.

Garaa garummaa kanan balleessa jedhee namni socho’e

uumama faallessuudha. Yaanni kana fakkaatu yeroo

dhiheenyaa Kongireesii Amerikaa irratti mootii

isaaniitiin dhihaatee ture. Afrikaafi ummata gurraacha

fixnee warra adiifi filatamoon qofti addunyaa irra haa

jiraatan yaada jedhu mootiin isaanii kaasee ture. Kun

yaaduu dhabuu isaa irraa kan ka’eedha malee gonkumaa

waan danda’amu akka hin taane beekamaadha. Oromummaa fi Islaamummaa

90

Namoonni jalqaba irratti burqaan isaanii tokko ta’uun

shakkii homaatuu hin qabu hoo “akkamitti kun

uumamuu danda’e?” yaanni jedhu uumamuun ni mala.

Dhugaadha burqaan namoota hundaawuu tokko ta’uun

shakkii hin qabu. Akka amantii Islaamaatti namni abbaa

isaa Aadam irraa eegale; booda Hawwaan itti ida’amte.

Isaan lamaan irraa dhiiroleefi dubaroonni baay’een

uumaman. Kana jechuun isaan hunduu sabni isaanii

jalqaba tokko tureedha. Garuu yeroo booda ilmi namaa

kun miira isaa, naannoo keessa jiraatu, hawaasa waliin

jiraatu, aadaa, amantii, qarooma, haala jireenyaa

hiyyummaafi durummaa, sochii daldalaafi dhimma

biraatiif bakkaa bakkatti socho’uun garaa garummaa

uumuu eegale. Akkasuma ilmaan abbaa tokkoo yeroo

baay’ataa deeman isaanuu saba mataa isaanii uumuu

eegalu. Fkn’f warri amantii baay’een akkasuma gariin

warra seenaa “ummanni yeroo ammaa dachii irra jiru

hunduu ilmaan Nuuh (Noh) ta’uu” dubbatu. Warra isa

booda jirantu Kuush (Haam), Seem, Niiloofi kan birootti

qoqqoodaman. Garuu abbaan isaanii tokkicha ture.

Hambaan isaan abbaa isaanii irraa dhaalan osoo tokko

ta’uu sababoota armaan olitti dubbanneen saboota adda

addaa ta’an. Akkuma kana ummanni Oromoo yeroo

duuba deebi’u Kuushitti seena. Kana jechuun ummanni

baha Afrikaa turan kan akka Nuubaa, Sumaalee, Affaariifi

kkf tokko turan; afaan isaaniis tokko ture. Booda garuu

adda fottoqaa dhufanii saba adda addaa ta’an.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top