Images 25


Ummanni Oromoo biyyootii baha Afrikaa keessa waggaa
kuma saddeetii ol jiraachaa akka ture seenaan dubbannee
dabarsine ni mirkaneessa. Ummatichi akkuma ummata
kamiiyyuu amantii duudhaa kan mataa isaa qaba ture.
Amantiin Oromoo duraanii beekamaan waaqeffannaa
jedhama. Gooftaan inni gabbarus waaqa jedhamee
beekama. Amantiin kun sirna mataa isaa danda’e qaba.
Garuu akkaataan waaqeffannaa isaa baay’een
barreeffamee hin argamu. Ergamaafi kitaaba mataa isaa
danda’e hin qabu. Kanaafuu nabiyyiin itti amanuufi
kitaabni qajeelfama ta’ee nama waaqeffataa hogganu hin
jiru. Garuu sirni waaqeffannaa dabaa dabarsa wal irraa
dhaalamaa dhufe.
Ummanni kun erga amantiin Kiristaanaafi Islaamaa
biyya kana seenee suuta suutaan amantii kana lamaan
fudhataa dhufan. Yeroo ammaa kana Oromoon amantii
gurguddaa sadii hordofa. Isaanis Islaama, Kiristaanaafi
Waaqeffataadha. Warri waaqeffannaa hordofu warra
amantii Islaamaafi Kiristaanaa hordofuun yoo
madaalame baay’ee xiqqoodha. Keessumaa ummanni
Oromoo jaarraa kudha shanaffaa booda gara Islaamaatti
baay’inaan seenan. Ummanni Oromoo jalqaba jaarraa
16ffaa keessa diina ofirraa deebisuuf lolanii lafa baay’ee
irra qubatanii turan. Ummanni warri Harar, Baalee, Arsii, Oromummaa fi Islaamummaa
Raayyaa, Wolloo, Jimmaafi Iluu Abbaaboor qubatan
baay’een isaanii amantii Islaamaa qabatanii Muslimoota
ta’an. Warri Shawaafi Wollaggaa keessa qubatan
baay’een isaanii yeroo dhiheenyaa Kiristaana ta’an.
Shawaan baay’een yeroo bulchiinsi Amaaraa dirqiin
Kiristaanessuuf lola labsan baay’een isaanii Ortodoksii
ta’an. Wollagga immoo yeroo dhiheenyaa kana harki
baay’een Pirootestaantii ta’anii warri hafan Muslimoota
ta’an. Booranni kaabaa Muslimoota yoo ta’an warri
Kibbaa gariin waaqeffannaa irratti hafan. Oromoonni
biyya Sumaalee, Jibuutiifi Keeniyaa keessa jiranis
baay’een isaanii Muslimoota ta’an. Lakkoofsi xiqqoon
Taanzaaniyaa, Sudaaniifi Yugaandaa keessa jiranis
akkasuma Muslimoota.

    Leave a Comment

    Your email address will not be published. Required fields are marked *

    Scroll to Top