Torbaatamoota keessa immoo komminizmii Maarkis
waliin wal danqaran. Garuu akkaataan ikoonoomii
jijjiiramuun, rakkinni argamuun, carraa guddaa isaaniif
argamsiise. Achumaan maqaa gargaarsaatiin
ergamtoonni isaanii deebi’an. Gabateen armaan gadii
kanaaf ragaa ifaadha.
Maqaa
ergamtootaa
Lakk.
Hordoftootaa
bara 1981
Lakk. Hordoftootaa
bara 1989
Jecha afuuraa 1,000,000 2,000,2000
Adventistii 35,295 78,739
Baabtistii 40,000 Lakk. isii hin
argamu
Daa’ima waggaa 12
gadii (hordoftoota
sadan taranii)
268,824
Makaan iyyesuus 521,824 87,388
Kaatooliik 560,000 Lakk. Isii hin
argamu
Hundee Yesuus 22,000 40,000
Kan biroo 42,000 Lakk. isii hin Oromummaa fi Islaamummaa
153
Gabatee: Lakkoofsa hordoftoota Kaatoolikiifi Pirootestaantii
bara 1981 fi 19891
Waldaaleen kunniin koree ministeerri barnootaa to’atuun
hogganamti. Ministeera alaafi keessaatiin gorfamti.
Mootummaa Itoophiyaatiin deeggarsa argatti.
Mootummaadhaaf immoo tajaajila akka mana barumsaafi
hospitaala baballisuu bakka barbaachisutti dhiheessuu
qabu.2
Dirree amma dubbanne hundattuu fayyadamaniiru.
Keessumaa dirreen barumsaa adda ture. Barumsa
ammayyaa bataskaanni Ortodoksiifi barumsi Islaamaa
Itoophiyaa keessatti argamullee namootaaf dhiheessuu
hin dandeenye waan ta’eef isatti fayyadamaa turan.
3
Ergamtoonni kiristaanessitootaa carraa kanaafi barumsa
ammayyaatti haajomuu namootaatti fayyadaman. Mana
1 Maddi isaa ‘Sirna Abbaa Lafaafi Kaappitaalizmii Itiyoophiyaa
Keessaa, Dr. Laaphisoo Deleebboo fuula 109-110. Lakkoofsi
hordoftootaa yeroo hundaa akka dabalaa turan akeeka. Bara 1989
naannoo miliyoona sadii gahaniiru. Kun garee biraa hin dabalatu.
Garee Kaatolikiifi Pirootestaantii qofa. Lakkoofsi isaan dhiheessan
garuu akka itti dabalan beekamaadha.
2 2
nd Area Hand Book For Ethiopia, American University, 1970 P.
230-31
3 Sirna Abbaa Lafaafi Kaappitaalizmii Itiyoophiyaa keessaa, Dr.
Laaphisoo: 100. Oromummaa fi Islaamummaa
154
barumsaa baay’ee uumanii isa keessatti barumsa
ammayyaafi Wangeela barsiisu ture.
1
Jalqaba jahaatamootaa keessa lakkoofsi mana barumsaa
kiristaanessitootaa 100 ol turte. Hundinuu Amerikaa,
Xaaliyaanii, Ispeen, Porchugaal, Siwiidiin, Norwey,
Faransaayii, Ingiliziifi Jarman jala turan. Lakkoofsi
barsiisota manneen barumsaa kanaa kuma sadii ol ture.
Baay’een isaanii qeesotaafi monokseedha.2
Tajaajilli kiristaanessitoonni kun sochii kiristaanessuu
Itoophiyaa keessaatiif godhan beekamaan Wangeela
afaan naannootti hiikuudha. Sababni isaas
kiristaanessitoonni garaa garummaa afaanii biyya keessa
jiru hubatanii akka ummanni Wangeela Ortodoksii
hubachuu hin dandeenye baran. Dhaabbata bataskaanaa
lamatu hiika kana hojjatte. Isaanis: dhaabbata Wangeela
aalamaafi dhaabbata kiristaanessitoota Dhihaati. Hojichi
qabeenya, yeroofi humna guddaa wareeguu gaafata.
Waldaaleen kunniin kana hundaa ni hojjatte. Yeroo
jidduu 1925 – 1935 Dh.K.B keessatti gosa Wangeela
151,770 gara afaan sagal naannoo keessatti argamuutti
hiikte.
1 Madda tare 110.
2 Afrikaa magariisa, Dr. Muhammad Naasir Al-abuudii, 192.
Muslimoota hacuucamoo Itiyoophiyaa keessaa, Muhammad
Alhaashimii fuula 37. Oromummaa fi Islaamummaa
155
Gabaatee armaan gadii ilaali.
Bara maxxansaa Afaan Baay’ina isaa
1825-1833 Amaariffa 10,016
1890-1915 Amaariffa 18,560
1917-1935 Amaariffa 89,487
1883 Bileeniffa 300
1887-1908 Afaan Oromoo 10,587
1935 Afaan Oromoo 3,000
1890 Tigree 1,000
1928-1933 Tigree 7,500
1901 Tigrenyaa 5,000
1935 Tigrenyaa 3,000
1929 Kunaamiffa 1,070
1934 Sidaamiffa 750
1935 Goofaa 750
1935 Hadiyyifaa 750
Walii gala afaan
sagaliin
151,770
Gabatee: Afaanolee Itoophiyaa kan dhaabbanni Wangeela
aalamaa bara 1925 -1935 Dh.K.B Wangeela itti hiikte bara
inni maxxanfameefi baay’ina isaa1
1Maddi: Sirna Abbaa Lafaafi Kaappitaalizmii Itiyoophiyaa Keessaa:
Dr. Laaphisoo fuula 11
- The foundations Of Education In Ethiopia. R. Pankhurst
(1962) Oromummaa fi Islaamummaa
156
Walumaa galatti amantiin Kaatolikiifi Pirotestaantii adda
addaa biyya keenya keessatti kallattii tajaajila adda
addaa ummataa kennuutiin baballate. Yeroo baay’ee
ummata beela’eef nyaataafi Wangeela, kan
dhukkubsateef woldhaansaafi Wangeela, kan rakkateef
immoo qarshiifi Wangeela kennuudhaan namoonni
amanticha akka fudhatu godhaa turan. Akkasuma yeroo
ummatatti siqatan amala gaaromfatanii ittiin gara
amantii isaaniitti waamu turan. Warra bebbeekamoo
immoo taayitaa isiniif kennina jedhanii waadaa
seenaniifii amanticha fudhachiisu. Sababa kana
qondaaltota baay’ee amantii kana fudhatan
uummataniiru.
Garuu haala kanaan Muslimoota baay’ee argachuu hin
dandeenye. Kan Muslimootaa immoo piroojektii addaa
itti qopheessaa turan. Kanaafuu Mr. Balas abbaan kitaaba
“Piroojektii Kiristaanessuu” jedhuu ykn “Walii Gala
Yaada Kiristaanessuu” jedhamuu Islaamni adeemsa
kiristaanessuu kana irratti rakkoo ta’uu akeekee ni jedhe:
“Amantiin Islaamaa gufuu guddaa ummata Afrikaa
kiristaanessuu fuuldura taa’eedha. Diinni keenya inni
guddaan Muslima qofa. Sababni isaas Wangeela
baballisuun kallattii wallaaluma ummataatiin, amantii
dhabuu isaaniitiin ykn wal dhabbii kiristaanotaa ykn
warra Kiristaana hin ta’iniitiin waan isa faallessu guddaa
hin qabu. Akkuma kana Arabni warri gabricha
daldaaluuf biyya keessa deemanis diina keenya guddaa Oromummaa fi Islaamummaa
157
miti. Faallaan nuun falmu guddaan sheekii warra
Afrikaa keessatti dhagahamtii qabaniidha.”1
Qees Saamu’eel Zuweemir abbaan gaazeexaa “Aalama
Islaamaa” karoora Muslimoota kiristaanessuu ibsee ni
jedhe: “kiristaanessitoonni biyya Muslimaa keessaa waan
ittiin adda ta’an lama qabu. Isaanis:
- Jalqaba isaanitti fakkeessuu
- Ergasii diiguudha. Jecha biraatiin hiikanii hidhuu
jechuudha. Kiristaanessitoonni Pirootestaantiifi Kaatolikii
amantii Islaamaa Muslimoota irraa fageessuu dadhabuun
isaanii shakkii hin qabu. Kun kan inni hojjatamuu danda’u
yaada Afaan warra dhihaa waliin dhufu qofaani.
Kanaafuu afaan Ingiliffaa, Jarmanii, Hoolaandiifi
Faransaayii baballifamuu qabu. Islaamni barreeffama
Awrooppaatiin ibsama. Islaamni akka meeshaan qaroomu
godhama. Kiristaanessitoonni akka dubartoonni yaada
amantii Islaamaa kan maalummaafi humni isii ittiin
tikfamu diigdu mijeessuuf.
Yaada kana bal’inaan ibsee ni jedhe: “ummata aalama
Islaamaa kanaaf haalliifi akkaataan biraa mijeeffamnaan
haalaafi akkaataa isaa gadi dhiisaa hin yaadinaa. Yaada
Islaamaa irraa suuta dadhabaa deemuun, hanqinniifi
badiinsi isa hordofu akka ruuhiin amantii bu’uura isaa
irraa badu taasisa. Yaanni bu’aa hojii kiristaanessitootaa
1 Aalama Islaamaa weeraruu, Shaatilee fuula 15. Oromummaa fi Islaamummaa
158
inni walakkaa karoora lammaffaa, diiguun, hanga fedhe
wal dhabus, amantii Islaamaa dhabamsiisuun adeemsa
leenjii kiristaanessuu keessatti dirqama.1
Sababni isaas Islaama qalbii Muslimootaa keessaa
baasanii amantii Kiristaanaa bakka buusuun salphaa
waan hin taaneefi. Jalqaba diiguun dirqama ta’a. Innis
suutaan akka jibbaan kiristaanotaa keessumaa kan warra
biyya alaa irraa baduuf Muslimootatti dhihaachuu, bifa
hawaasaatiin isaanitti makachuu, yaaddoofi rakkoo
isaanii waliin qooddachuudhaan malee hin ta’u.2
Ammas amantii Kiristaanaa dirree baasanii dhiheessuun
gaarii miti. Yaada biroo keessaan raabsamuu isiitu
gaariidha. Kun immoo erga yaada Islaamaa diiganiiyyi
ta’a. Bu’aan nuti eegnu hawaasa Kiristaanaa haarawa
jidduu Muslimootaatti argamsiisuu miti. Kan fedhame
hawaasa duudhaafi amala Islaamaa irraa gadi bu’ee
amala Islaamaa kan adda isa godhu dhabe uumuudhaan
sana booda yaadaafi amantii kamuu qeebaluun akka
mijaa’u gochuudha.3
Dursa kitaaba “Aalama Islaama Har’aa” keessatti
yaadaafi gorsa adda addaa kan Muslimoota
kiristaanessuun dirqama ta’uu ibsuufi kallattii sanaaf
gaarii ta’e ibsuutu jira. Gorsi kunis kan armaan gadiiti:
1 Madda tare fuula 8, 9.
2 Kiristaanessuufi kolonii, Musxafaa Kaalidiifi Umar Farruukh, fuula
83.
3 Ifaa sharii’aa, lakk. 13 bara 1402 ALH fuula 398. Oromummaa fi Islaamummaa
159
- Akka kiristaanonni Muslimootaaf diina hin taane
isaan amansiisuu - Kitaaba Qulqulluu afaan Muslimootaatiin raabsuun
dirqama ta’a. Inni hojii Kiristaanaa isa bu’uuraati.
Gamtokkeen hojii kanaa raawwatameera. Fuula kitaaba
qulqulluu miliyoona 46tu Bayruut keessatti maxxanfame. - Muslimoota kiristaanessuun ergamaa isaan irraafi
hiriira isaanii keessaa ta’een ta’uu qaba. Muka kan
muruu qabu dameedhuma isaati waan ta’eef.
Yeroo gara Itoophiyaa dhufanis tarkaanfiin isaanii kana
ture. Muslimootatti keessumaa warra baadiyyaatti
makachuun baay’ee rakkisaadha. Muslimoonni akka
warri hospitaalaafi mana barumsaa ammayyaa ijaaru
kun dhaabbata amantii kaayyoon isii namoota amantii
isaanii irraa jijjiiruu ta’uu hin beekan. Osoo beekanii
gargaarsa kamuu hin fudhatan ture. Garuu hojittiin
suutaan deemti. Inumaa booda mishiniin biyya keessa
turaniillee ilaalcha jibbaatiin ummanni isaan ilaala.
Garuu yeroo tajaajilli hawaasaa kan mootummaa irraa
hin argamne isii irraa argamuu eegalu namoonni isiitti
siqachuu eegalan. Sana booda tajaajila isaanii kan
mootummaa irra caalchisuun aadeffatame. Sababni isaas
dhaabbanni mishinii amala gaariin isaan keessummeessa;
haala gaariidhaan mijaa’ina qaba. Dabalata immoo
namoottan qaroomaniifi matootii namootaa kan ittiin
ummata qabatan irratti xiyyeeffatu. Odoma inni Muslima Oromummaa fi Islaamummaa
160
jabaa amantii isaa seeraan qabatu ta’eeyyuu amantii isaa
dhiisuu isa hin gaafatan. Akka amantii isaa jibbanis isatti
hin beeksisan. Warra kanaa waliin wanti isaan socho’uuf
yaalan ummata tajaajiluu qofa. Ummanni bal’aan isaan
hordofu akka dhaabbanni mishinii alaa dhufe kun
matootii isaanii biratti jaallatamaa ta’e fudhata.
Tasgabbaa’anii gara dhaabbata isii seenu. Inumaa
sagantoolee isaan geggeessan irrattis ni hirmaatu. Booda
walitti rigamuu kanaatii jallina kallattii qabeenyaatiifi
hamileetiin dhufuun jijjiiramuun eegalama. Sana booda
Muslimni ilmaan isaa isaanitti erguu dhiisuuf tooftaas
ta’ee humna dhaba. Matootii naannoo keessaa namoota
baay’eetu isa namoonni ilmaan isaanii erguuf wal
dorgoman argee innis akka ilmaan isaa qaroomtuuf
erginaan ilmaan isaa yeroo booda kiristaanomanii maqaa
isaanii jijjiiranii arge. Yeroo dhimmichi dandeettii isaatiin
ala ta’e homaa hojjachuu hin danda’u.
Yeroo biyyi sababa hoongee bara 1984 rakkatee
naannolee Itoophiyaa baay’ee keessatti beelli uumamu
mishiniin sochii isii kan duraan sababa dhiibbaa siyaasaa
laafee ture deebiftee haaromsite. Naannoon beelaan
tuqame baay’een naannolee Muslimaa waan ta’eef
miidhaa baay’eetu amantii isaanii irra dhaqqabe.1 Akka
maatiin kumaatamni godaanu sababa ta’e. Bakka
godaantotaaf qophaa’e qubatan. Achumaan dhaabbanni
1 Siyaasaafi beela Itiyoophiyaa bara 1984-1985, Jason kilay bonnii,
fuula 157 bataskaana addunyaa isaan simattee nyaataa waliin
Wangeela dhiheessiteef. Daa’imman kumaatama gara
bakka qubannaa daa’immanii geessitee akka kaatolikii
ykn pirootestaantii ta’anii guddataniif isaan barsiifte.
Rakkochi itti caalee mootummaan komminizmii
diktaatoorii amantii Kiristaanaas dabalatee kamuu hin
kabajne gara sekkulaarizmii isa amantii hundaaf mirga
kennuutti jijjiirame. Achumaan dhaabbanni
kiristaanessitootaa guyyaa guyyaatti dabaluu eegalte.
Biyyattii keessa naannoo dhibbaa geesse. Akka
duraaniitti kaayyoo kamuu duuba dhokachuu ni dhiisan.
Konkolaataan mallattoo masqalaatiin sochootu Finfinnee
keessa baay’atte. Namni kana ilaale Itoophiyaan to’annaa
bataskaana aalamaa jala jiraatti jechuu yaada.
Haala kanaan naannoo Muslimoota Itoophiyaa keessa
hanga ta’e seenuu danda’an. Garuu namoonni Muslimoota
irraa amantii kanatti deebi’an baay’ee xiqqoodha. Baay’een
warra amanticha fudhatee naannoo duraan amantii
duudhaa irra tureedha. Waaqeffataanis baay’inaan amantii
kana fudhachuu ni didan. Gara boodaa kana amantiin
Pirotestaantii haala cimaan baballatee argama. Oromoota
keessas haaluma kanaan seenuu danda’e.


