Torbaatamoota keessa immoo komminizmii Maarkis
waliin wal danqaran. Garuu akkaataan ikoonoomii
jijjiiramuun, rakkinni argamuun, carraa guddaa isaaniif
argamsiise. Achumaan maqaa gargaarsaatiin
ergamtoonni isaanii deebi’an. Gabateen armaan gadii
kanaaf ragaa ifaadha.
Maqaa
ergamtootaa
Lakk.
Hordoftootaa
bara 1981
Lakk. Hordoftootaa
bara 1989
Jecha afuuraa 1,000,000 2,000,2000
Adventistii 35,295 78,739
Baabtistii 40,000 Lakk. isii hin
argamu
Daa’ima waggaa 12
gadii (hordoftoota
sadan taranii)
268,824
Makaan iyyesuus 521,824 87,388
Kaatooliik 560,000 Lakk. Isii hin
argamu
Hundee Yesuus 22,000 40,000
Kan biroo 42,000 Lakk. isii hin Oromummaa fi Islaamummaa
153
Gabatee: Lakkoofsa hordoftoota Kaatoolikiifi Pirootestaantii
bara 1981 fi 19891
Waldaaleen kunniin koree ministeerri barnootaa to’atuun
hogganamti. Ministeera alaafi keessaatiin gorfamti.
Mootummaa Itoophiyaatiin deeggarsa argatti.
Mootummaadhaaf immoo tajaajila akka mana barumsaafi
hospitaala baballisuu bakka barbaachisutti dhiheessuu
qabu.2
Dirree amma dubbanne hundattuu fayyadamaniiru.
Keessumaa dirreen barumsaa adda ture. Barumsa
ammayyaa bataskaanni Ortodoksiifi barumsi Islaamaa
Itoophiyaa keessatti argamullee namootaaf dhiheessuu
hin dandeenye waan ta’eef isatti fayyadamaa turan.
3
Ergamtoonni kiristaanessitootaa carraa kanaafi barumsa
ammayyaatti haajomuu namootaatti fayyadaman. Mana

1 Maddi isaa ‘Sirna Abbaa Lafaafi Kaappitaalizmii Itiyoophiyaa
Keessaa, Dr. Laaphisoo Deleebboo fuula 109-110. Lakkoofsi
hordoftootaa yeroo hundaa akka dabalaa turan akeeka. Bara 1989
naannoo miliyoona sadii gahaniiru. Kun garee biraa hin dabalatu.
Garee Kaatolikiifi Pirootestaantii qofa. Lakkoofsi isaan dhiheessan
garuu akka itti dabalan beekamaadha.
2 2
nd Area Hand Book For Ethiopia, American University, 1970 P.
230-31
3 Sirna Abbaa Lafaafi Kaappitaalizmii Itiyoophiyaa keessaa, Dr.
Laaphisoo: 100. Oromummaa fi Islaamummaa
154
barumsaa baay’ee uumanii isa keessatti barumsa
ammayyaafi Wangeela barsiisu ture.
1
Jalqaba jahaatamootaa keessa lakkoofsi mana barumsaa
kiristaanessitootaa 100 ol turte. Hundinuu Amerikaa,
Xaaliyaanii, Ispeen, Porchugaal, Siwiidiin, Norwey,
Faransaayii, Ingiliziifi Jarman jala turan. Lakkoofsi
barsiisota manneen barumsaa kanaa kuma sadii ol ture.
Baay’een isaanii qeesotaafi monokseedha.2
Tajaajilli kiristaanessitoonni kun sochii kiristaanessuu
Itoophiyaa keessaatiif godhan beekamaan Wangeela
afaan naannootti hiikuudha. Sababni isaas
kiristaanessitoonni garaa garummaa afaanii biyya keessa
jiru hubatanii akka ummanni Wangeela Ortodoksii
hubachuu hin dandeenye baran. Dhaabbata bataskaanaa
lamatu hiika kana hojjatte. Isaanis: dhaabbata Wangeela
aalamaafi dhaabbata kiristaanessitoota Dhihaati. Hojichi
qabeenya, yeroofi humna guddaa wareeguu gaafata.
Waldaaleen kunniin kana hundaa ni hojjatte. Yeroo
jidduu 1925 – 1935 Dh.K.B keessatti gosa Wangeela
151,770 gara afaan sagal naannoo keessatti argamuutti
hiikte.

1 Madda tare 110.
2 Afrikaa magariisa, Dr. Muhammad Naasir Al-abuudii, 192.
Muslimoota hacuucamoo Itiyoophiyaa keessaa, Muhammad
Alhaashimii fuula 37. Oromummaa fi Islaamummaa
155
Gabaatee armaan gadii ilaali.
Bara maxxansaa Afaan Baay’ina isaa
1825-1833 Amaariffa 10,016
1890-1915 Amaariffa 18,560
1917-1935 Amaariffa 89,487
1883 Bileeniffa 300
1887-1908 Afaan Oromoo 10,587
1935 Afaan Oromoo 3,000
1890 Tigree 1,000
1928-1933 Tigree 7,500
1901 Tigrenyaa 5,000
1935 Tigrenyaa 3,000
1929 Kunaamiffa 1,070
1934 Sidaamiffa 750
1935 Goofaa 750
1935 Hadiyyifaa 750
Walii gala afaan
sagaliin
151,770
Gabatee: Afaanolee Itoophiyaa kan dhaabbanni Wangeela
aalamaa bara 1925 -1935 Dh.K.B Wangeela itti hiikte bara
inni maxxanfameefi baay’ina isaa1

1Maddi: Sirna Abbaa Lafaafi Kaappitaalizmii Itiyoophiyaa Keessaa:
Dr. Laaphisoo fuula 11

  • The foundations Of Education In Ethiopia. R. Pankhurst
    (1962) Oromummaa fi Islaamummaa
    156
    Walumaa galatti amantiin Kaatolikiifi Pirotestaantii adda
    addaa biyya keenya keessatti kallattii tajaajila adda
    addaa ummataa kennuutiin baballate. Yeroo baay’ee
    ummata beela’eef nyaataafi Wangeela, kan
    dhukkubsateef woldhaansaafi Wangeela, kan rakkateef
    immoo qarshiifi Wangeela kennuudhaan namoonni
    amanticha akka fudhatu godhaa turan. Akkasuma yeroo
    ummatatti siqatan amala gaaromfatanii ittiin gara
    amantii isaaniitti waamu turan. Warra bebbeekamoo
    immoo taayitaa isiniif kennina jedhanii waadaa
    seenaniifii amanticha fudhachiisu. Sababa kana
    qondaaltota baay’ee amantii kana fudhatan
    uummataniiru.
    Garuu haala kanaan Muslimoota baay’ee argachuu hin
    dandeenye. Kan Muslimootaa immoo piroojektii addaa
    itti qopheessaa turan. Kanaafuu Mr. Balas abbaan kitaaba
    “Piroojektii Kiristaanessuu” jedhuu ykn “Walii Gala
    Yaada Kiristaanessuu” jedhamuu Islaamni adeemsa
    kiristaanessuu kana irratti rakkoo ta’uu akeekee ni jedhe:
    “Amantiin Islaamaa gufuu guddaa ummata Afrikaa
    kiristaanessuu fuuldura taa’eedha. Diinni keenya inni
    guddaan Muslima qofa. Sababni isaas Wangeela
    baballisuun kallattii wallaaluma ummataatiin, amantii
    dhabuu isaaniitiin ykn wal dhabbii kiristaanotaa ykn
    warra Kiristaana hin ta’iniitiin waan isa faallessu guddaa
    hin qabu. Akkuma kana Arabni warri gabricha
    daldaaluuf biyya keessa deemanis diina keenya guddaa Oromummaa fi Islaamummaa
    157
    miti. Faallaan nuun falmu guddaan sheekii warra
    Afrikaa keessatti dhagahamtii qabaniidha.”1
    Qees Saamu’eel Zuweemir abbaan gaazeexaa “Aalama
    Islaamaa” karoora Muslimoota kiristaanessuu ibsee ni
    jedhe: “kiristaanessitoonni biyya Muslimaa keessaa waan
    ittiin adda ta’an lama qabu. Isaanis:
  1. Jalqaba isaanitti fakkeessuu
  2. Ergasii diiguudha. Jecha biraatiin hiikanii hidhuu
    jechuudha. Kiristaanessitoonni Pirootestaantiifi Kaatolikii
    amantii Islaamaa Muslimoota irraa fageessuu dadhabuun
    isaanii shakkii hin qabu. Kun kan inni hojjatamuu danda’u
    yaada Afaan warra dhihaa waliin dhufu qofaani.
    Kanaafuu afaan Ingiliffaa, Jarmanii, Hoolaandiifi
    Faransaayii baballifamuu qabu. Islaamni barreeffama
    Awrooppaatiin ibsama. Islaamni akka meeshaan qaroomu
    godhama. Kiristaanessitoonni akka dubartoonni yaada
    amantii Islaamaa kan maalummaafi humni isii ittiin
    tikfamu diigdu mijeessuuf.
    Yaada kana bal’inaan ibsee ni jedhe: “ummata aalama
    Islaamaa kanaaf haalliifi akkaataan biraa mijeeffamnaan
    haalaafi akkaataa isaa gadi dhiisaa hin yaadinaa. Yaada
    Islaamaa irraa suuta dadhabaa deemuun, hanqinniifi
    badiinsi isa hordofu akka ruuhiin amantii bu’uura isaa
    irraa badu taasisa. Yaanni bu’aa hojii kiristaanessitootaa

1 Aalama Islaamaa weeraruu, Shaatilee fuula 15. Oromummaa fi Islaamummaa
158
inni walakkaa karoora lammaffaa, diiguun, hanga fedhe
wal dhabus, amantii Islaamaa dhabamsiisuun adeemsa
leenjii kiristaanessuu keessatti dirqama.1
Sababni isaas Islaama qalbii Muslimootaa keessaa
baasanii amantii Kiristaanaa bakka buusuun salphaa
waan hin taaneefi. Jalqaba diiguun dirqama ta’a. Innis
suutaan akka jibbaan kiristaanotaa keessumaa kan warra
biyya alaa irraa baduuf Muslimootatti dhihaachuu, bifa
hawaasaatiin isaanitti makachuu, yaaddoofi rakkoo
isaanii waliin qooddachuudhaan malee hin ta’u.2
Ammas amantii Kiristaanaa dirree baasanii dhiheessuun
gaarii miti. Yaada biroo keessaan raabsamuu isiitu
gaariidha. Kun immoo erga yaada Islaamaa diiganiiyyi
ta’a. Bu’aan nuti eegnu hawaasa Kiristaanaa haarawa
jidduu Muslimootaatti argamsiisuu miti. Kan fedhame
hawaasa duudhaafi amala Islaamaa irraa gadi bu’ee
amala Islaamaa kan adda isa godhu dhabe uumuudhaan
sana booda yaadaafi amantii kamuu qeebaluun akka
mijaa’u gochuudha.3
Dursa kitaaba “Aalama Islaama Har’aa” keessatti
yaadaafi gorsa adda addaa kan Muslimoota
kiristaanessuun dirqama ta’uu ibsuufi kallattii sanaaf
gaarii ta’e ibsuutu jira. Gorsi kunis kan armaan gadiiti:

1 Madda tare fuula 8, 9.
2 Kiristaanessuufi kolonii, Musxafaa Kaalidiifi Umar Farruukh, fuula
83.
3 Ifaa sharii’aa, lakk. 13 bara 1402 ALH fuula 398. Oromummaa fi Islaamummaa
159

  1. Akka kiristaanonni Muslimootaaf diina hin taane
    isaan amansiisuu
  2. Kitaaba Qulqulluu afaan Muslimootaatiin raabsuun
    dirqama ta’a. Inni hojii Kiristaanaa isa bu’uuraati.
    Gamtokkeen hojii kanaa raawwatameera. Fuula kitaaba
    qulqulluu miliyoona 46tu Bayruut keessatti maxxanfame.
  3. Muslimoota kiristaanessuun ergamaa isaan irraafi
    hiriira isaanii keessaa ta’een ta’uu qaba. Muka kan
    muruu qabu dameedhuma isaati waan ta’eef.
    Yeroo gara Itoophiyaa dhufanis tarkaanfiin isaanii kana
    ture. Muslimootatti keessumaa warra baadiyyaatti
    makachuun baay’ee rakkisaadha. Muslimoonni akka
    warri hospitaalaafi mana barumsaa ammayyaa ijaaru
    kun dhaabbata amantii kaayyoon isii namoota amantii
    isaanii irraa jijjiiruu ta’uu hin beekan. Osoo beekanii
    gargaarsa kamuu hin fudhatan ture. Garuu hojittiin
    suutaan deemti. Inumaa booda mishiniin biyya keessa
    turaniillee ilaalcha jibbaatiin ummanni isaan ilaala.
    Garuu yeroo tajaajilli hawaasaa kan mootummaa irraa
    hin argamne isii irraa argamuu eegalu namoonni isiitti
    siqachuu eegalan. Sana booda tajaajila isaanii kan
    mootummaa irra caalchisuun aadeffatame. Sababni isaas
    dhaabbanni mishinii amala gaariin isaan keessummeessa;
    haala gaariidhaan mijaa’ina qaba. Dabalata immoo
    namoottan qaroomaniifi matootii namootaa kan ittiin
    ummata qabatan irratti xiyyeeffatu. Odoma inni Muslima Oromummaa fi Islaamummaa
    160
    jabaa amantii isaa seeraan qabatu ta’eeyyuu amantii isaa
    dhiisuu isa hin gaafatan. Akka amantii isaa jibbanis isatti
    hin beeksisan. Warra kanaa waliin wanti isaan socho’uuf
    yaalan ummata tajaajiluu qofa. Ummanni bal’aan isaan
    hordofu akka dhaabbanni mishinii alaa dhufe kun
    matootii isaanii biratti jaallatamaa ta’e fudhata.
    Tasgabbaa’anii gara dhaabbata isii seenu. Inumaa
    sagantoolee isaan geggeessan irrattis ni hirmaatu. Booda
    walitti rigamuu kanaatii jallina kallattii qabeenyaatiifi
    hamileetiin dhufuun jijjiiramuun eegalama. Sana booda
    Muslimni ilmaan isaa isaanitti erguu dhiisuuf tooftaas
    ta’ee humna dhaba. Matootii naannoo keessaa namoota
    baay’eetu isa namoonni ilmaan isaanii erguuf wal
    dorgoman argee innis akka ilmaan isaa qaroomtuuf
    erginaan ilmaan isaa yeroo booda kiristaanomanii maqaa
    isaanii jijjiiranii arge. Yeroo dhimmichi dandeettii isaatiin
    ala ta’e homaa hojjachuu hin danda’u.
    Yeroo biyyi sababa hoongee bara 1984 rakkatee
    naannolee Itoophiyaa baay’ee keessatti beelli uumamu
    mishiniin sochii isii kan duraan sababa dhiibbaa siyaasaa
    laafee ture deebiftee haaromsite. Naannoon beelaan
    tuqame baay’een naannolee Muslimaa waan ta’eef
    miidhaa baay’eetu amantii isaanii irra dhaqqabe.1 Akka
    maatiin kumaatamni godaanu sababa ta’e. Bakka
    godaantotaaf qophaa’e qubatan. Achumaan dhaabbanni

1 Siyaasaafi beela Itiyoophiyaa bara 1984-1985, Jason kilay bonnii,
fuula 157 bataskaana addunyaa isaan simattee nyaataa waliin
Wangeela dhiheessiteef. Daa’imman kumaatama gara
bakka qubannaa daa’immanii geessitee akka kaatolikii
ykn pirootestaantii ta’anii guddataniif isaan barsiifte.
Rakkochi itti caalee mootummaan komminizmii
diktaatoorii amantii Kiristaanaas dabalatee kamuu hin
kabajne gara sekkulaarizmii isa amantii hundaaf mirga
kennuutti jijjiirame. Achumaan dhaabbanni
kiristaanessitootaa guyyaa guyyaatti dabaluu eegalte.
Biyyattii keessa naannoo dhibbaa geesse. Akka
duraaniitti kaayyoo kamuu duuba dhokachuu ni dhiisan.
Konkolaataan mallattoo masqalaatiin sochootu Finfinnee
keessa baay’atte. Namni kana ilaale Itoophiyaan to’annaa
bataskaana aalamaa jala jiraatti jechuu yaada.
Haala kanaan naannoo Muslimoota Itoophiyaa keessa
hanga ta’e seenuu danda’an. Garuu namoonni Muslimoota
irraa amantii kanatti deebi’an baay’ee xiqqoodha. Baay’een
warra amanticha fudhatee naannoo duraan amantii
duudhaa irra tureedha. Waaqeffataanis baay’inaan amantii
kana fudhachuu ni didan. Gara boodaa kana amantiin
Pirotestaantii haala cimaan baballatee argama. Oromoota
keessas haaluma kanaan seenuu danda’e.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top